Sagalee Jireenyaa የሕይወት ቃል

Sagalee Jireenyaa የሕይወት ቃል Religious Organization
This page is created to deliver important spritual teachings through desimination of scriptures and videos .

Fuulli kun barnoota hafuuraa fi barnoota barbaachisoo ta'an karaa luqqisii.viidiyoo kanneen biroon tamsaasuuf hundaa'e.

25/04/2026
23/10/2025

“Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jettee in moggaafti; ['Amaanu'el' jechuunis 'Waaqayyo nuu wajjin jira' jechuu dha.( Isa. 7:14)

“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.” (Isa. 9:6)

“Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.”(Mik. 5:2)

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.” (Yoh. 1:1)

“Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” (Yoh. 1:14)

“Yesus immoo deebisee, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture" isaaniin jedhe.”(Yoh. 8:58)

Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.Kana irratti warri Yihudootaa dhaga'anii isa ajjeesuudhaaf ammas dhagaa funaannatan.Yesus garuu deebisee, "Hojii gaggaarii abbaan koo anatti kenne baay'ee hojjedhee isinitti argisiiseera; isaan kana keessaa hojii isa kamiif dhagaadhaan ana dha'uu barbaadud?" isaaniin jedhe.Yihudoonni immoo, "Ati Waaqayyoon waan arrabsiteef malee, hojii gaarii waan hojjetteef dhagaadhaan kan si dhoofnu miti. Ati nama taatee utuma jirtuu Waaqayyoon of goota'o" jedhanii deebisaniif. . ( Yoh. 10:30-33)

“Yesus deebisee, "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, 'Abbaa nu argisiisi' jetta ree?” (Yoh. 14:9
Toomaasis, "Gooftaa ko, Waaqayyo ko!" jedhee deebiseef. Yesus immoo, "Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!" ittiin jedhe.Sababii Wangeelichi Caafameef(Yoh. 20:28-29)

“Abboonni qomoo kan isaanii ti; akka firooma fooniittis Kristos qomoo isaanii keessaa dhalate. Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru bara baraan haa galateeffamu! Ameen.” (Rom. 9:5)
Kristos bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul'atuu dha; uumama hundumaa duras dhalate.
Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaatanutn isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame.
Inni wanta hundumaa dura ture; karaa isaa wanti hundinuu iddoo godhatee in jiraata.( Qol. 1:15-17)

“Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.” (Qol. 2:9)

“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”(Tit. 2:13)

“Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.”( Ibr. 1:3)

“Waa'ee ilmaa garuu, "Teessoon kee yaa Waaqayyo,baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.” Ibr. 1:8

“Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.”(1Yoh. 5:20)

“Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, "Ani Alfaa dha, Omeegaadhas" jedha; [kana jechuun, "Ani isa duraa ti, isa booddee tis" jechuu dha].” (Mul. 1:8)

Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma Bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba. (Mul. 1:17-18)

https://linktw.in/gSdwCy
08/09/2025

https://linktw.in/gSdwCy

Ethiopian,afan oromo and amharic gspel song,gospel preaching and teachingin afan oromo and amharic

https://linktw.in/GDTUDt
07/09/2025

https://linktw.in/GDTUDt

Nama Gooftaan yaada irraa qabu || Faarsaa humna namaaf ta'u|Oromo Gospel song Ethiopi...

https://linktw.in/ZdOmSl
06/09/2025

https://linktw.in/ZdOmSl

Ethiopian protestant christian songs|Afan oromo and Amharic gospel song|gospel preaching and teachingin afan oromo and amharic|Faarsaa Afaan Oromoo|Lallaba M...

https://linktw.in/qUZFZB
05/09/2025

https://linktw.in/qUZFZB

Lallaba macaafa qulqulluu Luqaas 7:11-17irrattibible preaching on Luke 7:11-17,Oromo Gospel song Ethiopia|protestant gospel music|protestant gospel,new prote...

https://linktw.in/zDbpTv
04/09/2025

https://linktw.in/zDbpTv

Ethiopian,afan oromo and amharic gspel song,gospel preaching and teachingin afan oromo and amharic

https://linktw.in/dZJosw
03/09/2025

https://linktw.in/dZJosw

Power of prayer/bible preaching /Oromo language,Oromo Gospel song Ethiopia|protestant gospel music|protestant gospel,new protestant gospel song,faarfannaa af...

https://linktw.in/hFLNHf
03/09/2025

https://linktw.in/hFLNHf

Ethiopian protestant christian songs|Afan oromo and Amharic gospel song|gospel preaching and teachingin afan oromo and amharic|Faarsaa Afaan Oromoo|Lallaba M...

Address

Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Jireenyaa የሕይወት ቃል posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share