Qabsuura Qulqullootaa

Qabsuura Qulqullootaa This page is aimed at presenting the saints Orthodox Tewahido Chuch commemorate as annual feasts and monthly feasts on daily basis in Afaan Oromoo.

Jabaan Waaqa

đŸŒș Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!  Adooleessa 25 ✞ Guyyaan kun guyyaa yaadannoo Qulqulli...
31/07/2026

đŸŒș Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!

Adooleessa 25



✞ Guyyaan kun guyyaa yaadannoo Qulqullichi gara samiitti itt ol fudhatameeti. Qulqullichi kun abbaa keenya Addaam irraa dhaloota 7ffaa irratti argama. Jechuunis Aaddaam, Seet , Henoos, Qaayinaan, Malaali'eel, Yaareed, torbaffaan jechuudha. Heenook abbaa Maatusaalaati.

Qulqullichi kun adeemsa isaa Waaqayyo waliin waan taasiseef du'a osoo hin argin ol fudhatameera. Qulqullichi kun nama yeroo jalqabaaf osoo du'a hin argin ol fudhatameedha. "Henook Waaqayyoo wajjin deeme; Waaqayyo isa fudhateef deebi'ee hin argamne." {uumama 5:24}
"Amantiidhaan Henook du'a akka hin argineef ol fudhatame; Waaqayyo isa waan ol fudhateef hin argamne " {ibrota11:15}

Gaarummaa isaatiif macaafa qulqulluu keessatti yeroon heddu maqaan isaa barraa'ee jira. Kitaaba Heenook kan barreesse qulqullicha kana.

Eebbi qulqulluu Heenook nurra haa bulu!!

✞ Dabalataan guyyaa kana qulqulluu Maarqorewoos(kan biyya Room); qulqulleettii Iilaariyaa, Wareegamaa qulqulluu Dumaadiyoos fi qulqulleettii Teklaan yaadatamanii oolu.

Eebbi isaanii nurra oolee haa bulu!! Waaqayyoof galanni haa ta'u !!

"Yaadannoon qajeelotaa eebbaafi’’ {fakkeenya 10:7}

  📌Karaalee seexanni ittiin nama qabatu ...Maqaa Sillaaseetiin maqaa Madaani Alamiitiin maqaa haadha teenya qulqulleetti...
30/07/2026



📌Karaalee seexanni ittiin nama qabatu ...

Maqaa Sillaaseetiin maqaa Madaani Alamiitiin maqaa haadha teenya qulqulleettii durbee Maariyaamiitiin maqaa wareegamaa qulqulluu Giyoorgisiitiin maqaa qulqulluu Aabbaa Tekle Haymaanootiitiin afuurri seexanaa hundi kan hidhame haa ta'u !!

seexanni karaalee 3n ilmaan namootaa qabachuu danda'a.

1) Maatii irraa ijoolleetti

Kunis maatiin mana keessatti wanti waaqeffamu ykn kabajamu yoo jiraate yeroo ijoolleen dhalatan ijoollee kana waan manatti waaqessan kanaan tuquun waan hin oolleedha. Ykn ayyaanichi akka irra bulee daa'ima kana guddisu kadhachuun isaanii hin hafu. Yaa ayyaana warra kootii yaa adal mootii, yaa aayyoo moominaa guddicha kunaa, yaa sheek huseen, yaa warra bulloo garbii yaa warra ebaluu akkuma nu guddistan akkuma nu eegdan akkuma nu tiksitan daa'ima tanas eegaa jedhu. Gaafa manatti ayyaana godhatan fakkeenya yoo callee facaafatan waan calleef qophaaye sana ijoolleef ni kennu. Waan akka booramtichaas yoo kabajan aarsaa seexanaaf qophaaye ijoollee ni nyaachisu.

Maatiin wallaalummaa isaanii irraa kan ka'e daa'imman kana seexanni akka irra bulu taasisu. Isaan akkasitti waamanii dhiisaatii manatti kabajamnaan seexanni ofii isaatiifuu irra ni bula. Kana booda ayinaxilaa ta'ee waliin guddata. Maatiin tokko tokko immoo deemeet hammachiisa kenna. Kuni immoo isa kaan caalaa cima. Maal kana qofa kan daa'ima ofii wareega godhanis jiru. Kan daa'ima hangafaa kennan jiru.

Phaawuloos ergaa isa gara qoronxoositti ergeen afuurota hamoo waaqessuu irraa akka fagaachuu qaban barsiisee jira. Qor 1ffaa boq 10:20 irratti ‛‛waan saboonni Yihudoota hin taane aarsaa godhan hafuurota hamaadhaaf malee Waaqayyoof miti; anis isin hafuurota hamaa wajjin hirmaattota akka taatan hin barbaadu’’ jedheera.

📌Karaan lammaffaan seexanni ittiin nama qabachuu danda'u immoo likiftiidha.

Fakkeenya maatiin keenya ijoollee guyyaa saafaadhaan lagatti qaama keessan hin dhiqatinaa seexanni isin rukutaa jedhu. Guyyaa saafaadhaan daaraa gubbaas hin ejjetinaa jedhu. Halkan walakkaas kophaa keessan gadi bahinaa ni lakkafamtu jedhu. Jinniin sababa kanaan ykn karaa kanaan sirra qubatu ni jira.

Likiftiin Kan ijaan fi gurraan seenus jira. Fakkeenya suuraa ykn footoo dubartii qullaa dhaabbattuu(sexy) takka tasumaa silkii kee irratti argitee miiraan guuttamtee ani jaalalaan qabameera ammuma ishee argadhu malee jetta taanaan kunis likiftiidha. Kan tasa osoo karaa deemuu gurraan sagalee sibkatii raajii sobdootaa dhagahee achumaan lakkafamee isaan duukaa badus jira.

Jinniin kun waan ofii isaatii jaalaturratti yoo si argate si lakkafa. Fakkeenya sirba osoo sirbitu si arginaan sirbarratti si lakkafuu danda'a. Kana booda sirba dhiisuu hin dandeessu ati. Osoo ati araqee dhugdu araqee irratti si lakkafuu danda'a. Kana booda araqeen suusii sitti ta'a. Bunarrattis si lakkafnaan bunuma dhugaa oolta. Caatii irrattis bifuma wal fakkaatuun si lakkafuu danda'a. Namoonnis lakki inni sirbarratti lakkafameera, bunarratti lakkafameera, araqeerratti lakkafameera siin jedhu.

Likiftiin gartuu seexanaa kan yoo ati daandii isaarra deemtee ykn osoo gochaa inni jaalatu hojjetu si argate kan si qabatuudha. Fiilmii p**n osoo ilaaltu si arginaan seexanni zimmuutii si lakkafa. Baaroo sheekuseen, sirba gara garaa, sibkatii manaafiqii fi warra hin amannee dhaggeeffatta taananis si lakkafee lapheerra qubachuu danda'a. Kana booda waan san suuta suuta jaalachaa dhufta. Sirba ebaluu nan jaaladha, ani sibkatii manaafiqii keessaa kan raajii ebaluu natti tola jechuu eegalta jechuudha.

Qulqullichi Pheexiroosis ergaa isaatiin "Dammaqaa, of eeggadhaa! Diinni keessan seexanni akka leencaa joora, eenyuun akka liqimsu barbaadaa deema." Jedhee dubbateera. {1ffaa pheexiroos 5:8 irratti}

📌Karaa 3ffaan matatii ykn digimtiidha.

Matatiin,digimtiin seexanoota xonqaayiidhaan dabtaraadhaan ykn nama matatii hojjetuun sitti ergamuudha. Kitaaba qulqulluu keessatti kitaaba keessa deebii (ze daagim) keessatti namoonni akkasii abaaramoo fi Waaqayyoon duratti jibbamoo ta'uu isaanii ibseera. ‛‛ falfaltoonni, eker dubbistuun, warri afuura seexanaa waaman Waaqayyoon duratti jibbamoodha’’ jedha. {keessa deebii boq 18 lakk 10_22}

Matatii yeroo baay'ee kan sirratti hojjetu nama hojii kee, mallaqa kee, beekkumsa ykn dandeettii kee, bareedina kee, namaan jaalatamuu keetti fa'a nama inaafutu sitti hojjechiisa. Yeroo heddu nama sitti siqu kan waa'ee kee sirritti beekutu sitti hojjechiisa. Maqaa kee haga akaakayyuutti nama beeku, maqaa haadhaa kee nama beeku, nyaata fi dhugaatii ati jaalattu nama beekutu sitti hojjechiisa.

Abbaa qabeenyaa yoo taate qabeenyi kee suuta suuta akka daaraa ta'u gochuun, barataa cimaa yoo taate sammuun kee akka dadhabu gochuun barumsa akka si jibbisiisu gochuun, akka maraattee karaarra deemtu, akka abdii kuttee of ajjeestu si taasisa. Carraa ykn iddilii keetis gara ofii isaa ni naannessa. Qabxii silaa ati ittiin eebbifamtu sana hiriyaa sitti goosisetu fidee ittiin eebbifamta. Ati qabxii isaa sana fidda. Carraa kee gara fulduraas ni fudhata. Micayyoo cimtuu kaampaasitti qabxii gaariin eegamtu takka itti goosisanii isheen 2.7 yoo fiddu, kan itti goosiste sun immoo 3.5 fiduun eebbifamte. Silaa qabxiin kun kan mucayyoo cimtuu tanaa ture.

Akkamittin jalaa baanu ?

1, Gaabbii galuun Xabala deemuun cuuphamuu
{Yoh 9:6_7} ‛‛deemiitii bishaan kuusaa saalihoom keessatti dhiqadhu’’ jedhe Kiristoos. Namichi cuuphame sunis fayyee ijji isaa argeefii ilaalaa dhufe jedha.

2, kadhannaa seexana gubu kan akka galata Maariyaam, Sanee goligotaa, tseloota Baartoos, Seefa Sillaasee, Seefa malakot taasisuu
‛‛Yeroo hundaa kadhadhaa’’ {1ffaa teseloonqee 5:17}

3, guyyaatti yoo xinnaate ganama ykn galgala sigdatii sagaduu. Yoo xiqqaate Si'a 41 sigdatii Waaqummaa sagaduu
4, Foonii fi dhiiga Gooftaa fudhachuu

Waaqayyo nu haa gargaaru !!

Gaaffii yoo qabaattan Telegram👉

đŸŒșWaaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna !!Sinkisaara Adooleessa 22 🌿Wareegamaa Qulqulluu Aab...
28/07/2026

đŸŒșWaaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna !!

Sinkisaara Adooleessa 22

🌿Wareegamaa Qulqulluu Aabbaa kan biyya keenyaa

Aabbaa (Abuuna) bara 1875 Fichee Salaaletti maatii qote bulaa irraa dhalatan.
Abbaan isaanii Badhaasaa Guddaa jedhamu. Haatii isaanii ammoo Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii kan maatiin ittiin waamaa tures
Magarsaa ture.

Aabbaan Pheexiroos Ijoollummaa isaaniin gara kawaala guddicha Debre-Libaanos
deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuraniiru. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiran gara kaaba Itoophiyaa; Gondar, akkasumas Gojjam fi Walloo deemuudhaan baruumsa afuurawaa qo'atanii turan. Bara 1900 Walloo iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif tajaajilaa turaniiru. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture.

Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Masrii, Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf jecha manneen kiristaanaa gubaa, namoota ajjeesa turanitti qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turaniiru. Jecha isaanii ‛‛biyya koof amantii koo ganee jiraachuurra dhugaaf du'uu naaf wayya’’ jedhuun beekkamu. Harka Xaaliyaanotaan erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii abbootiin murtee Xaaliyaaniis adabbii du’aa irratti murteessan.

Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa; ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” jedhanii dubbatan. Xaaliyaanotnis " ati duree amantaa waan taateef uummatni akka nuuf bitamuuf tasgabbeessii, ajaja dabarsi " jedhanii gaafatan.

Aabbaan Pheexiroosis mee uummata walitti naaf qabaa jedhaniin. Ummanni erga wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin booji'amne sinin gorsa; nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu akka isaaniif hin bitamne hidheera” jedhanii sodaa malee dubbatan.

Xaaliyaanonnis murtii du'aa itti murteessan. Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatuuf ajajni darbe. Aabbaan Pheexiroos yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa’aatii ilaallatan sodaan tokkollee irratti hin mul'atu ture. Haa ta’u malee abbaan murtii inni murtii du’aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.

Naannoo addaba’aaba’ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti) gamoo tokko cinaa dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du'uusaa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii rasaasa metereyes hunda itti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu/rukutuuf taasisaa ture. Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan. Ummatni guyyaa sana guutummaan boo’afii oole.

‛‛Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan; dhiiga isaaniis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan. Mootummaa Waaqayyoofis du'a hadhaa'aa obsan’’ {galata Maariyaam, kamisa}

Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabbateef. Manni amantaa teenya bara Paatiriyaarikii Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa laatte. Taabotni maqaa isaaniitiin moggafames Salaaletti argama.

Abbaa dhugaa ta’uudhan yemmuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu “Gammachuu cubbuudhaan argamu irra uummata isaanii waliin du’uu filatan.”

Waaqayyoofgalanni haa ta'u Kadhannaa abbaa keenyaatiif jedhee Waaqayyoo nutti haa araaramu!! Eebbi isaanii nurra haa bulu!

Boru     waliin haa kadhannu ! Mee galgala kana sa'aatii 3tti manuma keessanitti bakka kadhannaa keessanitti melki'a   t...
27/07/2026

Boru

waliin haa kadhannu !

Mee galgala kana sa'aatii 3tti manuma keessanitti bakka kadhannaa keessanitti melki'a taasisaa ! Melkia Maariyaam galmee kadhannaa irraa argattu. Yoo hin qabaanne immoo galata Maariyaam kan kibxataa taasiaa !

Dhuma kadhannaa keessaniitti dhiphina keessan isheetti himadhaatii yaa abbaa keenya hoo jechuun kadhannaa keessan cufaa.

✟đŸŒș Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! ✟✟Sinkisaara Adooleessa 19  fi  Qulqulloonni kun jaarra...
25/07/2026

✟đŸŒș Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! ✟✟

Sinkisaara Adooleessa 19

fi

Qulqulloonni kun jaarraa 4ffaa jalqaba jechuunis naannoo bara 304–305 Dh.K.B. keessatti wareegaman. Barri sun bara Kristaanoonni kiristaana ta'uu isaanii qofaaf gidiraa guddaa itti argaa turaniidha. Bara sana keessa Kristaana ta'ee kan argame ni reebama, ni hidhama, ni ajjeefama ture.

Mootichis tahee aangaa'oonni mootummaa hundi kan xaa'ootii Waaqessanii fi Kristaanota jibbaniidha. Aangoonis kan kennamuuf kanneen amantaa mootichaa hordofan qofaaf ture. Sababa kanaaf kan Kristaanotaaf dubbatu hin jiru. Kristaana tahee fedhiin isaa akka guuttamuuf kan barbaadu yoo jiraate amantaa isaa jijjiiruu qaba. Amantaa warra moototaa hordofuu qaba.

Egaa bara akkasii kana keessa ture Qirqoos kan dhalate. Abbaan isaa waan biraa boqateef harmeen isaa qulqulleettii mucaa ishee kana kophaa ishee jaalala Kristoos barsiisaa isa guddiste. Ganaa mucaa waggaa 3 tahee osoo jiruu waa'ee amantii ishee kana sirritti baree guddate. Haadha ciimtuu waan qabuuf jaalala Kiristoosin guddate.

Booda mootichi biyya kanaa Qulqulleettii Iyyaluuxaa barbaadanii akka qabanii fidan loltoota isaa ajaje. Isaanis qabanii fidan. Mootichi kunis "maqaan kee eenyu "jedhee gaafate. Isheenis maqaan koo "Kristaana" jedhama jetteen. Irra deebi'ees gaafannaan "maqaan koo Kristaana jedhama. Kan maatiin naaf moggaase yoo barbaadde Iyyaluuxaan jedhama" jetteen.

Kana booda mootichi Xaa'ootii inni dhaabeef akka sagaddu ishee gaafate. Isheenis "mucaan waggaa 3 dhufee dhugaa jiru akka sitti himuuf fidi "jetteen. Mootichi kunis Qiirqoos barbaadanii akka fidaniif ajaje. Mucaan kun yoo dhufu fuulli isaa ni ifa ture. Gammachuutu fuula isaarraa dubbifama. Mootichi kunis "yaa mucaa gammadaa" jedhee waame.

Hojii duuka bu'ootaa irratti wareegamaa qulqulluun Isxiifaanoos kennaan Afuura qulqulluu isaaf baay'atee yeroo murtiif dhiyaatetti fuulli isaa kan gammadee fi ifaa ture akkuma jedhe fuulli wareegamaa qulqulluu Qiirqoos gammachuun kan guuttame ture.
"Warri mana murtii keessatti taa'an hundinuu isa ilaalaa, fuulli isaa akka fuula ergamaa ta'ee isaanitti mul'ate." {HDB 6:15}

Innis "eeyyeen Gooftaa Iyyasuus Kristoos biratti kabaja guddaatu na eeggata waan ta'eefin gammada. Siin garuu ibidda barabaraatu si eeggata " jedheen. Mootichi kunis itti baacaa "maqaan kee eenyu" jedheen. Innis "maqaan koo Kristaana jedhama. Kan harmeen koo naaf moggaaste yoo feete Qiirqoos jedhama " jedheen. Mucaan kunis irra deddeebi'ee "ani Kristaana, ani Kristaana " jedhee dubbate. Mootichi kunis bishaan danfaa kan sagaleen isaa akka qaqawweessaa dhagahamutti isaa gubuuf qopheesse.

Qulqulleettii Iyyaluuxaan bishaanicha akkas danfaa jiru gaafa argitu lapheen ishee sodaatee ture. Mucaan ishee Qiirqoos "Yaa Gooftaa koo mukicha eega murtee booda damee isaa kan eebbistu tahe maal fayyada? Haati koo anaaf akka mukicha kanaati. Animmoo damee mukichaati. Egaa haati koo yoo si gante ani maalin fayyadaree? yaa Gooftaa laphee haadha koo baniifii gara keetti ishee deebisi "jedhee haadha isaaf kadhannaa godhe.

Qulqulleettii Iyyaluuxaanis lapheen ishee banameefii sodaan irraa bade. Ajaja mootichaatiin gara bishaan danfaa kanattis darbataman. Battaluma kanatti Ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliin samii irraa dhufee isaan jidduu dhaabbatee fannoo isaatiin bishaanichas qabbaneesse. Qaamni isaanis osoo homaa hin ta'in bahan. Guyyaan raajiin kun itti raawwatame har'a (adooleessa 19) yaadatamee oola.

Ayyaana kana gaafa kabajnu jaalala Ergamaa qulqulluu Gabri'eeliif qabnu gochaan agarsiisnee eegumsaa fi eebba isaa argachuu qabna. Galgala kana deemnee Maahileetii buluun, kadhannaa melkia Gabri'eelii taasisuun, boru immoo Qiddaasee irratti hirmaachuun Taabotaan eebbifamuun, Zikirii taasisuun harka qalleeyyii nyaachisuun, akkasuma mallaqa harka qalleeyyiif laachuun akka eebba argattan isiniin jenna.

Jaalatamtoota maatii Waaqayyoo baga guyyaa kanaan isin gahe!!

"Ati garuu ibiddaa fi bishaan keessa nu dabarsite; gara iddoo lalisaatti nu baafte." — {Faaruu Daawiit 66:12}

đŸŒč

25/07/2026
đŸŒșWaaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna !! Sinkisaara Adooleessa 17 Guyyaa kana manni Krista...
23/07/2026

đŸŒșWaaqa tokko kan ta'an Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutti ni amanna !!

Sinkisaara Adooleessa 17



Guyyaa kana manni Kristaanaa ijoollee Raajota jedhamanii kan waamaman kudha lamman keessaa tokko kan ta'e Raajicha yaadattee oolti. Kunis guyyaa Raajichi kun garaacha qurxumichaa keessaa itti baheedha.

Raajichi Yoonaas du'a foonii du'ee kadhannaa Raajicha Eeliyaasiin du'aa kan ka'eedha. Kunis yeroo ijoollee turetti harmee isaa jalaa dhukkubsatee dhukkubichis itti jabaatee Yoonaas boqatee ture. Harmeen isaa gadda cimaadhaan liqimfamtee bo'aa gara Raajicha Eeliyaas dhufte. Raajichi Eeliyaas ishee tasgabbeessee kadhannaa isaatiin mucaa ishee Yoonaas du'aa kaaseef. ‛‛Yaa Waaqayyo, lubbuun mucaa kanaa isa keessatti haa deebi'u jedhee kadhate. Waaqayyo sagalee Eeliyaas dhaga'ee; lubbuun mucaa sanaa isa keessatti deebi'e; inni ni jiraate." {kitaaba moototaa 1ffaa 17:21_22}

Kana booda Yoonaas Waaqayyoon tajaajilaa guddatee booda Raajota keessaas tokko ta'e. Yeroo sanatti ummanni nanawee cubbuun isaanii Waaqayyoo waan gaddisiseef sagaleen Waaqayyoo gara isaas dhufee " deemii ummata nanaweetiin sababa cubbuu keessaniittiin guyyaa 3 keessatti baduuf jirtu, magaalattiinis ni gubatti jedhii himi " jedheen. {yon 1:2}

Yeroo kana Yoonaas "Yaa Waaqayyoo ati hoo abbaa dhiifamaati dhuguma magaalaa kana barbadeessitaa? atoo hin balleessituum anumatu sobduu ta'a malee 'jedhee deemuu dide. Gara magaalaa biraatti Waaqayyo jalaa miliquuf doonii yaabbatee deemsa eegale.

Garuu doonichi hamma kufuu geessutti jeeqamte. Namoonni doonicha keessa jiran hundinuu rifatanii "Har'a maaltu tahe? dur akkas tahee hin beekuu" jedhanii waliin dubbataa turan. Yeroo kana Yoonaas" ana qabaa bishaanichatti na darbaa anatu cubbamaadha kanaaf doonichi jeeqamaa jira" jedheen. Isaanis eega xinnoo yaadanii booda Yoonaas qabanii bishaanicha keessatti darbatan.

Kana booda dooniin sun nagaa argattee deemuu jalqabde. Waaqayyoo Yoonaasif qurxummii guddaa tokko qopheessefii ture. Qurxummichi kunis afaan banee Yoonaasin liqimsee guyyaa sadi booda deemee bakka inni deemuu didee san nanawee geessee qarqara galaanatti tufe. {yon 2:10}

Kana booda Yoonaas gochaa Waaqayyoo ajaa'ibsifatee ummata nanawee barsiisuu jalqabe. "Guyyaa 3 keessatti Waaqayyoo magaalaa tana cubbuu isheerra kan ka'e ni barbaadessa'' jedhee ummatattis lallabe.Kana kan dhagahan ummanni xinnaa hamma guddaatti osoo hin jedhin kadhannaa fi soomaan gara Waaqayyoo garagaranii laphee guutuudhan imimmaaniin Waaqayyoon kadhatan. Abbaan dhiifamaa Waaqayyoos ummata kanaaf dhiifama taasiseefii baduu irraa isaan qusate.

Waaqayyoof galanni haa ta'u !! Nuufis kadhannaa Raajicha kanaaf jedhee dhiifama isaa nuuf haa laatu!!

Yaadachiisa !Sanbanni dhufu ayyaana waggaa kan hangafa ergamaa qulqulluu Gabri'eeliiti.Maarree eebbaa fi eegumsa Ergamaa...
23/07/2026

Yaadachiisa !

Sanbanni dhufu ayyaana waggaa kan hangafa ergamaa qulqulluu Gabri'eeliiti.

Maarree eebbaa fi eegumsa Ergamaa qulqulluu Gabri'eelii argachuuf humna seexanaa jireenya keessan jeequ, kan fayyaa keessan jeequ kamuu ergamaa qulqulluun Gabri'eeliin akka isin irraa ittisu maqaa ergamaa qulqulluu kanaatiin zikrii taasisuudhaan hiyyeessa nyaachisuu hin dagatinaa jenna.

Kanneen isiniif hin mijanne garuu immoo zikrii kana gochuuf fedha qabdan yoo jiraattan ana waliin zikirii kana qopheessuu dandeessu. Telegram koo irratti na qunnamaa !

"Ergamaan Waaqayyoo warra isa sodaatan; naannawa isaanii qubatee isaan ni oolcha." {Faaruu Daawiit 34:7}

Telegram

Link comment jala

Miilaa koon danda'ee hin deemun ture. Ji'a 8 guutuu mana yaalaa deddeebi'ee yaalamaa tureen jira. Dhukkuba narviiti naan...
23/07/2026

Miilaa koon danda'ee hin deemun ture. Ji'a 8 guutuu mana yaalaa deddeebi'ee yaalamaa tureen jira. Dhukkuba narviiti naan jedhan. Qarshii kuma 700 mana yaalaatti fixeen jira. Waanuma takka jijjiiraman dhabe.

Booda kazaraa koo qabadhee mana yaalaa dhiisee gara Siwwuraa Maariyaam qajeelee dhufe. Yaa Maariyaam maaloo na fayyisi; Kazaraa koo asumattin gatee deema; qabadhee hin deebi'uu jedheen lapheerraa ishee kadhadhe. Kunoo Maariyaam na fayyistee galataaf na dhaabdee jirti. Kunoo ulee kazaraa malee ofii koon of danda'ee dhaabbachuus deemuus danda'een jira jedhan abbaan kun.

Maariyaam gara laafettiin akkuma isaan gammachiiste isinis isih haa gammachiistu. Dhiphina keessaniif deebii haa laattu. seexana isin qoru isinirraa haa fageessitu.

Boru  Mee galgala kana sa'aatii 3tti manuma keessanitti bakka kadhannaa keessanitti melki'a   taasisaa ! Yoo hin qabaann...
22/07/2026

Boru

Mee galgala kana sa'aatii 3tti manuma keessanitti bakka kadhannaa keessanitti melki'a taasisaa ! Yoo hin qabaanne galata Maariyaam kan kamisaa dubbisaa !

Dhuma kadhannaa keessaniitti mee dhiphina keessan isheetti himadhaatii yaa abbaa keenya hoo jechuun kadhannaa keessan cufaa.

Address

Mojo
06

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qabsuura Qulqullootaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share