Qabsuura Qulqullootaa

Qabsuura Qulqullootaa This page is aimed at presenting the saints Orthodox Tewahido Chuch commemorate as annual feasts and monthly feasts on daily basis in Afaan Oromoo.

Jabaan Waaqa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokko Ameen !📌Kutaa 21 ffaaayinaxilaa akkamittiin jireenya namaa jeeqa ...
30/08/2026

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokko Ameen !

📌Kutaa 21 ffaa

ayinaxilaa akkamittiin jireenya namaa jeeqa ?

Humni seexanaa hundi maqaa Sillaaseetiin, maqaa Kidaana Mihiratiin maqaa Qulqulluu Aabbaa Tekle Haymaanootiin kan hidhame haa ta'u ! Ameen

Karaa agaanintiin ayinaxilaa ittiin nama qabatu inni guddaan gara maatiitiin. Kunis ayyaanni maatii(zaarii) kan kabajamu yoo jiraatee gara daa'immaniitti darbee sana booda waliin guddachuudhaani. Wanti manatti kabajamu jiraannaan daa'ima dhalattu irratti xilaa ta'ee wajjiin dhalata. Booda sammuu isaatti xilaa ta'ee dandeetti isaatti xilaa ta'ee yaada gaarii akka hin maddisiisnee xilaa (golgaa)itti ta'ee waliin jiraata.

Mee ayinaxilaan karaalee ittiin nama jeequ haa ilaallu.

1, Sammuu kee qabatee si jeeqa.

ayinaxilaan sammuu keerra taa'ee akma ati sammuu keetti hin fayyadamne, akka ati barumsa hin baranne(akka jibbitu), akka waan haaraa hin kalaqne, akka bal'istee hin yaanne, akka yaada guddinaa ykn yaada business hin uumne si dhoorka. Ofiikeefis maatiifis biyyaafis nama hin taane si taasisa.

ijoollee tokko tokko irratti akkuma barumsa seenaniin sammuu isaanii qabatee jeeqa. Kaan immoo erga jabaatanii booda jeeqa. Ijoollee kana barumsi hin galuuf, xiyyeeffannoo hin qaban, salphaatti jeeqamu, tasgabbii hin qaban, daree keessaa sa'aatii dheeraa turuu hin danda'an, oliif gadi jedhu,gadi bahu ol deebi'u, Sosochii gara garaa mul'isu, Gaafiin osoo gaafatamee hin dhumin fa'a deebii deebisuuf ariifatu.

Akkasumas ayinaxilaan akka akka ti nama gatii hin qabneettillee akka yaaddu si taasisee yaada humnaa ol sitti baay'isee kophaa kee akka haasa'aa deemtu fa'allee si taasisa.

2ffaa hojii irratti.

Qorumsa meeqa dabartee barattee xumurtus hojii hin argattu. Akka ati hojii malee harka marattee teessu si taasisa. Danqaa gara garaa sitti uuma. Hojii argattus tasgabbiin akka hin hojjenne si taasisa. Mallaqa kee ni bittinneessa.

3, Gaa'eela hin godhattu.

ayinaxilaan gaa'ela hin jaalatu. Akka kophaa kee jiraattu barbaada. Umrii keerratti taphata. Dubartoota heddu fedhii isaanii ajjeesuun, dhiira akka sodaatan gochuun, gaa'elli ebaluu diiggame keetis ni diiggama hin heerumin jechun sodaachisa. Dhirsa jechuun nama akkasumaan nama reebu fa'a itti fakkeessa. Karaa gara garaan fedhii foonii isaanii akka guuttatan taasisuun umriin isaanii akka darbu taasisa. Yaada feminism jedhu akka hordofan taasisee umrii isaanitti taphata.

Dhiirotas akka gaa'ela hin godhanne ni taasisa. Qorumsa meeqan gaa'ela ijaarratanis akka dafanii gaa'ela kana hiikan ni taasisa.

Akkamitti ofirraa qolanna ?

-Ijoolleen osoo hin dhalatan dura Waaqayyoo akka isinii eebbisuu kadhadhaa. Erga dhalatan booda ayyaana maatii irraa fageessaa. Fakkeenya warri yoo callee facaafatan Aarsaa ateeteef dhiyaate jechuunis kan akka bunaa, buna qalaa, qincee, dhadhaa dibachuu ykn muuda fa'a irra akka fagaatan taasisaa. Tasumaa nyaachuun dhoorkaadha. Cubbuudha.

-Jireenya kadhannaa fi Amlikoot sigdatiitti (sigdatii Waaqummaa) tti jabaachuudha. Yoo xinnaate guyyaatti si'a 2 Waaqayyoo yaadachuu dadhabduu ? Ganamaaf galgala yoo xinnaate si'a 21 sagadaa. Ganama yoo manaa baatan guyyaa sana akka seexanni kun sin hin qorreef akka hojii isaa isinirratti hin hojjenneef Waaqayyoon kadhaatii manaa bahaa. Qulqulleettii Maariyaamiidhaan ati na eegi jedhaatii galata Maariyaam kan guyyaa sanaa dubbisaa bahaa. Halkanis afuurri kun akka sin hin jeeqne ykn akka afuura biroo sinitti akka hin harkisne halkan keessanis Waaqayyoof kennaa, Kadhannaa taasisaa.

-Kan biraa Maqaa haadha Gooftaa qulqulleettii Maariyaamiitiin fi maqaa qulqullootaan harka qalleeyyii yaadadhaa. Kan beela'e nyaachisaa kan daare daara baasaa. Mallaqa keessan irraayis mana Waaqayyoof laadhaa. Mallaqa akkuma argattaniin dura mana Waaqayyoof irraa laadhaatii akka isiniif eebbifamu taasisaa.

‟Diinni keessan seexanni kan liqimsu barbaacha akka leencaa joora” {1ffa Phex 5:8}

🌿  Dabalataan guyyaan kun guyyaa yaadannoo boqonnaa haadha teenya qulqulleettii  . Haati teenya qulqulleettiin Kristoos ...
30/08/2026

🌿

Dabalataan guyyaan kun guyyaa yaadannoo boqonnaa haadha teenya qulqulleettii .

Haati teenya qulqulleettiin Kristoos Saamraan asuma biyya keenya Itiyoohiyaatti bakka bulgaa jedhamutti haadha ishee illeenii fi abbaa ishee Darsaanii jedhaman irraa dhalattee guddatte. Gaa'eela eebbifamaan jiraattee ijoollee argattee jirti. Kristoos Saamraan yeroo hundaa kennaa (mitsuwaatii ) kennuun beekkamti. Kanneen rakkatan ni gargaarti. Kan beela'an ni nyaachisti turte. Manneen Kristaanaas ijaarsisaa turteetti. Baay'ee gara laafettii fi arjaa turte.

"Firii Afuuraan garuu jaalala, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa, fi of-qabachuu (miira ofii to'achuudha)”
{Galatiya 5:22–23}

Booda mucaa ishee daa'ima (Daagimaawii Qiirqoos) fudhattee gara Gadaamitti galtee jirti. Dabra Libaanoos keessa yeroo dheeraaf turtus Kristoos Saamraan qabsuura jabaa kan gaggeessite garuu haroo Xaanaa keessatti ture. Bishaanicha keessa waggoota 22f dhabbattee kadhannaa gooteerti. Foon ishees hamma ciccitee qurxummiin gidduu adeemuutti ga'eera. Kadhannaa isheetiinis raajii heddu hojjetteerti. Kennaan Afuura Qulqulluus isheerra baay'atee koola 12 baastee jirti.

‛‛Quluqulloonni wareegamtoonni mi'aayina addunyaa kanaa ni jibban dhiigan isaanis mootummaa Waaqayyoof jecha dhangalaasan du'a hadhaa'as ni obsan’’

Haati keenya Qulqulleettiin Kristoos Saamraan gara laafummaa isheerraa kan ka'e seexanayyuu uumaa isaa Waaqayyoon araarsuuf yaalii gooteerti. Gaafa isheen gara si'oolii deemtee seexanni akka dhiifamaan gara Waaqayyoo deebi'u gaafachuuf jettu diinni ilmaan namootaa daabiloos garuu ishees qabee si'oolitti darbachuuf yoo jedhu Waaqayyo garuu harka isaa jalaa ishee baraaree jira. Qulqulleettin Kristoos Saamraan kan boqatte guyyaa akka har'aa kana yoo ta'u foon isheetis bakka Gadaamiin ishee jiru Xaanaatti argama.

“Nuti garuu biyyi keenya samiidha.’’ {Fil 3:20}

Waaqayyoof galanni haa ta'u!! Eebbii fi kadhannaan haadha teenya qulqulleettii Kristoos Saamraa nurra oolee haa bulu !!

✥ In the Name of the Father, and the Son, and the Holy Spirit. One God. Amen ✥(Wudasse Maryam) The Praise of Our Lady, T...
30/08/2026

✥ In the Name of the Father, and the Son, and the Holy Spirit. One God. Amen ✥

(Wudasse Maryam) The Praise of Our Lady, The Virgin Mary, The Bearer of God, Which is to be read on the Christian Sabbath (Sunday)

Thou was named “Beloved Woman”, O blessed among women. Thou are the second Chamber, in that Thou was called “Holiest of Holies”, and in it was the table of the Covenant and on it were the Ten Words which were written by the fingers of God. He (The Father) made known this to us first of all by “Yewta” which is the first letter of the Name of our Redeemer Jesus Christ, who became incarnate of Thee without change, and became the Mediator of the New Covenant, and by the shedding of His Holy Blood He purified the believers and the people who were pure. Pray to Him for us, O Holy One!

And because of this we all magnify Thee, O Our Lady, Thou ever pure God-Bearer. We beseech Thee at all times and lift our eyes to Thee, so that we may find mercy and compassion with the Lover of men. Thou are the Tabot which was covered on all its sides with gold, and was made of the wood that never perish, and that foreshadow for us the Word of God, who became man without separation and change, the pure and undefiled Deity, the equal of the Father. Unto Thee, as the pure woman, Gabriel announced Him without seed. And He became like unto us through the might of His wisdom: He who was spotless mingled His Divinity (without nature). Pray to Him for us, O Holy One!

Thou Sanctuary which the Cherubim who are fashioned in the likeness of God surround! The Word, who was incarnate of Thee, O pure woman, without change has become the forgiver of our sins and the Destroyer of our transgressions. Pray to Him for us, O Holy One!

Thou are the holy golden pot wherein the manna is hidden, the bread which came down from heaven, the giver of life unto all the world. Pray to Him for us, O Holy One!

Thou are the golden candlestick and do hold the brilliant Light at all times, the Light which is the Light of the World, the Light of lights which had no beginning, verily God of God, who became incarnate of thee without change. And by His coming He shed light upon us, upon those of us who were sitting in the shadow and darkness of death, and He set our feet upon the path of peace, through the mystery of His holy wisdom. Pray to Him for us, O Holy One!

Thou are the censer of gold because Thou did carry the coals of fire which the blessed one He took from the sanctuary. He who forgives sins and destroys wickedness, He Who is the Word of God, Who became incarnate of Thee, and who offered up to His Father incense and precious offerings. Pray to Him for us, O Holy One!

Rejoice O Mary, Beautiful Dove, Who has born for us the Word of God. Thou are the sweet-scented flower from the root of Jesse. Pray to Him for us, O Holy One!

From Orthodox tewahido girl page

🌷✟ Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokko Ameen!! Sinkisaara Hagayya ❷❹🌿  {Guyyaa yaadannoo boqonnaa isa...
29/08/2026

🌷✟ Maqaa Abbaa kan ilmaa kan Afuura qulqulluu Waaqa tokko Ameen!!

Sinkisaara Hagayya ❷❹

🌿

{Guyyaa yaadannoo boqonnaa isaanii}

Mukti gaariin firii gaarii kenna akkuma jedhamu maatiin qulqulluu Aabbaa Tekla Haymaanoot amantaa isaaniitti ciccimoo turan. Waaqayyoos ilma jabaa abbaa Kristaanotaa ta'e kana isaan badhaase.

Qulqulluun Aabbaan Tekla Haymaanoot biyya keenya Itiyoophiyaa shawaatti naannoo bara 1207 tti abbaa isaanii Tseggaa ze-Ab fi harmee isaanii Igzihaariyaa irraa dhalatan. Guyyaa dhaloota isaanii kanas raajiin gara garaas mul'atee jira.

Maqaan jalqabaa isaaniis "Tesfaa tsiyoon" jedhama ture. Ergamaan Waaqayyoo bakka inni adamoof bahetti dhufee itti mul'atee "kana booda maqaan kee Tekla_haymaanoot jedhama. Atis kana booda namoota gara mana Waaqayyoo kan deebistu taata " jedheenii biraa deeme.

“kana booda hoolota koo tiksi” akkuma jedhe Gooftaan pheexiroosiin. {yoh 21:15_17}

Sagalee ergamaa Waaqayyoo kana erga dhagahee booda Aabbaan Teklahaymaanoot osoo yeroo hin gubin qabeenya isaa hunda hiyyeessaaf kennee gara Kawaalaatti qajeele. Achittis abbootii irraa barumsa sadarkaa Daaqonii hamma phaaphaasitti jabaatee barate.

Kana booda Aabbaan Tekla Haymaanoot waggoota 26f Kawaala gara garaatti tajaajileera. Miila tokkoon dhaabatee waggaa 7f biyya kanaaf kadhateera. Kristaanota sababa mootitti yuudit jedhamtuun amantaa isaanii jijjiiran deebiseera. Namoota kumaatamaan lakkaa'aman cuuphee kristaana taasiseera.

Yoodiit mootittii jaarraa 10ffaa keessa aangoorra turteedha. Akka seenaan dubbatutti Yoodiit Kitistaanonni heddu akka wareegaman taasisteerti. Manneen kiristaanaa Aksuum hedduun akka gubatan taasisteerti. Akkuma bara wareegamtootaa dhiigni kiristaanotaa lola'ee ture. Kiristaanummaan bara sana laafee ture abbootii akka Abbaa Tekle Haymaanotiin laboobee ka'e.

Aabbaan Tekle Haymaanoot deemsa Afuuraa gara deemenis iddoowwan qulqullaa'oo gara garaa daawwateera. Bakka durbeen missiraachoo itti dhageesse, bakka isheen Gooftaa itti deesse, bakka Gooftaan itti cuuphame (Yoordaanoos) fa'a daawwateera. Dhumarratti bakka Gooftaan itti fannifame 'Qaraaniyoo 'yoo argu Gooftaan keenya cubbuu tokko malee nuuf jecha fannifamuu gaafa yaadatu (ilaalu) ni gadde. Ni bo'e. Bo'ichaarras kan ka'e ijji isaa keessatti badde.

Kana booda Gooftaan keenya gara samiitti olfudhatee ija haaraa laateef, koola 6 fi uffata warqee kenneef.Gara dacheetti erga deebi'ees koola isaanif kennameen bakkaa gara bakkaatti balali'uun Wangeela lallaabuun namoota heddu gara Waaqayyootti deebisanii jiru.

“Warra ana kabajan nan kabaja; warra na tuffatan garuu ni salphisu.” {1ffa Saamu 2:30} akkuma jedhe Waaqayyo isa kabaje.

Qulqulluun Aabbaa Tekla Haymaanoot bara 1306 hagayya24 umrii isaanii waggaa 99 fi ji'a 8titti nagaan boqataniiru. Gooftaan kabajaan lubbuu isaa ol fudhateera. Hamma dhaloota kudhanii kan fayyisu waadaanis galameeraaf!!

“Duuti qulqullootaa fuula Waaqayyoo duratti kabaja guddaa qaba.” {faaruu 116:15}

Waaqayyoof galanni haa ta'u!! Araarsummaa fi Eebbi abbaa keenya qulqulluu Aabbaa Tekle Haymaanoot nurraa adda hin bahin!!

🌺 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!Sinkisaara Hagayya 22 ✞  Guyyaa kana raajota xixiqqoo (...
28/08/2026

🌺 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!

Sinkisaara Hagayya 22



Guyyaa kana raajota xixiqqoo (daqiiqa nabiyaat) jedhamanii beekaman 12n keessaa tokko kan ta'e Raajichi yaadatamee oola. 'Miikiyaas' afaan ibraaysii yoo ta'u hiiki isaa "eenyu kan akka Waaqayyoo "jechuudha.

Raajicha kana ijoollummaa isaarraa qabee ergamoonni Waaqayyoo itti mul'atanii isa waliin dubbatu ture. Raajichi kun yeroo gara garaatti saba Waaqayyoo barsiisuun daandii cubbuu irraa isaan deebisaa tureera.

{Mikiyas 1:2–7} tti Israa’el fi Yihudaa badii isaanii irratti isaan akeekkachiiseera.
{Miikiyaas 3:1–12} tti bulchitootaa fi luboota karaa Waaqayyoo irraa jallatan balaaleffatee jira.

Raajota xixiqqoo (ijoollee Raajootaa) jedhamuun kan waamaman 12n ; Raajicha Hoosee, Amoots, Miikiyaas, Miilkiyaas, Zakkaariyaas, Inbaaqoom, Iyyuu'eel, Haagee, Soofoniyaas, Abidiyuu, Naahoom fi Raajicha Yoonaasiidha. Raajonni kun ijoollee Raajotaa ykn Raajota xixiqqoo kan jedhamaniif waan ijoollee tahaniif miti. Akkaataa tajaajila isaanii fi baay'ina boqonnaa barumsa (kitaaba) isaanii irratti hundaa'uun kan moggaafamaniidha. Raajonni jedhamuun waamaman immoo Raajicha Isaayyaas, Raajicha Eermiyaas, Raajicha Daani'eel fi Raajicha Hiizqi'eelidha. Raajaa jechuun nama kennaa Waaqayyoo laateefiin iccitii waan darbe beekuu akkasumas waan fulduratti ta'uuf jedhu beekuu danda'u jechuudha. Waaqayyo Gooftaan namoota daandii isaarra adeemaniif akka arjummaa isaatti kennaa gara garaa ni laataaf. Bara kakuu moofaa keessattis ta'ee bara kakuu haaraa keessatti namoonni kennaa waa beekuu qaban ykn Raajonni heddu turaniiru.Egaa har'a immoo warroonni shakkitootaa manaafiqaanonni lafumaa ka'anii uffata suufii uffatanii yeroo raajaa ofiin jedhan argaa jirra. Irraa of eegaan dhaamsa kooti.

✞ Ayyaanoota ji'aa

1, Ergamaa qulqulluu Uraa'eel ,hangafoota 7n keessaa tokko kan ta'e.
2, Qulqulluu Daaqsiyoos
3, Qulqulluu Luqaas (kan wangeela barreesse)
4, Aabbaa Inxooniyoos
5, Aabbaa Phaawulii

Waaqayyoof galanni haa ta'u !! Eebbi Raajicha nurraa adda hin bahin!!

"Sagalee kan isin barsiisaan keessan yaadadhaa. Firii jireenya isaaniis ilaalaa amantaadhaan isaan fakkaadhaa " { ibr 13:7}

🌺 Maariyaam na fayyistee jirti. Hojii nan jaaladha. Sirritti hojjedhan ture. Abbaan manaa koos nama jabaa ture. Gaa'eela...
26/08/2026

🌺 Maariyaam na fayyistee jirti.

Hojii nan jaaladha. Sirritti hojjedhan ture. Abbaan manaa koos nama jabaa ture. Gaa'eela bareedaan waliin turre. Ijoollee 2 argannee jirra. Qabeenyas qabna. Sooreessa turre. Hoteela qabna ture.

Osoo haala kanaan jiraannu garuu mallaqni argannu nu gahuu dida, barakaa dhaba. Adeemsa keessa mana keessattis ciqicciqiin ni uumama. Ijoolleen koo waliinis walii hin galu. Abbaan manaa koo waliinis wal lolla. Booda inni amala koo dadhabee jennaan na hiike. Hoteellis qabeenyi keenya ni gurgarame. Ani kophaattin hafe.

Sadarkaa guddaa sanarraa adeemsa keessa hamman waan nyaadhu dhabuuttin gahe. Barandaa namaa kadhadheen chiibsii jalatti hojjedha. Gaafa jedhan na ari'u ture.

Haala kanaan waggoota 15f jireenya baay'ee ulfaataa ta'en dabarse. Kadhattuu ta'uu malee oomtuu na hin hafne.

Garuu maal akka na kaasee hin beeku as siwwuruwaa Maariyaam dhufeen asitti of arge. Guyyuma as gahe sana akkuma afuurri hamaan na rakkisaa ture matatiin narratti qabeenya keenyarratti hojjetame gubatee na gadhiise. Amma of bareen jira. Nama ta'reen jira. Digimtiidhaan gaa'eela koo diigan, ijoollee koon gargar nu fageessan, anas nama maraattuu na taasisan. Ana na ajjeesaa Isaan immoo carraa kootiin jiraatan. Amma garuu Maariyaam na fayyistee jirti. Wanti darbe martuu amma akka abjuutti natti mul'ata. Fayyeen jira. Maariyaam gara laafettiin na fayyistee jirti. Isheen nama hin gattu ishee jabeessaa qabadhaa jettee imimmaan lolaasaa dhugaa baatee jirti.

Elel Elel Elel Elel

Dhugumaa haadha Gooftaa Maariyaamiin jabeessaa qabadhaa !!!!

🌷 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!Hagayya 19✞ Egaa guyyaan kun guyyaa 4ffaa yaadannoo   h...
25/08/2026

🌷 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen !!

Hagayya 19

✞ Egaa guyyaan kun guyyaa 4ffaa yaadannoo haadha teenya qulqulleettii durbee Maariyaamiiti. Eebbi haadha teenya qulqulleettii durbee Maariyaam nurraa adda hin bahin. Ameen Ameen Ameen

‛‛Mootittiin uffata warqee uffattee gara mirga kee dhaabbatti.” {Faarfannaa 45:9}

✞ Guyyaan kun Ayyaana ji'aa kan hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri'eeliiti.

“Ani Gabri’eelii, isa Waaqayyo fuldura dhaabbatuu dha.” {Luqaas 1:19}

Inni fuldura Waaqayyoo kan dhaabbatuuf kadhannaa ilmaan namootaa gara Waaqayyoo dabarsuufi akkasumas Waaqayyoon biraa gara namootaa missiraachoo, fayyina, dhiifama fiduuf dhaabbata.

Aangoo jabaas qaba. Ni adaba. Qulqulluu kan ture Zakkaariyaas isaan morminaan hamma Yohaannis dhalatutti afaan kee qabameera jedhee akka hin dubbanne isa adabeera. {luq 1:20}

“Ergamoonni Waaqayyoo warra isaan sodaataniif (kabajan) naannoo isaaniitti ni qubatu; isaanis in oolchu.” {Faarfannaa 34:7}

✞ Dabalataan guyyaa kana manni kristaanaa abbaa keenya qulqulluu Abraahaam yaadattee oolti. Kunis guyyaa yaadannoo xaa'ootiin inni gurguraa ture duwwaa fi homaa gochuu kan hin dandeenye ta'uusaa baree guyyaa xaa'oticha itti caccabsee gateeti.

Eebbi abbaa keenyaa nurra oolee haa bulu !! Ameen!!

✞ Akkasumas guyyaa kana manni Kristaanaa teenya Qulqulluu Aabbaa ni yaadatti. Aabbaan Maqaars (saint macarius of egypt) naannoo bara 300tti gibtsii bakka shabir jedhamutti dhalate. Aabbaan monoksootaa Aabbaan Maqaars waggaa 80 ol gammoojjii keessatti qabsuura jabaa gaggeessuun Waaqayyoon tajaajilaa kan turaniidha. Kawaala burqaa qulqullootaa ta'e kan biyya Gibtsiitti argamu Kawaala guddicha kan hundeessan qulqullicha kanaadha.

Aabbaan Maqaars monoksoota kuma shantamaa ol tahaniif abbaa kan turaniidha. Jireenya Kawaalaatiin alattis deemanii sagalee Waaqayyoo lallabuudhaan ni beekkamu. Qulqullichi kun qorumsa seexanaa injifachuu bira darbanii seexana tajaajilaafis itti fayyadamaa akka turan qabsuurri isaanii ni dubbata.

Jaarraa Afraffaa keessa warreen shakkitootaa, deggartoonni ariyoos Qulqulluu Aabbaa Maqaars fi qulqulluu aabbaa Maqaariyoos sansalataan hidhanii gara gammoojjii Eeshiyaa geessanii turan. Qulqulloonni kun garuu achitti raajii heddu hojjetanii namoota heddu cuuphanii gara Kristoos deebisaniiru. Booda ergamaan Waaqayyoo koola isaatiin baatee gara Gibtsiitti deebisee jira.

Abbaan Monoksootaa Qulqulluun Aabbaa Maqaars ji'a bitootessaa bulii 27 waggaa isaanii 97ffaatti achuma Gibtsi bakka 'wadi el natrun' jedhamutti nagaan boqataniiru. Guyyaa boqonnaa isaaniis raajiin heddu mul'ateera. Qulqullummaa isaafis Ergamoonni Waaqayyoos dhufanii faarfataniiru.

Qulqulluun Aabbaa Maqaars erga boqatee booda foon isaatin raajiin gara garaa hojjetamee jira. Foon qulqullicha kanaatiin eebbifamuf jedhanii namoonni ganda inni itti dhalate jiraatan dhokatanii dhufanii foon qulqullicha kanaa fudhatanii galan. achittis Bataskaana itti ijaaranii kabajaan foon isaa boqachiisaniiru.

Waggoota heddu erga achi jiraatee booda musliimonni inaafanii Bataskaana kanarraan miidhaa geessisanii turan. Sababa kanaafis Kristaanonni foon qulqulluu Maqaars achii fudhatanii baqatanii turan. Iddoo kanattis foon qulqullicha kanaa kabajaan mana kristaanaa keessa kaa'anii irraa eebba argachaa turaniiru.

Waggoota dhibbaan lakkaawaman booda foon qulqullu Aabbaa gara Kawaala isaanii kan ofii hundeessanii Kawaala Asqeexisitti fedha Waaqayyootiin deebi'eera. Monoksoonni achii jiranis foon qulqulluu Maqaars argachuu isaaniif baay'ee gammadanii Waaqayyoon galateeffataniiru.

Foon qulqulloota Waaqayyoos raajii heddu ni hojjetu. Akkuma lafeen raajicha Eelsaa nama du'e kaase.

‛‛...namni du'ee reeffa sana awwaala Eelsaa keessa darbatan; reeffi sun yommuu lafee Eelsaa tuqu reeffi sun ni ka'e, miilla isaatiin dhaabbate ” {2ffa motota 13:20}

Qabsuurri qulqulluu Aabbaa Maqaars inni kun gabaabinaan kan dhiyaateedha. Akka bishaan Abbaay hammas guddatu sana irraa faal'aniin ykn maankaadhaan bishaanicha qicuuti jechuudha.

Eebbi qulqulluu Aabbaa Maqaars nurraa adda hin bahin.!! Ameen

Waaqayyoof galanni haa ta'u!!

Waggaa 15 boodaWaggoota 15f ijaan hin argitu ture. Mana yaalaa deemtee dadhabdee dhiistee turte. Dhumarratti raajii xaba...
24/08/2026

Waggaa 15 booda

Waggoota 15f ijaan hin argitu ture. Mana yaalaa deemtee dadhabdee dhiistee turte. Dhumarratti raajii xaballi Arseemaa hojjetu dhageessee gara Gadaamii Arseemaa dhufte.

Waggoota 15n booda yeroo jalqabaaf ijji ishee arge. Qulqulleettii Arseemaan ishee fayyistee galataaf ishee dhaabde. Ishoo elel elel elel elel

Waaqa quqlullootaaf galanni haa ta'u. Waaqni kaleessaa quqlullootaa akka Phaawuloos fi Pheexirosirra bulee carqiin isaanillee, gaaddidduun isaanillee qoricha ta'e nama fayyisaa ture har'as karaa qulqulloota isaan raajii heddu amantootaaf hojjechaa jira.

Gadaamii Arseemaa magaalaa Adaamaa gara bahiinsa(mawuca) asallaatti argama.

Kabajaa fi ulfinni wareegamtuu qulqulleettii Arseemaaf haa ta'u !!!!!

Chaanaalii kun kan kooti. Miseensa ta'aa.  🌺🌺🌺
24/08/2026

Chaanaalii kun kan kooti. Miseensa ta'aa.

🌺🌺🌺

Asirratti sinkisaara qulqullootaa fi barumsa gaggabaabootu dhiyaata. Madda : Kitaaba , Kitaaba qulqulluu fi barumsa Abbootaa.

22/08/2026

ዮም ፍሥሃ ኮነ
በእንተ እርገታ ለማርያም

Address

Addis Ababa
Mojo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qabsuura Qulqullootaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share