11/08/2026
Mana kiristaanaa Gayii Baalewoldiitiif ji'a sadii dura Caamsaa 5-6/2018 karaa tamsaasa kallattiitiin galii qorqorroo bituuf walitti qabameen guyyaa har'aa qorqorroon Hoolotaa 995 ol ta'u qarshii 1,479,882 bitamee guyyaa har'aa galii ta'ee jira.
Qarshiin kun karaa tamsaasa kallattiitiin deeggarsa Ijoollee mana kiristaanaa Biyya lallaba keenya jala jiraniifi iddoo adda addaa jiraniin kan walitti qabame yoo ta'u qarshii kanaanis qorqorroon guutuu gamoo mana kiristaanaa ijaaramaa jiru uwwisu bitamee guyyaa har'aa galee jira. Kanaafis koreen ijaarsa gamoo mana kiristaanicha gammachuu itti dhaga'ame ibsaa, hojii kana kan deeggaran hunda maqaa mana kiristaanaatiin galateeffatanii jiru.
kana boodas hojiileen Liishoo, Bilookkeettii fi hojiileen xumuraa waan jiraniif Ijoolleem mana kiristaana ergaa kana dubbistan hundi deeggarsa akka gootan maqaa mana kiristaanaatiin isin gaafanna.
✅ CBE : 1000445378147,
✅ Absiniyaa : 16252247
✅ Coop : 1000044738027
✅ Buna Bank : 3789501001238
Miidiyaa Biyya Lallaba Iluu Abbaa Boor - የኢሉ አባ ቦር ሀገረ ስብከት ሚድያ