15/02/2026
๐ช๐ฎ๐น๐ฑ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐๐ฟ๐ถ๐๐๐ฎ๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐บ๐ฎ๐ฎ๐น๐ถ?
๐ธ๐๐๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ณ๐ณ๐ฎ๐ฎ
Namoonnii baay'een har'a waldaa kiristaanaa kan hubatan akka gamootti. Kun kan macaafa qulqulluu hubannoo waldaa kiristaanaa miti. 'Waldaan kiristaanaa' jechii jedhuu kan inni dhufee Ekklesia jecha Girikii jedhuu irraa yeroo ta'uu, hiikii isaas 'wal ga'ii' yookaan 'kan waamaman' jechuu dha. Hundeen hiika waldaa kiristaanaa jedhuu waa'ee gamoo miti waa'ee namaati male. Inni ubbii dhokataa kan ta'e qaba jechuun namoonni waldaa kiristaanaa kamiin akka hirmaatan yemmuu gaafatan, irra deddeebi'anii kan isaan ibsan gamoo sana. ๐ฅ๐ผ๐ผ๐บ๐ฒ๐ฒ ๐ญ๐ฒ:๐ฑ akkana jedha ''waldaan kiristaanaa mana isaani jirtuuf nagaa naa dhi'eesaa.' Phaawolos kan inni heeruu waldaa mana isaani jirtuu dha- gamoo waldaa kiristaanaa osoo hin taanee, qaama amantootaa malee.