16/04/2022
Addunyaa gaggaragaltuu dha Guyyaa tokko faayidaa isheef ofirraan baasti, gaaf kaan so salphistee baasti. 'inaa Gammachuu
,✓✓✓✓✓✓
Torbee Tsooma Hosaa’inaa
**********
Torbeen Hosaa‟inaa torbee tsoomaa saddeettaffaa yommuu ta‟u, innis jecha Ibrootaa isa “Hoshee‟inaa” jedhurraa kan dhufe yoo ta‟u hiikni isaas „Maaloo amma fayyisi‟ akka jechuu dha. Innis Gooftaan keenya harree fi ilmoo isheerra taa‟ee gara Iyyarusaalemitti yommuu inni dhufu, namoonni gurguddoon, daa‟imman, dhagoonnillee osoo hin hafiin kan itti Ilma Waaqayyoo galata guddaadhaan baala meexxii qabatanii fi wayaa isaanii fi baala lalisaa Isaaf hafuun akka mootiitti simatanii dha. Namoonni baay‟een akka mootummaatti kan simatanii fi nu oolchi jedhaniif inni guddaan akka mootii biyya lafaatti fudhachuudhaan bittaa mootummaa Roomaa jalaa nu baasa jechuun yoo ta‟u; daa‟imman garuu afuura qulqulluun gaggeeffamuun Waaqummaa dhugaa ta‟uu Isaa raggaasisuudhaanii dha.
Torbeen kun maqaa hedduunis kan beekamuu dha. Olaantummaadhaan Hosaa‟inaa jedhamus, dabalataan immoo Dilbata Meexxii (Palm Sunday) akkasumas ayyaana daa‟immaniis ni jedhama. Sababni inni ayyaana Meexxii jedhamuuf, guyyichatti namoonni meexxii lalisaa qabachuudhaan lafas hafuufiidhaan waan Gooftaa simataniifii dha. Ayyaana daa‟immanii kan jedhameef immoo “Angafoonni lubootaa fi barreessitoonni galata dhiyaatutti inaaffanii aaruudhaan akka daa‟imman callisaniif yaallaan, Gooftaan, „Afaan daa‟immanii, warreen harma hodhanii keessaas ofii Isaatiif galata qopheeffate‟ (Far 8:2) isa jedhu sirumayyuu hin dubbisnee” jechuun galata daa‟immanii simachuun Isaa ayyaana daa‟immanii jechisiisa.
Faarsii Tsooma Guddichaa Torbee Hosaa’inaa
faarsaan Qulqulluu Daawwiit Daaqoniin guyyaa torbee shanaffaa tsooma guddichaatti akka faarsiin kaasu kan armaan gadiitii dha: Innis Faarsaa 80:3
Guyyaa jalqaba ji‟aatti guyyaa ayyaanota keenyaattis Faaggaa afuufaa Israa‟eliif seera waan ta‟eef
Fi
Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu eebbifamaa dha
Mana Waaqayyootiis isin eebbifneWaaqayyo Gooftaatu nuuf ife
Barumsa Torbichatti Kennaman
Barumsi wangeelaa fi kutaan wangeelaa fi ergaawwanii akkasumas kutaan hojii duuka bu‟ootaa barumsa Sambata kanaa fi torbee kanaaf oolan hedduun yoo jiraatanii fi kennamanis, Kitaaba baafataa irratti kaa‟amanii kan jiran dursummaa qabaatu. Kana malees kitaabota kakuu moofaa keessatti akka raajiitti Guyyaa Hosaa‟inaaf dubbatamnii kan ayyaanicha irratti rawwatan hedduu argina.
Yaada Ijoo barumsa guyyichaa
Masihummaan Gooftaa Iyyasuus dhugoomuu fi dhufaatii isaa kasoominaan taasisuun harree fi Ilmoo harreerra taa‟ee gara Iyyarusaalemitti dhufee saba Isaa angafa nagaa ta‟ee isaan oolchuu Isaatii dha.
Barumsi guyyaa kana kennamu inni guddaan galateeffamuu Kiristoosii dha. Hunduu waliin ta‟uudhaan Afuura ho‟aa fi guddaadhaan uumamoonni ayyaana gaarii taasisuudhaan amma diina aarsanitti Hosaa‟inaa jechuun sirna ayyaanaa wayaa miila Isaa jala hafuun, meexxii lalisaa qabatanii kan galata guddaa itti dhiyeessanii dha.
Aadaa Israa‟elootaa keessatti wayaa luka Isa moosisanii jala buusuun baramaa dha (2Mot 9:13).Kanaanis Kiristoos Ilma Waaqayyooti jechuun ulfeeffatani. Akkuma raaj-himeessichi Daawwiit, “Inni maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha” (Far 117/118:26) jedhe, “Uummanni duuba Isaas ta‟ee dura Isaa deeman Hosaa‟inaa Ilma Daawwitiif; Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu Inni eebbifamaa dha; Hosaa‟inaa samii gubbaatti jechuudhaan iyyaa turan” (Mat 21:9) jechuun Maatiwoosis hojiirra oolmaa raajichaa dubbateera. Museenis gaafa ayyaana kabajjan baala (damee) meexxii qabadhaatii ayyana kabajaa; Waaqayyoon fuuldurattis gammadaa (Lew 23:40) akkuma jedhe fuula Gooftaa isaanii duratti damee meexxii qabachuun gammadan. Yommuu ayyaana kabajanis meexxii qabachuun baramaa waan ta‟eef (Nah 8:14-15) ayyanicha guutummaadhaan Gooftaaf kabajan. Akkuma qulqulluun Yohaannis, “Wayaa adii uffatanii harka isaaniitti baala meexxii qabachuudhaan teessoo Isaa fi Hoolicha fuuldura dhaabbatan” (Mul 7:9) jedhes fuula Kiristoos dura baala meexxii qabatanii Kiristoos Inni abdachiifame dhufuu Isaa simatan (Yohaannis 12:12-15).
Egaa durumaa raaj-himeessi Zakkaariyaas, “Ati yaa mucaa Tsiyoon baay‟ee gammadi; ati yaa mucaa Iyyarusaaleem ililli jedhi; kunoo mootiin kee qajeelaa fi fayyisaa dha. Kasoomaas ta‟ee harreerras, ilmoo harreerras taa‟ee gara keetti ni dhufa” (Zak 9:9) akkuma jedhe Gooftaanis kasoomaa ta‟ee teessoo Isaa samiirraa dhufee gadi of qabee harreerra taa‟ee mootiin nagaa kun nama jidduu deddeebi‟e.
Mana kiristaanaa keessattis ayyaanni guyyaa Hosaa‟inaa kun haala ho‟aan kabajamaa oola. Guyyaa gaara Ejersaatti aanee tsoomii faarsaan guyyaan kabajamu guyyaa ayyaana Hosaa‟inaatii dha. Akka kitaabni 9Hojii Dhukkubbii dubbatutti torbeen kun ulfina guddaan, faarsaa fi dubbeedhaa gammachuu guddaadhaan haa kabajamu jedhu, ayyaanni kun mana kiristaanaa keessatti miira lalisaan meexxiin qabatamee kabajamaa oola
Ayyaana Gaarii!!!