Dhugaan Yesus Qofaa.

Dhugaan Yesus Qofaa. Yesuus Gooftaadha !!!!

13/06/2025

Of eeggannoo haa gonuu waan hundumaafu

03/02/2024

OBSA QABAACHUU

"YAADADHU!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Murtoon yeroo aarii murteessan duubatti hin deebi'amu!" Akkasuma dogoggorri xiqqoon hojjetamu waan gaarii waggaa hedduu hojjetame balleessuu waan danda'uuf,
➛ Obsa qabaachuu fi
➛ Tasgabbaa'anii itti yaaduun hunduma caalatti barbaachisaa dha.

Fakkeenyaaf:
Muka tokkittii irraa ija kibriitaa kumaatamatu tolfama. Kibriita ija tokkittiidhaan garuu bosona mukkeen miliyoona qabutu gubatee baduu danda'a.

■ Akkasuma dogoggorri yeroo tokko hojjettu waan gaarii waggaa hedduu hojjette balleessuu waan danda'uuf,
➛ Suuta jedhi!
➛ Tasgabbaa'ii itti yaadi!
➛ Ilaalcha gaarii qabaadhu!
➛ Hin dhiphatin!
➛ Waan hundumaafuu yeroon jira.
Ta'eera Dagguu

 Namootni kun lamaan immoo gaaddiduu namoota lamaanii kakuu haaraa keessaati. Isaanis gaadidduu kiristoosii fi waldaa ki...
22/01/2024


Namootni kun lamaan immoo gaaddiduu namoota lamaanii kakuu haaraa keessaati. Isaanis gaadidduu kiristoosii fi waldaa kiristaanaati. Sababni isaa kakuun moofaa gaaddiduu kakuu haaraa keessaati. Wanti kakuu moofaa keessatti dubbatame kan fiixaan ba'e bara kakuu haaraatidha. Mee macaafa qulqulluudhaan haa ilaallu.

👉Solomon= fakkeenya kiristoos har'aati.
“Mootuun biyya gara mirgaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin kaatee in mul'atti, ittis in farachiifti. Isheen ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf biyya fagoodhaa dhufteetti; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira" jedhe.”
— Mat. 12:42

👉Durbeeen(kaadhimaan)isaa immoo = fakkeenya waldaa kiristaanaati.
“Ani akka durba amanamtuutti Kristos abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf, isin kaadhimachiisee waanan tureef, akkuma Waaqayyo hinaafu, anis isiniif nan hinaafa.”
— 2Qor. 11:2

✍Kutaan kun solomooniim akka kiristoositi, shuulamaayititi(durbittii) immoo akka waldaa kiristaanaati fakkeessa.

💪kana jechuun macaafni weedduu weedduu caaluu, macaafa waa'ee hariiroo jaalalaa kiristoosii fi hariiroo jaalalaa waldaa kiristaana isa baayyee gadi fagoo ta'e, akka dubbatu jalqabarratti hubachuu qabna.

 !Waaqayyo gaafa saba Israa‘el biyya Gibxii baasu kakuu isaan waliin galee ture. Kakuun inni isaan waliin gale kunis kak...
20/01/2024

!

Waaqayyo gaafa saba Israa‘el biyya Gibxii baasu kakuu isaan waliin galee ture. Kakuun inni isaan waliin gale kunis kakuu haala irratti hunda‘e ( ) ture. Mallattoo kakuu kanaaf Sanduuqa kakuu akka hojjetaniif isaan abboome.Sanduuqni kakuu sanduuqa muka irraa tolfamee bakkeen isaa guutummaatti warqeen kan
aguugame, ajaja Waaqayyootiin kan tolfameedha.Bau 25:10-22.

Kan inni of keessatti qabatee jiru gabatoota dhagaa abboommiin kurnan irratti barraa‘an,ulee Aaroon isa late fi killii warqee isa maannaa baatu.Bakkee isa irra teessoo araaratu jira. immoo teessoo araaraa kana marsanii jiru.Ibr.9:1-5 Teessoon araaraa kun bakkee angafni lubootaa waggaatti yeroo tokko ol galee aarsaa
cubbuu isaatiif akkasumas cubbuu namootaaf itti dhiheessuudha.Lew.16:1- Bakkeen kun bakkee tokkicha aariin Waaqayyoo itti qabbanaa‘uu, cubbuun namootaas itti dhiifamuu danda‘uu dha.Kakuu haaratti bakka itti Aariin Waaqayyoo abbaa qabbanaa‘ee Dugda ilma isaa Yesus Kristos irrattiidha!


Taabotni kan inni qabatee jiru waada Waaqayyo saba Israa‘elif yeroo gabaabaaf galee dha. Waanti keessa jiruu fi irratti godhamu hundinuu dhufaatii fulduratti kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf muka irraa tolfamuun saa nama ta‘uu ,guutummaan isaa warqeen haguugamuun isaa waaqummaa Yesuus kan
ibsuudha.Uleen aaroon inni late du‘uu fi du‘aa ka‘uu Yesuus du'aa ka'uu isaa kan ibsu dha. Akkuma kana teessoon araaraa immoo cubbuun dhala namaa kam iyyuu dhagna Yesuus kiristoos isa fannoorratti fannifame
qofaan dhiifama argachuu kan danda‘u argisiisa. Kana jechuun bakkeen biraan ykn karaan biraa cubbuun itti dhiifamuu danda‘u tokkollee hin jiru jechuudha.Ibr 10:20
Kanaaf iyyuu akkuma ta‘eewwan kaan kakuu moofaa keessatti ta‘aa turanii sanduqni kakuus gaaddidduu qaama isa dhufuuf jiruu sana ture. Qol.2:17 ,Ibr.8:5,10:1.

Erga akkas tahee 100% Kakuu haaraa keessatti Taabotni barbaachisummaa hin qabu jechuudha.Ibr.9:5 Erm.3:16…namni waa‘ee sanduuqa kakuu Waaqayyoo dubbatu,namni waa‘ee isaa yaadatu,kan isa barbaadus hin jiru. Warri fayyina karaa kristoos dhufetti hin amanneef wangeela fayyinaa ukkaamsan garuu waa‘ee isaa lallabuuf afaan sobaa qabu.inni deebi‘ee hin tolfamu Erm.31:33. kakuun ani bara sana israa‘eliif galu…ani seera koo yaada isaanii keessa nan
kaa‘a,garaa isaanii keessattis nan caafa dha.2Qor.3:3

“Isin caaffata Kristos warra nuyi hojjennuuf ta'uun keessan beekamaa dha; caaffatichis qalamiidhaan utuu hin ta'in hafuura Waaqayyoo isa jiraataatiin, gabatee dhagaattis utuu hin ta'in garaa namaatti caafame.”
— 2Qor. 3:3

?

Macaafa qulqulluu keessaa kutaan inni si‘a dhumaaf ibsame 2sen.baraa 35 irratti sana booda waggaa booda mootiin baabiloon biyya yihuudaa
booji‘ee ture. Yeroo sanatti qabeenya hundumaa saamee ture. Saaduqa kana hoo maal godhe kan jedhuuf waanti ibsame tokkollee hin jiru.
Yaada eessa buutee sanduuqa kakuu irratti jiran Namichi jedhamu kitaaba isaa ‗The sign and The seal‘jedhu bara 1992 maxxanse irratti "sanduqni kakuu kun bataskaana qulqulleetti mariyaam kan jirtu keessa jira" jedhee barreesse. Ragaan kun garuu guutumaa guututti soba ta‘uun isaa mirkanaa‘eera. Sababiin isaas akkaata itti achi ga‘e irratti yaada garaa garaa kaasan,kana malee inni guddaan qorannoo godhameen achii argachuun hin danda‘amne.

Gareen kaan immoo Mul.11:19 Namoonni tokko tokko kutaa kana fudhachuun sanduuqichi samii keessa jira jedhu. Kun garuu waan ta‘u miti waanti lafa kanarratti godhamaa ture hundinuu fakkeenya isa waaqarraa
waan tureef.Ibr.9:23

Macaafni dabalataa Meqabiyaan 2ffaa 2:4-5 "Raajicha Eermiyaasitu gaara siina irratti holqa
keessa awwaale,namoonni immoo isa hordofaa turan garuu sababii inni isaan ifateef bakkeesaa
beekuu hin dandeenye , kana boodas amma gaafa Waaqayyo mul‘isuutti hin beekamu"jedha. Kun dhugaa fi soba jechuun rakkisaadha sababiin isaas bakkeen isaa hin beekamu waan jedheef qorannoof illee rakkisaadha.

Garuu akka amma hin jirre dubbatee jira.Qorattooni fi jedhaman akka jedhannitti sanduuqichi osoo mootichi
Yerusaalem hin qabatiin gaarota keessa awwalame.

Biyya keenya keessatti yeroo ammaa kana maqaa garaa
kennaniufu yeroo waaqessan ni argina. Kun immoo Macaafa Qulqulluunis ta‘ee seenadhaan kan
deeggaramu miti.siruma iyyuu kan wal dhiituudha malee. Saanduqichi sanduuqa kakuu Waaqayyooti malee maqaa amma kanaa hin qabu. Yookis immoo kan Goorgis,Aabboo ,Mikaa‘el, Maariyaam....miti.

Walumaa galatti sanduuqni kakuu fulduratti dhufaatii Yesuus argisiisaa ture.Gaaddiidduu dha;Kakuu haaraa keessatti qaamichatu mo‘a ,mul‘atas malee gaaddidduu miti .Taabotni dhugaan keenya Kristoos dha! Kanaafuu Taabotni kakuu haaraa keessatti akka hin barbaachisne ergamaa phawuloos sirritti dubbata! Warri wangeela kakuu haaraa ijaan hin argine immoo ammayyuu taanan taabota dhugaa dhiisanii isa gaadidduu waaqessuutti jiru. Waaqayyoo sammuu isaanii macaafaf akka banuuf kadhannaa keenya. Sababnisaa yoos malee dhugaa hubachuun ni ulfaata!
“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.”
— Luq. 24:45

Dubbii kun tahe dhaloota akka qaqqabu na gargaaraa!

“Nuyi dhugichaaf hojjenna malee, dhugicha irratti hojjechuu hin dandeenyu.”
— 2Qor. 13:8

Sola Bedasa

-Suuraan mil jalee barruu kanaa irratti argamu suuraa taaboota Ortodoksii Teewahidoo Itiyoophiyaa isa erbee cululuqaan/c...
18/01/2024

-Suuraan mil jalee barruu kanaa irratti argamu suuraa taaboota Ortodoksii Teewahidoo Itiyoophiyaa isa erbee cululuqaan/calaqqisaan haguugamee bor gara lagaa bu'u yoo ta'u,yommuu uffata irraa baafnu kana kan fakkaatu dha.

Egaa Taabootni bara kakuu moofaatti hojii qabeessaa fi humna kan qabu . Bara kakuu haaraatti garuu hoji maleessa dha.
Jechi ❞ ” jedhu ‛kana dura tureera ( past tense ) jechuu dha malee ammallee jira ykn Gara fuuldurattis itti fufa jechuu miti.
Sagalee kana qalbiin dubbifadhu!
✔📖 Ibr. 9:¹⁻⁵
.
¹ iyyuu lafa kana irratti seerrata sagadaa, godoo qulqullaa'aas qaba ture.
² Godoon tokko qopheeffamee ture; godicha keessaa kutaan gara balbalaa "Iddoo qulqulluu" jedhama ture; isa keessa, baattuu ibsaa, gabatee buddeena ilaalchaa isa Waaqayyo duratti dhi'aatu sana baatu buddeenichaa wajjin in kaa'u.
³ Golgaa isa lammaffaa garasiin inni jiru, inni gara booddee immoo, "Iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu" in jedhama.
⁴ Achi keessa immoo iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetamee ixaanni irratti aarfamu, akkasumas sanduuqa kakuu guutummaan isaa warqeedhaan uffifametu jira; killi warqee inni maannaa baatu, uleen Aaron inni late, akkasumas gabatoonni dhagaa lamaan warri abboommonni irratti caafaman, sanduuqa sana keessa in kaa'amu.
⁵ Kiruubel ulfinaa lamaan isa irraan teessoo araaraa golboobanii jiru turan; waa'ee wanta kana hundumaa tokko tokkoon dubbachuuf garuu .
👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Waa’ee kanaa yaadaa!! Fayyina bara baraa keenya ni dhabna erga ta’e,maaliif fayyina bara baraa jedhamee waamama? Moo mac...
08/01/2024

Waa’ee kanaa yaadaa!! Fayyina bara baraa keenya ni dhabna erga ta’e,
maaliif fayyina bara baraa jedhamee waamama? Moo macaafichi
dogooggora?
1. 1 Yoh 5:13 isiin warri maqaa ilma waaqayyootti amantan, jireenya bara
baraa qabaachuu kessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.
2. Yoh 3:15-16 kunis ilma namaatti kan amanu hundi jireenya bara baraa haa
qabaatuf ta’a. “waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti
biyya lafaa jaallate. Kun immoo kan isatti amanu hundinuu jireenya bara
baraa haa qabaatuf malee, haa baduuf miti!
3. Yoh 5:24 “dhuguma dhuguman isinitti hima, dubbiikoo dhagahee isa na
ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a kesssaa jireenya bara
baraatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”
 Akeeka Waaqayyoo dha. Waaqayyoo kakuu isaa haaluu in danda’a?
Dhuguma Waaqayyoo namni akka fayyuuf murteessee (yaadaan isa
qabee) deebi’ee akka inni baduu in godha? Matumaa,Waaqayyo si
filateera, isuma si’ega, hanga Kristosiin fakkachuu bira geessutti
jireenya kee keessatti hojjeta.
4. Rom 8:28-30 waaqayyo warra isa jaalatan karaa hundumaa gargaaree gara
gaariitti ni gessa; isaanoo warra akka akeeka isaatti waamamanii dha. Warra
duraan dursee beekumsa isaatiin fo’ate, fakkaatti ilma isaa isa obboloota
baay’eedhaaf angafa ta’uuf jiru, akka ta’aniif yaadaan isaan qabe. Warra
yaadaan isaan qabe immoo waamera; warra waame immoo qajeelota isaan
godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga’eera.
5. Efe 1:11-12 waaqayyo wanti hundinuu akka akeeka isaatii fi fedha isaatiitti
akka ta’u in godha; nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa
qabutti, karaa Kristoos foo’amneerra. Nuyi warri duraan dursinee kristoosin
abdii godhanne, ulfina isaatif galata akka taanuf nu fo’ate.
6. Efe 1:4 inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa’an, warra isa
duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristoos nu fo’ateera.

👉DHUGA BAATUU TAHI!👈➧Waldaa fi dhalootni ergama fi dhuga baatii Wangeelaa keeysaa bahe hundi kan jireenya dhaaban, summi...
25/11/2023

👉DHUGA BAATUU TAHI!👈

➧Waldaa fi dhalootni ergama fi dhuga baatii Wangeelaa keeysaa bahe hundi kan jireenya dhaaban, summiiwwan biyya lafaa fi jaalala isheetiiniis iddamaniidha. Kanaafuu dhuga baatuu tahi!

➧Waa'ee warra jiraatootiif Kitaabni Qulqulluun📖 hogguu dubbatu “Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu'u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu" isaaniin jedhe.” HoE. 1:8

🖊Gooftaa fi Fayyisaan keenya Yesuus Kristoos erga du'aa ka'een booda; lafaa fi waaqarrattiis aangoon guutuun akka isaf kannamtee fi hanga dhuma baraattiis akka isaan waliin tahu yeroo barattoota Isaa abdachiisetti; gara biyya lafaa hundumaa dhaquun saboota cuuphaa, barsiisaa fi duuka buutoota Isaa godhaa akka socho'an isaan ajaje kanaafiis kan isaan barbaachisu humna ol waaqarraa dhufu kan hidhannaa amantaa fi tajaajilaa guutuu taasisu Hafuura Qulqulluu akka arkachuuf jiran isaan abdachiisuu Isaa arkina. Humni kuniis kan dhuga bahiinsaaf gahaa isaan taasisu humna humnoota caalu tahuu arkina. Dhuga bahiinsaafiis daangaan isaan hin ceene hin jiraatu eegalliif Yeruusaaleem godhatanii handaarri fi daariin lafaa hundi ammoo kan isaaniif akeekamee fi murtaheedha. Kaayyoon guddaan ergama isaanitti kannamee ammoo du'aa fi du'aa ka'uu Yesuus labsuun namootniis amanuun karaa badiinsaa kan keeysa jiran, firdii du'aa kan itti hidhaman, bulchiisa sheyxaanaa kan keeysa jiran, amantaalee sobaa kan hordofan fi jiruu isaanii isa gadheerraa deebi'uun yaada garaa isaanii geeddaratanii abdii Abbaan dhaloota dhufuuf kanne akka dhaalan afeeruudha.

🖋Ergamoonni du'a, du'aa ka'uu fi Fayyisaa kophaa tahuu, mohichaan ol bahuu isaa fi ulfinaan deebi'ee dhufuu Isaaf dhuga baatuu tahuun; Yeruusaaleem irraa eegaluun lallabaa fi barsiisaa tajaajila dinqii fi milikkitaan guutame kan humni dhugaa itti mullate kennaa; ganna soddoma yeroo hin caalle keeysatti hanga qarqara lafaattiis ergicha waliin gahuun isaanii dhugaa Kitaabni Hujiin Ergamootaa nutti himuudha.

🖋Yaa amanaa dhugaa ati dhuga baatummaaf yaamamtee jirta; dirqama kana karaa milkaa'aa taheen akka raawwattuuf ammoo humni Hafuura Qulqulluu siif kannameera. Yeroo garii Hafuurri Qulqulluun afaan haaraya dubbachuuf, harka mataarra wal kaahuun humnaan arkachuuf, dinqii adda addaaf, mullataa arkuuf, ergaa dubbachuuf fi kkf qofaaf kan kanname hamma fakkaatutti lakkoofnee darbuun keenya ni mullatta; garuu isaan kunneen kannaawwan hafuuraa tahan illee kaayyoon Hafuurichi dhufeef ammoo Fayyistummaa Yesuus akka dubbannuuf dha. Dhuga bahiinsaaf jireenya keenya kan kannine taanee arkamneerra yoo tahe; kun mallattoo Hafuura Qulqulluun guutamuu keenyaa isa hangafa.

🖊Jacha "Dhuga baatoota kiyya taatu" ja'u yaaduun maatii, firoota, hiriyyoota, hidhatoota hujii keenyaa, namoota beeknuu fi carraa kamiin illee walitti dhufnu fi kkf hundaaf Fayyisaa fi karaa fayyinaa kan kophaa tahuu Yesuus dhugaa bahu qabna. Gaheen keenya dhuga baatummaa yoo tahu gaheen Gooftaa ammoo dubbii nuti dhugaa baanetti ija godhuun namoota fayyisuu fi tajaajila keenya malikkitootaan mirkaneeysuudha.

✝Yaa firoota koo hadaraa nutti kannamte finxaan baasuuf iddoon mijjataan eegnu hin jirtu, iddoo, yeroo fi haala kamuu keeysatti dirqama keenya haa baanuu!
Tajaajilli keenya iddoo osoo hin tahin laphee mijjata filata.
Namootni Fayyistummaa Yesuus akka dhugaa baanuuf barbaachisan Waldaa Kristiyaanaa qofa keeysa osoo hin tahin karaa fi iddoo nuti jiraannu, sochoonnu, hojjannu hundumaa guutaniiru. Kanaaf dhuga baatii fi lallaba ergama guddichaa tiif dirqama waltajjii Waldaa qofa nu hin feesisu, iddoon hundi dhuga baatuu dhugaa tiif waltajjiidha.

Mee torbee kana nama meeqaaf fayyisuu Yesuus dhugaa baate? Torban dura kee jirutti hoo nama meeqaaf dhugaa bahuuf karoora qabda?

🙏Eegaa
👉Dhuga baatoota haa taanuu!
👉Gooftaa ni jaalattaa? Fayyisuu Isaa dhalootatti himi!
👉Saba kee ni jaalattaa? Wangeela fayyinaa itti himi!

✍️

Maxxansa_256ffaa   Nagaan fi Araarri waaqayyoo Abbaa hunduma keessaniif ha baayatu! Jaallatamo kabajamoo ilmaan waaqayyo...
23/10/2023

Maxxansa_256ffaa


Nagaan fi Araarri waaqayyoo Abbaa hunduma keessaniif ha baayatu! Jaallatamo kabajamoo ilmaan waaqayyo,Baay'ee akkan garaakoo guutuu isin jaalladhu isinuu beektu! Mataduree gidduu kana waliin barachaa jirru" Gaaffilee gooftummaa Yesus irratti ka'aniif Deebii kennuu!" kan jedhu hanga kutaa 5tti ergaawwan ciccimaa akka waliin barachaa turre abdiin qaba! Namoonni argitanii hin dubbifanneef kutaawwan hunda link isaa dhuma barreffama kanaarra isiniif kaahera dubbisaa! Dubbisuun beekaa nama godhaa dubbisaa!kun kutaa barnoota keenya isa xumuraadha!

Egaa Waldaan isheen duraa(From Nicea to Constantinople) fi barsiisa sobaa waaqummaa Yesus Kiristoos hin fudhanne;obsaanis ilaaluu hin dandeenye ture. Haala kanas itti dhiyeenyaan mootichi
waan hordofaa tureef kaawunsiliin Biishooppotaa guutummaa biyya isaa
keessaa irratti walgahanii waa’ee Christology akka ibsa kennan godhe.

Akkuma kanaan bara 325tti kaawunsiliin kun geggeeffamuun yaadi waaqummaa Yesus Kiristoos hin fudhanne guutummaa guutuutti balaaleffachuun waaqumma Yesus Kiristoos, Gooftaa uumaa hundumaa, furii fi barabaraan kan jiraatu ta’uu isaa ibsa baase. Ibsichi
Kaawunsilicha irraa Yesus Kiristoosiin ilaalchisee ba’es akkas kan jedhu
ture: "One lord Jesus, the son of God, begotten from the father, God from
God, begotten not made, of the same being with the father, through whom all things were made, those in heaven and those on earth, who because of us humans and because of our salvation came down and
became flesh, becoming human, suffered and rose again."

Hiikaan isaa Afaan Oromooatiin: Gooftaan tokkichi Yesus, ilma Waaqayyoo, Abbaa irraa kan argame, Waaqa irraa kan argame, kan argame garuu kan hin uumamne, Abbaa waliin eenyummaa tokko kan qabu, karaa isaa wanti hundi kan uumame, wanti waaqa irraa jiruu fi lafa irra jiru martinuu, sababa fayyina keenyaa warra ilmaan namootaa taaneef waaqa irraa gadi bu’uun foon kan uffate, nama kan ta’e kan dhiphatee fi du’aa kan ka’ee."jedhame ibsame. Tokkummaan wantaa/substance/ fi qaama sadii wal hin faallesineen mul’achuun Waaqayyoo dhaloota bara sanaatti sirriitti waan ibsameef barsiisi sun kaawunsilii booda harca’aa dhufe.

Haa ta’u malee garuu namoota tokko tokkotti haalli kun bitaa itti galuun isaa hin hafne. Haala akkasii kana keessatti namni beekamaanii fi beekumsa tiyooloojii (theology) dhaan iddoo ol aanaa kan qabu maqaan isaa jedhamu waaqummaa Yesus Kiristoos irratti yaada bu’uura qabeessa tokko kaa’e. Innis kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa 2Phex.1:3-4 irratti xiyyeeffate. “His [Christ] divine power has given us everything we need
for life and godliness through our knowledge of him who called us by his own glory and goodness. for Through these
he has given us his very great and precious promises, so that through them you may participate in the divine nature
and escape the corruption in the world caused by evil desire

"Humni Waaqummaa isaa [Kiristoos] karaa isaa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaan waan jireenyaa fi nama Waaqayyoo ta'uu nu barbaachisu hundumaa nuu kenneera. Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin biyya lafaa keessa
jiru jalaa baatanii akka amala Waaqummaa isa sana keessatti hirmaannuuf"jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuu galeera. Akka inni jedhutti sababa amantii Kiristoositti qabnuuf eenyummaan keenya inni du’a keessaa/mortal/ gara jireenyaatti jijjiirama.

Sababa kanaan nuyis eenyummaa waaqummaa Kiristoos keessaa hirmaannaa qabna. Kiristoos Waaqa dhugaadha; kanaafuu inni nuyi eenyummaa waaqummaa isaa keessaa akka hinkoo/gahee/qooda/ qabaannu nu godhe. Utuu
Kiristoos guutummaatti waaqayyoo miti ta’ee guutummaan isaa nama ta’ee, fayyina keenya jennee kan faarsinu tokko iyyuu hin qabnu ture. Uumamnii fi fayyinni tasumaa gargar ba’uu hin danda’ani. Inni uumaa hundumaa danda’u waan ta’eef ofii isaa dhimma fayyina keenyaa raawwate; sababa kanaan uumamni kufee
ka’uudhaan gara eenyummaa isaa isa bu’uuraatti deebi’a” .dubbii kana kan dhugoomsu immoo kutawwan kanaadha!

“Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises.”
— Efe. 2:6
“Yesus du'ee du'aa akka ka'e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan karaa Yesus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna.”
— 1Tas. 4:14

Uumamni fi fayyinni/creation and salvation/ lachanuu hojii waaqayyoo, kan Yesus Kiristoosidha. Akka dhihaannaa falaasamaa fi waa’ee Waaqayyoo hubee-dhabuutti dhimmi kun sammuu namootaa keessa deddeebi’aa waan tureef mootiin kaawunsiliin akka geggeefamu godhe. Haaluma kanaan ammas kaawunsiliin kun waa’ee waaqummaa Yesus Kiristoosii fi walitti dhufeenya inni Abbaa waliin qabu irratti walii-galtee irra ga’uudhaan falmiin yeroo dhumaaf akka xumuramu godhe.

Nutis dhaloonni bara ammaa kana lafa kanarra jirru har'as taanan yoom illee, Yesus kristoos waaqayyoo dhugaa ta'uu isaa dubbachuuf booda deebihuu hinqabnu! Kun immoo afaanumaan ofumaa haasahuun utuu hin taanee Gad teenyee hubannan macaafa qayyabbachuun,kadhachuun,fi kitaaboota garaa garaa nu deggeran dubbisuun gaaffii nu gaafatamuuf deebii gahaa laachuu danda’uu qabna! Dhaloonni bara keenyaa baay'ee waan garaa isaaf tahuu nyaachuuf fiigicha wal dorgomaa malee namni Sammuu isaatti dubbii dhugaa nyaachuuf wal dorgomu yartuudha! Sababnisaa inni hamaan seexanni sun sammuu dhaloota cufeera! Akka isaan waan tokko dubbisanii hin hubanne godheera! Sammuun namoota bara kanaa mana onaa fakkateere! Haasaan kan harkaa badeedha! Namoota baay'ee waliin haasaheen akka dhaloonni bara kanaa dhugaa irraa fagaatan hubadheen! Namoonnii qaqqaxaleen dhugaa kana sirriitti dubbatan garuu akka jiranis hubadheera!Kanaaf hundumti keenyaa kallatti kamiin waa’ee kristoos kana waan hubanne ha dubbannu! Hubatanii dubbachuuf immoo baayyee dubbisuun barbaachisaadha! Kana akka goonuuf waaqayyoo hafuura isaa nuuf ha baayisu!

Sola Bedasa

Maxxansa_254ffaa========================== ? Yesus Israa'el keessatti dhalateef Israa'el qofa fayyisuu dhufe miti! Yesus...
18/10/2023

Maxxansa_254ffaa
==========================
?

Yesus Israa'el keessatti dhalateef Israa'el qofa fayyisuu dhufe miti! Yesus warra adii sana qofaa dhufe wanti jedhamu yaadumsa jireenya lafarraatti hirkachuu mullisa!Deebii gaaffii namoota baayyeen na gaafatamee ture.Addumaan immoo akka naannoo keenyatti haasawaa yeroo mara kahu keessaa waan na ajaahibu tokko jira.innis "Yesus oromoof hin dhufne;Oromoon waaqa mataa isaa (waaqa garaa gurraachaa)qaba"wanti jedhamu jira! Namni hamma isaaf gale dubbata waan taheef rakkoo hinqabu! Ani Namni maaliif akkas jedha jechuu hin danda'u.akka amantii kristaanaatti waan naaf gale,Wanti ani irratti dubbachuu barbaadu garuu Yesus saba Israa'el qofaaf akka hin dhufne,Addunyaa guutuuf akka dhufeedha!

Nagaan waaqayyoo bakka isin jirtanitti isiniif ha baayatu! Akkam jirtu? Maatiin keessanis nagaadhaa? Ani obboleessi keessan nagaa kiyya! Kun barnoota keenyaa marsaa 4ffaa dha! Marsaa 1,2,3 warri hin arganne link isaa dhuma barreffama kanaarra isiniif kaahera! Ykn Facebook koo seenuun maxxansa 251,252,253 dubbisaa!
? dubbin kun akka isiniif ha galuu maqaa kadhanna kooti

Yesuus kan inni biyya lafaa dhufeef dhala namaa cubbuudhaan dhuunfatame
aangoo du'aa jala galfame,humnaa fi bu'aa cubbuu jalaa baasuufiidha.Anaafi siin dabalatee jechuudha.mee armaan gaditti jechoota ani gurracheesse barressee xiinxalaa,ragaa macaafaa keessaati Yesus saba hundumaaf dhufuu isaa agariisa!

Ibr.2:15-Warra du'a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala
jiraatan birmaduu baase.

Rom.6:23-Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du"a; kennaan Waaqayyoo inni kiristoos gooftaa keenyaa wajjin kennamu garuu jireenya bara baraati.
Yeroo Addaamii fi Hewaan cubbuuti kufanii turan Waaqayyoo gara fuula duraatti dubartii irra kan dhalatu tokko birmadduu akka isaan baasu,seexanichas akka rukutu dubbatee ture.
ragaa macaafaa keessaa kunooti
3:15.Akkuma isaanitti dubbate jecha isaa kana,gochatti fiduuf Abrahaamiin yeroo filatus ,Uma.12:1-3, irratti karaa Abrahaam qomoo akka eebbisu kakuu isaa cimse. Akkuma Waaqayyo isaanitti dubbates yeroo isaa yeroo ga'u gooftaan keenya Yesuus kiristoos gara kana dhufe. Kan inni dhufeefis sanyii Israa'el qofa fayyisuudhaaf osoo hin taane, . Kanaaf immoo ragalee qabatamoo hedduun Macaafa qulqulluu keessatti ni argamu;Isaan keessaa muraasa yoo fudhane:Kan durse raajamee ha ilaalluu

A.Uma 3:15-Ani siifii dubartitti gidduu sanyii kee fi sanyii ishee gidduu diinummaa nan buusa;inni mataa kee ni buruksa atis koomee isaa ni hiddita. Kakuun kun sanyii Addaam irraa dhalatu bakka tokkotti kenname.

B.Isa 42:6...saba ani kakuu galeefif , ifa akka taatuuf si kenneera.

C. Isa 49:6 Waaqayyo ati garbicha anaaf ta'uun kee ifa,guutummaa biyyalafaa irra warra jiraniifis fayyina akka taatuuf malee,
gosa Yaaqoob( 'el) kaasuuf,Israa'el keessaas warra hafan deebisuu
miti.

D. Isa 11:10 Yommuus hiddi Isey akka faajjitti sabaaf ni dhaabbata, isa ni barbaaddata, iddoon inni boqotus ulfina qabeessa ni ta'a.

E. Luq 2:32-Inni ifa;warra saba Waaqayyoo hin ta'initti akka mul'atuuf, saba kee Israa'elitiifis ulfina akka ta'uuf
F. Hoe-13:47 Ani saba koo warra hin ta'iinif ibsaa,
fayyisaa akka taatuuf si kenneera.

Erga Yesuus dhufee kan dubbataman immooo

A. Yoh3:16-Waaqayyoo akkassitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti jaallate!

B.1yoh 2:2-Inni furee cubbuu keenyaati,cubbuu keenya qofaafis miti cubbuu malee.

C.yoh 1:29 -Ilaa hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu fuudhu.

D. 1yoh 4:14-Abbaan ilma isaa godhee akka erge,nuyi argineera,dhugaas ni baana.

E.yoh 6:51-Ani buddennicha jiraata isa waaqa irra gad bu'edha.

ammaaf kun isin gahaa.barreffamatu dheerata jedheen dhiise malee kuma 10 ol barressuu na dandaha! kutaa macaafa qulqulluu kana guutummaa ilaallee keessatti YESUUS aangoo Du'aa cabsee Dhaloota ifa ta'e malee qomoo tokko (Israa'eel) qofaaf dhufe miti.oromoon taanan,Israa'el,china,hindi,...waaqayyo mataa mataa isaanii hinqabuka!. Akkas yoo taheef waaqayyoolii qabu malee uuma tokkicha miti. Oromoon sanyuu irraa dhufe! Warra kuush immoo waaqayyoo tokkicha akka qaban macaafni ni dubbata!

“Waaqayyo, "Yaa namoota Israa'el, isin anaaf akkuma ijoollee Kuush warra fagoo sanaa mitii ree? ”— Amo. 9:7

“Inni dhufee isin warra fagoo turtanitti, isaan warra dhi'oo turanittis misraachoo nagaa lallabe.”— Efe. 2:17

Dubbii dhugaan " Eenyu illee kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ani ifa ta'ee gara kanaa dhufeera." Yoh 12: 46 jedha

Maaloo kottu duukkana keessaa gara ifaa! "Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe." (Yoh 3: 36)
====================
Namni kana dubbistan maaloo Kottaa dubbii dhugaa kana dhalootatti haa dubbannuu inni Humna qaba; Adaraa barreeffama kana Gartuu facebook tti taasisi second 30 fudhuutii.
Barreeffama kan biraayyuu share gochaa oollaati, kun dubbii waaqaati. Akkuma Share taasifteen eebbi ati hin yaadne jireenya kee haa argatu!
Waaqayyo Gaariidha. Atis Waaqayyo Gaariidha jedhi!
👉

Maxxansa_253ffaa========================== ?Ergaan kun "Yesus ergamaadha malee Gooftaa miti! Yesus eessatti 'Ani gooftaa...
17/10/2023

Maxxansa_253ffaa
==========================
?

Ergaan kun "Yesus ergamaadha malee Gooftaa miti! Yesus eessatti 'Ani gooftaadha naaf sagadaa'jedhee? Yesus ergamaa rabbiiti malee rabbii miti..." yaadota jedhaniif deebii dha!
Gaafffi ati ittin yeroo Mara qoramtu tahuu mala dubbisimee!

obboloonnikoo , waaqeffataan oromoo fi kannen biroon gaaffii kana baayyinaan na gaafachaa turtan! Kunoo Walitti qabee altokkoof isiniif maxxanseera! Gaaffi keessan kan biro boodan isiniif maxxansa! Ammaaf kana dubbisaa!

Nagaan,Araarri fi Ayyaannii waaqayyoo inni ulfina qabeessaa isiniif ha baayatu! Akkam jirtuu? Ani nagaa kooti! Ana faana Itti dadhabdanii warri barnootaa kana gochuun dhaloota biraan gaha jirtan waaqayyoo bara keessan hafe ha eebbisu! Egaa gidduu kana marsaa 1ffaa jalqabne barnoota "Eenyummaa Yesus irratti gaaffilee kahaniif deebii kennuu" jedhu waliin ilaalaa jirra! Kun barnoota keenyaa marsaa 3ffaadha! Marsaa 1ffaa fi 2ffaa warri hin dubbisne maxxansa 251ffaa fi 252ffaa timeline profile koo jalaa dubbisaa! Dhuma barreffama kanaa irrattis link isaa isiniif kaa'eera.Ammas ayyannii waaqayyoo daran isiniif ha baayatu! Jabaadhaa!!

Yesus Kiristoos durse ergamaa ture;erga du*ee du*aa ka’ee boodas gara iddoo isaa angafa ergamootaa ta’uutti akka deebi’etti ibsuu kan yaaluu warri barsiisa sobaa barsiisaniif dhugaa macaafa Qulqulluus beekumsa mataa isaaniin hubachuu yaalaniidha.Maaafni Qulqulluun kan inni Sagalee waaqayyooti jedhameef sababa yaaduu sammuu namaan ol taheefidhaa.sababni isaa sagaleen waaqayyoo sammuu namaan waan hin hubatamneef waaqayyoo namootaa macaafa kana hubachuuf fedha qabaniif qalbii isaanii bana! Waaqayyo nama hundaaf qalbii ha banu! Ameen!

Rakkoon macaafa qulqulluu hubachuu dadhabanii falmif kaasuun kun sammuun macaafa kana hubatu waan hin banamneef!
“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.” .24:45

kanaaf eenyummaan Yesus Kiristoos Waaqayyo tahuusaa kan hubatamuu sammuu keenyaan miti! Sammuu haaraa waaqayyoo namaaf kennuun malee.Rakkoo hubannaa yoo taheef malee Yesus yoom illee tasa ergamootatti hin beeku. Yesus ergamaa miti! Yesus Waaqayyoo jiraataadha. ?

Macaafni Qulqulluun Inni ergamaa akka hin taane nutti hima; Inni Ergaa Ibirootaa barreesse, “Waaqayyo Ilma isaa hangafa gara waan hundumaa gara biyya lafaatti yemmuu erge ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadani jedhe” (Ibr.1:6) jedha. Yesuus mootii moototaati malee miti (Mul Yoh.19:16).

Ergamaan nama irraa waaqeffaannaa hin fudhatu (M.Yoh.19:10; 20:9), Yesuus garuu waaqeffannaa simateera
(Yoh. 20:28).Ammas inni Ergaa Ibirootaa barreesse yommuu ibsutti, “Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ‘ ta’e, innis ilma anaaf in ta’a’ jedhee beeka?”(Ibr.1:5) jedha;

Kanaaf Yesuus ergamoota irra in caala (Ibr.1:1-4). Itti fufuuniis “Waaqayyo biyya lafaa isa dhufuuf jiru, isa nuyi waa’ee isaa dubbannu harka ergamootaa jala hin galchine” (Ibr.2:5).
Yesus immoo Gooftaan isaa fi Abbaa gidduu garaagarummaan akka hin jirre yommuu ibsetti “Abbaa fi ani tokko…” jedhee ibse.
“Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.” —Yoh. 10:30

Ergamichi Phaawulos ergaa isaa gara amantoota barreesse keessatti “Waaqayyo guutummaa waaqayyummaa isaatiin, isa keessa jiraachuutti gammadeera” (Qol.1:19) jedha.addummaan immoo Yesus waaqayyoo tahuu isaa kutaan ifaa ifatti falmii malee ibsu.(Isayas 9.6)” mucaan nuuf dhalateera,ilmi nuuf kennameera;humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira.maqaan isaa Gorsaa,Dinqii, ,Abbaa bara baraa angafa nagaa ni jedhama”
“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni isa guddicha, fayyisaa keenyas.”
— Tit. 2:13
kanaaf kutaan kun lamaan ifatti Yesusiin ' ' jedhee waama.

Ammas Yesuus akkas jedhe: “Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” (Yoh.8:59). Yesuus eenyummaa isaa yommuu ibsutti Mul’ata Yohaannis
1:8; 21:6; 22:13 iddoo sadan kanatti akkas jedhe:
“ ”.Kana jechuun Waaqayyo Abbaa waliin amala/ / tokko qabu. Eenyummaa Waaqayyo Abbaa waliin akka qooddatu hubachuun yoo barbaachise “Waaqayyo mootiin Israa'el Inni Israa'eliin furu, Waaqayyo Gooftaan maccaa, ‘Ani isa ti, isa , ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru’” (Isa.44:6) jedhee dubbate; Yesuusis akkuma kana “ ” (M.Yoh.1:8) jedhe.

Itti dabalees ani “…isa jalqabaati isa dhumaatis” (M.Yoh.13:22) jedhee dubbateera; ammas Alfaa fi Omeegaan, jalqabaa fi dhumni ana (M.Yoh.21:6).

Ergamaan Waaqayyo si’a takkaa iddoo tokkotti argama malee si’a takkaatti iddoo hundumaatti hin argamu (Daan.10); Yesuus Kiristoos garuu si’a takkaatti iddoo hundumaatti in argama (28:18-20).

Inni haala namaa beeka; iddoo barbaadanitti in argama/ /. Kana waan ta’eef Ergamootiin waaqa irraa jilbeeffatanii Yesuusiif sagadu (Ib.1:6; Filph.2:9-11) malee Yesuus tasumaa isaan keessaa akka isa tokkoo ta’uu hin danda’u. Kanaaf macaafni qulqulluun sagalee waaqayyoodha! Sagalee waaqayyoo immoo akka kitaaba saayikooloojitti xxinxallee waan hubannu miti! Kanaaf dubbii hafuura waaqayyoo qofaan namaaf gala! Hafuura qulquulluun dubbi kana cimsee yoo nama barsiisee malee beeekumsa mataa keenya tasuma namaaf galuu hin dandahu!

obboloota ko; isin barreffama kana dubbisuu yaadoftu. Garuu barreffama kana barressuun akkam akka nama dadhabsiisuu beektu! Waaqayyo garuu jabina isaa naaf kennera! Mee isin immoo Ergaa kun Sagalee waaqayyoo dha warri jettan adaraa adaraa waliif godhaa!yaada naaf barressaa!

👉

Address

Metu

Telephone

+251901849906

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaan Yesus Qofaa. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share