Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو

  • Home
  • Ethiopia
  • Mettu
  • Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو

Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو, Religious organisation, Mettu.

Bulchiinsa ammayyaa Naamusaafi dandeettii bu’uura godhatee barnoota Islaamaatiin hogganamu diriirsuudhaan hawaasa Muslimaa Magaalichaa gurmaa'e, Dirqama isaa bahatu, kan amantiif hawaas-diinagdeen dagaage, misoomaaf Nageenya biyyatti irratti tumsu uumudha

Assalamuyaleykum Warahmatullah !!Madarsaan Daarul Ulum  Barattoota isaa Marsaa 6ffaa Eebbisiise!!Majliisa Magaalaa Mattu...
30/08/2026

Assalamuyaleykum Warahmatullah !!

Madarsaan Daarul Ulum Barattoota isaa Marsaa 6ffaa Eebbisiise!!
Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو

Hagaya 24/12/2018 E.C(Rabi'al Awwal 17/1448 )Hijra

Madrasaan islaamaa Daarul Ulum Magaalaa Mattuu Barattoota isaa waggaa tokkoof barsiisaa Ture guyyaa har'aa bifa ho'aa ta'een Bakka Ulamaa'onniif Beektonni garagaraa argamanitti Eebbisiise jira!!
Sagantaa Kana Irratti Hooggantoonni Majliisa Magaalaa Mattuuf Godina Iluu abbaa Boor ergaa garagaraa Dabarsanii jiru!!

Baga Gammaddan!!

📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA 7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.Yak...
20/08/2026

📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA

7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.

Yakka Lubbuu Namaa ajjeesuu, Waraabuu fi Kallattiin (Live) karaa Social media TikTok Irratti Tamsaasuu Ilaalchisee Gumiin Ulamootaa Majlisa Oromiyaa balaaleffatee jira.

Jalqaba Faaruun kan Rabbii Aalamaatiif haa ta'u. Naganyi fi rahmatni Ergamaa Rabbii Nabii Muhammad (S.A.W), Maatii isaanii fi akkasumas sahaabota isaanii hunda irratti haa ta'u jedhaa.

​Rabbiin (SW) Qur'aana Kabajamaa keessatti akkaas jedha:
​“..Nama lubbuu namaa ajjeese (haqaan malee) ykn dachii irratti balleessaa malee nama ajjeese, akka nama uummata mara ajjeeseeti...” [Al-Maa'idah: 32]

​Ammas ni jedha:
​“Lubbuu Rabbii haraama godhe haqaan malee hin ajjeesinaa .” [Al-Israa: 33]

​Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:
​“Addunyan baduun Rabbiin biratti lubbuu muslimaa ajjeessuu caalaa salphaa dha.” (Tirmizii fi Nasaa'ii)

​Gumii Ulamaa'ota Oromiyaa gaddaa fi balaaleffatee jira. Guddaa Viidiyoo garaa laafessummaa malee lubbuu namaa ajjeesuu, waraabuu fi kallattiin (Live) TikTok irratti tamsaasamuun daangaa biyyoo alaa bakka addaa addaatti Sawud Arabiyaa irratti raawwatamee miidiyaa hawaasaa irratti ololaa jiru hordofee balaaleffatee jira.

​Qaamolee dhimmichii ilaallatu waan kana qorachuun taatechaa fi yakkamtoota adda baasuun dirqama isaanii ba'achuun Seeraatti akka dhiyeessan beeksisaa, Gumiin Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa ejjennoo Shari'aa ibsuu fi balaa kana irraa ummata akeekkachiisuun dirqama amantaa ta'uu beeksisee jira.

​Ijoo Ibsa Ijjannoo armaan gadii beeksisee jira.

​1️⃣ Lubbuu Haqaan Malee Ajjeesuun Haraama:

Amantaa Islaamaa biratti lubbuu namaa haqaan malee galaafachuun yakka Guddaa dha. Muslimas ta'e kan muslima hin taane (kan nagaa qabu) dhiigni isaanii eegamaadha. Sababa fedhii, gosa, siyaasa ykn haaloo ba'uutiin dhiiga dhangalaasuun gonkumaa hin eeyyamamne I see jira.

​2️⃣ Yakka Waraabuu fi Live Tamsaasaa Yakki Saalfachiisaan akkasii Balleessaa Hin Salphisu:

Yakki ajjeesanii Viidiyoo waraabuu fi kallattiin (Live) uummataaf tamsaasaniin ajjeechaa irratti yakka kabaja namaa sarbuu, sodaachisuu fi shororkaa uumuu dabalatee Yakka mul'isuun, ittiin dhaadachuun ykn kakachiisuun haraama akka ta'ees beeksisee jira.

​3️⃣ Viidiyoo Ajjeechaa fi Reeffa Maxxansuu dhorkamaa(Haraama) ta'uu:

Ulamaa'otni, Sheekoliin fi Ustaazotni Muslimoota mara akka akeekkachiisan viidiyoo ajjeechaa, qalchiisa ykn reeffa salphisu agarsiisu maxxansuu ykn dabarsanii erguun haraama ta'uu akka beeksisan Abbootii Amantii Islaamaa hundaaf ergaan darbee jira.

Viidiyoo mee akkasii maxxansuu irra qaamoota Nageenyaa hunda akka ga'amuu fi Kaayyoon saaxiluu yoo ta'eeyyuu, itti fufiinsaan tamsaasanii maatii miidhaan irra ga'e gaddisiisa fi sodaa biraa keessa galchuu irraa akka of qusatanu beeksisee jira.

Kan godhamuu qabu viidiyoo akkasii tamsaasuu dhiisuu fi qaama dhimmi ilaallatutti gabaasun barbaachisaa dha.

​4️⃣ Reeffa Salphisuu fi Kabaja Namaa Sarbuu:

Shari'aan Islaamaa kabaja nama lubbuun jirus ta'e kan du'e ni eega. Reeffa miidhuu fi salphisuun Shariaa irratti yakka Guddaa akka ta'ee beeksisee jira.

​5️⃣ Taatecha Sababeeffachuun FITNAA ykn Qormaata Uumuu Dhiisuu:

Yakka dhuunfaa sababeeffachuun saboota, gosa ykn naannoolee fi biyya fi biyya walitti buusuun, ykn yakka nama dhuunfaa uummata maratti fe'uun dhorkamaa ( haraama) ibsanii Jiruu.

​“Lubbuun kamiyyuu cubbuu lubbuu biraa hin baattu.” [Al-An'aam: 164]

​6️⃣ Oduu fi Viidiyoowwan Dhugaawummaa Isaanii Mirkaneessuu:

Miidiyaa hawaasaa irratti oduu fi viidiyoowwan madaallii malee gadi lakkifaman odoo hin mirkaneeffatin irratti hundaa'anii murteessuun ykn yakkitiin xureessuunis dhorgaadha.

​“Yaa warra amantan! Yoo namni faasiiqni oduudhaan isaan bira dhufe, qoradhaa sakatta'a. .” [Al-Hujuraat: 6]

​7️⃣ Itti Gaafatamummaa Qaamolee Seeraa:

Qaamoleen dhimmi ilaallatu yakka kana hatattamaan qorachuun yakkamtoota seeraatti akka dhiyeessan, akkasumas miidiyaa hawaasaa irratti jibbiinsa fi jeequmsa babal'isu uummata eeguu akka hojjetan beeksisanii jiruu.

​8️⃣ Ergaa Hawaasa Muslimaatiif:

Islaamummaan amantaa rahmaataa fi haqaati malee kan jeequmsaa fi haaloo ba'uu miti.
Kanaafuu Imaamota, du'aatota, Sheekoliin fi Ustaazota akkasumas Abbootii Amantaa fi dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa irratti kan jiran keessattuu dargaggoota irratti barnoota dhiiga namaa eeguu fi hammeenya suukanneessaa irraa fageessuu akka kennaan dhaamanii jira.

​Rabbiin dhiiga muslimootaa fi namoota nagaa hundaa haa eegu.

Biyya keenya irraa fitnaa fi sarbama mirgaa namaa haa eegnuu.
​Gumii Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa
7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.

Madda:
Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا

31/07/2026
Assalamuyaleykum Warahmatullah Majliisa Magaalaa MattuuAdoolessa 2018Dargaggoon humna Biyyaati!!kaawunsiliin Dargaggoota...
23/07/2026

Assalamuyaleykum Warahmatullah
Majliisa Magaalaa Mattuu
Adoolessa 2018

Dargaggoon humna Biyyaati!!
kaawunsiliin Dargaggoota Muslima Magaalaa Mattuu Bifa Bareedaan Qindaa'anii Hojiitti Seenanii Jiru!!
Hawaasniif Dargaggoonni Magaalaa Keenyaa Ijoollee keessan kana Daawachuun,waamicha isaaniillee Oowwachuun akkuma kaleessa Waliin Akka hirmaattan Kabajaan Affeeramtaanii jirtu!!
Dargaggoonni Hin galmoofnes Galmaa'a

Galmaa'uuf
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
Adoolessa 2018
Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو

Adoolessa 13/2018 (Safar 6, 1448 A.H.)Sochii biyyaalessaa (EMYC) dargaggoota miliyoona 5+ galmeessuuf taasifamu jalatti,...
20/07/2026

Adoolessa 13/2018 (Safar 6, 1448 A.H.)

Sochii biyyaalessaa (EMYC) dargaggoota miliyoona 5+ galmeessuuf taasifamu jalatti, nutis akka Magaalaa Mattuutti galmee keenya eegallee haala onnachiisaan gaggeessaa jirra. Hojii kana caalatti cimsuuf, guyyaa har'aa dargaggoota galmeessa kana irratti bobba'an waliin marii bu'a qabeessa gooneerra!

Dargaggoonni keenya kutannoodhaan Masjiidota Juuma'aa hundatti galmee kana qindoominaan hojjachaa jiru, gara fuulduraattis cimsanii kan itti fufan ta'a. Uummati keenyas akka jajjabeessitaniifi dargaggoota keenya bira akka nuuf dhaabbatan isin gaafanna.

Isin hoo galmooftaniittuu? Yoo hin galmaayin Amuma linki kanaan seenaa galmaa'aa:

Galmaahuuf
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/
https://membership.emyc.et/

madrasaan Nasiihatuddiin Magaalaa MattuuMajliisa Magaalaa Mattuu Adooleessa 5 bara 2018 Magaalaa Mattuu Barattoota Isaa ...
12/07/2026

madrasaan Nasiihatuddiin Magaalaa Mattuu

Majliisa Magaalaa Mattuu
Adooleessa 5 bara 2018 Magaalaa Mattuu Barattoota Isaa barsiisaa Ture Bakka Ulamaa'oonni,Ustaazoonni,Hooggantoonni Majliisaa fi Keessummoonni Garagaraa argamanitti Guyyaa Har'aa Haalaa Ho'aa ta'een Eebbisiise Jira!!

Madrasaa Imaamu-Shaafi'ii Barattoota Isaa EebbisiiseMajliisa Magaalaa Mattuu Adooleessa 5 bara 2018Madrasaan Imaamu-Shaf...
12/07/2026

Madrasaa Imaamu-Shaafi'ii Barattoota Isaa Eebbisiise

Majliisa Magaalaa Mattuu
Adooleessa 5 bara 2018
Madrasaan Imaamu-Shafi'ii Magaalaa Mattuu Barattoota Isaa barsiisaa Ture Bakka Ulamaa'oonni,Ustaazoonni,Keessummoonni Garagaraa argamanitti Guyyaa Har'aa Galma Bulchiinsa Ganda Abbaa Moleetti Haalaa Ho'aa ta'een Eebbisiise Jira!!

Mana Barumsaa fi Madrasaa Najjaashii Akkaadaamii Sagantaa Cufiinsa Mana Barumsaa fi Barattootaa Gaggeesse.**************...
05/07/2026

Mana Barumsaa fi Madrasaa Najjaashii Akkaadaamii Sagantaa Cufiinsa Mana Barumsaa fi Barattootaa Gaggeesse.
**************************************
Waxabajjii 28 2018
Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Akkaadaamii Najjaashii Barattoota isaa Eebbisiise Jira!!
Akkaadamiin Kun Barattoota kutaa 1-4 baayyinni isaanii 150 ta'u waxabajjii 20,2018 Kan Eebbisiise yoo Ta'u Guyyaa Har'aa Eebba KG-3ffaa Barattoota dhiira=94 dubara=71 waliigala 165 Guyyaa har'aa
Galma Waajjira Bulchiinsa Ganda Abbaa Moleetti Hoogganaan Majliisa Godina Ilu abbaaboor Sheek Abdallah Jamaal fi Sheek Xaahir Kaliiliif, Ulamaa,onniif Haayyoonni garagaraa bakka argamanitti Nagaan Eebbisiisee jira

Address

Mettu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majliisa Magaalaa Mattuu المجلس الأعلى للشؤون الإسلامية بمدينة متو posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share