WDB Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa

WDB Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from WDB Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa, Religious organisation, [email protected], Mettu.

23/01/2026
Kabaja Ayyaana Kataraa Magaalaa Mattuutti!Baga geessan
18/01/2026

Kabaja Ayyaana Kataraa Magaalaa Mattuutti!
Baga geessan

torbanuu
18/04/2025

torbanuu

Torbanuu Dubbii Fannoo Gooftaa Iyyasuus

Gooftaan keenna Iyyasuus Kiristoos Fannoo irratti jechoota torba dubbate. Isaanis Torbanuu dubbiifannoo mata duree je'uun akkasitti dhiyaateera.

1. "Waaqa koo Waaqa koo maaliif na dhiiste?" /Eelohee Elohee laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana Gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa du’aa) gara isaatti dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.

2. "Yaa Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif"(Luq. 23:34)
Fannisuu isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa ta’uusaa ibsuudhaaf jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.

3. "Har’a ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata" (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu” akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6) amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf ragaa bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh. 3:11).

4. "Yaa Abbaa lubbuu/ruuhii/ koo harka keettan imaanaa sitti kennadha" (Luq. 23:46)
Jecha kana kan dubbateef foon uffachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1.Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.

5. " Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee" (Yoh. 19:26-27)
Jecha kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.

6. "Nan dheebodhe" (Yoh. 19:28)
Kitaaba irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa, gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee qulqulluudhaan jaalachuu qabna.

7. "Ni raawwate" (Yoh. 19:30)
Wanti kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni Raajota qaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha. Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni. Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu
Kiraalaayisoon!

 Bara 2013 irraa eegalee Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa keessatti koree gara garaa ta'uudhaan tajaajila...
05/04/2025


Bara 2013 irraa eegalee Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa keessatti koree gara garaa ta'uudhaan tajaajilaa kan ture; akkasumas barsiisaa Yuunivarsiitii Mattuu kan ta'e Hundee Tarrafaa Aagaa kan jedhamu du'aan addunyaa kana irraa boqochuu isaatti gadda guddaatu nutti dhaga'ama.
Waaqayyo lubbuu isaa mirga qulqullootaa nuuf haa dhaabu.
Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa

Kan Waaqayyoon qabate hin sodaatu!
28/06/2024

Kan Waaqayyoon qabate hin sodaatu!

Mana Kiristaanaa Bootoo Tulluu Taaboor Iyyasuusii Mattuutti tajaajilaa kan turan lubni Daanyee Ascannaaqii boqochuu isaa...
15/12/2022

Mana Kiristaanaa Bootoo Tulluu Taaboor Iyyasuusii Mattuutti tajaajilaa kan turan lubni Daanyee Ascannaaqii boqochuu isaaniitiin gadda nutti dhagahame ibsachaa Waaqayyo Gooftaan lubbuu isaaniif boqonnaa haa kennu. Maatiiwwanii fi ijoolleewwan afuuraa isaaniif jajjabina haa kennu.

Miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa hundaaf:Page'n Kutaa Barumsaa fi Leenjii WDB Wiirtuu Mattuu jedhu kun yeroodhaaf namoot...
25/08/2022

Miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa hundaaf:
Page'n Kutaa Barumsaa fi Leenjii WDB Wiirtuu Mattuu jedhu kun yeroodhaaf namoota hin beekamneen hatamee waan jiruuf odeeffannoo asirratti gadi lakkifamu akka hin hordofne isin beeksisna.

Akka sirna mana kiristaanaa keenyatti guyyaa har'aa gaa'ela keessan kan raawwattan miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiir...
04/06/2022

Akka sirna mana kiristaanaa keenyatti guyyaa har'aa gaa'ela keessan kan raawwattan miseensota Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Mattuu kan taatan obboleessa keenya Barsiisaa Gammachuu Tadilaa fi Shamarree Seenaa Badhaasaa baga Waaqayyo guyyaa eebbifamaa kanaan isin gahe. Waaqayyo gaa'ela Abrihaamiifi Saraa eebbise gaa'ela keessan isiniif haa eebbisu.
Horaa bulaa deebanaa!

Sagantaa hundeeffamaa waggaa lammaffaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Yaayyoo
13/02/2022

Sagantaa hundeeffamaa waggaa lammaffaa Waldaa Duuka Bu'ootaa Damee Yaayyoo

Dilbata dhufu (Guraandhala 06/2014) sagantaa hundeeffama Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Mattuu Damee Yaayyoo kabajuuf Yaa...
09/02/2022

Dilbata dhufu (Guraandhala 06/2014) sagantaa hundeeffama Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Mattuu Damee Yaayyoo kabajuuf Yaayyootti wal haa agarru.

Shira Biyya Lallabaa Iluu Abbaa Boor irratti xaxamaa jiru ni balaaleffannaKaayyoo Abbaa Mikaa'eel ni milkeessina
02/02/2022

Shira Biyya Lallabaa Iluu Abbaa Boor irratti xaxamaa jiru ni balaaleffanna

Kaayyoo Abbaa Mikaa'eel ni milkeessina

Address

[email protected]
Mettu
1296

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WDB Wiirtuu Iluu Abbaa Booraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share