20/08/2026
➨ Ija hojii hafuuraa
“Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,”
Gal. 5:22
2.Gammachuu ( ደስታ)
“Waaqayyotti gammachuu
qabaadhu! Inni immoo kadhata
garaa kee siif in kenna.” ( Far. 37:4)
“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!” ( Filp. 4:4)
Hiikoo:
➨ Gammachuu jechuun ayyaana Waaqayyoo isa qulqulluu of keessaa qabaachuu jechuudha. Kana jechuun, namni ayyaana Waaqayyoo argate kamuu yeroo hundumaa ni gammada jechuudha. Kun filannoo utuu hin taane dirgama jijjirraa biraa hin qabneedha. Gammachuun ayyaana qabaachuu kan argisiisu yoo ta'u, ayyaana qabaachuufis yeroo hundumaa gooftaatti gammaduu qabna jechuudha.
➨ Macaafni qulqulluun keenyaa kanninni irraatti xiyyeeffatu gammachuu Gooftaafi isaa in dabarre isa waaqayyoo bira namaaf kennamurrattidha.
➨Gammachuun hafuura qulqulluu irraa kennama
haalaanis hin daanga'uu
Luq. 1:46-47
Maariyaam yommus,"Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi'eessa; hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha jette.
➨ Gammachuu Gooftaa jechuun : Miiraa itti quufinsa keessaa qabu(የውስጥ እሪካታ) Nagaa guutuu(ሙሉ ሰላም) fi isaa keessaa namati bahu. Tasgabbii hafuura waaqayyoorra qabachuufi haala amma mul'atu yookiin qabatama amma jiru irraatti utuun taane waaqayyoo isaa haala hundumaa jijjiiru irraatti gammachuu keessaa dhufuu, qabachuudha.
✍️ Dhalli nama bara jireenyaa isaa keessaatti argachuu kan inni barbaadu fi hawwuu keessa inni guddaan gammachuudha. Garuu dhalli nama gammachuu isaa guutu kan foonii, hafuura, Lubbuu kan argachuu danda'uu waaqayyo qofarrati. Gammachuun kaan guutuu miti.(Far 16:11; Filp 4:4;Rom 13:15) Gammachuu guddaa, isa nama utaalchisu kan argisiisu dha (Luq 10:21). Miira namatti tolu yoo ta'u, Macaafa Qulqulluu keessatti miira kophaa utuu hin taane, namni tokko Waaqayyootti guutummaatti amanachuudhaan waan inni jireenya isaa keessatti shaakaluu dha. Gammachuun Waaqayyo biraa kennama.
Gammachuun as biyya lafaa irratti mallattoo jireenya amanaa yommuu ta'u (IPhe 1:8), gammachuu guddaa isa Kiristos wajjin mootummaa Waaqayyoo isa dhufuuf jiru keessatti argamus ni argisiisa (Mul 19:7).
Eebbifamaa!
Waldaa Kiristaanaa Obbolootaa Gafarsa Corrisaa
Ethiopian Emanuel Evangelical Church Austin-EEECA
Ethiopian Christian Brethren Church Saris branch ecbcsb.org
fans