Bikila Workina Ministries

Bikila Workina Ministries Hojii Wangeelaa bifa nama hawwatuufi Waaqayyoon gammachiisuun hojjechuuf.

27/01/2026

Seerri, irra daddarbama. Ayyaanni garuu irra daddarbama osoo hin taane irraa kufama! Gal.4:4; Rom.5:20

12/01/2026

NOW THE main point of what we have to say is this: We have such a High Priest, One Who is seated at the right hand of the majestic [God] in heaven, [Ps. 110:1.]
—Hebrews 8:1

08/01/2026

Inni ofiisaatii saba isaa fayyisu dhalateera!

26/09/2025

You can't add to Christ without subtracting from Christ.

Kophaakoon dandeenye waa kamuusitu na faana dhaabate malee!Dadhabaaf laafaadha jilbikooofii kootiin hin qabu mogolee!Bu'...
30/08/2025

Kophaakoon dandeenye waa kamuu
situ na faana dhaabate malee!
Dadhabaaf laafaadha jilbikoo
ofii kootiin hin qabu mogolee!
Bu'aa ba'ii hedduutu jira
karaankoo naaf walin qixxaatu!
Fagoon nan ga'u humnikoo
takkaa homtuu wal naan qabatu!
Karoorakoo kana keessa
situ jiraaf as-na fide karaankoo!
Dubbii keetu amanamaadha
kanaaf abdii horate garaankoo!
Akka jette jirta yoomuu
akkasuma gootas garaan hirtu!
Utuu akka namaa taatee
silaa akkas naan mijatu homtuu!
Karoorrikee karaakoo mijeesse
akkan irra deemu daandii tottolaa!
Humnikees humnakoo naa ta'ee
miillakoo ariifachiise silaa nan okkolaa!
Utuu atin jirreetii na wajjiniin
har'a ga'uun abjuudhaanuu hin turre!
Jabaa ta'uukeef an-ragaa qaba
ergan sirratti ijaaramee hin bitintirre!
Buusee baasee itti yaadus
wanti humna kootiin ta'en jiru!
Dhamaatiikootiin kanan dalagadhe
yaadakeetiin ala taanaan hinturu!
Gombisaakoo keessaa sin qaba
dallaaf goorantookoo keessa sit-jira!
Harbuuf wayniin ija naaf kennan
jirmisaa si'idha maddisaa si bira!
Kankoo kan ta'e hin jiru dhuunfaankoo
hundisaa kankeeti waan ani qabu!
Waan naaf ta'u nan dhabsiiftu
keessakoo siyaadu hin goone agabuu!
Qabeenyakoo dhoksaa hin hatamne
sumatu naaf ta'a iddoo waan mul'atuu!
Haadhoon gaafa xiiqii an-abdadhu
qoodnikoo sidha abbaan naa dubbatu!

Bikila Workina Tulem

18/08/2025

Isa na fayyisetu nan ajjeefne malee
Isa na ulfeessetu nansalphifne malee
Tureem kankoo qilee!

24/07/2025

Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a*.

—Ibroota 2:18

24/07/2025

Waaqayyo Jira!!

10/09/2024

Yesuus Kiristoos baatee bara tokkoo gara bara isa itti aanuutti nu dabarseera!

Ayyaannii fi araarri Waaqayyoo, nagaan Kiristoosis  isiniif haa baay'atu. Akkam jirtu jaallatamtoonni maatii Waaqayyoo h...
24/08/2024

Ayyaannii fi araarri Waaqayyoo, nagaan Kiristoosis isiniif haa baay'atu. Akkam jirtu jaallatamtoonni maatii Waaqayyoo hundi keessan?
✍️Itti aansuudhaan, yeroo dhihoo asitti wantan miidiyaa hawaasaafi chaaneloota hafuuraa gurguddoo irraa dhaga'ee gaaffii natti ta'uu irraa kan ka'e kanan itti amanuu hin dandeenye, yaada hamma yowwanaatti akkan itti walii hin galle na godhe tokkotu jira. Yaadichas haala armaan gadii kanatti isiniifan dhi'eessa. Maaliif akkan itti walii hin galle immoo gaaffilee itti aananii jiran kaaseen jira. Namni ragaa Macaafa Qulqulluutiin wal bira qabee gaaffilee kana naaf deebise na amansiisuu danda'a. Haa ta'u malee, anis waanan hin fudhanne sababa muraasa ofiif kenneera. Yaada ani itti kenne ykn yaada kan isin itti kennitantu na amansiisa osoo hin taane, 'DHUGAA WANGEELAA'tu na amansiisa.

"Yeruma kadhattanitti [dhuunfaattis ta'e waldaa Kristaanaa keessatti] afaan hin beekamneen (afaan haaraa isa jennuun) kadhadhaa. Kunis akka Seexanni kadhata keessan dhaga'ee lola karaa biraatiin isinitti hin kaafneef, kadhanni keessanis akka milkaa'uuf isin gargaara. Afaan haaraadhaan kadhadhaa. Yeroo isin afaan haaraadhaan kadhattan Seexanni isin hin danda'u."

🙏Akka dhuunfaa kootti, bu'uura 1Qor.12 fi 1Qor.14 tiin afaan haaraadhaan kadhachuun dhugumaan bu'aa akka qabu nan beeka, ittis nan amana. Garuu, yeroon nuti ittiin kadhachuu qabnu murtaa'aa akka ta'ettin hubadha.



1, Afaan hin beekamneen dubbachuun kennaa hafuurri qulqulluun nama barbaadeef kennuudha moo Hafuura Qulqulluu isa sababii amanneef guyyaa fayyinaatiif warri lammaffaa dhalatan hundinuu ittiin mallatteeffamaniidhaa?
2, Hafuura Qulqulluu fudhachuufi Kennaa Afaan hin beekamneen dubbachuu argachuun hiika tokko qabaa?
3, Hafuuraan geggeeffamanii kadhachuu jechuun Afaan hin beekamneen kadhachuudhaa?
4, "Hafuurichi aaduu isaatiin isiniif in kadhata" (Rom.8:26) jechuun, Afaan hin beekamneen yeroo dubbannu nuuf kadhata jechuudhaa?
5, Afaan beeknuun yeroo kadhannu Seexanni kadhata keenya dhaga'ee, yeroo Afaan hin beekamneen kadhannu immoo dhuguma Seexanni nun dhaga'uu?
6, Yoo yeroo Afaan beeknuun kadhannu Seexanni nu dhaga'a ta'e, warri kennaa Afaan hin beekamneen dubbachuu hin qabne akkamitti kadhatanii milkaa'uu danda'uree?

“Haa ta'u iyyuu malee, waldaa kristiyaanaa keessatti afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuu irra, warra kaan barsiisuudhaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qabu shan duwwaa dubbachuu nan jaalladha.”
— 1Qor. 14:19

Waan irratti hirmaattaniif galatoomaa!
Ayyaanni Waaqayyoo isiniif haa baay'atu!!

Brother Bikila Workina Tulem

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bikila Workina Ministries posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Bikila Workina Ministries:

Share