21/07/2026
Qannoo Addisuu tiin
Dubbisa Gaarii
Oneesifooroos nama Eeshiyaa magaalaa Efesoon (Asia minor) ti.
Jireenyi isaa qajeelaa fi gaarii ture. Kanaaf yommuu
Phaawuloos roomaatti hidhamaa turetti dhaqee isa
jajjabeeessaa ture. Phaawuloosis kanatti garaa isaa guutuudhaan hedduu gammade. Gaarummaa Oneesifooroos isaaf godheefis Gooftaan waan gaarii akka isaaf deebisuuf kadhataafii ture. Kunis guyyaa guddaa isa guyyaa badhaasaa jedhamutti ture. Kanaaf Phaawuloos ximootewoosiif yommuu barreessu, akkana jedhe.
“Oneesiforos garuu deddeebi'ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anatti deddeebi'uu hin yeellaane. akkuma mandara Roomaa ga'een dhimmee ana barbaadee, na argates. Guyyaa sanatti goofticha biraa araara argachuun isaa jaalala gooftaa haa ta'u! Efesoonittis hammam akka inni anaaf ergame ati iyyuu ba'eessa gootee in beekta” 2Ximootewoos 1:16-18.
Xumura ergaa isaatii keessatti Phaawuloos waa’ee mana Oneesiifiroos akkas jedhee barreesse. “Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifrosittis nagaa koo anaaf himi. Erasxos Qorontositti hafe; Xirofimoos immoo dhukkubsannaan ani mandara Miilexositti isa dhiise. Utuu ganni hin lixin dhufuudhaaf dhama'i! Yubulos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiyaan, obboloonni hundinuu nagaa, siif ergu….” 2Ximootewoos 4:19-22.
Akka barreessitoonni jedhanitti namni hinaafaa fi gaariin kun geggeessaa waldaa Koloofoon ture. Akkasumas Korooniyaatti geggeessaa waldaa kiristaanaa tureera.
Wareegama isaa ilaalchisee ergamaan kun hidhata isaa Poorfiiriyaas jedhamuu wajjin jalqaba bakka Heeleespoontoos jedhamutti bineensaaf kennamanii ciniinnaa ilkaa bineensatiin gidirfaman. Bulchaan biyyaa firdii kana isaanitti mures Adiriyaanaas jedhama.
Booda fardeen bosonaatti hiisisee hamma du’aatti lafarra gotochiise. Kunis Neeroo mooticha jalatti ture. Ergamoonni kuns akkasitti gara boqonnaa bara baraa deeman.
kanaa fi kanneen kana fakkaatan kitaabileekoo Lakkoofsa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa keessaa argattu. Gabaarra waan jiruuf bitadhaa dubbisaa.
Ergaa kana fakkaatu fuula fb kanaan argachuuf like, share, follow Taaasiaaa.
Eebbifamaa.
!
Qannoo Addisuu