Dhugaan dhugaadha

Dhugaan dhugaadha Jesus is my life

24/02/2023

Dhaloota Gaarii Jibbe

Dhaloonni kun gaarii jibbee
Hammeenya sammuusatti kuusaa!
Waan qajeela irratti daboomee
Isa faallaaf dhiiga isaa buusaa!!

Har'as gaariin ofitti nu waama
Harka isaa lamaan bal'ifatee!
Dhalootatu garaa jabaatee
Bowwaatti nam'aa jira harkifatee!!

Gaariin dhaloota kana hin jibbine
Dhalootatu gaarii kana jibbee!!
Hamaa harka rukutee simatee
Gaarii ofirraa geggeessa sirbee!!

Shan keessa harka kaa'ee
Shan keessaa harka fuudhaa!
Gaarii dagatee sammuunsaa
Hammeenyaan beekamuudhaa!

Hamaan Sammuun keenya bokokee Bishaan waraaba akka tuubboo!!
Inni gaarii hojjetu hin jiraatuu Barri taateetti kan gubboo!!
Dhugaa walii dhoksee Dubbii walii dabsaa!!
Harraba isaa loosee Jechaan wal arrabsaa!!

Hiriyyaan garaa walii
Kan kaleessa maamilaa!!
Har'a dubbiidhaan wal dhabee
Ammuma wal saaxilaa!!

Namni wal jaallatee
Ammuma onnee waliif banaa!!
Osoo oolee hin bulin
Sin beekuudhan wal ganaa!!

Kun hundi kan ta'eef
Uumamatu wallaalee!!
Hammeenyatti wal kuffisaa
Sammuu walii sakaalee!!

Egaa kanaaf furmaatni maalii??
Jennee yoo wal gaafanne
Gaarii wajjin michoomuudha
Isa kaleessaa yaadannee!!

12/07/2022
29/06/2022

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaan dhugaadha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Dhugaan dhugaadha:

Share