08/08/2026
Jilli Perezdaantii Majilisa Federaalaa Sh/Hajjii Ibraahiim Tufaatiin durfamu magaalaa Jimmaa seeneera.
Hamiltan:Hagaya 02/2018 Finfinnee
Jilli Perezdaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sh/Hajjii Ibraahiim Tufaatiin durfamu magaalaa Jimmaa Seenee jira.
Jilli kun magaalaa Jimmaa buufata xiyyaaraa Abbaa Jifaar yeroo ga'utti aanga'oonni mootummaafi majilisaa akkasumas manguddooleedhaan simatamaniiru.
Jilli kunis magaalaa Jimmaa kan seene giddu gala qorannoo Abbaa Jifaar ijaarame eebbisuufi kaaniif dhagaa bu'uuraa ka'u,milkaa'ina sirna Hajjii bara kanaatiif ga'ee guddaa kan tapahatan Sadarkaa itti aanaa perezdaantiitti itti gaafatamaa dhimma Hajjii fi Umuraa kan ta'an Dr.Muhammad saalih Jamaaliif simannaa taasisuu akka ta'e odeeffannoon arganne ni addeessa.
Gama birootiin sirna eebba barattoota huffazota markaza Abbaa Jifaar guyyaa borii mooraa yunivarsitii Jimmaatti gaggeeffamu irrattis argamuuf akka ta'es odeeffannoon arganne ni muldhisa.
Tofik Temam (Jimmaa)