Waldaa Makaana Yesuus Qarcaa Magaala

Waldaa Makaana Yesuus Qarcaa Magaala Nuuti Garuu Kiristoos Isa Fannifame Lallabna.

Pirezindanti W/K/W/W/M/ Yesuus Sinoodos Kibbaa Itiyoophiya Hayyuu Dastaa Haroo Nama waaqayyoon biyya keenyaf Eebbaa godh...
27/08/2026

Pirezindanti W/K/W/W/M/ Yesuus Sinoodos Kibbaa Itiyoophiya Hayyuu Dastaa Haroo Nama waaqayyoon biyya keenyaf Eebbaa godhe kenne yeroo ta'u, Yeroo amma kana hojii Misiyooni (Ergama Guddicha) hojjachu keessatti Hayyuu hojii boonsa hojjata jiruudha. Bara hojii 2018 keessatti SKI hojii Misiyooni hojjatuun Sadarkaa 3ffaa bahuun Biiroo olaanaa irraan beekkamtin kan kenname yoo ta'u, Bara 2019 tti immoon hojii kana caalu hojjatuun sadarkaa kana caale akka galmeessitu shakkii hin qabu jedhuun Dhaadanno fi ijjannoo guddaa kaate jirti. Hayyuu keenya Dargaggeessi, Daa'immaan fi Guddaa fi Diqqaan si woliin jiraanne hojii Misiyooni ni hojjanna.💪💪

Ka'a hin kaana
Lubbuu baddee barbaanna
ka jigeelle hin kaanya
kolbaa badii baanya
jette faarffatte faarfattu Xirunesh Geelo (H.W)

W/K/W/W/ M/Y SKI tti hojii misiyooni (Ergama Guddicha) bara 2018 keessa hojii boonsa hojjatuun Biiroo Olaanaa Makaana Ye...
22/08/2026

W/K/W/W/ M/Y SKI tti hojii misiyooni (Ergama Guddicha) bara 2018 keessa hojii boonsa hojjatuun Biiroo Olaanaa Makaana Yesuus irraan Beekkamti argate jira.

https://www.youtube.com/

Oduu Muudama
22/08/2026

Oduu Muudama

21/08/2026

Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a.

Wongeela Maarqoosii 13:33

 Hagayya 11-17, 2018ALI 👉Luqqisii Duree: ''Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa h...
18/08/2026


Hagayya 11-17, 2018ALI

👉Luqqisii Duree: ''Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu/goru.'' Fakk. 22:6

👉Mata Duree: 'Maatii Jabaa : Dhaloota Milkaa'aaThe Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesusu@top fansnEECMY Youth MinistryrMakaanee Yesuus Haranfama GootuuuEECMY DARGEGEECMY Gogale congregation ጎጋሌ ከተማ መካነ ኢየሱስ ማ/ምዕመናንናን

‎ .‎             ‎Leenjiin barnoota Wongeela WKWWM Yesuus SKI Mana sagadaa M/Yesuus mishiinitti Guyyaa 3'f kennama ture ...
17/08/2026

‎ .

‎Leenjiin barnoota Wongeela WKWWM Yesuus SKI Mana sagadaa M/Yesuus mishiinitti Guyyaa 3'f kennama ture xumurame.
‎Daarekterri Dargaggoo fi Daa'immaani WKWWM/Yesuus itoophiyaa Hayyuun Wondimagenyi Uddeessa leenjii Mata-dureen isaa: “KAN WAAN ITTI AMANU BEEKU, DARGAGGEESSA DHIIBBAA UUMU” Jedhuun barnoota bu’uura Kitaaba Qulqulluu irratti xiyyeeffate kennani jiru. Akkasumas Kitaabilee adda addaa Guddinna mana sagadaatiif gumaata kennani jiru.
‎Xumura irratti Sagantichi Kadhannaa fi gorsa guddaan xumurame jira.


‎ ‎             ‎Leenjiin barnoota Wongeela WKWWM Yesuus SKI Mana sagadaa M/Yesuus mishiinitti dargaggootaaf kenname.‎Da...
15/08/2026



‎Leenjiin barnoota Wongeela WKWWM Yesuus SKI Mana sagadaa M/Yesuus mishiinitti dargaggootaaf kenname.
‎Daarekterri Dargaggoo fi Daa'immaani WKWWM/Yesuus itoophiyaa Hayyuun Wondimagenyi Uddeessa leenjii Mata-dureen isaa: “KAN WAAN ITTI AMANU BEEKU, DARGAGGEESSA DHIIBBAA UUMU” Jedhuun barnoota bu’uura Kitaaba Qulqulluu irratti xiyyeeffate kennani jiru. Guyyaa Boruu Miseensa guutuuf ni kennama.

15/08/2026


Ergaa Guyyaa Har'a
“Waaqayyo gaafuma sana halkan isatti mul'atee, "Ani Waaqayyo isa kan abbaa kee Abrahaam; ani sii wajjinan jira, ati immoo hin sodaatin! Garbicha koo Abrahaamiif jedhee sin eebbisa, sanyii kees nan baay'isa!" jedhe.”
— Uma. 26:24

14/08/2026

Guyyaa 08/12/2018
Ergaa Guyyaa adha
CUBBUUF BITAMUU DHABUU
Mat. 19:16-17

 DARGAGGOOTA KIRISTAANA MAGAALA BULEE HORAATIIFI NAANNAWA ISI'II HUNDAAF. SAGANTAA BARNOOTA HAFUURAA ADDAAWaldaa Kirista...
12/08/2026


DARGAGGOOTA KIRISTAANA MAGAALA BULEE HORAATIIFI NAANNAWA ISI'II HUNDAAF.

SAGANTAA BARNOOTA HAFUURAA ADDAA
Waldaa Kiristaanaa Worra Wongeelaa Makaane Yesuus Itoophiyaa, Mana Sagadaa Magaala Bulee Horaa Mishiiniitiin, kabaja woggaa 6ffaa Dargaggeessa Dhiibbaa Uumuu sababeeffachuun sagantaan barnoota hafuuraa addaa qophaa’eera.

Sagantaan kun Hagayya 4–10, 2018 kan turu yoo ta’u, barnootni isaa Jimaata ganama, sa’aatii 3:00 irraa eegalee kan jalqabu ta’a.
Mata-duree: “KAN WAAN ITTI AMANU BEEKU, DARGAGGEESSA DHIIBBAA UUMU”
Jedhuun,Sagantaan barnoota Dubbii Waaqaa, bu’uura Kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’uun kan kennamu waan ta’eef, dargaggoota, miseensota mana sagadaa fi namoota sagantaa kana irratti hirmaachuuf fedhii qaban hunda kabajaan affeerra.

Kottaa, waan itti amannu sirriitti haa beeknu; amantii keenna irratti hundaa’uun jireenya keenna, mana sagadaa keennaafi hawaasa keenna irratti dhiibbaa gaarii haa uumnu.

Hundi keessan afeeramtaniittu!
“Dargaggeessi waan itti amane beeku, dhaloota irratti dhiibbaa uuma.”

Tajaajilaa:- Hayyuu Wondimaagenyi Uddeessa Bidiree

Address

Kercha
Hagere Mariam

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Makaana Yesuus Qarcaa Magaala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share