02/06/2026
Umar bin Khaxxaab (R.A) nama haqaan bulchuu fi dhimma uummataatiif dhiphatu uummata keessa deemee hordofuun beekamu ture.
Umar halkan tokko osoo naannoo Madiinaa keessa deeme uummata sakatta'u, gojjoo xiqqoo Takka biratti haasawa haadhaa fi intala Takkaa dhaga'e:
Haadha: "Yaa intala too, ka'i aannan kanatti bishaan maki, kunoo bari'uuf deemaa."
Intala: "Akkamittan bishaan itti maka? Amiirri Mu'miniin (Umar) aannan bishaaniin makuu dhoorgee jiraa mii?"
Haadha: "Hunduu itti makaa jira, itti maki! Umar maalitti beeka, nuus hin argu ."
Intala (Deebii nama Rabbi sodaatuu): "Umar yoo nu arguu baate, Rabbiin Umar nu arga! Waan inni dhoorge ta Rabbiin jibbu fedhii tiyyaan hin raawwadhu!"
Umar gaaffi fi deebii kana yeroo dhaga'u hedduu dinqisiifate. Ganama bari'ee, ilma isaa Aasim as yaamee akkana jaâeen:
"Mana akkanaa dhaqi, intala mana sanirraa gaafadhu. Isii fuudhi! Isiin tun dubartii nama dhiirota Arabotaa hogganu dhaltu ta'uu isii niin abdadha."
(Umar nama Firaasaa (waan if duraa tilmaamuu) Rabbiin kanneefiidha.
Ilmi Umar, Aasimis intala san ni fuudhe.
Intalti tun ilma Umar (Aasim) irraa intala Umm Aasim jedhamtu deesse. Ummu Aasim tun immoo boodarra mootii beekamaa Abdul-Aziiz ibn Marwaanitti heerumte.
Kaan irraa maaltu dhalate ree? Umar ibn Abdul-Aziiz! mootii haqa-qabeessa seenaa Islaamaa keessatti sababa haqaan bulchuu isaatiif "Khaliifaa Shanaffaa" jaâamuun beekamuudha.
đĄLeeysi ibnu Saâad , addunyaa kanarratti dandeettiin waa if duratti tilmaamu (Firaasah) sadarkaa ol'aana namni qabu nama sadih(3) jaâa:
1 Firaasah Mootii Misraa(Aziiz): Yeroo inni Nabiyyullaa Yuusuf (A.S) keessatti dandeettii fi amanamummaa isaa arguun dursa beeke.
2 Firaasah Umar ibn al-Khattwaab: Yeroo inni intala aannan makuu didde sana keessatti dandeettii dhaloota gurguddoo deessu dursa arge.
3.Jaartii Firâownaa (Aasiyaa) yeroo Nabiyallaah Muusaan dasii ijaa naaf tahun hawwa jatte.
Madda Kitaabaa: Siiraha Umar ibn Abdul-Aziiz, Fuula 23-24.