Eenyummaa kiristoos

Eenyummaa kiristoos it is all about religious education

♦ #መስቀል(FANNOO)🗝🗝🗝🗝🗝🗝🗝✍️(1 Qorontos 1 ) ------------ 18 Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuu warra karaa badiisaa irra ji...
27/09/2021

♦ #መስቀል(FANNOO)
🗝🗝🗝🗝🗝🗝🗝
✍️(1 Qorontos 1 )
------------
18 Waa'ee fannifamuu Kristos dubbachuu warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti.
" የመስቀሉ ቃል ለሚጠፉት ሞኝነት፥ ለእኛ ለምንድን ግን የእግዚአብሔር ኃይል ነውና።"
(1ኛ ወደ ቆሮንቶስ ሰዎች 1:18)
..
23 Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immoo gowwummaa dha.

✍️macaafni qulqulluun humna waaqayyoo jedhee kan waamu kiristoos(የመስቀሉ ቃል)[ The word of the cross)malee muka fannoo miti.

✍️waa'een fannoo yeroo ka'u ka'uu kan qabu waa'ee mukaa osoo hin taane isa fanname kiristoosii fi kaayyoo fannifameef ta'uu qaba.

✅amantoonni muka fannoo irratti xiyyeeffannee isa fanniffame gooftaa dagannee wangeela fayyinee nama birootiif qooduu hin dandeenyu.

👉fakkeenyaaf:namni tokko garaan isaa dhukkubee shirooppiin ajajameefii isa fayyisuu shirrooppicha keessaa gadi naqee qaruuraa isaa baatee naannaa'aa yoo oole fayyuu hin danda'u.akkasumas isa fannifame gooftaa malee mukti irratti fannifame fayyisuu hin danda'u.
l" Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna. "
(1 Qorontos 1: 23)
sababiin isaas isa fannifameen:-
👉-ijoollee waaqayyoo taane yoh1:12
👉-fayyina arganne yoh 3:14-18
👉-jireenya bara baraa arganne(yoh 3፡16)
👉-du'a keessaa gara jireenyaatto dabarre yoh 5:24
👉-waaqayyoof qulleeffamne Ibr10:10
👉- fiixaan bane Ibr 10:14
👉-dhiifamuu cubbuu arganne.
ibr 10:17-18 rom 4:5-6
👉- firdii jalaa baane (rom 8:1)

❤egaa isa fanname kiristoosiin malee isa itti fannifame hin lallabnu.mukti itti fanniffame kayyoo kiristoos isa fannifamee malee waa'ee hin baasu.

❤️  -Bosheet❤️================= ✍️ kiristoos kakuu moofaa (Christ in Old Testament ) ♦️macaafonni kakuu moofaa waa'ee ki...
22/09/2021

❤️ -Bosheet❤️
=================

✍️ kiristoos kakuu moofaa (Christ in Old Testament )

♦️macaafonni kakuu moofaa waa'ee kiristoos kan dubbatanii fi gara isaatti kan hiikamanidha.

✍️Gooftaan yesuus macaafonni kakuu moofaa waa'ee isaa akka dubbatan dubbateera. Yoh 5:39,45-47

✍️macaafa musee fi macaafa rajootaa keessatti iddoo waa'ee isaatiif barreeffame hundumaa hiikeef ።

✍️Mootii Daawit fi Mefii Boosheet ፦
2sam 4፡4, 9፡4-13

✍️Mefii Boosheet ilma ilma sa'ool(ilma Yonaataan) dha፡፡

Sababni naafa ta'eef du'a saa'olii fi Yonaataan yemmuu dhaga'ametti guddiftuun isaa baqachuuf osoo ariiffattuu harkaa kufeeti.
2sam 4፡4

✍️Akaakayyuun mefii Boosheet saa'ol diina Daawit akka ture ni beekama
✔️ Akkasuma Addaam sababa cubbuutiin Diina waaqayyoo ta'e

✍️Abbaan mefii Boosheet Yoonaatan michuu Mootii Daawit waan tureef,Daawit Yoonaataniif jedhee gaarummaa agarsiisuu barbaade. 2sam 9፡7
✔️ waaqayyo karaa yesuus nama cubbamaaf dhiifama gochuu barbaade።
Yoh 3፡14-18,Rom3፡21,rom 4፡22- ,5:1, efe 2፡4-6

✍️mefii Boosheet mandara lodebaar(lafa onaa) keessa jiraataa ture. 2sam 9፡4
✔️ Ilmi namaa sababa cubbuutiif bakka argama waaqayyoo irraa fi karaa irraa badee kan ture ta'uu፡ Efe 2፡12, 1phex 2፡25

✍️Mefii Boosheet gara Mootii Daawit deemuuf miilli isaa naafa waan tureef mootiin Daawit nama ergeefii gara isaa akka dhufu godhe. 2sam 9፡5
✔️cubbamaa kan ta'e ilmi namaa dandeettii isaatiin gara waaqayyoo dhufuu waan hin dandeenyeef waaqayyoo nama cubbamaa karaa kiristoos ofitti dhiheesse.efe 2፡8, rom3፡21-24 , rom 5፡6-10,

✍️Mootiin Daawit yoonaataniif jedhe Mefii Boosheetiif gaarummaan agarsiise
2sam 9፡7
1) Akka Ilma mootii Daawit ta'e
2) maaddii Mootii Irraa nyaate
3) yeruusaalme mootii waliin jiraachuu eegale
4) Qabeenya akaakayyuu isaa(kan saa'ol) deebiseefi

✔️Akkasuma waaqayyo nama cubbamaatiif karaa kiristoos
1) ilma isaa nu taasise
2) Ulfinaan mirga kiristoos nu teessise
3) Buddeena jireenyaa kan ta'e kiristoosiin nuu kenne.
4) yeruusaalem ishee haaraa keessa akka kiristoos waliin jiraannu taasise
5)Eebbaa sababa addaamiif dhabne caalaa karaa kiristoos nu eebbise. Efe 1፡3, yoh1፡12,1yoh 3፡1
Efe 2:6-7,ibr12:22-24

21/01/2021

Yesuus Fayyisaa lubbuu Namootaati.Haleeluyyaa

Address

Fitche

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eenyummaa kiristoos posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share