Gatii Dhiiga/blood value

Gatii Dhiiga/blood value Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gatii Dhiiga/blood value, Religious Center, Ambo, Ejaji.

Kirstaana
07/07/2024

Kirstaana

04/01/2023
Yaalun cubbuu hin qabu link kana yaala maybe atis akka mansur jamal carra kee tau danda'a yaali!!
01/01/2023

Yaalun cubbuu hin qabu link kana yaala maybe atis akka mansur jamal carra kee tau danda'a yaali!!

Sign up to get $10 instantly and generate 3%-7% daily income

07/12/2019
01/06/2019

ABUKAATOO YESUS,....

yesus abukaatoo ni barbaadaa?

24/04/2019

1. Maartiin Luuter Kiing: Dukkanni dukkana hin balleessu, ifa qofatu balleessuu danda’a. Jibbi jibba hin balleessu, jaalala qofaatu balleessuu danda’a.

–Humni guddaan diina ofii ofitti firoomfachuu nama dandeessisu jaalaladha.

–Jaalalatti qabamee jiraachuuf murteesseen jira. Jibbi ba’aa ulfaataadha.

2. Maahatama Gaandii: Yeroo hundumaa yaada, dubbii fi hojii kee guutummaatti tokko gochuu yaali. Yeroo hundumaa yaadota kee qulqulleessi, inni kaan hundinuu gaarii ta’uuf jiraa.

–Gammachuun, yeroo wanti ati yaaddu, dubbattuu fi hojjetu tokko ta’udha.

–Cubbuu jibbi, cubbamaa garuu jaalladhu.

–Eenyummaa koo guutummaatti ibsachuuf bilisummaa na barbaachisa.

–Namni dadhabaan dhiifama gochuu hin danda’u.Kan dhiifama godhu haala nama jabaadha.

–Qooda ijaa iji haa ba’u kan jedhu, guutummaa addunyaa jaamaa godha.

3. Abrahaam Liinken: Dhuma irratti kan siif lakkaa’amu waggoota jireenya kee keessa jiran miti. Jireenya waggoota kee keessa jirudha!

–Abjuun koo, Amerikaan abdii adduunyaa kanaa yeroo taatu arguudha. Miilli kee bakka sirrii dhaabbchuusaa mirkaneeffadhu, isa booda qajeelii dhaabadhu.

–Muka kana akkan muru sa’atii ja’a yoo naa kennitan, jahan keessaa sa’atii afran qottoo koo qarachuudhaanan dabarsa.

–Kan na yaaddessu Waaqayyo nu cina dhaabachuu isaa miti; guddaa kan na yaachisu nuti toora Waaqayyoo irra dhaabachuu keenyadha, Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha waan ta’eef.

–Tooftaan cimaa diina ofii itti balleessan, fira ofii godhachuudhaani.

–Yeroo murtaa’eef namoota hundumaa ykn namoota muraasa gowwomsuu dandeessa ta’a, garuu yeroo hundumaa gowwomsuu hin dandeessu.

–Abbaan abbaa kootii eenyuyyuu yoo ta’e dhimma koo miti. Kan na yaachisu ilmi ilma isaa eenyu ta’uuf akka jirudha.
4. Maazer Tereezaa: Waaqayyo akka milkoofnu nurraa hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa nurraa eega.

–Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo dadhabde, nama tokko nyaachisi.

–Namoota nurraa fagoo jiran jaallachuun salphaadha. Warra nutti dhi’oo jiran jaallachuun garuu yeroo hundumaa salphaa miti.

–Wanti guddaan Hammam akka kennine miti.Waan kenninetti jaalala hammamii akka daballedha.

–Wanta gaarii ati har’a hojjetu, namoonni bor ni irraanfatu ta’a. Waanuma hundaafuu, waan gaarii hojjedhu!

–Addunyaa keenya irraa daabboo dhabanii du’aa kan jiran hedduudha, jaalala dhabanii du’aa kan jiran immoo isaan sana caalu.

–Wanti nuti hojjennu coba galaanaa caalaa xiqqaadha. Yoo nuti keessaa hafne garuu galaanichi waan tokko dhabeera jechuudha.

5. Niilsen Maandeellaa: Addunyaa kana jijjiiruuf meeshaa guddaan, hunda caalaa humna qabu barnootadha!

–Namoota isaan kaan of dura buusanii ofii booda ta’anii hoogganuun gaariidha, keessumaa yeroo injifannoo fi wantonni gaggaariin nu mudatan. Yeroo balaan jiru garuu ofii fuula dura dhaabachuun gaariidha. Isa booda namoonni hooggansa keenya ni ajaa’ibsiifatu.

–Namni tokko itti ol ba’uuf gaaronni hedduun akka isa hafan kan argu, gaara tokko erga ol ba’ee boodadha.

–Hamma hojjetanii arganitti yeroo hundumaa waan hin danda’amne fakkaata!

–Afaan inni hubachuu danda’uun nama tokkotti yoo dubbatte dubbiin kee gara mataa isaa deema. Afaan isaatiin yoo itti dubbatte garuu dubbichi gara laphee isaa deema.

–Diina kee waliin nagaa buusuu yoo barbaadde, isa waliin hojjechuu qabda. Isa booda innuu fira siif ta’a.

–Namoonni jajjaboon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan.

–Lammiileen ishee hamma baratanitti,biyyi guddachuu dandeessu hin jirtu.

–Abjuun koo Afrikaa nagaa qabdu arguudha.

17/02/2019

08/08/2018

YESUS WAAN HUNDAA KEENYA?
yoh1 .irratti hunda'udhaan kan qodhaa'e


OBSA QABAADHU
Jireenyi yesus keessa jira,jireenyichis ifa namootati.ifni immo dukkana in ibsa. dukkannis isabira gahu hin danda'u sababni isa ifni fi dukkanni mana tokko hin bulan ifni kee sif dhufeera kanaaf ka'i ibsi malee guubo jala hin ka'in innoo jamaa si godha yesus ifa fayyina keenyaas isa keessa nagaan jira warri isatti amanan... ..itti fufa

Address

Ambo
Ejaji
TT

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gatii Dhiiga/blood value posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Gatii Dhiiga/blood value:

Share