DMJ-Dodola Muslim Jeme’a Official Jama’aa Musliimota Dodolaa ዶዶላ ሙስሊም ጀመኣ

  • Home
  • Ethiopia
  • Dodola
  • DMJ-Dodola Muslim Jeme’a Official Jama’aa Musliimota Dodolaa ዶዶላ ሙስሊም ጀመኣ

DMJ-Dodola Muslim Jeme’a Official Jama’aa Musliimota Dodolaa ዶዶላ ሙስሊም ጀመኣ DMJ “Jijjiirama Hawaasaatiif kan Onnatte”

Masjiida Qubaa'ii Magaalaa Dodolaa   🌟📖 ​Alhamdulillah! Guyyaa seena-qabeessa guddaa! ​Sagantaan Eebba Bartoota Qur'aana...
04/01/2026

Masjiida Qubaa'ii Magaalaa Dodolaa 🌟📖

​Alhamdulillah! Guyyaa seena-qabeessa guddaa!

​Sagantaan Eebba Bartoota Qur'aanaa haala adda ta'een,Masjida Qubaa'ii, Magaalaa Dodolaa keessatti gaggeeffamaa jira.
​Sagantaa kana irratti, Itti aanaa Hogganaa Majliisa Magaalaa Dodolaa fi Hogganaan Dargaggoota Musliima Magaalaa Dodolaa dabalatee, keessummoonni kabajaa hedduun irratti argamanii jiru! 💚🤍🖤

​Maatiiwwan, barsiisotaafi namoota saganticharratti hirmaattan maraaf galanni keessan Jannata haa ta'u! Jzk Kheyran!

DMJ jijjiiramaa Hawaasaatiif Kan Onnatte!

Giddu Gala Buufata Galmee Hajjiiየኦሮምያ መጅሊስ የ1447 ሀጅ ምዝገባ ጣብያዎችBuufata Galmee Majlisa Naannoo Oromiyaa Hajjii Bara 1447|2...
04/12/2025

Giddu Gala Buufata Galmee Hajjii
የኦሮምያ መጅሊስ የ1447 ሀጅ ምዝገባ ጣብያዎች
Buufata Galmee Majlisa Naannoo Oromiyaa Hajjii Bara 1447|2018 tiif

Share gochuun Hawaasa Muslimaa biraan ga'aa

Dodolaa muslim jeme’a

Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa ➔Kaawunsiliin Dargaggootaa Muslimaa Oromiyaa Muudama Caasaa haaraa guutuu  taa...
23/11/2025

Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa

➔Kaawunsiliin Dargaggootaa Muslimaa Oromiyaa Muudama Caasaa haaraa guutuu taasisuu isaa ifoomsee Jira.

Sadaasa 12/03/2018

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Naannoo Oromiyaa hundeeffamee hojitti galuun yeroo muraasa keessatti waajjira dameewwan Godinootaa fi Magaalota Oromiyaa keessatti bakka gara garaatti kan bane yoo ta'u, Miseensota Koree hojii raawwachiiftuu fi Caaseffama Gita Hojii adda addaa guyyaa Kaleessaa kennee jira.

Bu'uuruma kanaan caasaawwan ga'ee hojii fi aangeeffamni haala armaan gadiitiin kennameera.

➔ Ustaaz Abbaas Ibraahim Ahmad - Itti Aanaa Pireezidaantii Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔Injinar Fatihii Ahmad Umar - Barreessaa Olaanaa Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔ Ustaaz Najjaashii Muhammad Ibraahim - Hoogganaa Kutaa Da’awaa fi Tarbiyaa Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔ Barsiisaa Kadiir Amaanoo Waajjiraa Hoogganaa Kutaa Barnootaa fi Leenjii Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔ Ustaaz Hamzaa Muhammad Arabii - itti gaafatamaa Kutaa Miidiyaa fi Qunnamtii Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa.

➔Ustaaz Saafii Yahyaa Hajii - Hoogganaa Kutaa Tajaajila Hawaasummaa fi Tola ooltummaa Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔Ustaaz Kheeyrraddiin Suleeymaan Abdoo - Kutaa Hoggansaa fi Bulchiinsaa Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➔Ustaaz Mubaarak Hasan Shumat - Hoogganaa Kutaa Piroojektii fi Sagantaalee Kaawunsilii Dargaggoota Oromiyaa

➤Bara hojii gaarii!!

•••••••••••••••••••••••••••••••••
゚viralシfypシ゚viralシalシ

ኢና ሊላሂ ወኢና ኢለይሂ ራጂዑንሙፍቲ ሐጂ ኡመር ኢድሪስ ባጋጠማቸው ህመም በህክምና ሲረዱ ቆይተው ወደ አኼራ ሄደዋል::አላህ መልካም አበርክቷቸውን ይቀበላቸው፣ ምህረቱን ይለግሳቸው፣ በጀነተል...
19/10/2025

ኢና ሊላሂ ወኢና ኢለይሂ ራጂዑን

ሙፍቲ ሐጂ ኡመር ኢድሪስ ባጋጠማቸው ህመም በህክምና ሲረዱ ቆይተው ወደ አኼራ ሄደዋል::

አላህ መልካም አበርክቷቸውን ይቀበላቸው፣ ምህረቱን ይለግሳቸው፣ በጀነተል ፊርዶስ ይመንዳቸው

Inna lillaahi waa inna ileyhi raaji’uun

M***i haji umar Idris dhibee isaan mudateen yaalama turanis dhumaratti gara fuula rabbi deemaniiru.

Rabbin hojii toltuu dalagan irra haajalatu,araarama rabbii haakennuuf, jannatan ofii haa kennuf.

◾️Dodolaa Muslim Jama'aa

06/10/2025

«Namni Dhimmi Muslimootaa isa Hin Yaachifne nurraahii miti» Rasuul ﷺ
«የሙስሊሞች ጉዳይ ያላሳሰበው ከኛ አይደለም!» ብለዋል ረሱል ﷺ።

አላህ ሙሉ አፊያህን ይመልሰው አሚራችን 🤲Ustaaz_Abu_BakarAhmad Dhukkubsatee Ciisaa Jira  Hundumti keessanuu Duayii Godhaafii Du’aa’iin ...
01/10/2025

አላህ ሙሉ አፊያህን ይመልሰው አሚራችን 🤲

Ustaaz_Abu_BakarAhmad Dhukkubsatee Ciisaa Jira Hundumti keessanuu Duayii Godhaafii
Du’aa’iin Obboleessaa Dawaadhaa 😥
Yaa Rabbi Nuuf Aafiyi Yaa Rahmaan ☝️🤲🏼

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun..😢Sheekni waggoota dheeraaf Masjiida Nabiyyii kan ta'e (Al-Masjid An-Nabawi) t...
01/10/2025

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun..😢

Sheekni waggoota dheeraaf Masjiida Nabiyyii kan ta'e (Al-Masjid An-Nabawi) tajaajiluun beekkamu Sheek Bashiir bin Ahmed Siddiq gama fuula Rabbii deemanii jiru!!

Rabbiin Raammata godheefii Jannatul firdoosii haa kennuuf!!

በሙስሊም ተማሪዎች ሊግ እና በኢትዮጵያ ሙስሊም ወጣቶች ካውንስል በጋራ የተዘጋጀውና ለተማሪዎች ዕውቅና የሚሰጠው የኢብን ኸልዱን ስታርስ አዋርድ ለዐሥረኛ ጊዜ በአዲስ አበባ አድዋ ሙዝየም አዳ...
27/09/2025

በሙስሊም ተማሪዎች ሊግ እና በኢትዮጵያ ሙስሊም ወጣቶች ካውንስል በጋራ የተዘጋጀውና ለተማሪዎች ዕውቅና የሚሰጠው የኢብን ኸልዱን ስታርስ አዋርድ ለዐሥረኛ ጊዜ በአዲስ አበባ አድዋ ሙዝየም አዳራሽ ተከናውኗል።

በ6ኛ እና በ8ኛ ክፍል ከተማ አቀፍ ፈተና እንዲሁም በ12ኛ ከፍል ብሔራዊ ፈተና የላቀ ውጤት ያመጡ ተማሪዎች ዕውቅና ባገኙበት ልዩ የሽልማት ሥነ‐ስርዐት ላይ የኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ምክር ቤት አመራሮች፣ የአዲስ አበባ ከተማ እና የኦሮሚያ ክልል እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ምክር ቤቶች አመራሮች፣ እውቅ የእስልምና ሊቃውንት፣ የተሸላሚ ተማሪዎች ቤተሰቦችና ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች ተሣታፊ ሆነዋል።

መሰል የትውልዱን ሞራል የሚገነቡ መሰናዶዎች ሊበረታቱ እንደሚገባ እያስታወስኩ፤ ለመድረኩ አዘጋጆች ላቅ ያለ ምስጋናዬን አቀርባለሁ። በዚሁ አጋጣሚ ባገኛችሁት ከፍተኛ ውጤት ዕውቅና ለተሰጣችሁ ተማሪዎች እንዲሁም የተማሪ ወላጆች እንኳን ደስ አላችሁ ::

Galatooma!kaawunisillii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa barattootaa sadarkaa Olaanaa akka Itiyoophiyaa magaalaa Dodola...
27/09/2025

Galatooma!

kaawunisillii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa barattootaa sadarkaa Olaanaa akka Itiyoophiyaa magaalaa Dodolaara fidaanif beekamtii fi badhaasa keenefi jira.

Barattoota Musliimaa Bu’aa Olaanaa Galmeessan Badhaase
Liigiin Barattoota Musliimaa fi Kaawunsilii Dargaggoota Islaama Itiyoophiyaa waliin ta’uun barattoota Musliimaa bu’aa olaanaa galmeessan biyyatti keessatti galma yaadannoo Adwaa, Finfinneetti badhaaseera.

Badhaasni Urjii Ibn Khalduun, barattoota Musliimaa kutaalee biyyattii gara garaa keessatti bu’aa olaanaa galmeessaniif yeroo 10ffaaf kenname, haasaa baniinsaa Dura taa’aan Boordii Liigii Barattoota Musliimaa, Muhammad Najaa Shukur, ibsaniiru.

Pireezidaantiin Mana Maree Dargaggoota Musliimaa Itiyoophiyaa, Ustaaz Haaydar Khedir, barattoota jajjabeessuun hojii mana marichaa isa jalqabaa ta’uu ibsanii, gara fuulduraattis Liigii Barattoota Musliimaa waliin hojii biroo raawwachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

Badhaasni kun barattoota Musliimaa qormaata biyyoolessaa kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa irratti qabxii olaanaa galmeessaniif kennamee jira. Barattootaaf waraqaa ragaa, waancaa fi badhaasa addaa kennameera.

Sirna badhaasa kana irratti hoggantoonni olaanoo Majlisaa, qondaaltonni Mana Maree Dargaggoota Musliimaa, hayyoonni, barsiisonni, fi keessummoonni biroo hedduun argamaniiru.

Ethiopian Muslim Youth Council

Dodolaa Muslim Jama'aa Jijjiirama Hawaasaatiif kan Onnatte!

Sheek Dr. Saalih bin Humaayid M***ii Guddaa Sa'udii ta'uun muudamaniiru.Sheek Dr. Saalih bin Humaayid M***ii Guddaa Sa'u...
24/09/2025

Sheek Dr. Saalih bin Humaayid M***ii Guddaa Sa'udii ta'uun muudamaniiru.

Sheek Dr. Saalih bin Humaayid M***ii Guddaa Sa'udii Arabiyaa, Eegduu Masjiidota Harameyni (Makkaa fi Madiinaa), akkasumas Hogganaa Ol'aanaa Mana Maree Ulamaa'ota Sa'udii ta'uun muudamuu isaanii Inside Haramain maddeen keessoo wabeeffachuun gabaaseera.

Sheek Dr. Saalih bin Humaayid M***ii Guddaa Sa'udii Arabiyaa Sheek Abdul Aziiz bin Abdullaah Al-Sheek waggoota 26f Sa'udii Arabiyaa keessatti M***ii ta'uun tajaajilaa turan du'aan boqochuu isaanii hordofuun itti gaafatamaa Mana Maree Hayyoota ta'uun muudaman!

Waan Ajaa'ibaa!!!  Sheikh Abdul Aziiz Aal-Alsheikh kan guyyaa har'aa Aakiraman kun Aalima, Aabida, Zaahidaa fi gaarii na...
23/09/2025

Waan Ajaa'ibaa!!!

Sheikh Abdul Aziiz Aal-Alsheikh kan guyyaa har'aa Aakiraman kun Aalima, Aabida, Zaahidaa fi gaarii namaa akka turantu dubbatama.

Seenaa Isaanii keessaa wanni nama Ajaa'ibu Ulamaa'ii islaamaa warra Akka Imaam Al-Nawawii, Al Haafiz Ibn-Abdilbarr, Imaam ibn-Hazm fi Imaam Al Munzirii warra Waggoota Dhibba meeqa dura du'an irraa hajjii godhuu isaaniiti!

"Ulamaa'ooya kanarraa Maaliif Hajjii gootan?" Jedhamanii yeroo gaafataman "Ulamaa'oonni kun galata narraa qabu, kitaabban isaanii irraa baay'een fayyadame" jechuun deebisan!

Zamana namni Waa Arrabsuu barbaade dura sheeka isaa irratti Yaalii godhu kanatti, Sheekkan waggaa Dhibbaatama dura Aakhiraman Yaadatanii Galata isaaniif galchuun Gaarummaa sheekaa ibsa!
Sheeka Rabbiin Rahmata haa godhuuf, Gaafii fi Qormaata tokko malee jannata isaan haa galchu!

23/09/2025

"(Karaa Rabbii keessatti) namni osoo hin duulin (hin qabsaawin); (qabsaawuu akka qabuus) osoo lubbuu isaatti hin himin du'e, damee gantummaa (Munaafiqummaa) irratti du'e."
Nabi Muhammadﷺ
[Muslim 1910]

• Diin ol qabuuf qabsaawuun haqa, waan tahuu qabuus. Qabsoo Islaamaa lagachuun ammoo mallattoo Munaafiqaati.

*مَن ماتَ ولَمْ يَغْزُ، ولَمْ يُحَدِّثْ به نَفْسَهُ، ماتَ علَى شُعْبَةٍ مِن نِفاقٍ.*
الراوي : أبو هريرة.

Address

Dodola

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when DMJ-Dodola Muslim Jeme’a Official Jama’aa Musliimota Dodolaa ዶዶላ ሙስሊም ጀመኣ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to DMJ-Dodola Muslim Jeme’a Official Jama’aa Musliimota Dodolaa ዶዶላ ሙስሊም ጀመኣ:

Share