05/10/2025
Dubbisa Duraa
Hisq 3:16-27
HoE 20:22-30
Dubbisa Lammaffaa
Mat 6:25-34
Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif] yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree*? 26 Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa! Isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree*? 27 Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa2 dabalachuu kan danda'u jiraa ree? 28 Waa'ee uffataa immoo maaliif yaaddoftu ree? Mee daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin soqan hin fo'anis. 29 Haa ta'u iyyuu malee, Solomoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima*. 30 Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti naqamutti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hir'atuu dha malee.
Kanaafis isin ‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaadda'inaa*!
32 Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.
33 Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.
34 Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a” jedhe.