29/01/2023
Rom 1
2 Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa'aa keessatti abdachiisee dha*. 3 Inni waa'ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate*. 4 Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan Yesus Kristos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan beeksifameera*. 5 Ulfina maqaa isaatiif saba lafa irraa hundumaa gara amantiitti, gara abboomamuuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta'uu, isumaan nuuf kennameera*. 6 Isinis immoo warra kan Yesus Kristos ta'uudhaaf waamaman sana keessa jirtu. 7 Ammas isin warra Roomaa jiraattan, warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame hundumaan, “Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!” jedheetan nagaa koo isiniif dhi'eessa*.