BURKA Rehoboth Communication & Media

BURKA Rehoboth Communication & Media This page is used only for religious purposes. Any events takes place in Burka Rehoth gospel believers international church will be posted on this page.

18/07/2026

Efe. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa!
¹⁶ Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!

Qaxanaa bahaatti, waldaan Amantoota wangeelaa Addunyaalessaa Burqaa Rehooboot Qooqaa sirna muudiinsa Hojjetaa wangeelaa ...
25/06/2026

Qaxanaa bahaatti, waldaan Amantoota wangeelaa Addunyaalessaa Burqaa Rehooboot Qooqaa sirna muudiinsa Hojjetaa wangeelaa yeroo guutuu Caalaa waaqoo raawwattee jirti. Sirna muudinsaa kana irratti itti aanaan prezdaantii T/Tseggaa Nagarii fi Barreessaa olaanaan waldattii T/Biddiiqaa Biqilaa akkasumas qaamni boordii biroon, geggeessitoonni qaxanichaa, fi waldoota haadhoo achi jala jiranii argamaniiru. Qaamonni caasaa waldattii achitti argaman kunniinis waldattii fi muudamaadhaan baga gammaddan jechuudhaan kan duraa caalaatti cimanii hojii isaan irraa eegamu akka hojjetan dhaamsa dabarsaniiru.
======================================
በምስራቅ ቀጠና የሚገኘው ቡርቃ ረሆቦት ዓለም አቀፍ የወንጌል አማኞች ቤተ ክርስቲያን በሰኔ 14/10/2019 ዓ.ም. በሙሉ ጊዜ አገልጋይነት የአገልጋይ ጫላ ዋቆ ሹመት ሥነ-ሥርዓት አካሂዳለች። በዚህ የሹመት ሥነ ሥርዓት ላይ የቤተ ክርስቲያኑ ምክትል ፕሬዚዳንት ፓስተር ፀጋ ነጋሪ፣ ዋና ጸሐፊ ብድቃ ቢቂላ እንዲሁም ሌሎች የቦርድ አባላት፣ የቀጠናው መሪዎች እና በቀጠናው ሥር የሚገኙ የእጥቢያ ቤተ ክርስቲያናት ተወካዮች ተገኝተዋል።
በሥነ ሥርዓቱ ላይ የተገኙት የቤተ ክርስቲያኑ አመራሮችና የተለያዩ የአደረጃጀት አካላት ቤተ ክርስቲያኒቱንና ተሿሚውን እንኳን ደስ አላችሁ በማለት፣ ከዚህ በፊት ከነበረው የበለጠ በትጋትና በታማኝነት ከእነርሱ የሚጠበቀውን የወንጌል አገልግሎት እንዲፈጽሙ የማበረታቻ መልእክት አስተላልፈዋል።

Qaxanaa bahaatti W/A/W/A/ Burqaa Rehooboot Bishooftuu Sirna muudiinsa hojjetaa wangeelaa Caalaa Haayiluu gaafa Caamsaa 3...
15/06/2026

Qaxanaa bahaatti W/A/W/A/ Burqaa Rehooboot Bishooftuu Sirna muudiinsa hojjetaa wangeelaa Caalaa Haayiluu gaafa Caamsaa 30/09/2018 geggeessitee jirti. Sirna muudiinsaa kana irratti geggeessitoonni caasaa bulchiinsa waldattii: boordii, qaxanaa fi geggeessitoonni waldoota haadhoo qaxanicha jala jiran argamaniiru. Perezdaantiin waldatti Obbo Hayiluu Goobanaas waldaaa fi hojjetaa wangeelaa caalaa hayiluutiin baga gammaddan jechuudhaan muudamaanis ta'e amantoonni waldattii waadaa galan eeguu akka qaban gorsa gama isaaniitiin dabarsanii jiru.
=======================================
በምሥራቅ ቀጠና የሚገኘው ቢሾፍቱ ቡርቃ ረሆቦት አ/አ/ወ/አ ቤተ ክርስትያን በግንቦት 30/2018 ዓ.ም. ወንጌላዊ ጫላ ሀይሉን በይፋ የወንጌላዊነት ሹመት ሥነ-ሥርዓት አካሂዳለች። በዚህ ሥነ-ሥርዓት ላይ ከቤተ ክርስቲያኑ አስተዳደር መዋቅር የቦርድ አባላት፣ የቀጠና አመራሮች እና በቀጠናው ስር ከሚገኙ እጥቢያ ቤተ ክርስቲያናት የተውጣጡ መሪዎች ተገኝተዋል።

የቤተ ክርስቲያኑ ፕሬዝዳንት አቶ ሀይሉ ጎበናም ለቤተ ክርስቲያኑና ለወንጌላዊ ሠራተኛ ጫላ ሀይሉ እንኳን ደስ አላችሁ በማለት፣ቀጥለዉም የተሾመው አገልጋይም ሆነ የቤተ ክርስቲያኑ ምዕመናን በገቡት ቃል መሰረት አንድሰሩ የሚያበረታታ ምክር አስተላልፈዋል።

Qaxanaa Bahaatti waldaan Amantoota Wangeelaa Addunyaalessaa Burqaa Rehooboot Hadhoo sirna muudinsa Tiksee waldaa Fiqiruu...
29/05/2026

Qaxanaa Bahaatti waldaan Amantoota Wangeelaa Addunyaalessaa Burqaa Rehooboot Hadhoo sirna muudinsa Tiksee waldaa Fiqiruu Taasisaa raawwattee jirti. Saganticha irratti qaamni boordii fi Qaxanaa argamuun saganticha hirmaataniiru. Tiksee Fiqiruu Taasisaas kan duraa caalaatti hojii wangeelaa hojjechuu akka qaban gargaarsa waaqayyootti abdachuun dubbataniiru.

Hojiin Waaqayyoo itti fufa.

Waldaa A/W/A/Burqaa Rehooboot, Qaxanaa Jiddaa Waldaa Haroo Gubbaatti sirni muudinsa Hojjetaa wangeelaa Miidhagsoo Waaqto...
25/05/2026

Waldaa A/W/A/Burqaa Rehooboot, Qaxanaa Jiddaa Waldaa Haroo Gubbaatti sirni muudinsa Hojjetaa wangeelaa Miidhagsoo Waaqtolaa gaafa guyyaa 16/09/2018 A.L.H tti geggeeffamee ooleera. Sirna muudinsaa kana irratti Barreessaan olaanaan waldattii Tikess Biddiiqaa Biqilaa fi qaamni boordii biroon akkasumas geggeessitoonni qaxanaa Jiddaa fi geggeessitooti waldaa waldoota Haadhoo biroo fi keessummooti waldoota ollaa sana jiranii hirmaataniiru. H/w miidhagsoo waaqtolaas kana dura hojii wangeelaaf of kennee hojiiwwan danda'u hunda hojjechaan ture amma immoo ergan guutummaatti hojichaaf adda ba'ee waamamee caalaatti waan ana irraa eegamu hojjechuuf gargaarsa waaqayyootiin abdii guutuun qaba jedhaniiru.

Dubbiin waaqayyoo amma illee sicha bal'ata. HE 2:42-47

25/04/2026

2Sam. 22
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³³ Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiise, isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha.
³⁴ Inni miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe; kaarra gubbaas ana in dhaabachiise.
³⁵ Irreen koo iddaa sibiila boorrajjii akka dabsutti, inni harka koo lola in barsiise.
³⁶ Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.
=============================
Oolmaa waaqayyo namaaf oole tarreessanii galachuun barbaachisaadha. Kutaan kitaaba qulqulluu armaan olii Kun oolmaa waaqayyo nurraa qabu tarreessinee isa galateeffachuu nu barsiisa

20/04/2026

Mat. 28
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Bartoonni kudha tokkon immoo, Galiilaa keessaa gara gaara itti Yesus wal argina isaaniin jedhe, in dhaqan.
¹⁷ Yeroo isa argan in sagadaniif; kaan garuu in maman.
¹⁸ Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, "Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera.
¹⁹ Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!
²⁰ Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira" isaaniin jedhe.

11/04/2026

Mat. 28
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa garagalche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e.
³ Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture.
⁴ Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta' an.
⁵ Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, "Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa!
⁶ Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa!
⁷ Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, 'Inni du'aa ka'eera, kunoos, inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu' jedhaatii himaa! Kunoo, ani isinitti himeera" jedhe.
______________________________
W/A/W/A Burqaa Rehooboot hundinuu bakka jirtanitti akkasumas kiristiyaanonnI marti baga ayyaana yaadannoo guyyaa du'aa ka'uu gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ga'e jechaa ayyaanichi kan nagaa fi milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwina. Ayyaana Gaarii!

Address

Bishoftu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when BURKA Rehoboth Communication & Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share