18/10/2023
Ulaagaalee Safartuu Macaafa Qulqulluu
✍Waldaan Kiristiyaanaa gosaa fi baay’ina Macaafichaa addaan baasuuf ulaagaalee adda addaa
fayyadamteetti.
1. Hafuura Waaqayyoo (Inspiration): Macaafichi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin
barreeffamuu isaa, qabiyyee isaatiin, cimina isaatiin, ergaa isaatiin, faayidaa isaatiin fi kkf ragaa
argachuu (2Phex 1:21).
A. Dhuga-bahumsa/ragummaa/ keessaa: Macaaficha keessatti kan argaman waa’ee
eenyummaa macaafichaa, waa’ee eenyummaa barreessaa, ragaawwan ibsanii fi dhuga-bahumsa
Waaqayyoo fi raajotaa barbaaduu (Kes 31:24 – 26, IyA 1:8, Abo 3:4, Er 36, Nah 8:1 – 8, Dan
9:2, Zak 7:12, ergaawwan Phaawuloos hunda, 2Phex 3:15 fi kkf).
B. Dhuga-bahunsa/ragummaa/ Alaa: Qabiyyeen barreeffama isaa, dhiibbaa fi
dandeettiin jijjiiramuu isaa, guddummaa fi gadi fageenyi qabiyyee barnoota isaa; aangoon isaa
inni hin loognee fi kkf (Hafuura Waaqayyoo isa jedhu ilaali).
2. Dhuga-bahumsa Kakuu Haaraa (Apostolicity): Macaafotni ragaadhaaf Gooftaa
Yesuusii fi ergamoonni itti fayyadamanii fi beekamtii kennamaniif hundi fudhatamummaa
argataniiru.
3. Yihudoota Biratti Fudhatamummaa Isaan Qaban: Ulaagaawwan Macaafota
Kakuu Haaraadhaaf taa’an akkuma jiranitti ta’anii, irra guddeessatti garuu Macaafotni Kakuu
Moofaa kan kennaman Yihudootaaf ta’uu isaatiin Macaafota isaan fudhatan hunda fudhachuun
dirqama dha. Haata’u malee, isaaniif Waaqayyo kallattiidhaan kan kennee fi isaan biratti
fudhatama kan qaban har’a Macaafa Qulqulluu keenya keessa kan jiran Macaafota 39 dha.
4. Dhiibbaa Dandeettii Hafuuraa (Recognition): Dhiibbaa jireenya Hafuuraaa inni
fayyadamtoota irratti fidu waan gaarii fi faayidaa inni amanaaf tajaajila guutuu/hundaa/ (foon,
hafuuraa, lubbuu) kennu (2Mot 22:8 – 23:3, Nah 8).
5. Ulaagaa Wal-simannaa (Consistency): Macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran
kanneen biroo wajjin wal-mormii tokko malee walii galuu qabu.
Share 💯Share💯Share
Join🔺Join🔻