Ayyaanichi Amantiidhaan Nu Fayyiseera

Ayyaanichi Amantiidhaan Nu Fayyiseera Preaching Christ to the world!

30/01/2024

Phaawuloos sababa furamneef, qajeelota taaneef, akkasumas Waaqayyootti araaramneef akka fayyine nutti agarsiisa. Haata'u malee, ammallee hanga qulqulluu taanutti, diddiiramnutti, akkasumas fakkaattii ilma Waaqayyoo fakkaannutti hinfayyine. Furiin, qajeelummaaniifi araarri warreen du'a Kiristoosiin nuun alatti fiixaan ba'an, aloodhaan nu furu; qulqullaa'uu, diddiiramuu,fi fakkeeffamuun isaan kunneen hojii jireenya Kiristoosiin nu keessatti kan raawwataman, keessoodhaan nu fayyisu. Furiin aloodhaan firdiifi dhiphifamuu barabaraa irraa bakkaan nu fura; fayyinni Keessoo namummaa moofaa, anummaa keenyaafi jireenya uumamaa keenya irraa keessoodhaan jireenyaan nu fayyisa.

(Rom. 5:10, yaadannoo miiljalee 2ffaa Hiikkaa Macaafa Qulqulluu Ingiliffaa irraa)

Kitaaba qulqulluu Erga fayyineen booda , guddina hafuura qabaachuuf Kitaaba qulqulluu beekuun nu barbaachisa. Waggoota k...
28/09/2023

Kitaaba qulqulluu

Erga fayyineen booda , guddina hafuura qabaachuuf Kitaaba qulqulluu beekuun nu barbaachisa. Waggoota kuma lamaaf Kristiyaanonni Wanta tokko dhugaa ba'aniiru , innis namni Kitaaba qulqulluu malee Gooftaa sirriitti beekuu akka hin dandeenyedha.

Dhaalli hafuuraa Waaqayyo nuuf kenne harka tokkoon Hafuura qulqulluu isa ijaan hin argamneedha, harka biraatiin immoo Kitaaba qulqulluu isa mullatudha. Hafuura qulqulluu of keessaa qabna, Macaafa qulqulluu harka keenya irraa qabna. Hafuura qulqulluu qofa of keessaa qabaannee ,kitaaba qulqulluu hin qabnu taatan salphaamatti dogoggora uumna. Kitaaba qulqulluu qofa qabaannee, Hafuura qulqulluu immoo hin qabnu taanaan, du'oo taana, Fayidaaf Jireenya kan hin qabne taana.

Kristiyaanni akkuma baaburaa Annisaa ittiin socho'u ni barbaada hadiida irra deemus ni barbaada. Baaburri keessan annisaa , alaan immoo hadiida yoo qabaate socho'uu ni danda'a. Kristiyaannis keessan Hafuura qulqulluu, alaan immoo Kitaaba qulqulluu qabaachuu qaba. Yeroo kana Kristiyaana Jiraataa ta'a. Hafuura qulqulluu keessaan yoo qabaatte, Macaafa qulqulluu immoo alaan yoo qabaatte, Kristiyaana sirrii taata.

Kadhata keessatti "Sirrii" ta'uu. ( Being genuine in prayer) Luq. 11¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯⁵ Yesus yommus bartoota isaatiin, "Isin ke...
13/09/2023

Kadhata keessatti "Sirrii" ta'uu.
( Being genuine in prayer)
Luq. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ Yesus yommus bartoota isaatiin, "Isin keessaa tokko fira yoo qabaate, firri isaa sun immoo halkan walakkaa gara isaa dhaqee, 'Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi.
⁶ Firri koo tokko karaa utuu adeemuu, ammuma kana mana kootti gorraan, waanan dhi'eessuuf dhabe' in jedhaan.
⁷ Hiriyaan isaa sun immoo mana keessaa, 'Obboleessa ko ana hin dhamaasin, balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra jiru, rafaniirus, ani immoo danda'ee ka'ee siif hin kennu' in jedhaa ture.
⁸ Isinittan hima, firummaa isaa ilaalee ka'ee yoo buddeenicha kennuufii baate iyyuu waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef, ka'ee kan isa barbaachise in kennaaf" jedhe.
⁹ "Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama.
¹⁰ Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.

Kadhannaan lallaba miti, haasaa gochuu miti. Kadhachuun Gooftaa wanta ta'e tokkoof gaafachuudha.
Kadhannaa keessatti akka Waan Waaqayyo homaa hin beeknee nu irraa odeefannoo barbaaduutti haasaa baay'ee gara Waaqayyootti haasa'uun nun barbaachisu.
Gara Waaqayyootti gabaasa dhiyeessuun barbaachisaa miti. Kan nuyi kadhannuuf barbaacha Waan tokkoo sababa qabnuufi, sababii dadhaboo taaneefi. Kadhannaa sirrii kan kadhatu nama barbaacha waan tokkoo qabuudha. Barbaachi tokkuyyuu nutti hin dhaga'amu taanaan, kadhannaan keenya akkasumaani. Garuu yoo barbaacha atattamaa qabaannee kadhannaadhaan gara Waaqayyoo deemne , kadhannaan keenya sirriidha. Gooftaan Fakkeenyaan dubbateera,
Namichi keessumaan halkan walakkaa itti dhufe tureera, garuu buddeena keessummaa sanaaf kennu hin qabu. Kanaaf gara hiriyaasaa buddeenaaf deema. Barbaachi namicha kanaa barbaacha atattamaa ture, buddeena fixeera waan ta'eef. Irra deddebisee hiriyaasaa kana buddeenaaf erga gaafatee booda, hiriyaansaa buddeena kenneef. Barbaachi keenya Yoo dhuguma atattama ta'e

14/08/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 21ffaa)

❤️*Jaalala fi jaalala gidduu garaagarummaa bal'aatu jira. *Miiraa fi *fedhii keenya uumamaa irraa gara miiraa fi fedhii Kiristoositti geeddaramuu qabna. Miira keenya keessatti, fedhii keenya keessatti; jaalala keenya keessatti fi
kaayyoo keenya keessatti daran caalaatti Kiristoosin argachuu qabna.

Gooftaa, jaalala keenya gara jaalala keetti, miira keenya gara kankeetiitti, fedha keenyas gara isa kankeettiitti akka diddiirtuuf sikadhanna!

28/06/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 20ffaa)

HAAROMFAMUU MIIRAA FI FEDHII

==>Miiraa fi fedhii keenyanis haaromfamuu qabna. Warra kaan ni jaallattaa? Maddii fi amal-keessoon ( nature) jaalala keetii maali? Namoonni biroon wanta Kiristoos jaalala kee keessatti ni miireffatuu (sense). Fedhii cimaa ni qabdaa? Maddii fi amal-keessoon fedhii cimaa keetii maali? Fedhii cimaa kee keessatti warra kaaniif miira Kiristoos ni kennitaa?

==>Waggoota muraasa dura mana obboleessa ta'e tokkoon ture. Inni obboleessa baay'ee gaarii fi jaalalaan guutuu ta'uyyuu, jaalala isaatiin hedduu akkan jeeqame dhugaa bahuun qaba. Inni anaaf dhiphina dhugaa ture. Isa keessatti Kiristoos xiqqaa miireffachuu hin dandeenye. Wanti inni naaf godhe gaarii fi jaalalaan guutuu ture. Garuu, jaalala uumamaa fi jaalala hafuuraa gidduu garaagarummaa bal'aatu jira. Miiraa fi fedhii keenya uumamaa irraa gara miiraa fi fedhii Kiristoositti geeddaramuu qabna. Miira keenya keessatti, fedhii keenya keessatti; jaalala keenya keessatti fi
kaayyoo keenya keessatti daran caalaatti Kiristoosin argachuu qabna.

==>Dhumarratti, Kiristoosin akka yaada keenya qofaatti osoo hin ta'in, akka miiraa fi fedhii keenyatti ni qabaanna. Kiristoos yaaduu keenya ni ta'a; akkasuma Kiristoos jaalalaa fi kaayyoo keenya ni ta'a. Kiristoos waan mara nuuf ta'a.

13/06/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 19ffaa)

Haaromfamuu Yaadaa

==>Erga Kiristoos hafuura keenya keessa jiraatee, yommuu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamu, Kiristoosiif bitamaa jira jechuudha. Kanaaf, akka Inni hafuura keenya irraa gara lubbuu keenyaatti babal'atuuf carraan kennameef. Duraan, wanti Kiristoos tokkoyyuu yaada keenya keessa hin jiru; garuu yogguu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamu, Gooftaan yaada keenya ofii Isaatiin seenuu, guutuu fi haaromsuuf carraa argata. Karaa kanaan haaromfamuu yaada keenyaan lubbuun keenya geeddarama. Yaadni keenya Kiristoosiin ni guutama. Kun sababa Phaawulos 1Qoronxos 2:16 irratti "Nuti garuu yaada Kiristoos qabna" (HWH) jechuu danda'eefii dha. Yommuu hafuura keenyaan lammaffaa dhalannu,
Hafuura Kiristoos qabaanna. Yommuu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamuu fi Kiristoos akka Hafuuratti isa qabatu, caalatti yaada Kiristoos qabaanna.

===> Yeroo baay'ee Kiristaanota gaarii tokko tokko quunnamna; garuu yommuu isaanii wajjin haasofnu, yaada isaanii keessa wanti Kiristoos ta'e akka hin jirre hubanna. Shakkii malee Gooftaa ni jaallatu; garuu yaada isaanii keessa, haasaa isaaniitiin akka mul'atutti wanti Kiristoos hin jiru. Wantoota hafuuraa haasa'uu ni danda'u, jechoota hafuuraas ni fayyadamu; garuu yaada Kiristoos hin qaban. Ammayyuu yaada isaaniiti; akkaataa isaan waa'ee Gooftaa itti yaadaniidha. Yaada Kiristoos hin qaban.

==>Kiristaanonni kan biroo kan yaada Kiristoosin, Hafuurichaan guutaman argachuu ni dandeenya. Yogguu isaan yaadotaa fi ilaalchota isaanii ibsatan, argamuun Gooftaa Hafuuraa nutti dhaga'ama. Sababa yaadni isaanii hoggansaa fi kallattii Hafuuraa jala jiruuf, Gooftaa Hafuurri yaada isaanii guutuu fi qabachuuf carraa argata.

==>Geeddaramni lubbuu guutummaatti haara'uu yaadaa irratti hirkata.Kun baay'ee barbaachisaa dha.

Kutaawwan Namaa(Kutaa 18ffaa)Haaromfamuu Yaadaa ==>Erga yaadaanhaaromfamnee, yogguma sana miiraa fi fedhii keenyaan ni h...
02/06/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 18ffaa)

Haaromfamuu Yaadaa

==>Erga yaadaan
haaromfamnee, yogguma sana miiraa fi fedhii keenyaan ni haaromfamna. Yaadni yeroo hunda miira qajeelcha, fedhiin yeroo hunda yaadaan dhiibama.
Yaaduun keenya miira nutti dhaga'amu ni madaala; ni daangessas; akkaataa yaadnuun, ilaalluu fi hubannuun murtii goona.
Yaadni keenya Gooftaaf yoo baname, miiraa fi fedhiin keenyas ni hordofu. Yoo yaadni keenya Gooftaaf cufame, miiraa fi fedhiin keenyas ni cufamu.

==>Yoo yaadni keenya Gooftaadhaan guutamee fi qabame, Gooftaan miira keenya ni dhuunfata; fedhii keenya ni qabata. Sababa Kanaaf Roomaan 12 geeddaramuun lubbuu haaromfamuu yaadaatiin dhufa jedhee nutti himuuf. Gooftaan yaada keenya yoo qabate, battaluma sana miiraa fi fedhii keenya ni dhuunfata.

==>Kiristaanonni baay'een Gooftaa ni jaallatu, garuu yaada isaanii Isaaf hin bitan. Yeroo baay'ee Kiristaanonni akkas jedhu, "Eeyyeen, Gooftaa nan jaalladha, garuu kanaa fi sanan yaada; Gooftaa nan jaalladha,kanaa fi sana akkamin godha?" Yaada isaanii cufuudhaan, Gooftaa hafuura isaanii keessatti hidhu. Faarfannaa akkas jedhu qabna, "Gooftaa Hafuurri gara hafuura kootti dhufeera, akeeka na keessaa gara alaatti yaa'uutiif; Garuu altokko erga seenee itti cufameera"

==>Hafuurri keenya Gooftaaf bakka jireenyaa ta'uu qaba ture; garuu mana hidhaa itti ta'e. Kiristaanota meeqatu Kiristoosin of keessaa qaba ammayyuu keessatti Isatti cufanii. Yaadni isaanii waan hin bitamneef, Gooftaan daandii ittiin gara alaatti bahu hin qabu. Isaan akkaataa ittiin yaadan kan mataa isaanii yaada moofaa fi uumamaa isaanii qabu. Hanga yaada moofaa qabannee jirrutti, lubbuu keenyaanis moofaa taanee hafna. Akka Inni dhufee qabatee haaromsuuf, Gooftaadhaaf yaada keenyaan bitamuu qabna.

Kutaawwan Namaa Sadan: Hafuura,Lubbuu fi Foon👌
22/05/2022

Kutaawwan Namaa Sadan: Hafuura,Lubbuu fi Foon👌

Kutaawwan Namaa (Kutaa 17ffaa)Haaromfamuu Yaadaa ==>Erga Kiristoos hafuura keenya keessa jiraatee, yommuu yaadni keenya ...
22/05/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 17ffaa)

Haaromfamuu Yaadaa

==>Erga Kiristoos hafuura keenya keessa jiraatee, yommuu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamu, Kiristoosiif bitamaa jira jechuudha. Kanaaf, akka Inni hafuura keenya irraa gara lubbuu keenyaatti babal'atuuf carraan kennameef. Duraan, wanti Kiristoos tokkoyyuu yaada keenya keessa hin jiru; garuu yogguu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamu, Gooftaan yaada keenya ofii Isaatiin seenuu, guutuu fi haaromsuuf carraa argata. Karaa kanaan haaromfamuu yaada keenyaan lubbuun keenya geeddarama. Yaadni keenya Kiristoosiin ni guutama. Kun sababa Phaawulos 1Qoronxos 2:16 irratti "Nuti garuu yaada Kiristoos qabna" (HWH) jechuu danda'eefii dha. Yommuu hafuura keenyaan lammaffaa dhalannu,
Hafuura Kiristoos qabaanna. Yommuu yaadni keenya hafuura keenyaaf bitamuu fi Kiristoos akka Hafuuratti isa qabatu, caalatti yaada Kiristoos qabaanna.

===> Yeroo baay'ee Kiristaanota gaarii tokko tokko quunnamna; garuu yommuu isaanii wajjin haasofnu, yaada isaanii keessa wanti Kiristoos ta'e akka hin jirre hubanna. Shakkii malee Gooftaa ni jaallatu; garuu yaada isaanii keessa, haasaa isaaniitiin akka mul'atutti wanti Kiristoos hin jiru. Wantoota hafuuraa haasa'uu ni danda'u, jechoota hafuuraas ni fayyadamu; garuu yaada Kiristoos hin qaban. Ammayyuu yaada isaaniiti; akkaataa isaan waa'ee Gooftaa itti yaadaniidha. Yaada Kiristoos hin qaban.

==>Kiristaanonni kan biroo kan yaada Kiristoosin, Hafuurichaan guutaman argachuu ni dandeenya. Yogguu isaan yaadotaa fi ilaalchota isaanii ibsatan, argamuun Gooftaa Hafuuraa nutti dhaga'ama. Sababa yaadni isaanii hoggansaa fi kallattii Hafuuraa jala jiruuf, Gooftaa Hafuurri yaada isaanii guutuu fi qabachuuf carraa argata.

==>Geeddaramni lubbuu guutummaatti haara'uu yaadaa irratti hirkata.Kun baay'ee barbaachisaa dha.

Kutaawwan Namaa(Kutaa 16ffaa)HAAROMFAMUU YAADAA ===>Rooma 12:2, "Haaromfamuu qalbii keessaniin jijjiiramaa "(HWH) jedha....
18/05/2022

Kutaawwan Namaa

(Kutaa 16ffaa)

HAAROMFAMUU YAADAA

===>Rooma 12:2, "Haaromfamuu qalbii keessaniin jijjiiramaa "(HWH) jedha. Ati lammaffaa dhalatteetta; garuu yaadni (qalbiin) kee jijjiramee jiraa? jedheen si gaafachuu fedha. Yaada haaraa moo ammayyuu yaada moofaa qabda? Yaadni keenya ammayyuu moofaa yoo ta'e, lubbuu keenyaan geeddaramaa hin jirru jechuudha. Hafuura keenyaan lammaffaa dhalannee yaada, miiraa fi fedhii keenyaan ammayyuu moofaa ta'uun ni danda'ama. Geeddaramni tokkoyyuu yaaduu, jaallachuu fi filachuu keenya irratti hin jiru. Kunneeniin nuti warra hin amannee wajjin tokko jechuudha. Garaagarummaan keenya nuti hafuuraan lammaffaa dhalanneerra; isaan garuu miti. Lubbuu ilaalchisee akkaataa nuti yaadnu, jaallannu fi filannu isaanii wajjin walfakkaata. Kun sababa Roomaan 12:2,"Haaromfamuu qalbii keessaniitiin jijjiiramaa malee addunyaa kanaan wal hin fakkaatinaa" jedhuudha. Yoo yaadni keenya haara'e, lubbuun keenya ni geeddarama.

==>Yaadni keenya akkamitti haara'a? Rooma 8:6, "Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuratti hidhuun garuu jireenya, nagaas in fida." Nuti yaada foonii yookaan yaada hafuuraa qabaachuu dandeenya. Yommuu Yaadni keenya foonii wajjin waltumsu, yaada foonii ta'a. Yaadni keenya garuu hafuuraa wajjin yommuu waltumsu, yaada hafuuraa ta'a. Yaadni hinbaabsaa (neutral) dha. Gaaffiin jiru, yaadni fooni moo hafuuraa wajjin dhaabbata. Yaadni keenya hawwii fooniitiif yoo bitame, yaada foonii ta'uudhaan, du'a hafuuraa nutti fida. Garuu yaadni keenya hafuuraaf yoo bitame, hafuuraan hogganama, yaada hafuuraa ta'uudhaan jireenyaa fi nagaa nuu fida.

Kutaawwan NAMAA                                                                                                         ...
15/05/2022

Kutaawwan NAMAA
(Kutaa 15ffaa)

2.LUBBUUN GEEDDARAMUU

🍃🍃Battala hafuura keenyaan lammaffaa dhalanne irraa, jijjiiramni jireenyaa kun itti fufuun gara lubbuu keenyaatti akka tamsa'u, geeddaramuu sammuu, miiraa fi fedhii keenyaatiif Gooftaan ni barbaada. Hafuurri keenya lammaffaa dhalatee jijjiirameera; garuu sammuu, miirrii fi fedhiin keenya hin geeddaramne; ammayyyuu sanuma. Hafuura keenya keessaa Kiristoosiin akka jireenyaatti qabna; lubbuu keenya keessaa garuu Kiristoosiin hin qabnu. Kiristoos itti fufiinsaan hanga kutaan lubbuu keenyaa kamiyyuu gara bifa Isaatti geeddaramanitti (2Qor 3:18) hafuura keenya irraa gara lubbuu keenyaatti babal'achuu nu barbaachisa. Isa booda, akka Inni yaadutti yaadna; akka inni jaallatutti jaallanna; akka Inni filatutti filanna. Lubbuun keenya guutummaatti elementii Waaqaan waan guuteef, jireenya keenya guyya guyyaatti fakkaattii Gooftaa qabaanna.

🌾🌾🌾Hafuura keenyaan lammaffaa dhalannee, lubbuu keenyaan ammayyuu hin geeddaramne ta'a. Hafuurri keenya haaromfameera; lubbuun keenya moofaa ta'uu danda'a. Akkaataa nuti itti yaadnu, jaallannuu fi filannu ammayyuu dhibbaa dhibbatti moofaa ta'uu danda'a. Gooftaan hafuura keenya keessa jira; lubbuun keenya immoo akkami? Kanaaf, haaromfamuu yookaan geeddaramuu lubbuu nu barbaachisa.🍂🍂

Kutaawwan Namaa                                                                                                         ...
13/05/2022

Kutaawwan Namaa
(Kutaa 14ffaa)
SADARKAAWWAN SADAN FAYYINA GOOFTAA
1.HAFUURAAN LAMMAFFAA DHALACHUU

💦💦Nuti kutaawwan sadii waan qabnuuf, Gooftaan fayyina Isaatti nu fayyisuuf sadarkaawwan sadii fudhata. Kunneen:
(1). Hafuuraan lammaffaa dhalachuu.

(2). Lubbuu keenyaan geeddaramuu.

3). Nafa keenyaan furamuu.

🏝🏝Kutaa namummaa keenya kamiifuu, Gooftaan daandii murtaa'e qaba. Hafuurri keenya wiirtuu keessa namummaa keenyaati; nafni keenya naannoo alaati. Wiirtuu fi naannoo alaa gidduu lubbuutu jira.

🌿🌿Gooftaan hafuura keenyaan lammaffaa nu dhalchuudhaan fayyina isaa wiirtuu irraa eegala (Yoh 3:6). Battala Kiristoosin akka Fayyisaa keenyaatti fudhannetti, Hafuurri Gooftaa Kiristoosin akka jireenyaatti hafuura keenya keessatti qooduudhaan, lammaffaa nu dhalchuuf gara hafuura keenyaa dhufe. Gocha Waaqaa kanaan hafuurri keenya inni du'aan jiraataa qofa miti kan ta'e, Jireenyi Waaqayyoo amala-Waaqummaa isaa wajjin(2Pex 1:4) kan keessa seeneedha. Kanaaf, jijjiramni jireenyaa wiirtuu namummaa keenya irraa eegala.🌾

Yoh 3:6, "Kan foon irraa dhalate inni foon; kan irraa dhalate garuu ."

2Pex 1:4, "Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin biyya lafaa keessa jiru jalaa baatanii akka isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa c isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuu galeera."

Address

Bedele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ayyaanichi Amantiidhaan Nu Fayyiseera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Ayyaanichi Amantiidhaan Nu Fayyiseera:

Share