24/05/2019
Al-Nasr®Muslim youth Jam'a🌟:
Kutaa 2FFAA
Sooma nyaata dhugaati qofatti yoo daangeessine bu’aan keenya beelaa dheebun of miidhu malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Rabbiin sodaachuun garaa fi qaama hormaata nyaata dhugaati fi wal qunnamtii saalaa irraa tiiksu qofa osoo hin ta’in qaama guutu wanta badaa irraa tiiksu fi wanta gaarii hojjachuudha.
b.Ulaagalan lammaaf ‘Niyyaa’– niyyaan amantii keessatti iddoo guddaa qaba. Niyyaa bu’uura amantiiti. Namni niyyaa irratti hundaa’eti kan adabamuu fi badhaafamu. Niyyaan yoo hin tolin hojii gaariin isaa sun jalaa baddi. Niyyaan yoo tolte immoo hojiin gaarii inni hojjate isaa baay’ifamuun badhaasa guddaa argata. Kanaafu yommuu ibaadah kamuu hojjannu niyyaa keenya tolchuun dirqama.
Namtichi waan doktorri ajajeef sooma soomu danda’a, ulfaatinna qaama hir’isuuf soomu danda’a. Soomni akkanaa Rabbiif jedhee osoo hin ta’iin kaayyoo biraatif waan soomef fudhatama hin argatu. Soomana yommuu soomnu Rabbiif qulqulleessine soomu qabna.
Bakkii niyyaa qalbiidha. Arrabaan akkana godha, akkana hojjadha jedhanii dubbachuun hin barbaachisu. Qalbii keessatti boru Rabbiif jedhe akka soomu niyyachuudha.
Tarkaanfi gara jijjiramaa
Ramadaanni yuniversitii leenjii fi barnoota jechuu dandeenya. Namni yuniversitii kana seene leenjii fi barnoota malee yoo bahe, bu’aan inni argatu maaliree? Jireenya keenya keessatti of jijjiruuf tattaafi adda addaa goona. Tattaafin keenya hundii bu’a-qabeessa ta’uu dhiisu danda’a. waggaa keessatti ji’a tokko yeroo jireenya keenya itti foyyeessinuu fi jijjiruu argachuun carraa guddaa fi lamuu hin deebinedha. Namni carraa kanatti fayyadamuu Insha Allah ni milkaa’a. namni carraa kanatti osoo hin fayyadamiin hafe milkaa’innaa irraa duubatti hafa.
Akkuma duratti jenne kaayyoon sooma qalbii qulqulleessu fi sodaa Rabbii qalbii irratti facaasudha. Qalbii teenye qulqulleessine jireenya keenya foyyeefachuun yeroo hundaa nurratti dirqama. Karaa adda addaatin qalbii teenya xuriiwwan akka shirkii, nifaaqa, shakkii, jibba, waanyu, fi kkf irraa qulqulleessuf ni tattaafanna. Maloota kanniin keessaa soomni iddoo guddaa qaba. Kanaafu akkamitti jireenya keenya Ramadaana keessa fi booda sirreessu dandeenya?
Yeroo sirnaan fayyadamuu– yuniversitii kana keessatti yeroo keenya sirnaa yoo hin fayyadamiin dorgommii ni dhabna. Yeroon bu’uura milkaa’inna addunyaa aakiraati. Akka imaam Ibn Al-Qayyiim jedhanitti namoota bakka saditti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko nama Rabbii tolee jedhu fi itti buluudha. Kaayyoo uumameef beekun yeroo isaatti sirnaan fayyadama. Wanta Aakiraa isaa jalaa balleessu yookiin addunyatti fayda isaa hin buusne irratti yeroo ofii hin gubuu. Namni lammaffaan immoo nama Rabbiin irraanfate fi daangaa Isaa darbuudha. Namni kunii kaayyoo uumameef dagachuun addunyaa fi fedhii ofiitif gabra ta’a. Aakira quba hin qabu. Namni sadaffaan immoo nama hojii malee taa’udha. Namni akkana nama waa hundarraa hoonga’eedha. Takkaa addunyaa ofiitif hin carraaqu, takkaa aakiraaf hin dalagatu. Fedhii fi sheyxaanaf nama harka kenneedhe. Yeroo ofii bakkuma argetti guba.
Kanaafu nuti namoota gosoota sadan kanniin keessa gosa tokkoffaa ta’uu qabna. Ramadaanni gosa tokkoffaa keessaa akka taanuf ji’aa fi carraa nu dhufeedha. Ta’uu baannan gosa lammaffaa fi sadaffaa keessaa taana. Osoo itti fayyadamiin nu harkaa miliqa.
Yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuun keeyri hanga dandeenyu walitti haa kuufannu. Yeroo keenya wantuma fayda nu hin buusne irratti yoo balleessine ji’aa Ramadaana fi jireenya keenya qisaasessine jedhama. Halkanii guyyaa filmii kan ilaallu, hirriba kan rafnu, yoo taane bu’aan Ramadaan irraa argannu maaliree?
Ensha Allah kutaa 3fffaa itti
fufa ...
Share....jzkl
Al-Nasr®Muslim youth Jama🌟