05/03/2022
1 Kana booddee immoo bineensi tokko galaana keessaa utuu ba'uu nan arge; bineensichis gaanfa kudhanii fi mataa torba, gaanfa isaa irratti waan akka gonfoo kudhan, mataa isaa torban irrattis maqaa ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman qaba ture.
2 Bineensi ani arge qeerransa in fakkaata ture; miilli isaa akka miilla amaaketaa ti, afaan isaas akka afaan leencaa ti; bineensi akka jawwee sunis humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas bineensichaaf in kenne,
3 Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du'aatti waan madaa'e in fakkaata; rukuttaan du'aan ga'u sunis deebi'ee fayye ture. Namoonni guutummaa biyya lafaa dinqifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu'an.
4 Bineensicha isa kanaaf iyyuu aboo kan kenneef bineensa akka jawwee sana waan ta'eef, namoonni isaaf in sagadan; akkasuma immoo bineensa isa kaaniif sagadanii, "Eenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutus bineensicha loluu danda'a?" jedhan.
5 Dubbii gurratti guddaa fakkaatuu fi Waaqayyoon kan arrabsu dubbachuudhaaf afaan in kennameef; ji'a afurtamii lamaaf kana gochuudhaaf aboon in kennameef.
6 Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane.
7 Warra Waaqayyoof qulqullaa'an lolee isaan mo'uunis in kennameef; gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irratti, saba hundumaa irrattis aboon in kennameef.
8 Warra lafa irra jiraatan keessaa, uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa hoolicha qalamee, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman irratti hin argamne hundinuu, bineensichaaf sagaduuf jiru.
Mul13:1_8