19/08/2017
+++ Taabotaaf Iyyesuus Kiristoos+++
{ታቦትና ኢየሱስ ክርስቶስ የሚለውን ጽሑፍ ዲያቆን ዳኜ
ዘርፉ እንደሚከተለው ወደ ኦሮሚፋ ተርጉሞታል::}
Manni Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo
Itoophiyaa Taabotarratti kan barreessite
maali? Jedhamtanii yoo gaafatamtan deebiin
keessan maal laata? ‹Abboommii kurnantu
irratti barreeffame › yoo jettan deebiin
keessan sirrii miti. Deebii sirrii deebisuu
keenyaan dura waa’ee Taabotaa waan
muraasa haa ilaallu. Yeroo hedduu Waa’ee
barbaachisummaa Taabotaa ibsoota
kennaman irratti bakka guddaa kan qabatan
caqasa Waayee Taabota Kakuu Moofaa kan
dubbatan sababa ta’eef Gaaffileen waayee
Taabotaa akka addaan hin citne kan taasise
fakkata. Kanaaf barreeffama gabaabaa
kanaan kallattiin waayee Taabota kakuu
haaraa haa ilaallu.«
Taabotni Kakuu Haaraa keessatti maaliif
barbaachisa? Gaaffii jedhu deebisuuf guyyaa
dhumaa kamisa galgala gooftaan keenya
icciitii Qurbaanaa itti barsiise haa yaadannu.
Gooftaan keenya bakka duuka buutotni walitti
qabamanitti «Daabbee olkaasee eebbise
cabsees kenneef hoodha nyaadha kun foon
kooti jedheen, Xoofoos olkaasee galateeffate
kanas dhugaa kun sababa cubbuu namoota
baay’ee kan dhangala’u dhiiga koo kakuu
haaraa ti» (Maat.26:26). Gooftaan keenya
dursee «Foon kook an nyaate dhiiga koos
kan dhuge jireenya barabaraa qaba» jechuun
barumsa hundeesse Icciitii Qurbaanaa
dalagaan duuka keebutotatti bifa kanaan
barsiise.(Yoh.6:56) duuka buutotnis erga
Gooftaan keenya olba’ee booda wangeela
lallabaa «Biddeena cabsaa jabaataa turan»
Duuk.2:42 Qulqulluun phaawuloosis ‹Gooftaa
irraa kanan fudhe anis dabarsee isiniif
kenneera› jechuun fooniif dhiiga Gooftaa
akkamitti fudhachuu akka qabnu ‹Otoo hin
ta’iniif kan fudhate idaa fooniif dhiiga
gooftaa› akka irra jiru barsiisuun sirna
Qurbaanaa ka’eera.
Haa qalbeeffannu! fooniif dhiigni gooftaa
kennamuusaa kiristaanni amanu tokko
kabajamaan fooniif dhiiga gooftaa kana akka
maaddii yookaan nyaata gad bu’aa tokkootti
minjaala kamirrattuu dhiyaachuu danda’a
jedhanii yaaduun guddaa ulfaata. Kanaaf
manni kiristaanaa barri wareegamtootaa
darbee hanga bara baqa dhaabdetti yeroo
yerootti fooya’aa kan dhufe seera mana
Qulqullummaa Aarsaa kakuu haaraa
kabajaan aarsuuf ijoollota isheef kennuu
dandesseetti. Aarsaa Hoolaafi re’ee yommuu
arsamaa ture bara kakuu moofaallee
qofaasaatti Teessoon Aarsaa guddaan
qophaa’ee Tsseeoo kanattis namni kan ol itti
hin seenne Dunkaana walga’iinsaa keessatti
kabajaan taa’ee ture. Dukaanattii keessatti
kan tajaajilan Aarooniif Ijoolleensaa Uffata
addaa uffachuun dhiiga hoolichaa gaanfaa
Teessoo Arsaa/mesewiya/ dibuun sirnasaa
raawwachaa turan. Aarsaa dhiiga Hoolaa fi
Re’eef Ulfinni fi kabajni hangi kun yoo
kennameef akka Hoolaa sababa Cubbuu
keenyaa kan kenname ofiisaas Aarsaa hoolaa
jaalatamaa taasisee of dhiyeesse hoolaan
waaqayyoo, akka hangafa lubummaa isaatti
harkasaa fannoorratti diriirsee kan aarfameef
fooniif dhiiga isaas hoodha nyaadhaa jedhee
kan nuuf kenne fooniif dhiigni Gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoos aarsaa ta’ee yoo dhiyaatu
kan irratti dheeyeefamu hagam haa
kabajamuree?
Manni kiristaanaa ortodoks Tawaahidoo
Itoophiyaa fooniif dhiigaaf ‹Teessoo Aarsaa >
kan jettu Taabotni bocaan, tajaajilaan,
kabajaanis Bara Ooriitii Waaqayyo Museef
Taabota kenneef wajjin tokko miti. Taabotni
Duraanii luboota afuriin kan baatamu
keessasaattis Tsillaatiin kan keessa taa’u
yoo ta’u, Taabotni kan ammaa garuu Boca
tsillaatii kan qabu tsillee/gabatee/ dha.
Manni kristaanaa taabota kakuu haaraa
maqaa sadiin waamti-
1. Taabota kakuu/waadaa/,
2. Tsillaatii fi
3. Teessoo Aarsaa/መሠዊያ/ jechuun.
Taabota kakuu kan jedhamu Waaqayyo
Israa’eloota wajjin kakuu duraan galeef osoo
hin taane ‹‹Foon koo kan nyaate dhiiga koos
kan dhuge jireenya baraa baraa qaba›
jedhamee isa kennameefi ‹sababa Cubuu
Namoota hedduuf kan dhangala’u Dhiigni koo
kakuu haaraa kana dha› jedhee Gooftaan
keenya kan kenne kan kakuu haaraa ti. (Maat
26:26-30) Kanaaf Taabota kakuu kan
jedhamu Fooniif dhiiga gooftaan kan
kenname kan kakuu haaraa ti.Taabota
jedhamuun isaammoo waaqayyo Araaraan
kan irra bulu, Fooniif dhiiga isaan immoo
qaamaan kan itti mul’atu Teessoo ufinaa
waan ta’eefi dha.
Tsillatii/Gabatee/ kan jedhamu Abboommiin
kurnan irratti waan barreeffameef miti.
Raawwataa seerota hundaa kan ta’e
Fayyisaan addunyaa kirisroos ‹Aalfaa fi
Oomeegaa› kan jedhu maqaansaa
kabajamaan Taboticharratti waan
barreeffameefi. (Sirna mana kiristaanaa/
hangafa lubootaa Kinfe Gebri’el Altayyee/,
Seenaa mana kiristaanaa/ Abbaa
Gorgooriyoos hagafa phaaphaasii shawaa/).
Namootni tokko tokko ‹‹Taabotni mana
kiristaanaa Itoophiyaa kan Ooriitii waliin wal
hin fakkatu!›› jedhanii akka mormii guddaa
yoo kaasan baay’ee ajaa’iba. Altokko “Kan
Ooriitii duuka buuti’’ si’a tokkommoo
‘’maaliif Akka ooriitii hin taane’’ jedhanii
mormuun bitaa galchuu dha.Kan Ooriitii kan
inni hin fakkaanne amma kan jirru kakuu
haaraa keessa fi tajaajilli taabotaas adda
waan ta’eefi dha. Taabotni kakuu haaraa
tabotaa tokkoon duraaniirra kan baay’ates
hundumaaf qaqqabuu kan qabu fooniif dhiigni
gooftaa kan itti qoqqoodamu Teessoo Aarsaa
waan ta’eefi. Dukkanni qorichaa kan baay’atu
Namootni qoricha barbaadan waan
baay’ataniif mitiiree? Taabitni kan baay’ates
Aarsaan aarsamu sababa cubbuu hunda
keenyaa kan dhangala’aee fi cubbuu
hundarraa kan qulqulleessu isa malees
jireenya hin qabdan kan jedhamne Fooniif I
dhiigni gooftaa cuubbuun kan dhukkubsataniif
waan nu barbaachisuu fi dha.
Abban gorgooriyoos akkas jechuun ibsu
‹‹Tsillaatiin ooriitii Waaqayyo duumessa
uffateemuseefi Aarooniin kan dubbate
israa’eloota qofaaf Araaraan teessoo itti
mul’ate dha. Kun garuu (kan kakuu haaraa)
Fooniif dhiigni gooftaa kan itti qoqqoodamu
foon kook an nyaate dhiiga koos kan dhuge
jireenya baraa baraa qaba foon koo nyaadhaa
dhiiga koos dhugaa jechuun kanneen amanan
kan itti waamu Teessoo aarsaa araaraa ti.
Kabajniifi sagadnis kan taasifamuuf kanaafi.
›› (Seenaa mana kiristaanaa itoophiyaa
fuula109). Kan baay’ee nama dinqisiisu biroo
Abbaan Gorgooriyoos Sirna Taabotaan
Giriikota Indimisiyoonota wajjin akka wal
fakkaannu tuquun yoo barreessan
Giriikotnimmoo waa’ee Andimiisiyoonotaa
yoo ibsan Taabota Itoophiyaa waliin kan wal
fakkatu jedhanii barreessuu isaani ti.
Sirna Mana kiristaanaa Itoophiyatti taabotota
hundarratti kan barreeffamu ‹‹Aalfaa fi
Oomeegaa›› kan jedhu maqaa fayyisaa
Addunyaa Kiristtosiiti. Maqaa isaa waliin
tabotoota hundarratti caqasa ‹‹ከመ ለስሙ
ለኢየሱስ ክርስቶስ ይስግድ ኲሉ ብርክ ዘበሰማያት
ወዘበምድር›› ‹‹kunis samii fi lafa lafaa gadi kan
jiran hundumtuu maqaa iyyesuusiif haa
jilbeenffatan›› kan jedhu dha. (Fil 2፡10)
Taabota fuuldurattis namni jilbeenfatu maaliif
akka sagadu taboticharratti kan barreeffame
jechi kun ni ibsa. Sababni isaa ‹‹humni jilbi
hundi Iyyesuusiif akka jilbeenfatu›› kan ta’uu
fi dha. Foonsaa akka kutamu dhiigni isaas
akka dhangala’u namni amanu hunduu
Aarsaa kana fuulduruatti sodaan kiristoosiif
sagada. « Fooniif dhiiga isaas yaaddannoo
qofaa dha» namni jedhu garuu Aarsaa kana
fuulduratti akka sagaduu fi Aarsaa kanas
akka kabaju hin eegnu. Maqaa Iyyesuus
Kiristoos Taabota isheerratti barreessitee
kabaja kan kennituuf Ijoollee mana
kiristaanaa kakuu haaraa waan taaneef
waaqayoon ni galateeffanna.
Maqaan Taabota biroo Taabota Aarsaa kan
jedhu yoo ta’u waa’ee meeshaa aarsaa
kanaa qulqulluun phaawuloos «Aarsaa qabna
Dunkaanattii keessatti kan tajaajilanis
isarraanyaachuuf mirga hin qaban» jechuun
waa’ee Teessoo Aarsaa kakuu haaraa nutti
hima. (Ibr.13:10) Teessoon Aarsaa kun
dunkaana Ooriitii kan tajaajilan ijoolleen
Aaroon isarraa nyaachuuf mirga kan hin
qabne Nuti kiristaanota qofaaf fooniif dhiiga
gooftaa Teessoo Aarsaa kanarra jiru akka
nyaannuuf kan nuuf kenname Taabota Aarsaa
((Christian Alter) dha.
Waa’ee Tajaajila Taabotaa kakuu haaraa
keessaa yommuu dubbannu namootni tokko
tokko gaaffii isaan kaasan keessaa « Taabota
kan qabdu mana kiristaanaa Itoophiyaa qofaa
dha» jechuun gargar baasuuf carraaqqii
taasifamu dha. Keessumattuu «Gibxiin/
Misirri/ Taabota hin qaban» kan jedhu yeroo
baay’ee kan dhaga’amuu dha. Dubbii
kanarratti nuti deebii kennuurra deebii
Gibtsoota mataa isaanii yoo keenye caala ifa
ta’a. Gibtsootni mana kiristaanaa Taabota
Itoophiyaa wajjin meeshaa qulqulluu lama
qabdi. Tokkoffaan tsillatii/Alter board/ yoo
ta’u lammaffaan taabota/Ark/ dha. Lubni
Taadiroos Maalatii kan jedhaman barreessaa
beekamaan mana kiristaanichaa ‹‹Church
The House of God›› kitaabasaa jedhamurratti
waa’ee haala hojii gabatee Aarsaa (Alter
Board) yommuu dubbatan ‹‹Tsillaatiin Aarsaa
kun fannoo tokko yookaan baay’ee irratti
kaafama, Aalfaa fi Oomeegaa jedhamees
irratti barreeffama, sana booda Faar.86:1
irratti Hundeen ishee Tabboota eebbifamoo
dha jechi jedhu irratti barreeffama. Erga
jedhaniin booda waa’ee hojii isaa yommuu
dubbatan ‹‹manni kiristaanaa Gibtsii
Teessoon Aarsaa meeshaan inni itti
hojjatamu seerri kaa’ame hin jiru, hanga
jaarraa 4ffaa tti muka qofarraa hojetamaa
ture dhagaa gati jabeessa/ዕብነ በረድ/ fi
dhagaa irraas hojjatamuu danda’a››. erga
kana jedhanii booda waa’ee Taabota Aarsaa
mana kiristaanaa Itoophiyaa yoo dubbatan «
muka irraa kan hojjatamu taabotni aarsaa
mana kiristaanaa itoophiyaa keessatti
tajaajila keenuun akka itti fufetti jira» jechuun
guduunfu.
Kun waa’ee Teessoo Aarsaa/መሠዊያ/ malee
waa’ee taabotaa hin dubbatu waa’ee
taabotaaa Barreessaan kun mana
kiristaanaattii wwebsaayitii oofiiseelaawwii
irratti kan armaan gadii barreessaniiru.
‹‹In the middle of the Alter, there is a wooden
box, called in Coptic 'pi totc' which means 'a
seat' or 'a throne', and is used as a Chalice-
Stand. Usually it is cubicle in shape, about
thirty centimetres high and twenty-five
centimetres wide, the top is closed with high
flaps. The beautiful carving is inlaid with
ebony and ivory and is decorated with four
small icons. It can be only the Lord in the
last supper, St Mary, Archangel Michael, St.
Mark and then the patron Saints.
It is called 'the Throne' for it represents the
presence of the Crucified Lord. Its name also
corresponds to the 'Ark of the Old
Testament', for it contained the Tablets of
Law written with the finger of God to declare
God's covenant with man. The new Ark now
contains the true Blood of Christ, as the New
covenant, that fulfils the Law and the
prophets.››
Teessoo Aarsaa giduutti saanduqa mukaatu
jira Kun koptic/Gibtsiitti Tiitoot jedhamuun
beekama hiikni isaas Barcuma/‹መንበር›
yookaan Teessoo ulfinaa jedhama. Xoofoon/
ጽዋ/ kan dhaabbatus achirra dha. Bocni
isaas kan naanna’e yoo ta’u saantimeetira
13/25 dha. Irra keessi isaa carqiidhaan
kafanama. Halluu gurraachaaf adiin kan
bareedee yoo ta’u suuraa afur naannoo
isaarra taasifama. Suuraawwan kunneenis;
Gooftaa keenya guyyaa kamisaa galgala
duuka buutota isaa waliin, kan Giiftii keenya
drbee Maariyaamii, kan Qulqulluu mikaa’elii
fi suuraa Qulqulluu yaadannoon taasifamuuf
ti.
‹Teessoo› jedhamee kan waamamu Gooftaan
Fannifame akka irra bulu yaaduudhaani.
Maqaan kunis kan kakuu moofaa waliin kan
wal fakkaatu dha. Taabotni sun kakuu
Waaqayyo Uumata isaa waliin seene kan itti
barreeffame tsillaatii seeraa ti. Taabotni
haaraan amma jiru garuu dhiiga kiristoos isa
dugaa kan qabe yoo ta’u kiristoosis seeraaf
raajota raawwatee kakuu haaraa kan nuuf
kennee dha) http://www.stmarkdc.org/
coptic-sanctuary ibsi kun Abbaan
Gorgooriyoos waa’ee taabota mana
kiristaanaa keenya ibsa isaan kennan irraa
tasa gargar hin ba’u. kana akka
fakkeenyaatti kaafne malee tabotichi
naanna’uu dhiisuu fi sirna isaan gargari
malee mana kiristaanaa itiyoophiyaatti
Fooniif dhiiga gooftaatiif teessoo aarsaati
jettee kan kabajju taabotaa wajjin kabajaanf
tajaajilaan qixa kan ta’an dibata meerooniin
kan kabajamaniifi Teessoorra kan taa’an
meeshaalee qulqullaa’oon mana kiristaanota
hunda jira.
Jabana kanatti dhugummaa dhiigaaf fooniitti
kanneen hin amanne waliin waa’ee
barbaachisummaa Teessoo Aarsaa mormuun
yeroo baay’een yoo barbadaa’u mul’ata.
Maqaan Iyesuus kiristoos kan itti barreefame
taabotaan ‹Xaa’ota› kan jedhan
‹kiristaanota› ilaalaa ajaa’ibsiifanna. xaa’otni
‹‹Humni/Jilbi hundi maqaa Iyyesuus
kiristoosiif haa jilbeenfatu›› jedhamee itti
barreeffame akkamitti jiraachuu danda’a?
‹‹Aalfaa fi oomeegaa›› xaa’oti jedhu jira?
Taabotni Wangeelli irra kan kaa’amu, dibata
meerooniin kan ulfaateef kabajame, fooniif
dhiigni gooftaa kan irratti qoqqoodamu
akkamitti Xaa’otii jedhamee waamama?
Waaqni Abbaan tokkichi qulqulluu dha
waaqni ilmaa tokkichi qulqulluu dha waaqni
afuura qulqulluu tokkichis qulqulluu dha
jechuun maqaan Sillaasee ittiwaamamee
sirna qulquleessaa kan irratti geggeeffamuun
waaqeffanaa Ormaati jedhaniiija jabaachuun
akkam nama naasisaree? Namni tokko tokko
taabotni hatamee gurgurame oduuwwan
jedhan yommuu afarsamanitti taabotni huna
hin qabu jechuu yaalu. Mqaan kiristoos kan
irratti abrreeffame Taabota dhiisnaan
Kiristoos mataan isaa qarshii soddomatti
gurguramee jira mitii? Liixoosxiraa hanga
qaraani’oo itti tufamaa, reebamaa, lafarra
harkifamaa fannifamee jira mitiree? Kanaaf
Galatniif ulfinni isaaf haa ta’uutii human
dhabeeti jechuu dandeenyaaree? Taaboticha
mul’isne agarsiisna jechuun kan dubbatan
mana kiristaanaa gad kan godhan itti
fakkaatee, mana kiristaanaa taabotichaan
waaqayyon kan waaqeffattu taabota
waaqeffattu jechuun waan isheen hin jenne
jetteetti jechuun kan dirqisiisuu yaalan
yommuu agarru gaddaan laphee keenya
cabsuu malee maal jenna? Manni kiristaanaa
taabota kan uwwistu kabaja Fooniif dhiigni
gooftaatiif malee kan isheen itti leeyyaatu
jiraatee miti. Yoo mul’ates maqaa fayyisaa
addunyaa Iyyesuus kiristoos, maqaa
qulqullootaa malee wanti biraa hin jiru.
Manni kiristaanaa Gooftaan ishee qullaa isaa
fannoorra yommuu oolu kan itti hin leeyyofne
maqaan isaa kan itti barreeffame taabotatti
hin leeyyoftu!
Barreessaan:- Dn Heenook Hayilee
Kan hiike :- Dn Daanyee Zarfuu