Gedo EC Mekane Yesus Student Center Et-534

Gedo EC Mekane Yesus Student Center Et-534 Right decisions and privilege for the truth of the trainer and organizing assets.

02/11/2024

Yih. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²² Warra maman gara-laafina argisiisaa!
²³ Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa!

SUPHAA WAADAABarii uumama lafaafi waaqaaUumaan hundaa wiirtuun haqaaNama, nama  hoogganaafi to’ataaUumee aangesse kaa’e ...
06/01/2024

SUPHAA WAADAA

Barii uumama lafaafi waaqaa
Uumaan hundaa wiirtuun haqaa
Nama, nama hoogganaafi to’ataa
Uumee aangesse kaa’e jannata.

Waadaa diigee barbaachaa aangoo
Nigabaabse jireenyasaa galche rakkoo
Bulchiinsi isaa dorgee hinqabu ofumsaa
Bulee maqe daandii haqa kufee tasa.

Lafaa soquuf hihiixattee buufte dhukaa
Dabalachuuf gumaachite mardukkana
Mukti tokko aaruu malee hinbobaatu
Gumaata Addaam dirqama hunduu biyyoo taatu.

Waadaa suphuuf kan ganama waan hinoolle
Ati haxxeen jijjifaata gowwomsitus mala malte
Niburuksa sirra ejjetee inni dhalatu mataa keerra
Ifni dhufee dukkana kee garagalcha olsamiirra.

Dilbiin uumaa kan jireenya uumaan gonfe
Naasuufi yaaddoon dukkaasaa ifaan kolfe
Hunduu seeqee ifa waaqaan hanga andaaraatti
Nuuf dhalatee waadaa suphaan Ilma Waaqati.

# Yesus nuuf dhalateera! Baga guyyaa yaadannoo ayyana dhaloota Gooftaa keenya Yesus nagaan geessan! # 2016/2024.

Maqaa Koo Erga Beekee, Hojii Koos Beeka!...............................................//..................................
05/01/2024

Maqaa Koo Erga Beekee, Hojii Koos Beeka!...............................................//.................................

Macaafa Qulqulluu irra deddeebiʼee yeroon dubbisu, Yesuus Zakewositti lallabe hinjedhu. Innis mana isaatti isa duukaa gale.Garuu Zakewos akka tasaa yaadni ajaa'ibaa garaa isa rukute. Innis ofumaan, "Yesuus muka ani irra taa’ee eegaa ture jala gahee yeroo dhaabbate, “ Sii, siinan jedha ati muka kana irra gadbu'i naan hinjenne, maqaa koon, Zakewos dafii gadibu'i; har'a mana kee ooluun anaaf ta’a’oo...” jedhee na waame malee jedhe.
Yesus osoo namni tokkollee itti hinhimiin maqaa koo erga beekee, teessoon inni amma mana koo keessatti irra taa'aa jiruyyuu maallaqa hannaan akka bitames ni beeka,mitiree?” jedhee yaade.
Kanaaf, Zakewos akkas jedhee ofitti lallabe, Gooftaa ani qalbii koo nan jijjiirradha. Qabeenya koo walakkaa warra deegaadhaaf nan kenna, waanan karaa dalgaa fudhadhe hunda; harka afur deebisee kennaaf.jedhee labse.
Yeroo sanatti ture Yesus yeroo jalqabaatiif mana Zakewositti kan dubbate. Innis, “Har'a! Fayyinni maatii kanaaf ta’eera!!jedhe. Haleeluyaa!!Yesusiin mana keenyatti yoo simanne, argamuun isaa gaabbii dhugaafi jijjiirama guddaa manaafi jireenya keenyaaf fida.
Yaa obboloota koo; har’as waaqayyo maqaa keenya qofaa osoo hintaanee hojii keenyas akka beeku yadannee jireenya keenya keessatti dhugaan isa simachuufi jireenya jijjiiramaa jiraachuun galma dhugaaf of-qopheessuu waaqayyo nuhaagargaaru.Ameen!!!!!Gooftaatti Haa gammadnu, Ammas Haa gammadnu!!Haleeluyaa!!!!!!!!
~ Lallabaa Wangeelaa Reinhard Bonnke

Dhiiga Dhiiga Keessaa!………………………………………………………………………………………………..“Bofti iddaa summii arraba isaa jalaa qabu tokko  torban tok...
12/12/2023

Dhiiga Dhiiga Keessaa!
………………………………………………………………………………………………..
“Bofti iddaa summii arraba isaa jalaa qabu tokko torban tokko dura hoolaa koo tokko najalaa iddee ture. Bofichi hamaafi lubbuu namaa galaafatu kun naannoo kana jiraata.Beekamaadha. Namas ta’ee horiin inni idde boruu hinqaban.Bofti kun hoolaa koo waan iddeef fuulli hoolaa koo akka malee dhiita’ee ture.

Garuu faallaan summii bofa sanaa hidda dhiiga hoolaa koo keessa waan jiruf, hoolaa sana ajjeesuufi miidhaa geessisuuf carraa hinqabu ture. Kanaaf farri summii bofaa yeroo baayyee dhiiga hoolaa irraa hojjetama. Hoolaan koos gara guyyaa lamaa itti dhiita'ee turus dhiigni hoolaa Sanaa garuu summii bofa sanaa balleesse.

Ani gama koon najalaa ajjeesa jedhee baay’ee yaadda'een ture garuu hoolaan dhimma itti hin laanne.Mallattoon dhiitoo jiraatus hoolaan nyaachuu itti fufte, dhuguus itti fufte, dhiiga dhiiga ishee keessa jiru akka gaariitti waan beektuuf deemsa ishee itti fufte.

Obboloota koo, kanaaf,Waa'ee bofaas ta'e iddaa isaa hin yaadda'inaa! Dhiigni Hoolichaa dhiigaa keessan keessa akka jiru qofa mirkaneeffadhaa!”

Gumaatan dubbiseerraa, garuu Barreessaan Hinbeekamneerra!

05/12/2023
29/11/2023

“"Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru.”
— Iyo. 42:2

03/08/2022

Waaqayyo gaariidha;guyyaa gidiraattis iddoo baqannaati!

21/05/2022

Madda dagaagina dhaloota qaroo biyya!

Boruuf Karaa haruun asumaa eegals!
14/09/2021

Boruuf Karaa haruun asumaa eegals!

"Hojii isa ana ergee osoo guyyaadhaan hojjechuun nuuf in ta'a!" Yoh.9:4
08/07/2021

"Hojii isa ana ergee osoo guyyaadhaan hojjechuun nuuf in ta'a!" Yoh.9:4

Waaqayyo waan guddaa nuuf godheera nus warra galataa taaneerra! Far,126:3
15/04/2021

Waaqayyo waan guddaa nuuf godheera nus warra galataa taaneerra! Far,126:3

03/10/2020

Nagaan hunda keessaniif has baay'atu! Baratootni Yuu ivarsiitiifi koolleejjii gaafa Roobii 27/01/2013 Sa'aatii 8:00 irratti walga'iin Waan jiruuf akka argamtan Jenna.
Yeroo gaarii!

Address

Oromia
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gedo EC Mekane Yesus Student Center Et-534 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share