16/05/2024
-BIYYOO-MITI.....
15:47-49 Fi 2Qor 5:17
⁴⁷ Namichi inni duraa biyyoo irraa waan numameef, nama biyya lafaati; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraa ti.
⁴⁸ Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaa ti; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaa ti.
⁴⁹ Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra.
Yeroo tokko tokko Marsariitii Hawwaasummaa kana irrattis ta`e Afaan namoota muraasaa irraa jechoota Namummaa Nama 2ffaa dhalatee Karaa Kristoos Uumama haaraa ta`e hin ibsine yommuu dudubbatamu nan dhaga`a; nan argas. Isaanis; Namni foonii Akkasumaani; dhimma hin baasu; guddates xiqqaattes, beekaa taates wallaalaa taates, Dureessa taates Hiyyeessa taates... Ati Biyyoodha; waan gad deebi`aadha kan jedhanii fi kkf dha. Haa ta`u malee garuu Dhuguma Namni 2ffaa dhalate Biyyoodhaa? Gad deebi`aadhasii? Macaafni Qulqulluun waa``ee Eenyummaa nama 2ffaa dhalatee isa sirrii maal jedha? Waaqayyo Dhuguma karaa Kristoos isin Biyyoodha nuun jedhaa?. Deebii gaaffii armaan olii gabaabaan Asiin gaditti arganna. Ani ergan 2ffaa dhaladhee biyyoo miti. Amanataan kakuu haaraa karaa Kristoos uumama yoo ta`e Biyyoodha hin jedhamu. namni biyyoo ta`e jiraachuu danda`a. Ani garuu Sanyii geeddareera. Sanyii Addaam isa lafaa dhufe keessaa ba`een Sanyii Yessus isa Waaqa (Heaven) keessaa dhufee ta`era. Namni Sanyii Addaam isa duraa keessaa ba`eeru hunduu nama biyya lafaa miti. kanaafuu Biyyoo miti. Namni Ammayyuu Sanyii Addaam Isa duraa ta`e garuu nama biyya lafaati. Namni Biyya Lafaa immoo Biyyoodha. Egaa nuti Warri kan Kristoos taane Nama Nama kamiyyuu akka ALAAN MUL`ATUTTI HIN hin shallagnu. Sababni isaas Namni lammaffaa dhalate Namummaan isaa kan Alaan hedamu miti. Kanaafiyyuu "NAMNI KAN KRISTOOS YOO TA`E, UUMAMA HAARAADHA; INNI MOOFAAN DARBE, KUNOO INNI HAARAAN DHUFEERA". Inni haaran kun isa biyyoo jedhamu kana miti. Inni moofaan baddu baafameera. Inni haaraan kun eenyummaa isa Waaqarraa (from Heaven) dhufe sanamdha. 1Qor. 15:47-49-IRRA DHUGAA JIRUTU RAGAADHA.
⁴⁷ Namichi inni duraa biyyoo irraa waan numameef, nama biyya lafaati; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraa ti.
⁴⁸ Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaa ti; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaa ti.
⁴⁹ Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra. "Guddattes, Xiqqaattes, Sooromtes, Hiyyoomtes, Barattes, barachuu baattes Ati Biyyoodha" inni jedhamu kun gaafa irra keessa isaa ilaallu waan gorsaa fi barsiisaaf dubbatamuu fi of hin tuuliin, of hin jajiin, Nama hundumaa ol gootee of hin ilaaliin jechuudhaan nama barsiisuuf waan dubbatamu fakkaata. Kaka`umsi ittiif jecha kana barreessinu gaarii yoo ta`eyyuu jechoonni nuti itti dhimma baanu kun garuu waan Nama 2ffaa dhalate ibsu miti. Phaawuloos inumaayyuu gaafa dubbatu " Nuti in duuna miti, in geeddaramna malee jedha. Ani har`ayyuu namummaa du`u osoo hin taane namummaa guyyaa ulfeeffamuu sanatti (At day of Glorification) gara Ulfina isa caaluutti geeddaramun qaba. Nuyi hundumti keenya in geddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes isa kana.”
(1Qor. 15:51). kana immoo Ana mitu Hafuura waaqayyootu Karaa Ergamaa Phaawuloos natti dubbate. Namni 2ffaa Dhalate wanti isa lammaffaa hin dhalanne irraa adda isa godhu inni guddaan "MANA QULQULLUMMAA WAAQAYYOO" ta`uu isaa/isheeti. Namni Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kristoositti Amane, Hafuura Qulqulluu fudhateera. Namni Hafuuricha qabu hunduu immoo sadarkaa barnootaan, garaagarummaa qabeenyaan, Guddummaa fi Xiqqeenyaan, Qomoon, fikkf kamiinuu osoo adda hin ba`iin Mana qulqullummaa waaqayyoo, innoo buufata waaqayyoo, Bakka waaqayyo itti Aarsaa isa jiraataa fudhatu ta`eera. Manni Waaqayyoo immoo Biyyoo miti. Namni 2ffaa dhalate Biyyoodha jenna taanaan, Manni qulqullummaa waaqayyoo Biyyoodha jechuu keenya. Akkas taanaan immoo gafaa lallabnu manni waaqayyoo inni dhugaan, waldaan waaqayyoo inni dhugaan Gamoo ykn dhagaa walirra ta`e miti inni jennu sun soba ta`a jechuudha. kanaafuu Namni 2ffaa dhalateeru Biyyoodha jechuun Kristoos isa Namummaa biyya lafaa sana nurraa baddu baasee namummaa waaqarraa sana nuuf kennee fi Hafuura Qulqulluu isa sadan waaqa tokko keessaa qaama tokko ta`ee fi Waaqa ta`e sana Xiqqeessuu nutti ta`a. Kanaafuu Please Waan dubbannuu fi waan maxxansinu hundumaaf dubbachuu ykn maxxansuu keenyaan dura of eeggannaa guddaa akka goonu jaalala waaqayyoon isin yaadachiisuun jaalladha.