21/05/2026
Tajaajila Gorsaa Saafelootaa fi Dargaggootaaf!
*****
Paashin Foor Youth Ministry ( Passion For Youth Ministry ) saafelootaa fi dargaggoota karaa hundumaan guddisuuf, duuka-buutuu Kiristoos gochuuf kallattii hedduudhaan hojjechuu irratti argama. Haaluma kanaan saafelootaa fi dargaggoota rakkoowwan armaan gaditti caqasaman irratti gorsa dhuunfaa barbaadan iccitiin isaanii bifa eegameen gargaaruu barbaada.
1) Araada Foddaa Elektiroonikaa (Screen Addiction)
👉 Kun namoota araada bilbila tuttuquu, kompiitera ykn Televiijinii ilaaluutiin yeroo isaanii akka malee guban, yeroo hojii, kadhannaa fi macaafa qulqulluu wajjin qabaachuu malan of jalaa gubaniif gorsa kennamuudha.
2) Araada Poornoogiraafii
👉 Namoota suura qullaa mul'isu, suur-sagalee xuraawaa adda addaa ilaaluun araada itti ta'ee fi dhiisuu dadhabaniif gorsa kennamuudha.
3) Araada Maasterbeeshinii
👉 Ofiin fedhii saal-quunnamtii of irraa baasuun namoota araada itti ta'eef gorsa kennamuudha.
4) Araadawwan biroo kanneen akka Caatii, dhugaatii fi kkf.
5) Rakkoo Waaqayyoo wajjin dhuunfaadhaan yeroo dabarsuu irratti jiru.
👉 Namoota kadhachuu utuu barbaadanii, Sagalee Waaqayyoo qayyabachuu utuu fedhanii obsa isaa dhaban, akkaataa isaa wallaalaniif, warra hariiroo Waaqayyoo wajjin qabanitti hin quufneef gorsa kennamuudha.
6) Jijjiiramuu miiraa, dafanii aaruu, sodaa, yaaddoo, abdii kutannaa
7) Barumsa Sobaa
👉 Namoota barumsa sobaa duukkaa bu'anii turanii keessi isaanii faalame, barumsi isaan keessa gale sirrii akka hin taane utuu beekanii dhugaa isaan keessaa haqu immoo kan wallaalaniif gorsa kennamuudha.
Kanaaf namootni tajaajila kana argachuu barbaaddan keessaan nu quunnamuu dandeessu.
📌 Bilbila: 0927516866
📌 Telegraph:
📌 Email: [email protected]