27/07/2026
IBSA GADDAA
"Heeneesiifooruun yeroo baay'ee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii. Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture. Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa ta'u! Inni Efesoon keessatti karaa baay'een akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta." (2Xim.1÷16-18) jechuun Qulqulluun Phaawuloos gargaaraa isaa Efesoonitti tajaajila Wangeela Mootummaa Waaqayyoo gaarummaan raawwatee boodarra du'aan fudhatameef kadhate.
B/sa Dn Lammii Baay'isaa Abbaasaa Obboo Baay'isaa Birdiidaa fi haadhasaa Aaddee Gonfee Caalaa irraa bara 1982 B.A Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu magaalaa Ayyaleetti dhalate.
Dn Lammiin naamusaa fi jaalatamummaa guddaan guddatee barnoota saayinsii baratu cinaatti barnoota mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo barachaa, bara 2004 B.Atti aangoo diyaaqonummaas fudhachuun mana kiristaanaa bakka dhalootasaa Baalawaldii Ayyalee irraa eegalee manneetii kiristaanaa magaalaa fi baadiyaa naannawaa isaanii kanneen biroo keessatti illee tajaajila afuurawaa bal'aa gaggeessaa ture.
Bara 2009 B.Atti ammoo gara barnoota sadarkaa olaanaatti darbuun Yunivarsiitii Riift Vaalii Damee Ambootti Biiznas Administreeshin barachuun hanga bara 2013 B.A digriin eebbifametti tajaajila afuurawaa Waldaa WABO Wiirtuu Amboo, akkasumas tajaajila manneetii kiristaanaa baadiyaa naannawaa Amboo keessatti nama hojii guddaa hojjete ture. Erga eebbifamee boodas WABO Wiirtuu Muummee fi Wiirtuu Buraayyuu irratti tajaajilli inni gaggeessaa ture laphee fi sammuu amantoota hedduu keessatti chaappeffamee kan jiruu fi jiraatudha.
Waggoota sadan darban ammoo sababa carraa hojii argateen CBE Damee Kiiramuutti ramadamee hojjetaa kan ture yoo ta'u, leenjiirra turee magaalaa Naqamtee irraa gara bakka hojiisaatti osoo deebi'aa jiruu bakka Angar Guutee jedhamutti humnoota finxaaleyyii faannootiin haala suukaneessaan Adoolessa 17/2018 B.A wareegame.
Egaa tasa du'a fooniin darbuun obboleessa keenyaa akka namummaa keenyatti gadda ta'ee nutti dhaga'amuyyuu kiristaanni tokko 'amantii fi icciitii mana kiristaanaatiin' qaama Kiristoos ta'ee waan ijaarameef abdii jireenyaa inni samiirratti qabu kan Gooftaa fi Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos foonummaa isaatiin du'aa fi tortoruu haqee daandii fayyinaa gochaan raawwatee agarsiisee, warra fayyisummaasaa kanatti amananii fi fayyan gara tokkummaasaatti walitti qabe ilaalaa ofis, maatii fi firoottan fooniif afuuraa gaddi itti gale jajjabeessina.
"Isin garuu gara tulluu Tsiyoon, gara magaalaa Waaqayyo jiraataa Iyyarusaaleem ishee samii keessaatti dhuftaniittu. Gara ergamoota kumaatamaa gammachuun walitti qabamanii dhuftaniittu. Gara waldaa hangafootaa maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniittu. Gara Waaqayyo Abbaa Murtii waan hundaa, gara afuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii." (Ibr.12÷22-23)
Waldaa Afuurawaa Barattoota Oromoo Wiirtuu Muummee
Adool. 20/2018 B.A