Dhugaadhaaf dhugaa ba'i

Dhugaadhaaf dhugaa ba'i Dhugaadhaaf dhugaa ba'uuf dhalatte kanaaf gara biyya lafa dhufte Yoh 18:37 wangeela lallabii lubbuu

22/01/2024
• Nuti Macaafa Qulqulluu dubbanna malee Macaafa Qulqulluutti hin dubbannu!   • Nuti Macaafa Qulqulluutti of sirreessina ...
28/12/2023

• Nuti Macaafa Qulqulluu dubbanna malee Macaafa Qulqulluutti hin dubbannu!
• Nuti Macaafa Qulqulluutti of sirreessina malee Macaafa Qulqulluu ofitti hin sirreessinu!
• Nuti Macaafa Qulqulluutti ol guddanna malee Macaafa Qulqulluu ofitti gadi hin xinneessinu!
• Nuti yaada Macaafa Qulqulluu of keessa keenya malee yaada keenya Macaafa Qulqulluu keessa hin keenyu!
• Nuti Macaafa Qulqulluu dubbifanna malee Macaafa Qulqulluutti hin dubbannu!
• Nuti Kiristoosiin lallabna malee Kiristoositti hin lallabnu!

Gurra kan qabu ha dhaga'uIja kan qabu ha argu ha hubatuYesuusiin malee fayyinni hin jiru dogoggortanii dhaloota hin dogo...
05/11/2023

Gurra kan qabu ha dhaga'u
Ija kan qabu ha argu ha hubatu
Yesuusiin malee fayyinni hin jiru dogoggortanii dhaloota hin dogoggorsinaa ragaa macaafa qulqulluun
“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
— HoE. 4:12

Yesuus Eenyu?               kutaa 4ffaaHoE. 4²⁰ Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin d...
26/10/2023

Yesuus Eenyu?
kutaa 4ffaa
HoE. 4²⁰ Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu" jedhan!
Dubbii kana pheexiroosii fi Yohaannistu dubbate. Sababni isaan dubbatanis Luboonnii fi saaduqoonni lammata Maqaa yesuus akka hin barsiifne waan dhorkaniif isaan immoo dubbachuu hin dhiisnu jedhanii waa'ee Yesuus dhugaa ba'aa altokkotti namoota 5000 amansiisan. Dhugumayyuu nama arge, nama dhaga'ee mirkaneeffatetu dhugaa ba'a mitiiree? Toomaas hamman madaa isaa qaqqabadhee argutti hin amanu jennaan yesuus itti of agarsiise. erga qaqqabatee argees GOOFTAAKOO, WAAQAYYOKOO jedheen yoh 20:28 yesuusis ani waaqayyo miti hin jenne ati waan argiteef amante warri utuu hin argin amanan akkam ha gammadan jedheen
pheexiroos inni argee dhaga'e yeroo namni yesuusiin kaan Eliyaas kaan raajota keessaa tokko...jedhanii waaman inni immoo ati masihicha ilma waaqayyo jiraataati jedhee dhugaa ba'e mat 16:16
Warri isaa wajjin turan eenyummaa isaa warri hubatan ittuma fufanii
“Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras" jedhan.”Yoh. 6:69
Nama dhugaa baruu barbaaduuf luqqisiin kun ga'aadha. warri argan ISA TOKKICHA QULQULLUU WAAQAYYOO TA'UUSAA BEEKANIIRU ITTIS AMANANIIRU. dhugaa kanaafis wareegama gurguddaa hamma du'anitti kaffalanii lallabanii nutti dabarsaniiru. nutis dhugaa kana fudhannee Gooftaa keenyaa fi waaqayyo keenya isa guddicha ta'uusaa mirkaneeffannee amanneerra. me fakkeenya salphaa tokkon isiniif fudha. Ani nyaata tokkon nyaataa jira ha jennu isin immoo ana isa nyaataa jiru ilaalaa jirtu. waa'ee nyaatichaa, dhandhama isaa ana isa nyaataa jiru moo isin warra na ilaalaa jirutu beekaa? isiniifan dhiisa. Waa'ee Yesuus nuyi warra argee fi itti amane gaafadhaa kottaa itti amanaa isa nuyi argine argaa isa nuyi mi'eeffanne mi'eeffadhaa. kutaa 5ffaan itti fufa. eebbifamaa!!!

11/10/2023

Lageen bishaan ofii isaanii hin dhugani, Mukeen ija ofii isaanii hin nyaatani, Daraaraan bakkee urgaa foolii isaanii hin fuunfatani, Aduun ofii isheetiif miti kan iftu, Dacheen ofii isheetiif miti kan qotamaa ooltu,
🌾🌾🌾🪻🪻🪻🌻🌻🌴🌴🌴🌵🌵
Inni tokko isa biraatiif jiraachuun seera uumamaa ti. Utuu akkas ta’uu baatee Aduun ifashee dhowwattee dukkanatti nu laatti turte. Waan fedhe iyyuu Haata’u jireenyi kan inni gaarii ta’u yoo ati gammadde dha. Kan inni baay’ee gaarii ta’u garuu yoo namni biraan sababa keetiin gammade dha. Obboleessa ko, waan boru biyyoo taatuuf jettee har’a namni akka maqaa Sidha’atee aadu hin godhiin. Gatii sibaasisa. Jireenyi waqtii dha. Arfaasaa fi Birraa, akkasumas Gannaa fi Bona qabdi. Uumamni dabaree iddoo waliif gadhiisa, dabaree wal keessummeessa, dabaree wal tajaajila, dabaree aarsaa waliif kaffala. Kun nama qalbii hin qabneef hin galu. Yaa ilma namaa kana yaadaan qabi.

yesuus eenyu?                Kutaa 3ffaaMat. 28¹⁸ Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, "Gooftummaan hundinuu waaqa irr...
11/10/2023

yesuus eenyu?
Kutaa 3ffaa
Mat. 28¹⁸ Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, "Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera.
¹⁹ Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa
²⁰ Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira" isaaniin jedhe"
Gooftaa yesuus erga du'aa ka'ee booda GOOFTUMMAAN HUNDINUU WAAQA IRRATTIS LAFA IRRATTIS AKKA ISAAF KENNAME DUBBATE. warri eenyummaan isaa isin rakkise kutaa kana irra deddeebi'aa dubbisaa yesuus ofiisaa dubbate waaqarrattis lafarrattis Gooftaa akka ta'e himeera.
kan biraan hamma dhuma baraatti yeroo hundumaa isinii wajjinan ta'a jedhe warra eenyummaa yesuus hin hubanneef gooftaa malee kan yeroo hundumaa bara hundumaa namaa wajjin ta'u hin jiru
Yoh. 13¹³ 'Barsiisaa, gooftaas' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa.
¹⁴ Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.
Kutaa kana irrattis GOOFTAA akka ta'e dubbateera.
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
yoh 11²⁵ Yesus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata.
²⁶ Utuu jiruu kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du'u; kana amantaa ree?" jedheen.
²⁷ Isheen kana irratti, "Eeyyee gooftaa, ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera" jetteen.
Yesuus jireenya akka ta'e namni isatti amanu bara baraan akka jiraatu dubbateera. Namni dhugaa hubachuu barbaaduuf Yesuus Gooftaa akka ta'e ofii isaa kan dubbate kana fudhachuun dirqama ta'a. kutaa itti aanutti immoo warri isaa wajjin turan bartoonni isaa waa'ee Gooftummaa isaa irratti kan dhugaa ba'an isiniif dhiyeessa namoota gooftummaa isaa morman akka qaqqabuuf share godhaa! eebbifamaa

YESUUS EENYU?                Kutaa 2ffaaYesuus nu furuuf jecha biyya lafaa dhufee foon uffate malee hin uumamne inni Waa...
05/10/2023

YESUUS EENYU?
Kutaa 2ffaa
Yesuus nu furuuf jecha biyya lafaa dhufee foon uffate malee hin uumamne inni Waaqayyoodha uumaa dha. Ragaa hedduun jiraatus har'aaf luqqisii lama qofa ilaalla
1ffaa, Yoh. 1¹ Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.
² Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture.
³ Wanti hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru.
¹⁴ Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.
2ffaa, Filp. 2⁶ Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne.
⁷ Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame"
Nuti warri itti amanne Waaqummaa isaa gurra keenyaan dhageenyee ija keenyaanis argineerra. kanaafis nuti dhuga baatuudha. 2Qor 4:5 “Nuyi ofii keenya utuu hin ta'in "Yesus Kristos gooftaa dha" jennee in lallabna; nuyi immoo sababii Yesusiif hojjetoota keessan.” kanaafuu nuti waa'ee yesuus isin hubachiisuuf hojjetoota keessan taanee jirra waa'ee isaa nu gaafadhaa inni "WAAQAYYOODHA, GOOFTAADHA, FAYYISAADHA
Kutaa 3ffaatti immoo kan GOOFTAA YESUUS waa'ee waaqummaa isaatii dubbate isiniif dhiyeessa warra kaan akka ga'uuf share gochuu hin dagatinaa! Eebbaaf ta'aa

Yesuus Eenyu?  Kutaa 1ffaawaa'een yesuus durumaa qabee hanga har'aatti namootatti gaaffii ta'aa tureera. ta'aa jiras.sab...
01/10/2023

Yesuus Eenyu?
Kutaa 1ffaa
waa'een yesuus durumaa qabee hanga har'aatti namootatti gaaffii ta'aa tureera. ta'aa jiras.sababa kanaaf namoonni gara garaa inni kaan nama, kaan raajii, kaan waan adda addaa jechaa jiru. YESUUS GOOFTAA, FAYYISAADHAA fi WAAQAYYO keenya isa GUDDICHA akka ta'e namoonni bitaa itti galee jiru dhugaa kana akka hubataniif kutaa gara garaatti qoodee isin biraan ga'a. obsaan dubbisaa
Mat. 16¹³ Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, "Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate.
¹⁴ Isaan yommus deebisanii, "Kaan 'Inni Yohannis cuuphaa dha' jedhu, kaan inni Eliyaas', kaanis inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko jedhu" jedhan.
¹⁵ Yesus immoo, "Isinoo, eenyu anaan jettu?" jedhee isaan gaafate.
¹⁶ Simoon Phexros deebisee, "Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti" jedhe.
¹⁷ Kana irratti Yesus deebisee, "Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa Waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne." jedhe.
kutaa kanarraa akka hubannutti warri isa hin barre irraa fagoo jiran waan gara garaa yeroo jedhan Pheexiroos inni wajjin ture wajjin jiru sirriitti beeku Masihii ta'uusaa dhugaa ba'e.
“Nuyi isa tokkicha QULQULLUU WAAQAYYOO akka ati taate amanneerra, beekneerras" jedhan.”
— Yoh. 6:69
“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”
— Tit. 2:13
kun seensa yoo ta'u kutaa 2ffaa qabee ragaa guutuu waliin warra dhugaa hubachuu barbaaduuf nan dhiyeessa. obsaan waan dubbiftaniif namoota biraa akka qaqqabuuf share waan gootaniif eebbifamaa

Address

Addis Ababa

Telephone

+251911036738

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaadhaaf dhugaa ba'i posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Dhugaadhaaf dhugaa ba'i:

Share