Omer Mohammed

Omer Mohammed السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Seenaa waa'ee afata marbilii Masjiidoota gurguddaa Lamaan! Makkaa fii Madinaa------ Marbiliin ykn dhagaan lafarratti afa...
19/07/2022

Seenaa waa'ee afata marbilii Masjiidoota gurguddaa Lamaan! Makkaa fii Madinaa
------
Marbiliin ykn dhagaan lafarratti afame seenaan isaa ajaa'iba:
Mee obsaan dubbisaa

Biyya gammoojii aduun akka ajaa'ibaatti nama gubdu san kheessatti afanni dhagaa marbilii masjida lameen keessatti afame aduu akkaan nama gubdu kheessatti dhagaachi marbilii masjiida lameenii haalaan qabbanaawa. Hogguu miilaan irratti deeman baayyee namatti tola.

marbiliin kun baayyee innaa qabbanaawurraa kan ka'e namoonni tokko tokko marbilii jalatti sirna waan isa qabbaneessaa qabaachuu hin oolu ja'anii yaadu.

Seenaan kun kan jalqabe yeroo injinarri Masrii Muhammad Kamaal Ismaa'il ittigaafatamummaa pirojektii babal'ina Masjiida Guddicha Makkaa fudhate yoo ta'u, dhugumaani marbilii masjidichatti afamu miila qullaan ajjataaf akka namatti toluuf akka qabbanaa'aa ta'u gochuuf yaadaa ture!
------
Garuu lafa kheessaa marbiliin baayyee hin argamne (Al-Tasus) ja'amu kan ifaafi ifa aduu calaqqisu, akka jiru ni beeka ture!!
------
Marbiliin baayyee ajaa'ibaa khuni, gaarreen addunyaarra argaman kheessaa gaara biyya Giriikii tokkoo qofa kheessatti argama.
------
Khanaaf injinar Muhammad Kamaal Ismaa’il gara Giriik dhaqee Masjiida Guddicha Makkaatiif marbilii adii baay’ina gahaa ta’e bitachuuf waliigaltee uume.
------
Baay'inni marbilii inni dhaabbaticha giriik irraa bite walakkaa baay'ina isaan qaban irraa khan ture yammuu tahu!
Isaan waliin kontiraata godhee marbilii adii qabatee gara su'udiitti deebi’ee, marbiliin sun guutumaa guututti lafa Masjiida Guddicha Makkaa irratti afamee dhume.
------
Dhagaan marbilii gosa khanaa biyya giriikitti khan hafe osoo gurguramee hin dhumin silaa motummaan su'udii hayyameefii masgiida Madiinaattiis silaa afee ja'ee hedduu hawwaa ture, garuu kontaraanni isaa masgiiduma Makkaa qofa waan tureef Yeroo san kheessatti humaa godhuu hin dandeenye.
------
waggaa khudha shan booda mootummaan Sa'udii gosa marbilii saniin sirriitti wal fakkaatu Masjiida Nabiyyii Madiinattiis akka afuuf isa gaafataniin.
------
Injinar Muhammad Kamaal akkana ja'a: Waajjirri mooticha biyya su'udiidhaa Masjiida Nabiyyii akkan uwwisu gaafa na gaafatu, marbiliin gosa kanaa lafarra naannoo xiqqoo Giriik keessatti malee hedduu waan hin jirreef, sanuu walakkaa isaa waggaa khudha shan dura irraa bitadhee waan tureef, tarii ammoo baay'inni hafe sun gurguramee dhumuu hin oolu of kheessatti jachaatumaan tole ja'eeenii waliigaltee kontaraataa mallatteesse!!
-------
Abdii kutachuudhaan maleetti waggaa khudha shan booda gara biyya Giriik dhaqe dhagaa marbilii hanga hafe san irraa bituuf jacha.

Akkumaan achi gayeetti gara dhaabbata albudaa biyya Giriik jiru dhaqee dura taa'aa boordii daayirektarootaa waliin wal arguuf gaafadhe, akkuma wal argineen waa'ee dhagaa marbilii adiii hafees isa gaafadheen?
------
Innis akkana naan ja'e: Achumaan si booda gurguramee dhume, ji'a tokkollee si booda hin turre naan ja'e.
------
Jireenya khiyya guutuu kheessatti akkaan waan guyyaa sanitti gadde hin qabu hedduun rifadhee, buna khiyyallee hin dhugnee waajjira keessaa bahee, gara biyyaa deebi'uuf guyyaa itti aanuuf xiyyaara qabachuudhaaf jacha.
------
Duuba waajjira pirezidaantii dhaabbaticha albudaa san kheessaa yeroon bahu barreessaa ykn sekreetarii waajirichaa san wajji wal arginee, Baay’ina dhagaa maarbilii narraa hafe san eenyuutu bite? Ja'ee gaafadheen.
------
Inniniis : Kun waan waggoota dheeraaf turee waan ta'eef beekhuuf rakkisaadha. naan ja'e.
------
Aniis: biyya Giriik kheessatti guyyaa tokkoon qaba nin turaatii mee nama dhagaa san isinirraa bite barbaadii, teessoo isaa naaf himiin ja'een, kunis lakkoofsa bilbila khiyya, kuniis lakkoofsa hoteela khiyya, qabadhu ja'eenii ​​lakkoofsa kiyya dhiiseefii osoon gadduu biraa bahee deeme!!
------
Ergan biraa deemee booda akkas ja'eetiin of gaafadhe: Maaliif nama irraa bite eenyu akka ta’e beekhuu barbaadda? Waan wal bira khutee baruun maal siif godha firraa gara biyyaatti deebi'i laffaatii biraa dhiisiitii. Ofiiniin ja'a.

Ammas deebi'ee akkanaan ofiin ja'a: (Tarii Rabbiin khiyya waan tokko yoo fide maalittan beekha ). Jachaa gara hoteela kiyyaatitti deebi'ee.
-------
Guyyaa itti aanu, gara biyyaatti galuuf gara buufata xiyyaaraa deemuuf saʼaatii muraasa qofaatu naaf hafe. Sekreetartichi naaf bilbilee akkana naan ja'e.Khoottu gara dhaabbatichaa, teessoo nama dhagaa san nurraa bite arginee jirra beekhuun yoo khan si fayyadu taate dhufuu dandeessa naan ja'e....

Aniis Suuta jachaatiin garas deeme, akkas of kheessatti jachaa: nama dhagaa san irraa bite baruun khiyya maal na fayyada?!! Barumaaf jacha yoo ta'e malee qaata itti hojjatanii ammallee biyya fagoofaa tahuu danda'a namni irraa bite sun. Jachaatumaan of kheessatti haasawaa itti dhaqe.
------
Imalaaf saʼaatii muraasatu naaf hafe. gara dhaabbatichaa dhaqee barreessaa wajjiin wal arge, innis waraqaa teessoo dhaabbata marbilii sana irraa bite san naaf khenne.
------
Duuba yammuun waraqaa dhaabbata dhagaa marbilii san irraa Bite san laaluuf waraqaa banee (dhaabbata Sa'udii) waan ja'u hogguun argu onneen khiyya hedduu dhawattee!! Amanuun dadhabe.
------
Eegasii: Kallattumaaniin gara Sa’udii Arabiyaatti balali’ee, achiis buufata xiyyaaraa irraa gara dhaabbata marbilii bitetti hoggusuma dhaqe, dura taa’aa boordii daayirektaroota dhaabbatichaa abbaa qabeenyaa dhaabbata sanii bira seenee akkas ja'eenii gaafadheen:
------
Marbilii waggoota khudha shan dura Giriik irraa bitattan maal itti hojjataniin? Ja'een?

Innis: dhagaa akkasii bituu keenya hin yaadadhu, naan ja'ee, bilbila khaasee warra stooraa bira bilbilee waa'ee dhagaa marbilii adii Giriikii irraa bitame quba qabdanii ja'ee gaafateenii?
Eee ni jira Baay'inni hundi akkuma jirutti stoora keessatti argama ja'aniin!!
------
Injinar Muhammad Kamaal akkana ja'a: Maqaa Rabbiniin khakhadha guyyaa san akka ijoolleettiin booyee imimmaan qabachuu dadhabe!!
------
Abbaan qabeenya dhaabbatichaa akkana je'ee na gaafate: Obboleessoo maaf boocha?! Nagayaa mii? Maal taate Naan ja'e.
------
Aniis Seenaa guutuu waa'ee maarbilii khanaa itti hime. Namichiis hedduu ajaa'ibee subhaanallaah ja'ee ijji isaa imimmaan guute.
------
Eegasii cheekii duwwaa baaseetiin maallaqa hanguma feete irratti khatabdhuutii nuuf gurguriin ja'een.
------
Namichiniis marbiliin sun Masjiida Nabiyyiitiif kan barbaadame ta'uu isaa yammuu baru akkana naan ja'e: Rabbii Isa malee Rabbiin biraa hin jirreeniin khakhadha, ani Riyaala takka hin barbaaduus hin fudhadhuus (marbiliin hundinuu Rabbiif jecha khannaa dha).
Rabbuma khiyyaan galateeffadha, dhagaa khana akkaan bitu khan nataasisee, eegaan bitee as fide boodas akkaan humaa itti hin hojjanne na irraanfachiisee stoorii khiyya kheessa akkaan jabeessu khan na taasise, wahuma khanaaf na filatuu isaatiifuu Rabbii khiyyaaf galata galchee fixuu hin danda'u, yeroo barbaaddetti fudhachuu dandeessan. Naan ja'e.

سبحان الله، هذا النوع من الرخام غير موجود لحد الآن في الأرض كلها إلا في الحرمين فقط !!
وقد يكون الله عزّ وجل خلق هذا الجبل مخصوص بالكمية هذه للحرمين فقط، وأن لا يبقى منه فائض لأي مكان ثاني، شيء كأنه مخلوق مخصوصاً للمكان هذا فقط .

فسبحان الله الذي خلق هذا الجبل لأجل هذا الأمر فقط .

رحم الله المهندس محمد كمال إسماعيل وأسكنه فسيح جناته .

SUBHAANALLAAH:
gosti marbiliin kun hanga ammaatti ardii ykn dachii Rabbiin uume guutuu kheessatti hin argamu. Masjiiddan MAKKAA FII MADIINAA qofa kheessatti malee!!
------
Tarii Rabbiin subhaanhuu wata'aalaa isa waan feedhe hojjatuu danda’u, gaara kana baay’ina kanaaf adda ta’ee, iddoowwan qulqulluu khabajamtuu lameen qofaaf kan uume ta’uu danda’a, akkasumas iddoo biraa kamiifuu kan hin hafne ta’uus danda’a, waan akka waan addatti bakka kana qofaaf uumameetti.

Rabbi Gaara khana dhimma khana qofaaf kan uumee galataafii ulfinni haa ta'u.

Injinar Mohaammad Kamaal Ismaa'iliif Rabbi haa araaramuuf jannataan Rabbi isa haa qananiisuun.

UMER MOHAMMED ABDALLAA

SHEER SHEER SHEER

27/02/2022

Hadiisa ibnu Asaakir sanada sahiiha isaanii kheessatti akkana jachuudhaan dubbatan;
---
'' Sayyidunaa Bilaal (RA) eega Ergamaan Rabbii ﷺ addunyaa tanarraa godaanan booda Bilaal gama biyya shaam Daariyaa ja’amtu deemee achitti qubatee, duuba erga achitti xiqqo turee bubbulee booda, Ergamaan Rabbii ﷺ manaamaan itti dhufaniiti akkana ja’aniin,

" yaa bilaal maali akkanatti garaa jabaachuun? Gama khiyya ziyaaraa dhufuudhaaf hin yaannee? yeroon hin geenyee? Ja’aniin, Bilaal (RA) rifatee hirriibaa kha’ee, hoggusuma farda isaa yaabbatee gara biyya Ergamaa Rabbii ﷺ Madiinaa dhufe, eegasii booyaa gara qabrii ergamaaa Rabbiititti qaceelee qabrii isaaniirratti fuula isaatiin gara galee, yaa habiiba Rabbii isinirraa tureetiin jira dhiifama jachaa isaa booyuutti jiru,
Hassanii fii Husseen (RA) itti dhufan, Bilaal (RA) gara Hassanii fii Husseenitti fuula itti gara galee isaan hammatee dhungachuu jalqabe, eegasii Hassanii fii Husseen Radiyallaahu Anhum jamii'an, Bilaaliin akkana ja’aniin: " yaa Bilaal azaana Ergamaa Rabbiitiif masgiida isaanii kheessatti azaanaa turte san dhagayuu feenaa, amma nuuf Azaani ja’aniin, Bilaalis marhabba ja’eenii gara masgiidatti ol seenee bakka inni dur dhaabbatee ittiin azaanaa ture sanitti dhaabbatee azaanuu jalqabe,
---
‘’ALLAAHU AKBAR ALLAAHU AKBAR’’ hogguu ja’u biyti madinaa gutuun sossote, ‘’ASH-HADU AN LAA’ILAAHA ILLALLAAH’’ hogguu ja'u, sagaleen Bilaal khan zamana habiiba Rabbii san dhagayaa turan, eessaahi deebi'ee dhufe jachuudhaan warri biyyaa guutuun manaa bahee gara masgiida Ergamaa Rabbii ﷺ akka galaanatti yaa'uu jalqabanii daranuu biyti madinaa sossotee namni hundi manarraa bahe, ‘’ASH-HADU ANNA MUHAMMADAN RASSUULULLAAH’’ hogguu ja’u Bilaal dadhabatee gaggabee lafatti khufe azaana isaa achi bira khuchiisee fixuu dadhabee....
---
Duuba warri biyya madiinaa takkaa akka guyyaa sanii booyanii hin beekhan eega ergamaan Rabbii ﷺ addunyaa tanarraa godaanan booda.....
Akkasiin Bilaal yeroo xiqqo eega ture booda gara biyya irraa dhufeetti deebi'ee achumaan dhukkubsateee firaasha du’aarratti ciise, duuba jaartiin isaa Bilaal narraa du'uuf deema jattee way sheenaa too, way sheenaa too jachaa booyuu jalqabde, hoggu khana bilaal jaartii isaatiin, way sheenaa too hin ji’in, way gammachuu too, way gammachuu too ji’i malee, ja'eenii Boru bar obboleeyyan khiyyaa fii jaalalleewwan khiyya, akkasumas Ergamaa Rabbii khiyyaa jaalallee khiyya khaniin lubbuu khiyya daran fedhuun wajjiiniin wal arguudhaaf deemaa bar, khun ammoo si gammachiisuu qaba malee si rifachiisuu hin qabu ja’eenii, warra isaa sossobee jajjabeesse, duuba akkuma ja'an san Rabbiin taasiseef borumtii isaa numa akhiramee, jaalalleewwan isaati wajji Rabbi ida'een...
---
SUBHAANALLAAH DHIIROOWWAN RABBIIF JACHA AKKATTI WALJAALATAN ADDUNYAAN GUUTUUN ERGA UUMAMTE ARGITEE WAAN BEEYTU NATTI HIN FAKKAATU...
---
DHIIROO JAALALA AKKANAA KHANA YUNIVARSITUMA KHAMIRRAA BARATAN???
---
DHIIROO YUNIVARSIITIIN AKKANAA KHUN ZAMANA KHEENYA KEESSATTIHOO NUMA JIRAA???
---
NAMA YUNIVARSIITII KHANA SEENEE JAALALA AKKANAA KHANA ARGATUU BARBAADEEF...
EEE!!! WALLAAHI NUMA JIRA!
YUNIVARSIITIIN HABIIBA RABBII ﷺ ZAMANA HUNDA KHEESSA NUMA JIRA...
---
Warra Yunivarsitii khanarraa jaalala habibii isaatiin eebbifame Rabbi nu haa godhu.
---
Sheer waliif
Sheeer sheeer sheeer

Omer Mohammed

27/02/2022

Ergamaan Rabbii ﷺ sahaaboota isaanii khutannoo fii hamilee gurguddoo akka qabaatan taasisaa turan, abdii khutachuu, hamilee cabuu fii khaayyoo ga'antii tahe yoo isaan kheessatti arkan yaaddawaafi turan...
------
hadiisa bukhaarii fi muslim odeeysan tokko kheessatti shanaanticha tokkootu Ergamaa Rabbii bira dhufee Ergamaan Rabbii ﷺ eega isa kheessummeeysan booda akkana ja'aniin, maal barbaadda? haajaa khee himadhu siifiin khannaa wahuma feete gaafadhu ja'aniin.

Ergamaa Rabbii ﷺ bira dhufanii haajaa himatanii dhabanii harka duwwaa galuun waan yaadamuu miti, wahuma feete gaafannaan numa arkatta, gaara guddaa ziqeeya ykn dahaba naa tahuudhaan fedha yoo jatteellee sumaaf taatii.

Asirratti mee hoggu takka dhaabbannee of haa gaafannu silaa carraa khana anaa fii ati arkannee maali wanni gaafannu!!!
-----
hoggu khana namtichiniis akkana ja'een, yaa Ergamaa Rabbii ﷺ gaaluma tokko naa khannaa, khaniin hogguu kharaa deemu yaabbadhu, hogguu dhalte ilmaan khiyyaaf aanan irraa ilmadhu, ja'een...
Ergamaan Rabbii ﷺ namticha khanaaf waan gaafate erga khannaniif booda sahaaboota isaanii akkasuma ammallee ummata isaanii kha isaan booda dhufan hundaafuu barnoota ajaa'ibaati dabarsan akkana jachuudhaan!
---
'' sa tokkoon kheessan hamilee jabduu fii khutannoo akka dullattii banii israa'iil qabaachuu maaltu isin dhorke??? akka dullattii banii israa'iil san tayuu akkamitti dadhabdan??? Ja'aniin, hoggu khana sahaabonni mee yaa Ergamaa Rabbii dullattii banii israa'iil tanarraa nu himaa? isiin tun eenyu? seenaan isii hoo maalii? Ja'anii gaafataniin,
Ergamaan Rabbitis ﷺ akkana ja'anii waa'ee dullattii banii israa'iil tanarraa himaniif.

"zamana nabii mussaa kheessatti mussaan biyya misrarraa bahuu barbaadee saahiboota isaatiin wajji oso deemaa jiruu kharaan irraa bade, hoggu khana aalima isaanirraa tahe tokko gaafatanii akkana ja'een, nabi yusuf gaafa du'ee awwaalame dhaamsa dhaameeti du'e akkana ja'ee,
nabii mussaan hoggu biyya misrarraa bahudhaa deemu reefka khiyya bakkaan awwaalamerraa baasee haa na fuudhu gara beeytal maqdisitti geessee achitti haa na awwaalu, yoo akkas tahuu baate kharaan inni deemu sun jalaa haa badu ja'eti dhaammatee du'ee ja'een,
hoggu khana nabi mussaan akkana jachuudhaan gaafate, mee na agarsiisaa bakka nabii yuusuf itti awwaalame eessa??? ja'ee hogguu gaafatu namuu bakka itti awwaalame hinbeekhu dullattii banii israa'iilirraa taate takka tan abaluu ja'amtu yoo taate malee ja'aniin,
nabii mussaan dullattii banii israa'ilitti san bira dhaqee nabi mussaan ja'amaa ja'ee eega waa'ee isaa himeef booda akkana ja'een, qabrii nabi yuusuf eessa akka tahe akka nu garsiiftuuf si bira dhufne ja'een, hoggu khana dullattiinis akkana jatteen, sin agarsiisu waaniin fedhu yoo naa gootan malee jatteen, maal barbaadda nu himi waan feeteen sii godhaa ja'een, hoggu khana dullattiin jannata kheessatti sii wajjiin tahuun feedhaa jatteen, nabi mussaan gaafii dullattii tanarraa ajaa'ibee jalaa callise, khana sii godhuu hin dandayu yoo Rabbi siif taasise malee ja'anii usan, Rabbiin nabii mussaatti wahyii goodhee gaafii dullattii dhaa akka qeebalu isa ajajeenii waan barbaadde arkadhu ja'iinii ja'een, nabi mussaan gaafii dullattii akka jalaa qeebalmeefii Rabbiin waan barbaadde arkadhu sin ja'a ja'ee itti himee bakka qabriidhaa nugarsiisi ja'een, dullattiiniis bakka qabriin nabi yuusuf itti argamu isaan agarsiiftee reefka isaa baasanii kharaa deeman san arkatanii nagayaan biyyarraa bahanii gara beeytal maqdisitti deemanii reefka nabii yusufiis bakka abbaan isaanii nabi ya'aquub, akhaakhoo isaanii nabi isihaaq, nabi Ismaili fii nabi Ibrahim awwaalamanitti geessee achitti awwaalan .

Subhaanallaah mee hamilee jabduu fii khutannoo cimtuu dullattii tanaa maal akka tahee fii hangam takka guddaa akka ta'e gartanii?

carraa arkatte khanaan jannata kheessatti nabi mussaa wajji tahuu gaafattee waan feete arkatte...
gartanii hamilee guddachuun maal akka namaaf argamsiisu.
Warra hamilee gurguddoo qabu Rabbi nu haa taasisu. Ammiin
seenaa khana obboleyyan kheessaniif share godhaaf

Sheeer sheeer sheeer

Ergamaan Rabbii ﷺ sahaaboota isaanii khutannoo fii hamilee gurguddoo akka qabaatan taasisaa turan, abdii khutachuu, hami...

25/04/2020

soomana kheenya akka Rabbiin nurraa qeeblu nyaataa fii dhugaatii irraa somanuu qofa osoo hin tahin, nabsee kheenya haala fokkottuu, haala ga'antii taaterraa hunda soomansiisuu qabna, maalif jannaan.
-------
Ergamaan Rabbii (saw) hadiisa isaanii kheessatti akkana jachuudhaan dubbatanii jiran,
''nama meeqaatamtu jira, soomana isaatirraa beelaa fii dheebuu malee qooda biraa hin arganne, (sunan ibn majah 1680)
-----
ammallee hadiisa biraa kheessatti akkana ja'an...
''soomana jachuun nyaataa fii dhugaatii qofarraa soomanuu miti, soomana jachuun haasawa badaa fii taba fokkotaarraa soomanuu dha,''
namni jacha cubbuu ykn haasawa khijibaatirraa yoo hin soomaniin nyaataa fii dhugaatii dhiisuu isaatirraa Rabbiin hajaa hin qabu, ja'an.
-----
hadiisa biraa kheessatti akkana ja'anii jiran.....
''waa shan soomana nama jalaa furan
haasawa khijibaa haasawuu
nama hamatuu
nama walitti diruu
cubbudhaan khakhatuu
ijaan waan haraam laaluu,'' waantoonni shanan khun namtichi osoo hin beekhin waan soomana isaa jalaa furanii dha...
Sooomana kheeenya soomana Rabbi biratti qeebalamtu Rabbi nuuf haa taasisu.....
waan soomana kheenya fursiisu hundarraahuu Rabbi irraa nu haa eegu.....
warra soomanni isaanii beelaa fii dheebuu qofa jalaa taate Rabbi nun godhin.....
Sheer godhaa

25/04/2020

Abdallaah ibnu mas'uud irraa odeeyfame (RA)
Nabiyyiin Rabbii (SAW) akkana ja'an,
'' gabrattowwan Rabbii baatii Ramadaanaa khana kheessatti waan Rabbiin isaaniif qopheeyseef silaa beekhanii waggaa gutuun baatii Ramadaanaa taye ja'aniiti gaabban ture'' ja'an
baatii Ramadaanaa khana kheessatti waan Rabbiin gabrattowwan isaatiif qopheeyseef hunda warra argate Rabbi nu haa godhu....

24/04/2020

Yaa Rabbi soomana Ramadaanaa khana kheessatti waan Ergamaan khee (saw) niyatan, waan sahaaboonni niyatan, waan gabrattoowwan khee saalihtoonni hundi niyatan warra niyaa godhee soomane irraa nu taasisi.

23/04/2020

Ergamaan Rabbii (saw) akkana ja'an,
''ummata khiyyaaf baatii Ramadaanaa kheessatti waa shantu khannamaaf, waan ummata na dura dabraniif hin khannamin.
------
1,ffaa. Halkan duraa baatii Ramadaanaa kheessatti Rabbiin gabrattoowwan isaa ija Rahmataatiin laala, namni Rabbiin halkan duraa kheessatti ija Rahmataatiin isa laale, zalaalam hin qixaaxamu...
-----
2ffaa. Jijjirama follee afaan nama somaneee Rabbi biratti miskii daran urgaawa...
-----
3ffaa. Hanga somana isaanii furanitti malaayikaan araarama Rabbii isaanii khadhattiif.
-----
4ffaa. Rabbiin jannata isaanii bareechee qopheeysee akkana ja'an, yaa jannata khiyya gabrattowwan khiyya saalihtoonni gama khee dhufanii sikheessatti qanani'udhaaf dhiyaatanii jiranii qophaawi ja'aan.
-----
5ffaa. Halkan maayyirratti Rabbiin hunda isaaniitifuu ni araaramaaf,'' ja'an.
hoggu khana sahaaboonni yaa Rasuulallaaah halkan sun halkan leeyilatul qadrii dhaa ja'anii gaafataniin,
ergamaan Rabbiitiis, lakkii khafaltii hojii itti ajajaman raawwatuu isaaniitiif argatanii dha, akkuma namuu khafaltii hojii isaa eega hojjatee raawwate booda khafalamuufitti, ja'an (musnada Ahmad hadisa lakk 7576).
----
Yaa Rabbi halkan duraa khana kheessatti ija Rahmata kheetiin nu laalii nu milkeessi...
----
اللهم
*يا خير الناظرين*
*يا خير الناظرين*
*يا خير الناظرين*

*انظر إلينا في ليلة النظرة الأولى من شهر رمضان*
*اللهم اجعلنا من أهل نظرتك، فإنك إذا نظرت غفرت، ولا تجعلنا ممن تعرض عنهم فنكون من المحرومين*
*اللهم اجعلنا ممن يتلهفون ويتشوفون ويتشوقون لنظرتك*، *واجعلنا ممن يفوزون بسر النظرة آمين آمين آمين*

23/04/2020

لقد جاء شهر الصيام
جاء شهر الرحمة والغفران
جاء شهر العتق من النار
جاء شهر القرآن
جاء شهر الصلاة والتراويح
جاء شهر قيام الليل
جاء شهر المستغفرين بالأسحار
جاء شهر صلة الأرحام
جاء شهر الإحسان
جاء شهر إطعام الطعام
جاء شهر الافطار
جاء شهر الدعاء
جاء شهر الصدقات
جاء شهر الزكاة
جاء شهر الفقراء
جاء شهر الخير والبركات
جاء شهر الفطر
طوبى لمن كانت هذه الصفات في صحيفته
دمتم طيبين سالمين غانمين
وكل عام وانتم بالف خير

23/04/2020

Ramadaanni baranaa, Jum'aa shan of kheessaa qabaachuu isaa hangam kheessantu qalbifate!!!!!
------
Guyyaan 1ffaa, Jum'aa
Guyyaan 8ffaa, jum'aa
Guyyaan 15ffaa, jum'aa
Guyyaan 22ffaa, jum'aa
Guyyaan 29ffaa, jum'aa
--------
Baatiin Ramadaanaa jum'aa shan of kheessaa qabu waggaa 20 kheessatti malee daddebi'ee hin dhufu ja'an hayyoonni tokko tokko hogguu dubbatan....
------
ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺍﺟﻌﻞ ﺃﻭﻝ ﺟﻤﻌﺔ ﺭﺣﻤﺔ ﻭﺃﻭﺳﻂ ﺟﻤﻌﺔ ﻣﻐﻔﺮﺓ ﻭﺁﺧﺮ
ﺟﻤﻌﺔ ﺍﻟﻌﺘﻖ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﺎﺭ . ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺃﻣﻴﻦ ﻳﺎﺭﺏ ﺍﻟﻌﺎﻟﻤﻴﻦ....

21/04/2020

Miskiina nyaachiisuufii sadaqaa khannachuuf miliyeenara tahuun sirraa hin eeggamu.!!!
---
Baatii Ramadaanaa kheessatti sadaqaa khannachuun toltuu baatiin tun qabdu boojihatuurraa tokkodha,
duuba yaa obboleeyyan khiyya caalmeeyini sadaqaadhaa maal akka tahe isin hundinuu ni beeytan,
garuu baatii Ramadaanaa kheessatti sadaqaa khannatuun dhandhama ykn mi'aa addaatu isii kheeessa jira,
baatiin Ramadaanaa halkaniifii guyyaan isaa guutuun hojii kheyriidhaan khan guuttame waan taheef nama hojii toltuu carraaqqatuu barbaaduuf carraa guddaa dha,
hongawaa jachuun, nama toltuu baatii tanarraa hongawee dha, nama harka duwwaa toltuu baatii tana kheessaa baheetiitu hongawaa ja'ama,
duuba baatii tana kheessatti sadaqaa khannachuudhaan warri kheeyrii carraaqqatuu dandayu miliyanaroota qofa hin sahin, atilleen ni dandeessa, akkamitti yoo jatte,
ergamaan Rabbii (saw) akkana ja'anii jiran,
''namni nama soomana qabu fursiise, haabbuqqaa bishaaniinillee maa hin taane, takkaa cinaa timiraanillee maa hin taane, Rabbiin ajrii nama soomana inni fursiisee san khatabaaf, namticharraa ajrii soomana isaa osoo irraaa hin irrisin,'' ja'an.
Duuba hangana godhuudhaaf miliyeenara tahuun ni barbaachiisaa? Deebisaa isaa isinumaafiin dhiisa, garuu mee khana goonee dhandhama isaa haa laallu...

Rabbi nuuf haa laaffisu

Address

Addis Ababa

Telephone

+251911922262

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Omer Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Omer Mohammed:

Share