Dandi Wangela Tv - Abba Gemechis

Dandi Wangela Tv - Abba Gemechis ✝✅❤DAANDII WAANGELAA WAL HUBACHIISU

Kayyoon keenya
* Waa'ee goofta keenya Iyeesusi kirstoosi Fannoo irratti nuuf olee
*Karaa Wangeela ,Farfanna ,marii
subscribe www.youtube.com/dandiwangela
Daandii Wangeela walii hubbachiisu fi Gootota Amantii Walii yaadachisu

Jirraa ...
29/09/2024

Jirraa ...

"Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!" in jedha; warra waldaa keessa hin jirretti garuu Waaqayyotu farada.”  — 1Qor. 5:1...
06/06/2024

"Isa hamaa hojjetu of keessaa baasaa!" in jedha; warra waldaa keessa hin jirretti garuu Waaqayyotu farada.”
— 1Qor. 5:13
# Heyyamni namoota 4 haqame!
Source Ethiopian Evangelical Council/የኢትዮጵያ ወንጌላውያን አማኞች የጋራ ምክር ቤት
Kawunsiliin mana Maree Waldoota Amantoota Wangeela Itiyoophiyaa barsiisa sobaa fi shakaala dogoggoraa hojjetanii akka irraa deebi'aniif gorsa waan fudhachuu didaniif yaa’ii waliigalaa gaggeesseen heyyamni isaanii akka haqamu murteesseera..

👉 kan hayyamni isaanii haqames:-
1.Raajii Iyyoob Ciroo🤔 ( God's Light Glory International curch)

2.Pastor Kaasaa Kiraagaa 😁( ገዥዋ ዓለም አቀፍ የክርስቶስ ቤተክርስቲያን)

3.Pastor Masgabuu Misxiruu🤔( የሰማይቱ ጽዮን ማኅበርተኞች የክርስቶስ ቤተክርስቲያን)

4.Pastor Biniyaam Sh*ttaayee😁( የእግዚአብሔር መንግስት እውነት ዓለም አቀፍ ሚኒስትሪ)

27/04/2024

Luba Goobanaa Daggafaa
DHAAMSA LUBA GOOBANAA IRRA…
“Natti Hadhaa'e Lammii koo!
Anaa fi Maatii koo akkasitti bakkeetti nu hambisaniiru! Waan laman isin rakkisa:
1. Qormaata ijoollummaa kootii kaasee natti deddeebi'u baachuu dadhabee kirkireera, amantiin koo iddoo dhaa akka hin banne naaf kadhadhaa!
2. Miidhama hadhaawaa narra ga'e kana share gochuun iyya koo dhageessisaa!
Warri natti dirmattanii lubbuu koo fi kan maatii koo baraartan Waaqayyo isin haa eebbisu!
Goobanaa Daggafaa
*garuu Waaqayyo inni hojii isaaf nu waame Amanamaadha,

👉👉Kiristaanummaan Dhugaa Akkasi.               Dhiifama Godheefi! Sababa Isilamummaa dhiisanii Kiristaanummaatti citanii...
17/04/2024

👉👉Kiristaanummaan Dhugaa Akkasi.
Dhiifama Godheefi!

Sababa Isilamummaa dhiisanii Kiristaanummaatti citaniif jecha biyya itti dhalatanii guddatan Sooriyaa irraa gara biyya Awustiraliyaa ari'atamani. Lubni kun nama jaallatamaa barsiisa Kiristoos irratti xiyyeeffatu barsiisu. Pireezidaantota biyya kamiiiyyuu yoo dhugaa jal'isan sodaa malee jaalalan isaan ifata.

Sanbata darbe Waldaa Christ The Good Shephereld Church jedhamtu keessatti otuu tajaajilaa jiranii dargaggeessi ganna 15 ta'e tokko cuubeedhaan mataa fi fuula isaanii wawaraanee isaan miidhee Hospitaala seenanii turani. Har'a oduun achii dhagahame akka ibsutti haala gaarii keessa jiru.
Kan nama ajaa'ibe immoo, Lubni Mar Mari Emmanuel jedhaman kun dargaggeessa miidhaa isaan irra geessise bira deemuun harka isaanii mataa isaarra godhanii isaaf kadhatan. Dhiifamas isaaf godhaniiru.
"Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!" Rom.12:21
Kiristaanummaan Dhugaa Akkasi

👉Abbuna Maar Maarii Imaanu’ePoolisiin Awustiraaliyaa haleellaan mana sagadaa Sidinii keessatti argamuurratti Wixata halk...
16/04/2024

👉Abbuna Maar Maarii Imaanu’e

Poolisiin Awustiraaliyaa haleellaan mana sagadaa Sidinii keessatti argamuurratti Wixata halkan raawwatame “gocha shororkeessummaa” amantaati jedhe.

Dureen amantaa Abuuna Maar Maarii Amaanu'el fi miseensonni kaan osoo Awustiraaliyaa Siidiniitti kallattiidhaan barnoota amantaa barsiisaa jiranii meeshaa qara qabuun waraanamaniiru.

Kun kan ta’e Bataskaana Awustiraaliyaa Christ The Good Shepperd jedhamuufi Waakeeleetti argamu keessatti akka biyyaatti Wiixata gara galgalaa osoo barsiisaa jiraniiti.

Namoota meeshaa qara qabuun waraanaman keessaa Abuuna Maar Maarii Amaanu'el kan waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti barnoota Afaan Ingiliiziin dhiyeessanii hordoftoota hedduu biratti beekkaman ni argamu.

Mana Sagadaa Christ The Good Shepperd keessa kan hojjetan Abuunii, lubaafi hordoftootarratti erga haleellaan raawwatamee booda ol adeemaan umuriin isaa wagga 16 ta’e tokko to’annoo jala oolfameera.

Yoo xiqqaate namoonni afur miidhaan “lubbuu isaanii yaaddoof saaxile” irra gaheera kan jedhe poolisiin, namni miidhaa kana qaqqabsiise miidhamuu beeksiseera.

Gochaan magaala Sidinii bakka Waakkellee jedhamutti raawwatame kun kallattiidhaan kan tamsa’e yoo ta’u, bakki sun akka boora’u ta’eera.

Qorannoon kan hin xumuramiin jiru ta‘ullee, haleellaan raawwatame kun, mankaraaressummaa amantaa hordofeeti jedha poolisiin.

Aanga’oonni kunneen ol adeemaan haleellaa kana raawwate amantaan isaa maal akka ta’e ibsuurraa of qusataniiru.

Yeroo gurbaan ol adeemaa kun Abuunii kanarratti miidhaa geessisu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarra baayyinaan naanna’aa kan jiru yoo ta’u, namoonni dhibbaan lakkaa’aman viidiyoo kana ilaalan gara mana sagadaa kanatti dacha’aniiru.

Manni sagadaa kun wiirtuu magaalaarraa kiiloomeetira 35 faggaattee argamti.

Miidhaa kana hordofuunis namoonni baayyeen meeshaa qara qabuun waraanamiiru gabaasa jedhu kan isa qaqqabe poolisiin biyyattii bakkichatti bobba’uun haalicha qorataa kan jiru yoo ta’u, balaan lubbuu namootaa balaarra buusuu hin qaqqabne jedhameera.

Poolisiin akka ibseetti, namni tokko to’annaa jala oolfamuun bakka adda hin baaneetti geeffameera.

Miidhaa raawwatameen booda namoonni baay'een kan walitti qabaman yoo ta’u, waraabbiiwwan viidiyoo BBC'n hin mirkanneeffanne akka mul’isaniitti namoonni tokko tokko gamoofi konkolaataa hojjattoota yeroo balaa tasaarratti miidhaa qaqqabsiisaniiru.

Naannichi haala cimaadhaan eegamaa jiraachuu kan hime poolisiin, namoonni gara sana akka hin deemneef akeekkachiiseera.

Poolisiin naannichaa miidhaan kan irra qaqqabe Abuuna Maar Maarii Amaanu'el ta’u beeksiseera.

Bataskaana Ortodoksii Bahaatiis gabaasa poolisitiin booda eenyummaa abbaa amantaa kanaa ifa taasisaniiru.

Ibsa bataskaanittiin kenniteen, lubni Abbaa Isaak jedhaman miidhaan akka irra gahe beeksise. Abbootiin amantaa kamaanuu wal'aansaaf gara hospitaalaa geeffamaniiru.

‘‘Amma kadhannaa keessan barbaadna’’ jedha ibsi bataskaanni balaa kanaan booda baafteen.

Ibsichi itti dabaludhaanis, ‘‘namoonni naannoo bataskaanatti argamtan nagaadhaan akka achii deemtan isin gaafanna’’ jedhe.

Kantiibaan naannichaa Firaank Kaarbon ummanni akka tasgabbaa’uf gaafataniiru.

‘‘Ummanni naannoo keenyaa waan mudateen akka nahe nan beeka. Garuu amma dhimmi guddaan Abbunichi gara mana yaalaa geeffamuu fi fayyinnisaanii nagaa ta’uudhaa’’ jechuun miidiyaa biyyattiitti dubbatan.

Poolisiin achitti walitti qabaman
AFP'n gamasaatiin akka gabaasetti, naannichi bakka jireenyaa miseensota Kiristiyaana Asiiriiyaa Sidiinii lakkoofsaan xiqqaa ta’an keessa jiraataniidha.

Irra jiraan isaanis kan Iraaqiifi Sooriyaarraa baqatanii garas dhaqanidha.

Tamsaasa kallattiidhaan darbaa tureerratti namni uffata gurraacha uffate tokko itti dhiyaachuun yoo Abuunichaarratti miidhaa qaqqabsiisu ni mul’ata.

Namoonni hedduun miidhaa nama kanaa dhaabsisuuf yoo yaalan kan mul’atan yoo ta’u, miseensonni hafan iyyaa turan.

‘‘Namoonni miidhaan irra qaqqabees kan lubbusaaniif yaaddeessu miti. Ogeessonni wal'aansa ambulaansii kunuunsa taasisaafii jiru’’ jedhe poolisiin ibsa baaseen.

Kanneen miidhaan irra qaqqabees dhiirota umuriinsaanii waggaa 20-70 jidduutti argaman jedhameera. Namni kunis maaliif akka miidhaa kana raawwate kan beekame hin jiru.

Guyyaa jahaan duras namni tokko Siidiniitti lafa gabaa seenuun meeshaa qara qabuun namoonni jaha du’uun ni yaadatama.

Namni miidhaa sana qaqqabsiisees poolisiin ajjeeffamee ture. Miidhaa amma raawwatame waliin hidhata qabaachu isaatiif ragaan homtuu hin jiru
Haaroomsa Ortodoksiif Hawwii Tarreessaa

Raajii dhugaan Wangeela .
21/03/2024

Raajii dhugaan Wangeela .

03/03/2024
ደረሰ ደረሰ ደረሰ መጋቢት 8 ለኢትዮጵያ 🇪🇹  በመስቀል አደባባይ የንስሐ፣ የምልጃና የምስጋና ጊዜኑ! በእግዚአግብሔር ፊት ምድራችንን ይዘን እንቅረብ! የፊታችን መጋቢት 8 ከቀኑ 7፡00 ጀም...
27/02/2024

ደረሰ ደረሰ ደረሰ

መጋቢት 8 ለኢትዮጵያ 🇪🇹 በመስቀል አደባባይ

የንስሐ፣ የምልጃና የምስጋና ጊዜ

ኑ! በእግዚአግብሔር ፊት ምድራችንን ይዘን እንቅረብ! የፊታችን መጋቢት 8 ከቀኑ 7፡00 ጀምሮ በመስቀል አደባባይ እንገናኝ።

“ወደ ደጆቹ በመገዛት፥ ወደ አደባባዮቹም በምስጋና ግቡ፤ አመስግኑት፥ ስሙንም ባርኩ፤”
መዝሙር 100:-4

Obboleesaa keenyaa ተናገር እውነቱን   Abebe Cinaa dhaabbadha. @ተናገረ እውነቱን (ermi) dhugaa dubbachuun kani beekamudha namni kuni ...
13/02/2024

Obboleesaa keenyaa ተናገር እውነቱን Abebe Cinaa dhaabbadha.
@ተናገረ እውነቱን (ermi) dhugaa dubbachuun kani beekamudha namni kuni dhugaa issaf Waqaa dhugaaf nii du'u.
Ermi yeroo dheeraaf rakkoo narvii cimaa dugdaa isaa keessa jiruun rakkachaa ture kanafuu hundii kenyaa karaa CBE 10002395155545( TEKLE AYTENEFISU ABEBE ) fI Karaa gofound akka gargaratani jaalalaa Gooftaan issani gaafanna.

ይህንን የገቢ ማሰባሰቢያ ያዘጋጀነው ወንጌላዊ ኤርሚያስ አበበ ለረጅም ጊዜ በወገቡ ላይ በደረሰበት ከፍተኛ የነርቭ ችግ… Shawel Metaferia needs your support for ለወንጌላዊ ኤርሚያስ አበበ (ተናገር እ...

koottu hin nyaatta jedhee Abba laata🤔🤔
10/02/2024

koottu hin nyaatta jedhee Abba laata🤔🤔

Gowwoomsitoota 🤭🤭የአጭበርባሪዎች ስብስብ😑
08/02/2024

Gowwoomsitoota 🤭🤭
የአጭበርባሪዎች ስብስብ😑

Eessaa deemna jiraa garuu🤔🤔🤔ወዴት እየሄድን ነው???🤔🤔
02/02/2024

Eessaa deemna jiraa garuu🤔🤔🤔
ወዴት እየሄድን ነው???🤔🤔

Address

Addis Ababa
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dandi Wangela Tv - Abba Gemechis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share