Tajaajila Sarara Qileensarraatti Tokkummaa Amantoota Humna Wangeelaa

Tajaajila Sarara Qileensarraatti Tokkummaa Amantoota Humna Wangeelaa "...akkuma NU TOKKO taane... isaanis TOKKO HAA TA'AN" John 17:11Waldaalee Hafuuraa Kan lntarneetii/

26/04/2025

Hundi keessan kootta hirmaadha!
Wangeelaa namaa hundumaaf! ✝️❤ 🙏

26/04/2025
20/04/2025

❤❤❤✝️🙏

20/04/2025

Waaqayyoo isiin haa eebbisu! ✝️❤🙏

20/04/2025

💔✝️❤

20/04/2025
20/04/2025

Labsi Wangeelaa!✝️🙏

HOOLAA FAASIIKAA KEENYA/OUR PASSOVER LAMBKristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera.  For even Christ our pass...
20/04/2025

HOOLAA FAASIIKAA KEENYA/OUR PASSOVER LAMB

Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera. For even Christ our passover is sacrificed for us: የፋሲካችን በግ የሆነው ክርስቶስ ታርዶአል። ( 1Qor 5:7 ).

Hoolaan faasiikaa keenyaa kristos haarsaa nuuf ta'eera. Faasiikaa jechuun birmaduu ba'uu jechuudha. Giddu galeessa kakuu moofaa gaaddidduu giddugaleessa kakuu haaraa/yesus kan ture Museen bara dhalatee fi jiraataa turetti Sabni Israa'eel garbummaa Gibxii jala turan. Mootiin gibxii yihudoota bilisaan akka gad lakkisuuf dirqisiisuuf jecha Waaqayyo dheekkamsa adda addaa akka bokkaatti itti roobse. Dheekkamsa isaan irratti roobaa ture keessaa inni dhumaa fi baay'ee ulfaataan namaa fi horii isaanii keessaa angafa kan ta'e du'aan adabuun ture.

Yihudootaaf garuu angafni ijoollee isaanis ta'ee horii isaanii akka hin duuneef hoolaa qalanii/aarsaa godhanii dhiiga hoolaa gubanii balbala isaanii akka diban qajeelfamni kennameefii ture. Yommus warri qalan dhiiga isaa irraa fuudhanii michichila balbalaa lamaanuu,buusaa mataa balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa manneen xobbaallicha keessatti nyaataniitti haa diban!
akkasumas godha, akkasumas ta'e! ( Bau 12:6-8 ).
Ani halkan sana biyya Gibxii keessa nan darba, angafa biyya Gibxiis namaa hamma horiitti nan dha'a; ani Waaqayyo, waaqayyolii warra Gibxii hundumaa irratti firdii nan raawwadha. Dhiigni manneen isin keessa jiraattanitti jiru garuu milikkita isiniif in ta'a; anis dhiigicha yommuun argu isin irra nan darba; yeroo ani dha'icha kana biyya Gibxiitti fidutti, isin balleessuudhaaf dha'ichi tokko illee isinitti hin bu'u ( lak 12,13 ).

As gara kakuu haaraatti gaafa dhufnu hoolaan waaqayyoo inni mudoo utuu hin qabaatiin cubbuu ilma namaatiif aarsaa ta'e kristosiidha. Hoolichi isa du'a isaatiin cubbuu biyyaa lafaa irraa fuudhuudhaa. Yohannis utuu Yesus achiin darbuu ilaalee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo” jedhe. ( yoh 1:36 )
..., dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa. Inni furee cubbuu keenyaa ti, ( 1yoh 1:7 )
cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee. 1yoh 2:2 )
Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan,
isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.
Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana. ( 1yoh 4:10 ).

Egaa walumaa galatti torbaanonni torbaanota karaa adda addaa leellifamaa turaniidha. Guyyicha guyyaa seena qabeessa kan sababa guddaa tokkotu jira. Sababni guddaan kunis guyyaan kun jireenya ilma namaa keessaatti guyyaa seenaa guddaa qabu waan ta'eef. Guyyaa itti waaqayyo tokkicha ilma isaa, gooftaan keenya yesus kiristos immoo lubbuu isaa boqonnaa fi gammachuu ilma namaatiif kenne waan ta'eef. guyyaa dinqii fi seenaa guddaa qabu kana kan yaadannu immoo ofii keenyaaf nyaachuu,dhugu fi uffachuu qofaan osoo hin taane namoota naannoo keenya jiran iif waanta qabnu irraa qooduudhaan ta'uu qaba.

Kanuma sababeeffachuudhaan Tokkummaan keenya . Tokkummaa amantoota naannawa walattee wajjin tamsaa wangeelaa fi qulqullina magaalaa akkasumas Waldaa Hiikamsa Karaa sagalee waaqayyoo wajjin ta'uun immoo namoota harka qal'eeyyii fi karaa gubbaa jiraatan 100 oliif sagantaa laaqanaa qopheessinee wajjin dabarsinee jirra. Kun gammachuu guddaadha jaalallis, tajaajillis isuma kanaadha. Waaqayyo isa karaa hundumaan nu gidduutti hojechaa jiruuf galanni guddaan haa ta'u jechaa asumaan namoonnii fi waldaan hojii dinqii kana hojjechuu keessatti qooda fudhattan

a. Waldaa Yeroo Hundumaa Gooftatti gammaduu.

b. Waldaa Dibata Hafuura Waaqayyoo barbaadu

c. Waldaa Hikamsaa Dhuga Baatota Wangeelaa Addunyaaf

d. Waldaa Kiristaana Tsiyoon Addunyaa
akkasumas oboloonni dhuunfaan hirmatan Taarikee Tunchee Waldaa tajaajila yesus dafee ni dhufaa irraati warri hojii kana hirmaattan Waaqayyo gatii keessan gonfoodhaan haa deebisu ulfaadhaa jechuun barbaada.

Ergichi, “Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne.Kunoo, ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera. mul 3:8

👏GALATOOMAA



Hoji Gaggeessaa Generation for truth international ministry

02/04/2025

Ulfaadha!❤✝️

02/04/2025

Tokkummaan hunma! ✝️❤🙏

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tajaajila Sarara Qileensarraatti Tokkummaa Amantoota Humna Wangeelaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Tajaajila Sarara Qileensarraatti Tokkummaa Amantoota Humna Wangeelaa:

Share