Waldaa Fayyisaa Addunyaa-WFA

Waldaa Fayyisaa Addunyaa-WFA "Xoofoo Fayyisaa Addunyaa nan fudhaadha, Maqaa Waaqayyootis nan waama!" Far 116:13

Baga Ayyaana Masqalaa Nagaan Geessan,Geenye !Ayyaana Gaarii !!!
26/09/2025

Baga Ayyaana Masqalaa Nagaan Geessan,Geenye !

Ayyaana Gaarii !!!

Baga Ayyaana Ol Bahuu Dubaroo Qulqulleetti Maariyaam Nagaan Geessan ************Dhaloonni Hundi  guutuu Addunyaarra Jira...
22/08/2025

Baga Ayyaana Ol Bahuu Dubaroo Qulqulleetti Maariyaam Nagaan Geessan
************
Dhaloonni Hundi guutuu Addunyaarra Jiraatan hundi bagaa Du’aa Ka’uumsa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam nagaan Geessan Waaliin Geenyee

Waa,ee filcheetaa giftii keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam raajootni rajii isaaniin dursanii dubbataniiru.

Yaa Waaqayyo, ati gara eddoo boqonnaa keetti ka’i! Siif taabotni kee Sanduuqi kakuu inni aangoo kee mul’isu" Macaafa Faarfannaa 132:8
raajaan Daawiit “Siif taabotni kee Jedhee kan dubbate sii jedhamee kan dubbatameef, gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo ta’u, “Taabota” kan jedhamtee immoo giftii keenya qulqulleeti dubroo Maariyaam ta’u ishee turjumaanooni(hiiktootni) kakuu moofaa nii ibsu.

yaa michuu koo ka’ii, yaa barredina koo kottu Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 2:10-14 kan jedhuu dha.

-Bartootni gooftaa dubroon Maariyaam erga boqottee booda gadda irra osoo jiranii, yeroo sanitti kutaa lallaba isaa barsiisaa kan turee qulqulluun Toomaas kutaa lallaba isaa irraa gara Iyyerusaaleem yeroo deebi’u, foon hadha keenyaa ergamootni gara gannataa yeroo geessan argee obbolaawan isaa bartoota gooftaaf himee ture.

Bartootni gooftaa dubroo Maariyaam irraa adda ba’uu isaanii gaddaa, iccitii isaas bar’uuf onnatanii barbaadaa waan turaniif gooftaan isaaniif muldhatee Hadha koo isiiniifan agarsiisa jedhee abdii kenneefii ture. Abdii kana irra osoo jiranii qulqulluun Yuhaaniis giiftii keenya akka nutti agarsiisuuf “Haggaya 1 eegalee soomaan uumaa keenya haa gaafannuu jedheen.

Isaaniis yaada isaa fudhatani Hagayya 1 eegalanii subaayee 2’f erga sooman booda, gaafa Hagayya 16 gooftaan keenya qulqulloota duuka buutota isaa gara gannataa ol-baasee, bakka awwaala muka jireenya gannataa jala turee irraa foonif lubbuu dubroo Maariyaam tokko godhee du’aa kaaseera, du’aa ka’uuf ol-bahuu ishee isaaniif agarsiisee, aduunyaa guutuu deemanii akka barsiisan ajajeeniiraa. Dubroon Maariyaam bara Maatiyoos, bara 49 B.A Ammajjii 21 boqotte. Hagayya keessa awwalamtee, ji’uuma kana keessa du’aa kaatee ol-baateti.

Yeroo sanii eegalee bataskaanni qulqulleetiin eebba dubroo Maariyaam argachuuf nii soomti. “Yaa giifti koo Maariyaam! Urgooftuu gatiin isaa wuddii ta’eef fooliin isaa mi’aawaa ta’een harka bartoota gooftaatii foon kee qulqulluu ganazameef nagaa gaafachuun nii barbaachisa. Yaa Dubroo! Mucaa eebifamtuu kan maatii filatamoo fi eebbifamooti. Yaa giiftii! Arjuumaan kee akka harmaa ta’e akka na guddisuuf hadhas abbaas si godheeraa jedhaa fakkiin Maariyaam(መልክዐ ማርያም) Yaa giifti koo Maariyaam! Karaa bahaa biqiltuu gannataa iddoo dunkannii ifaa dhaabameeti foon kee ol-baheef nagaa gaafachuun nii barbaachisa.

Yaa Dubroo! Arraba hundaan galateefamuun waan siif barbaachisuuf ergamoota samii irra jiraniif ijoollee Addaam lafa irra jiran irraa yeroo hundaa galatnii siif dhiyaata” fakkii Maariyaam(መልክዐ ማርያም) Ayyaana ol-bahuu giftii keenyaa bataskaanoota kabajan keessaa bataskaanni Gibxii gaafa Hagayya 11 foon ishee qulqulleetiin gara gannataa ol-bahuu ishee Bataskannii keenya wagga waggaan kan kabajuu ol-bahuun dubroo Maariyaam
(filcheeta)” The bodily Assumption of the Holy Mother of God ” jedhani ibsu.

Bataskannii Ortodooksii tawaahidoo, filcheetaa fi ol-bahuu dubroo Maariyaam jireenya bara baraa du’aa ka’uumsa booda jiruu nii mul’isa jettee nii amantii, nii amansiistiis. Kanas dukaa bu’aan gooftaa qulqulluu Yuhaaniis mul’ata isaa irratti akkas jedheeraa”Warri gooftaatti qabamanii utuu jiranii du’an, ammaa jalqabanii warra gammadanii dha…., dadhabbii isaaniittii aara haa galfatan, iji hojii isaanii immoo isaan duukaa in bu’a Mul’ata Yohannis 14:13

-Ayyaana filcheeta dubroo Maariyaam bataskaanni keenya galatoo, soomii fi kadhannaa dhaan nii kabajii. Du’aa ka’uun dubroo Maariyaam bara keenyati mata-duree falmii ta’uun isaa baayyee gaddisiisa. Iyyasuus Kiristoos “Du’aa ka’uun,jireenyis ana”(Yuhaaniis 11:25) jedheera. Deessuu fayyisaa-adduunyaaf du’aa ka’uun waan guddaadhaayii? Haati jireenyaa nii jiraatee jechuun wanta nama aarsu maal qabaa? Haadha jireenyaa duutii ishee qabatee hambisee yeroo jedhamuu kan gammachisuu seexana qofa dha. Nuuf dinqii kan nutti ta’u du’aa ka’uu ishee osoo hin ta’iin du’uu isheeti. Qulqulluun Yaareed “Duuti nama du’uuf nii barbaachisaa, duuti Maariyaam garuu nama dinqiisisaa” jedheeraa.

Barataan qulqulluu Yuhaaniis qulqulluun Agnaaxiyoos yeroo qulqulluu Yuhaaniisif barreesuu “Yoo danda’ameef yaa’ii hordooftoota amantaa Iyyeruusaaleem jiran ilaaluuf, hirmaachuuf nan dhufaa. Keessuumaa immoo hadha Iyyasuus ilaaluuf: isheen kabajamoo, gadii of-qabduu, karaa hundaan dinqii, hunduu ishee ilaaluuf nii barbaadaa, isheen haati Waaqayyoo hunduuma keenya nuu eebisti. Kan ishee ilaaluu hundii nii dinqisiifata, nii gammadaa jedhee barreeseeraa. Qulqulluun Yaareed “Dunkaana harka namaan hin hojjetamne jedhe qulqulluun Phaawuuloos kan dubbateef giftiin keenya, abbaan ishee Daawwiit maasinqoo dhaan galateefachaa aduunyaa darbu irraa gara aduunyaa hin dabarreeti deemte” jedhee ishee galateefateera. Nutiis akkuma abbootii keenya qulqullootaa, karaa mahiileeti fi galatoo dhaan nii galateefannaan.

Eebbiif Ararsummaan Haadha Keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam Hundumaa Keenyaa Waliin Yaa Tahu Ameen!

 Waldaa Fayyisaa Addunyaa Damee Ada'aa Bargaa
20/08/2025


Waldaa Fayyisaa Addunyaa Damee Ada'aa Bargaa

Ayyaana Dabra Taaboor/Buhee/Ukee/TaaboreeHojii fi oolmaa Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan yeroo hundaa ...
18/08/2025

Ayyaana Dabra Taaboor/Buhee/Ukee/Taaboree

Hojii fi oolmaa Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan yeroo hundaa guyyuma guyyaan yaadannu ta’us, adeemsa dhala namaa fayyisuu Inni raawwate keessatti guyyaawwan iddoo addaa ta’an akka ayyaana guddaatti sirna gara garaatin kabajna. Haaluma kanaan abbootni keenya akka kabajnuuf ka seera itti tuman ayyanotni Gooftaa,Waaqa fi Fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kirstoos gurgudd’oon lakkofsan sagali.

Akkasuma ayyanota xixinnoo sagalis jiru. Ayyaanotni gurguddoo Gooftaa keennaa fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ammoo kan jedhaman,: ayyaana nama ta’uun gadaamessa haadha isaa keessa buluu, ayyaana dhalootaa Gooftaa (Gannii), ayyaana Cuuphaa, ayyaana Hosaa’inaa, ayyaana Fannifamuu, ayyaana du’aa ka’uumsaa/Faasikaa/, ayyaana ol ba’uu, ayyaana Pharaaqlixioosi fi ayyaana Taaboreeti.

Taaboree/Buhee

Ayyaanota kana keessaa yeroo hunduma Hagayya 13 kan kabajamu ayyaana Taaboreti. Gi’iziidhaan ‘ Dabra Taabor’ jedhama. Amaariffaan ‘ Buhee’ jedhama.Oromiffaan Taaboree/ukee jedhama. Ayyaannii kun Hagayya 13 yeroo mara kan kabajamu yoo ta’u sababni isaas gooftaa Iyyasuus biyya Israa’eel Tulluu Taabor isa kibba baha Galiilaatti argamu irratti duuka bu’oota keessaa qulqulluu Pheexros, qulqulluu Yaaqoobii fi qulqulluu Yohaannis akkasumas abboota kakuu moofa keessa turan kan yeroo sanatti du’aan addunya irraa booqate Raaja Musee fi kan lafa kana irraa fooniin gara dachee jiraattottaa fudhatame Raaja Eeliyaas kaasuudhaan tulluu kana irratti wajjin haasa’e.

Waaqummaa Isaas itti ibse dha. Tulluu Taabor irratti qulqulloota kanaaf bifa ulfina isaatiin itti muldhate, fuulli isaas akka biiftuu ife, uffatni Isaas akka cabbii addaate balaqqise. Tasa duumessis ni haaguuge, sagaleenis samii irraa ni dhagahame
“kun ilma koo isa ani jaaladhu, gammachuun koos isatti ni raawwatama,isa dhagahaa” (Mat 17:5)kan jedhu ni dhagahame iftis ni ta’e. Kabaji Isaas ni muldhate.

Yeroos dadhabinni, shakkiin, xuriin laphee duuka bu’ootaa isaa ni qulqullaa'e. Gooftaan Beeteliheemitti uffata moofaatiin maramee horii waliin bule, foon namaa isa cubbuun itti raawwatamu uffatee tuffatamaa ture ifa isaan kabaja isaa mul'ise. Gooftaa Iyyasuus Ilmi Tokkichi Abbaa, Waaqni bara baraa ka du’an keessaa Musee, kan Fudhataman keessaa Eeliyaas,kan lubbuun lafarra waliin jiran keessaa duuka bu’oota kana filachuun isaa, namoonni yemmu inni barsiisaa turetti waa’ee isaa hubachuu dadhabanii tokko tokko Eeliyaas,tokko tokko Raaja itti fakkaachaa waan tureef,lakki inni Waaqa jiraattotaa fi kan warra du’anii ammas Waaqa Eliyaas fi Musee Waaqa duuka bu’ootaa ta’uu isaa agarsiisuuf kuni raawwatame.

Kanaaf Gooftaan keenya duuka bu’oota isaan "Namootni eenyu nan jedhu?" (Marq 8:27) jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yohaannis cuuphaa, Eeliyaas, kan hafan immoo raajota keessaa tokko jedhu" (Mat 16:14) jedhanii Gooftaa keenyaaf deebisan. Gooftaan keenyas duuka buutota isaan, "Isin hoo eenyu naan jettuu?" (Mat 16:15) jedhee isaan gaafate. Duuka buutota keessaa Qulqulluu Pheexiroos, " Ati Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bara baraati." (Mat 16:16) jedhee deebiseef.

Akka Gooftan nutty dubbatetti, akka duuka bu’oonni nu barsiisanitti amanna; Gooftaan mataa isaatiin lapheen keessan hin raafamin anatti amanaa,Abbaa kootis ammoo amanaa jedheerahoo!

Amantaan kirstaanummaa amantaa muldhachuuti! Hubadhaa dhimmi kun wanta heddu qabata.Amantaa muldhachuuti yemmuu jennu Waaqayyotu uumee namatti muldhate,jalqaba sagalee isaa dhageessisaa ture.

Abboota akka Addaam fa’a sagalee isaatiin ajaja dabarsee. Abboota gaggaarii akka Abrahaamif ammoo fakkeenya namootatin itti muldhate.dhawaata haala jireenya isaa ifa gochaafii adeeme. Nu barbaade,nu hin gatne.Raajonni akka Musee yeroo dhibba heddu Waaqa waliin dubbachaa turan. Isa kanaa ol ammoo kakuu haaraa keessatti hubanne.

Jireenya ABBAA ILMAA AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKICHA jedhu qaama isaa aangoo isaa hojii isaa hubanne.Guyyaa cuuphaa Gooftaa Iyyasuus,Abbaan “Ilmi an jaaladhu kana” jedhe, Ilmi Yordaanositti foon uffate laga keessa dhaabate, Afuura Qulqulluun bifa Gugeetin bu’e. Iccitii sadummaa hubanneerra. Kanaaf amantaan kirstaanummaa amantaa muldhachuuti ka jennuuf.
Ammoos guyyaa Taaboree kana Tulluu Taabor irratti Abbaan isa dhagahaa jedhe!.

Ammas jireenya Waaqayyoot hubanne.Ulfinni Gooftaas ni muldhate.Foon uffachuun ulfinni isaa ka xinnaate namootati fakkaate,akka hubataniif garuu kabaja isaa ibse. Galanni, ulfinni,sagadni hoqubaan Waaqayyo jiraataf hanga bara baraatti yaa ta’u.

🙏   🙏⚜ )⚜               ➦Soomni kun soomawwan   qannoonaadhaan murteessite 7n keessaa isa tokkodha. Ol bahuu Dubroo Maar...
06/08/2025

🙏 🙏
⚜ )⚜

➦Soomni kun soomawwan qannoonaadhaan murteessite 7n keessaa isa tokkodha. Ol bahuu Dubroo Maariyaamii waliin waan wal qabatuufis Sooma Filsataas ni jedhama. [Filsata-Jecha Gi'iizii 'ፈለሰ-Fellese' jedhurraa kan dhufe yoo ta'u bakka tokkoo bakka biraatti deeme jechuudha]. Kunis yeroo hundaa Hagayya 1-15tti kan soomamu yoo ta'u Hagayya 16 ayyaana Olbahuu haadha Waaqaa Qulqulleettii Maariyaam (Assumption of St. Mary) tu kabajama.

+ +

➦Manni Kiristaanaa Duuka Buutuu taate kun sooma kana qannoonaa ishee keessa galchuun ijoolleen ishee akka itti eebbifaman taasisuun ishee bu'uura kan hin qabne miti. Sooma kana yeroo jalqabaaf kan sooman duukaa bu'oota warra jalqabaa turan. Kunis lola diinni awwaalcha haadha Waaqayyoo Dubroo Maariyaamirratti kaase waliin kan wal qabatu yammuu ta'u; diinni yoo qorumsa isaa baay'isu ijoollee isaaf eebba baay'isuun amala isaa kan ta'e Waaqayyo garuu guyyaa sana humna isaa mul'isee kaayyoo diinaa fashaleessuun ijoolleesaaf immoo kunoo hanga har'aatti kan itti eebbifamaa jirru; isa inni wangeela isaarrattis 'yeroo soomtan' jedhee nu ajaje sana akka hojiirra oolchinuuf fi eebba haadha isaa irraa akka argannuuf eeyyama isaatiin, 'Sooma Maariyaam' nuuf kenne. Seenichis gabaabinaan:-

➦Kan Foon uffate hunduu dadhabbii fi qorumsa addunyaa kanaa irraa boqochuuf foon dadhabaan kunii fi lubbuun isaa addda bahuun dirqamadha. Kanaafuu Haati Waaqayyoos dhalattee, mana warra ishee waggaa 3, mana qulqullummaa keessa waggaa 12, Mana Yooseef Kiristoosiin ulfooftee ji'a 9 fi guyyaa 5, Ilma ishee Kiristoos waliin waggaa 33, Fannoo jalatti isa ishee fudhate qulqulluu Yohaannis waliin waggaa 14 fi ji'a 9 erga jiraatteen booda, umurii ishee waggaa (64tti) Amajjii 21, B.A 49 tti du'a ajaa'ibaan boqotteetti! Isa kana urjiin mana kiristaanaa keenyaa, abbaan yeedaloo, Yaareed, « Duuti kan du'u hundaaf kan malu dha. Duuti Maariyaam garuu nama ajaa'iba» jedheera.

➦Yeroo kanatti haadha qoricha deessee du'a isaanirraa balleessitee fi kennaa taatee fannoo jalatti isaaniif kennamte kabajaan awwaallachuun dirqama isaanii waan tureef haadha Ilma awwaalcha du'aa diige awwaaluuf gara Geetesemaannii fudhatanii deeman. Osoo awwaaluuf deemanii, bakka dhugaan jiru adamsuum amala isaa kan ta'e diyaabiloos laphee isaanii kan isaaf kennan Ayihuudota irra buluun inaaffaatiin reeffa haadha Waaqayyoorratti lola kaase; haadha qoricha deesse akka duuni boolla keessatti ishee hin hanbisne shakkee, waan isaaf hin oolle, 'borummoo isheenis akkuma Ilma ishee du'aa kaateetti jedhanii odeessuuf mitii' jedhee dhugaa balleessuuf yaale. Waaqayyo garuu humna isaa mul'isuun Yohaannisii fi reeffa haadha isaa olfudhachuun gannata keessa muka jireenyaa jala kaa'e. [Gosa Ayihuud kan ta'e namni Tawufaaniyaa jedhamu ija jabinaan reeffa haadha keenyaatti waan dhiyaateef harkisaa lamaan kan cite yeroo kana ture].

➦Inaaffaan Afuurawaa kan isaan hin raffisne Duukaa Bu'oonni garuu eebba sababa jeequmsa diinaan isaan harkaa bahe kana deebifachuuf, ji'a saddeet booda hagayya 1 kaasanii subaa'ee lama (guyyaa 14) qabatan. Xumura subaa'ee isaaniirrattis, inaaffaa afuurummaatiin ta'anii waan kadhatan kan nama hin dhowwanne Gooftaan reeffa haadha isaa kan Gannata keessa ture sana isaaniif buusee kabajaan kadhannaatiin awwaalaniiru.

➦Duukaa bu'oota keessaa Toomaas lallabaaf bakka biraa waan tureef sirna awwaalchaa sanarratti hin argamne ture. Wanti kun, Toomaas gosa Saaduuq keeessaa ta'uusaatiin yeroo baay'eee yaada shakkitiin waan qoramuuf, Waaqayyo kan caalu icciitii du'aa ka'umsa ishee isa agarsiisuuf waan godhedha nama jechisiisa. Haaluma kanaan, osoo Toomaas ergama lallabaa irraa duumessaan gara Iyyerusaalem deebi'u u icciitii guddaan har'a nuyi afaan guuttannee dubbannu tokko isatti mul'ate. Kunis, osoo Haati Waaqaa Dubroon Maariyaam aangoo Ilma isheen akkuma Ilma ishee du'a irraa kaatee ol bahaa jirtuu ishee arge. Ol bahuu ishee kana Duukaa Bu'oonni biroon quba hin qaban turan. Yeroo kana Toomaas baay'ee gadde.

Sababni isaa, duras du'aa ka'umsa Gooftaarraatti wanti kana fakkaatu isa quunnamee ture. Yoh 20:24. Innis kan gaddeef, 'ammas akkanuma shakkii koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide' jedhee yaadeeti. Yeroo kanatti kan gaddan tasgabeessuu fi jajjabeessuun amaluma ishee kan ta'e Haati Waaqayyoo, 'Du'aa ka'uu koo si malee namni arge hin jiru' jechuun isa tasgabbeesitee yaadannoof akka ta'uuf sabbata ishee kenniteef. [Fakkeenya sabbata kanaa har'as Fannoo Diyaaqoniin sirna galatooo gaggeessu qabaturratti irratti arganna].

➦Toomaasis, duuka bu’oota bira yeroo gahu, Dubroo Maariyaamiin awwaallachuu isaanii dhagahe. Icciitii of harkaa qabu garaatti qabatee, "Duuti Amajjitti, awwaalchi Hagayyatti akkamitti ta'a' jechuun akka nama shakkuu waan ta'eef akka amanuuf gara awwaalchaa isa geessan. Isheen garuu awwaalcha keessa hin turre. Yeroo sirriin icciitii of harkaa qabu itti dubbatu yeroo kana waan tureef waan arge hundaa isaanitti hime; sabbata mallattoodhaaf isatti kennames isaanitti agarsiise. Sabbata kanas eebbaaf qoqqoddatanii gara biyya lallaba mataa mataa isaaniitti deddeebi'an. Duuka bu'oonnis yeroo lammaffaaf inaaffaa afuurawaan qabamuun 'icciitii Toomaas arge arguu qabna; eebba inni argate argachuu qabna' jedhanii ammas waggaasaatti subaa'ee lama qabatan. Xumurarrattis gaafa Hagayya 16, Gooftaan keeenya ofii Isaatii akka lubaa dursaatti, Dubroo Maariyaamii akka Taabotaatti, Qulqulluu Pheexiroosii akka luba gargaraatti fi Qulqulluu Isxifaanoosiin akka daaqonii dursaatti godhee sirna galatoo gaggeessee erga isaan qorrobsiisee booda 'Ol bahuu Giiftii keenyaa' isaan agarsiiseera.

➦Egaa akkuma mana kiristaanaa keenya keessatti baratametti sooma kana kiristaanonni xiqqaa hanga guddaatti hawwiidhaan kan eeganii fi sirriitti kan soomanidha. Baay'een isaanii immoo mana isaanii dhiisuun mana kiristaanaaa ykn gara kawaalaa deemuun subaa'eedhaan dabarsu. Sababa garaagaraatiin warreen kana gochuu hin dandeenye immoo rakkaattoota gargaaruun, baasii tajaajilaa hunda danda'uun [keessumaa manneen Kiristaanaa baadiyaaf] eebba Haadha keenyaa irraa hirmaatu! Waaqayyo nagaan xumursiisee yaadannoo du'aa ka'umsa Isheen nu gahuun eeyyama isaa nuuf haa ta'u!

"Waa'ee Haadha Waaqaa hin callisnu; Soomaa Eebbaa nuuf haa ta'u!" Ameen!

Adoolessa 30-2017
Finfinnee

“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste" Far.65/6:12============== Manni Qulqullummaa keenya...
25/07/2025

“Abiddaafi Bishaan gidduu nu dabarsite, gara boqonnaattis nu baaste" Far.65/6:12
==============
Manni Qulqullummaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo yaadannoo qulqullootaaf taasiftu keessaa guyyaa hangafti ergamootaa Qulqullichi Gabri’eelin Waaqayyo irraa ergamuun wareegama Qulqullicha Qiirqoosiifi haadha isaa wareegamtuu Qulqulleettii Iyyeluxaa bishaan danfaa keessaa baase yeroo maraa Adoolessa 19 kabajamee oola.

Mannii amantaa keenya seenaa kabaja ayyaana kanaa gabaabumattii akka armaan gadiitti barsiisti.
Barri sun bara Wareegamtootaa ture. Wareegamaa jechuun ragaa ba’aa, waa’ee amantaa ishee sirriifi mootummaa Waaqayyoof jecha kan dhugaa ba’u jechuu dha. Waqtii sana amantaan kiristaanummaa bal’inaan yeroo itti lallabamuu eegalame, kiristaanotaafi mootota biyyattii giddutti sababa amantaa qofaan garagarummaa guddaafi dhumaati yeroo itti godhamaa tureedha. Sababa kanaan jireenyi kiristaanotaa du’aafi jireenya gidduu yeroo tureefi yeroo qorumsa guddaa, dhiigni kiristaanotaa akka lolaa gannaa yeroo lafarra dhangala’aa tureedha.

Bara kana wareegamtoota akka warqee ibiddaafi rakkoon dararamaa amantaa isaanitin cimanii dhabatan keessaa daa’imtichi Qulqulluun Qiirqoosifi haati isaa Qulqulleettii Iyyeluxaan isaan tokko. Wareegamaa Qirqoosiin wareegamtoota kaan irra addaa kan isa taasisu umuriin daa’ima ta’uu isaati.

Qiirqoos biyyi isaa Roomaa, Ixaaliyaa, bakkaa Angabeen (አንገቤን) jedhamtudha. Haati isaa Iyyeluxaa, abbaan isaa Qoozimoos (ቆዝሞስ) jedhamu. Bara mooticha hamaa Diyooqilxiyaanos (bara wareegamtoota) –Diiyooqilxiyaanos mudamee waggaa 20ffaa isaatti bara 303 BA, manneen amantaa kiristaanotaa akka barbadaa’an, manneen xa’otaa akka babal’ataan labsiin labsame. Sababa kanaanis kiristaanootni hedduun ari’ataman.

Iyyeluxaanis daa’ima waggaa sadii kan ta’e, mucaa ishee Qiirqoos qabattee gara Iqooniyoosittii baqatte. Yeroo sana bulchaa kutaa biyyaatti kan ture mootichi hamaan Ileeskiindiriyoos jedhamu isaan argate. Mootichis baqattoota kana ofitti waamuun waa’ee amantii isaanii gafate. Iyyeluxaanis “yaa mootii xaa’ota waaqessun gaarii ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa daa’imti waggaa sadii ni jiraatii isa gaafadh” jechuun deebisteef. Daa’imtichis bakka jiru akka dhufu taasifame, mootichis ‘’ yaa mucaa gammadaa akkam jirta jechuun gaafate,

daa’imtichis eyyeen anaaf gammachuun naaf eegameera, siif garuu gaddaafi ilkaan walitti riguutu sii eeggata’’ jechuun deebiseef. Waaqayyo daa’ima kana irraa ayyaana isaa bulcheeraatii mootichaafi ergamtoota isaas ni rifachise, xaa’otaa sanaas ni abaare. Isaanis cimina daa’imtichaa arguun aja’iibsifatan.
Mootichis qaana’uun ”okkotee sibiilatti wantoota danfun baay’ee nama gubu danda’an kanneen akka Gagaa(ሰም), Ashaboo, Baruuda(ባሩድ), Muccaa (ሙጫ), adaamii, kkf naquun naaf dhiyeessaa” jechuun hojjettota isaa ajaje. Hojjettotni Ileeskindiriyoosis akkuma ajajaman erga taasisanii booda, “wanta ajajamne hunda raawwanneerra, bishaanis danfeera, sagaleen isaas akka qaqawweessa gannaa ni iyya, laboobni isaas akka halallaa nama waada; bishaan isaas heddu danfuu isaa irra kan ka’e ciqilee 14 ol utaala, egaa waan keessatti darbatamuu/gataman/ ajaji” jechuun gaafatan.
Sababa kiristaanummaa isaaniif qofa kan hidhamanii turan qulqullichi Qiirqoosifi haati isaa Iyyeluxaan “danfaa kanatti akka gatamaniif, hiikaa fidaa” jechuun mootichi isaan ajaje. Bishaan danfaa keessatti gatamuun yeroo afeelaman akka ilaalaniifi, warra abiddichaan gubatan ilaaluun akka sodaataniifis /amantaa kiristaanummaa akka jibbaniifis/ namootni hedduun waamamanii turan.
Yeroo kana qulqulleettiin Iyyeluxaan sagalee danfaa bishaani yeroo dhageessufi yoo argitu ni rifatte; kabaja isaaniif qophaa’e gonfachufis ni sodaatte. Mucaan ishee Qulqullichi Qiirqoos garuu ayyaannii Afuura Qulqulluu isa guutee akka duubatti hin deebineefis isa ciimsee, isa jajjabesse.
Haadha isaatiinis “Yaa hadhaa koo okkotee sibilaafi bishaan danfaa kana ilaaltee hin sodaatiin, hin dhiphatiin; Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’eeliin abidda boba’u keessaa isaan basee nuu walii jira ,nuunis bishaan danfaa kana keessaa nu oolcha” (Dan 3:1-30) jechuun jajjebesse. Haadha koo rakkoofi gadadoo addunyaa darbu kana irraa hafuuf jecha abidda bara baraatti gubachuu filattaa? Kun sitti haa hafu; amma Waaqayyo nu waliin jiraatii nu gargaara. Sosinnaa barsiisota sobdootaa (K. Sosi 1:12), Dani’eeliin afaan leencaa keessaa kan baase (Dan.6:22) Waaqayyo bishaan danfaa kana keessaa nu baasa” jedheen. Garuu haati isaa gorsa mucaa ishee ,kan ishee obsisiisufi cimsu waan hin dandeenyeef, Qulqullichi Qiirqoos ija isa gara saamiitti ol kaasuun ”yaa Waaqayyo gooftaa, garbittii kee dhala kee keessaa kan footu yoo ta’e anaanis kitaaba kee keessaa na haqi. Hundee [haadha] gubdee firii [ilma] eebbisuu feetaa? Kana taasisuuf arjummaan kee si dhorka. Jirma isaa muraa gubaa, baala isaa qofaa hambisaa hin jettu, ati gaarii waan taateef baala isaas hundee isaa waliin eegaa jetta. Yaa Gooftaa Diyaabiloos ‘warreen abbaa aangoo irraa ani jabaadha; qulqulloota kee mo’adhe; dallaa kee keessaa hoolaa tokko fudhadhee’ jechuun akka of hin jajneef haadha koof obsa, dandeettiifi humna Afuura Qulqulluu kee kenni”, jechuun kadhatee. Yeroo kana Diyaabiloos Iyyeluxaa biraa battalumatti bade. Kana booda Iyyeluxaanis “mootummaa Waaqayyoof abbaa kan naaf taatee, yaa mucaa koo ati kanaan booda abbaa kooti, anis mucaa keeti, guyyaan ati dhalattee kan eebifamtedha’’ jetteen. “Waaqni kee humna naaf kenneera; Qabsuura nurraa eegamu taasifnee moo’icha haa gonfannu. Kunoo okkotee sibilaa keessatti bishaan danfu yoon argu bishaan qabbanaa’aa ta’ee natti mul’ateera” jetteen.
Qulqullootni lamaan kunis bishaan danfaa keessaatti darbataman. Battaluma sana hangafni ergamootaa Qulqulluu Gaabri’eelin samii irraa ergamuun bishaan danfaa fannoo Kiristoosiin mallatteessuun qorrisiiseera; labooba ibiddaas dhaamseera. Wareegamtotni kunis osoo hin gubatiin, bishaan danfaa keessaa eegumsa Waaqayyoofi gargaarsa ergamtichaan bahaniiru. Eergamtootni Waaqayyoo yeroo gaddaa, gammachuu, dhiphinaa, sodaa, warreen isaan sodaatan cina ni buufatu, (Farsaa 33/4:7 Ho.Duk 5:19; 12:11) badii keenyaaf Waaqayyoon dhifama nuuf kadhatu (Luq 1:19, Xoob. 12:15).
Gooftaan akkuma mooticha Daawit irra bulee dubbate gochaan isaa raajii dha. Warrootni hamoon yoo mataa isaani ol ol qaban illee harki araara isaa bal’aa waan ta’eef abiddaafi bishaan danfaa, rakkoofi gidiraa gidduu nu dabarsa (Far 65/6:12), lafa onaa irraa gara lafa boqonnaatti nu baasa. Abbootiin kenyaa kanaaf “Waaqayyoon tiksee kooti, kan na dhabsiisu hin jiru” jechuun kan dubbatan (Far 22/3:1-6). Kanaafuu nuyis jaalala Kiristoosiifi amantaa keenyatti cimuu qabna. Ifni addunyaa Qulqullichi Phaawuloos “jaalala Kiristoos irra kan adda na baasu maali?” (Room 8:36) akkuma jedhe, yeroo tasgabbiis ta’e yeroo dhiphinaa amantii keenyatti cimuu jaalala Waaqayyoof qabnus jireenyaa qabatamaan ibsuun hunda keenya irraa eegama (2Ximo 4:2).
Walumaa galatti yaadannoo kabaja ayyaana kana yeroo taasifnu, salphumatti qulqulloota wareegamtoota kana irraa wantoota gurguddoo sadii hubanna. Kunis:
a. Hanga dhumaatii amantaa keenyaan cimuu akka qabnu;
b. Waaqayyoon warreen isaan abdataniitti dhiyoo, kan isaan hin leyasiifne (Far 25:3), fi Waaqni waaqessinu Waaqa fayyisuufi abiddaafi bishaan keessaallee nu baasee gara boqonnaatti kan nu ceesisu ta’uu; fi
c. Ergamootni qulqullootni yeroo maraa akka nuuf dhaabbatan, fayyina akka argannuf akka nuuf ergaman ni hubanna.
Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee akkuma Qulqulloota Qiirqosiifi Iyyeluxaa ragaa baanee, addunyaa hamaa kana irraa fagannee, gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa fooniifi qulqulluu dhiiga Gooftaa fudhannee dhaaltota mootummaa Isaa akka taanuuf Waaqayyoo nu haa gargaru.
Eegumsi hangafa Ergamoota Qulqullu Gabri’eelii, wareegamticha Qulqulluu Qiirqoosifi hadhaa isaa Qulqullettii Iyyeluxaa nuu waliin haa ta’uu.
Madda:
Sinkisaara ji’a Adooleessa, Guyyaa 19.
Dirsaana Q/Gabri’eelii

 Maqaan Abirahaam ayyaana Sillaaseetiin maaf wal qabatee ka'a? Abrahaam amantii ilma isaa tokkicha aarsaa taasisee dhiye...
09/07/2025



Maqaan Abirahaam ayyaana Sillaaseetiin maaf wal qabatee ka'a? Abrahaam amantii ilma isaa tokkicha aarsaa taasisee dhiyeessuu kutannoo akkasii akkamiin argate ?

Dubbisa xiqqoo kanarraa waa ni hubattu!

Maqaan isaa inni jalqabaa Abraam ture. Booda garuu Waaqayyo maqaa isaa gara Abrahaamitti jijjiireera(Uum.17:1-5); hiikni isaas ‘abbaa saba baay’ee’ jechuudha. Abrahaam abbaan isaa Taaraa jedhama. Warri isaa waaq-harkeetti bulu ture.

Booda garuu guyyaa tokko waaq-harkichaan, “Beela’e beela na nyaachisi dheebodhee dheebu nabaasi” jedhee itti dubbate. Waaq-harkichis isa hin dhageenye. ‘Tole kunis yaa hafuutii na haasofsiisi’ jedheen. Innis harka namaan waan tolfame waan ta’eef dhagahuu hin dandeenye.

Kanaanis waaq-harkee kana caccabsee Waaqayyoon barbaadutti ka’e. Uumama jiran hunda ni qorate, amala isaanis ni ilaale, aduu, qilleensa, duumessa hunduma ni ilaale;kuni hundi Waaqa akka hin taane ni hubate. Boodarras, “Yaa Waaqa biiftuu uumte natti muldhadhu,” jedhee kadhate.

Waaqayyos isaaf of ibse. Waaqayyo guyyaa tokko Abraamiin “biyya kee keessaa, lammii kee keessaa fi maatii abbaa kee keessaa ba’iitii gara biyya ani sitti agarsiisuu dhaqi” jedheen. “Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kees nan guddisa; eebbifamaas ni taata; qomoon biyya lafaa hundinuu sababa keetiif ni eebbifamu.” jedheen (Uum.12:1-6). Waaqayyos yeroo garaa garaa Abrahaamitti dubbateera(Uum. 12:1-6; 12:7; 13; 15:1-21;17;18;22:1-18; Duuk.7:2-3).

Kanarraa Abrahaam akkuma Waaqayyo isatti dubbate ka’ee ni adeeme. Looxis isa waliin ni adeeme. Biyya Kaaraanii yemmuu ba’u nama waggaa 75 ture. Gara biyya Kana’aanittis ni gale. Haati warraa isaas Saaraadha. Kana booda Abrahaam bara sanatti beelli hamaan waan ka’eef haadha warraa isaa fudhatee gara Masriitti deeme. Mootichi Masriis Saaraa ni jaalate; waa’ee ishees adda baafachuuf Abrahaamin waamee gaafate. Abrahaam garuu sodaatee waan tureef ‘obboleetti kooti’ jedheen.

Abrahaam sodaa irraa kan ka’e akka isa hin ajjeesneef Saaraadhaan obboleetti kooti jedheen. Mootichis akka Saaraa bira hin geenyeef garuu Waaqayyo mootichaa fi maatii isaa ni dhahe. Saaraanis wanti tokkoyyuu osoo irra hin ga’in gara Abrahaam nagaan deebite. Mootichis Abrahaamin waamee ‘wanta akkasii maaf anarratti raawwatte? Isheen haadha warraa kee akka taate maaliif anatti hin himne” jedhee Abrahaamitti dheekkame. Mootichis qabeenyatajaajiltoota Abrahaamiifi Saaraa gargaaranwaliin ni kenneef.

Kana booda Abrahaam dureessa ta’ee biyya Keebroon jiraachaa ture. Waan hunduu osoo guuteefii jiruu dhala waan hin qabneef jireenyi isaa kan gaddaan guutame ture.

Abrahaam keessummoota simachuu baay’ee jaalata ture. Guyyaa tokkos Qilxuu Mamree jala osoo taa’u, keessummootni namoota sadi ta’anii isa dura dhaabatan. Innis itti fiigee hamma lafa ga’utti hin qoomma’eef.

Isa tokkoonis, “Gooftaa koo ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta’e ana garbicha kee bira hin darbin. Mee bishaan xinnoo isinii haa fidanii miila dhiqadhaatii muka kana jalatti haara galfadhaa,” jedheen. “Tole,” jedhaniin, innis buddeena tolchisiisee, dibicha qalsiisee aannanii fi itittuu qopheessee isaan simateera.

Isaanis haati warraa isaa Saaraan eessa akka jirtu gaafatan. Keessummoota kana keessaa tokko, “Bara egeree deebi’ee nan dhufa Saaraanis ilma ni deessi.” jedhe. Yeroo kana isheen dinqa keessa wanta namni kun jedhu dhagahaa waan turteef keessatti ni seeqxi ture. Sababa isheen kolfiteefis, “Ilmi isheen deessu Yisihaaq jedhamee waamama,” jedheen.Akkuma jedhame Saaraan waggaa 90tti Yisihaaqin dahuu dandeesseetti (Uum.17; 21:1-3).

Ammas barri beelaa dhufee biyya Geeraraa jedhamutti galaa ta’ee jiraate. Ammas mootiin Geeraraa akkuma mooticha Masrii sana Saaraa jaalate. Waaqayyo garuu halkan abjuun mootichatti muuldhatee akka Saaraa hin fuune; sana yoo godhee argame akka isa ajjeesu itti hime.

Sana irratti mootichi nahee Saaraa deebisee Abrahaamifis harka fuudhaa meetii kuma tokko kenneeraaf.Abrahaamis mootichaa fi maatii isaa hundumaaf kadhatee fayyiseera. Abrahaam Waaqayyoon baay’ee jaalata. Jaalala Abrahaam Waaqayyoof qabu kan nu hubachiisu keessaa tokko yemmuu Waaqayyo, “Ilma kee Aarsaa godhiiti naaf dhiyeessi,” jedheenitti tole jedhee ganamaan ka’ee qoraan aarsaaf barbaachisu falaxee, dargaggoota isaa keessa lama, ilma isaa Yisihaaqinis fudhatee harree fe’atee gara tulluu Mooriyaatti ol ba’e.

Yisihaaqis wanta qalma ta’ee dhiyaatu waan hin barreef; “Yaa abbaa koo ibiddii fi qoraan qalmaa kunooti hoolan qalmaahoo eessaree?,” jedheen. Abrahaam deebisee, “Waaqayyo qalma gubamuufi hoolaa ni qopheessa,” jedhee walumaan gara Tulluu Mooriyaatti ol bahan.

Abrahaamis, qoraan qopheessee haaduu fudhatee yemmuu ilma isaa qaluuf ka’u ergamaan Waaqayyo, “Abrahaam Abrahaam ilma keerratti homaa hin raawwatin; ani akka ati ilma kee tokkichaaf hin mararfanne argeera.” jedheen. Abrahaamis of dugduuba yemmuu ilaalu korbeessa harangamaan qabame tokko argee isa qalanii aarsaa dhiyeessan. Abrahaamis maqaa sana ‘Yahiwee yir’ee’ jedhee moggaase(Uum 22:14).

Hiikkaan isaas ‘Waaqayyo ni arga’ jechuudha. Namoonni kanaaf ammayyu ‘inni tulluu Waaqayyo irratti namaaf waa argamsiisudha’ jedhan. Haati warraa Abrahaam Saaraan waggaa 127tti boqotte. Abrahaam Yisihaaqin ala ijoollee 7 dhalfateera. Kan duraas Ismaa’el jedhama. Aggaar gargaartuu Saaraa kan lammiin Masrii taate irraa dhalate. Uuma 16:15. Erga haati manaa isaa Saaraan boqottee booda immoo dubartii Keexuraa jedhamtu fuudhee ijoollee jaha irraa dhalcheera (Uum.25:1-2).

Sanyiin isaa akka biyyattii dhuunfatu raagni dubbatameefi ture. Abdiin isaan kenname kun immoo biyya lafaa kana qofaatti osoo hin taane samii irrattillee akka isaaf ta’u ni hubate (Ibr. 11:8-16). Waggaa 175 erga biyya lafaa kanarra jiraatee boqote. Ijoolleen isaaYisihaaqii fi Ismaa’eel holqa Makfelaajedhamutti isa awwaalaniiru(Uum.25:9:10). Maqaan isaas kakuu haaraa keessatti yeroo adda addaa ka’ee ni argina.

Isaankeessaa akka fakkeenyaatti: Waaqayyoof akka nama ajajamuutti.(Yoh.8:39-40, Ibr.11:17-19, amantiin isaa akka tolummaatti akka lakkaa’ameefiitti(Room.4:3, Gal.3:6-7), namoonni addunyaa kana irra jiran hundi amantiidhaan ‘ilmaan Abrahaam’ jedhamanii akka waamamanitti(Room.4:11;9:7-8;11; Gal.3:7-9;29) kitaabni qulqulluun baldhinaan ibseera.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen.
(Madda:Yaadannoo Qulqullootaa)

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Fayyisaa Addunyaa-WFA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share