23/09/2022
Yesuus deebi’ee ni dhufa!
📖"Mana abbaakoo keessa iddoon jireenyaa baay’eetu jira...deebi’ee dhufeetaan gara ofii kootti isin fudhadha..." Yoh 14: 2-3
👉Yesuus Kiristos yeroo deebi’ee dhufu, warra isatti amanan fudhachuu warra isatti hin amanneetti immoo firdii bara baraa faraduudhaaaf deebi'ee nii dhufa.
👌Yeroo Yesuus deebi’ee dhufutti:
👉Qulqullooti warri isatti amanan hundi dhaqna haaraa isa hin badne uffatanii gara Mootummaa Waaqayyoo isa bara baraan gammadaa keessa jiraatanitti imalu. 1Phex 1:4
🙆♂️Warra isatti hin amanneetti garuu in faradama. Firdiin kunis kuufama gaalaana ibiddaa isa bara baraan boba'uutti darbatamuudha.👨⚖️Inni kun bakka yeroodhaaf osoo hin taane bara baraaf keessatti gubachaa jiraatanidha!
👉Kun hireekee miti obboleessa/ttikoo goftaa Yesuusitti amanii lubbuukee oolfadhu.
👌Waaqayyo nama kam iyyu balleessuudhaaf yaadee hin uumne. garuu namni kaayyoo Waaqayyoon ala gaafa jiraatu firdii isa seexana isa kufeef qophaa'ee keessaa hirmaata malee.
🙅♂️Jireenya yeroof jiraattuuf jettee jireenya bara baraa of hin dhabsiisiin.
👍Warrii isatti amanan biyya gaammachuu malee gaddi hin jirre, ifa malee dukkanni hin jirre, faarfachuu malee boo’ichi hin jirre, biyya baraa hamma baraatti ulfinni Waaqayyoo keessaa ifu keessa jiraachuu deemuuf jiru.
👉Kun abdii isa eebbifamaa warri isatti amanan eeggachaa jiranidha.
📖“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”
— Tit. 2:13
👌 Atis Yesuus Kiristoositti amanii jireenya bara baraa keessaa qooda qabaadhu!
📖"Halkanis deebi’ee hin argamu, waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta’uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaanif hin barbaachisu, isaan baraa hamma bara baraatti mo’uuf jiru." Mul 22:5
#📢📢Yesuus_deebi’ee_ni_dhufa.🗣🥇🏆
🙏 Gooftaa keenyaa nuuf kottu Maaraanaataa!!!!!! 1Qor 16:22
#