Macaafa Qulqulluu

Macaafa Qulqulluu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Macaafa Qulqulluu, None, Addis Ababa.

Fuulli Macaafa Qulqulluu jedhu kun kan hundeeffameef waa'ee wangeela kiristoos Afaan Oromootiin namoota amantoota ta'anii fi hin taaneef qooduuf, barsiisuuf, qajeelchuuf akkasumas waa'ee bara dhumaa ilaalchisee hubannoo wangeelaa kennuuf kan bocamedha.

16/07/2026

Warri waaqayyoon sodaattan baga gammaddan, Macaafa faarfannaa 34:7 irraa akkas jedha " Ergamaan waaqayyoo naannoo warra waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas".

26Utuu nyaachaa jiranii, Yesuus maxinoo fuudhee erga eebbisee booda, caccabsee barattoota isaatiif kennuudhaan, “Fudhadh...
04/06/2026

26Utuu nyaachaa jiranii, Yesuus maxinoo fuudhee erga eebbisee booda, caccabsee barattoota isaatiif kennuudhaan, “Fudhadhaa, nyaadhaa. Kun foon koo argisiisa” isaaniin jedhe. 27 Xoofoos fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee akkana jedhe: “Hundi keessan isa keessaa dhugaa; 28 kun dhiiga koo isa ‘dhiiga kakuu’ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu argamsiisuuf dhangalaʼu argisiisa. 29 Haa taʼu malee, dhuguman isiniin jedha: Ani hamman guyyaa Mootummaa Abbaa koo keessatti wayinii isa haaraa isinii wajjin dhugu sanaatti, lammata wayinii kana irraa matumaa hin dhugu.” 30 Dhuma irrattis faarfannaa galataa* erga faarfatanii booda gara Gaara Ejersaa deeman.(Wangeela Maatewos: 26:26-30)

28/05/2026

Address

None
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Macaafa Qulqulluu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share