Abrahaam M, Bantii

Abrahaam M, Bantii Manager

19/09/2025

yea

Get Coins to send Gifts to TikTok LIVE hosts here! Buy or recharge TikTok Coins at a lower price, with more payment options and a customizable recharge amount.

Difference between me and other 🤔🙄
29/01/2025

Difference between me and other 🤔🙄

11/10/2024

Yeroo hundaaf haala hundaa keessatti kan na wajjiin jiru, Iyyesuus🙏

Always with me in all circumstances, Jesus🙏

18/09/2024

Yaaaa Waaqayyooko raawwadheedhuman siif ta'a maaloo na gargaari!😭😭😭

666 ─ Ari’atama ari’ataa hin qabne!Sodaan lakkoofsa 666 yeroo kam irra iyyuu caalaa babal’ataa dhufeera. Dhihoo kana taj...
30/08/2024

666 ─ Ari’atama ari’ataa hin qabne!
Sodaan lakkoofsa 666 yeroo kam irra iyyuu caalaa babal’ataa dhufeera. Dhihoo kana tajaajilaaf gara magaala Arbaamincii deemeen sodaan akka magalaatti keessa jiru namni tokko natti hime; ani immoo waanuma finxaaleyyiin wayii magaala marsan natti fakkaate. Booda yeroon qulqulleeffadhuu 666 magaala kana galee naan jedhe.
Dhimma 666 kana sirriitti hubachuuf M.Y.13 qalbiin dubbifachuun barbaachisaadha. Yeroo ammaa kana keessa baqi 666 kun saffisee jira. Akkan yaadutti lakkoofisa kana barbaadanii argachuunii fi baqatanii jalaa ba’uun hin danda’amu. Sababiin isaa lakkoofisichi konkolaataa, TV, Computer, Mobile kkf keessa jiraachuu danda’a. Wanni akka Medical fi financial microchip keessa waan jiru hin beeknu; ATM keessa wanna jiruuf tasa beekuu hin dandeeny waan ta’eef lakkoofisichaaf saaxilamneerra jechuudha; garuu lakkoofsa 666 sodaachuun sodaa sodaatamuu hin malledha ykn; ari’atama ari’ataa hin qabneedha. Ani konkoolaataa ittiin deemu keessa Seexanni jiraa laata? jedhe hin yaadu, hoteela seenee Seexanni jiraa laata? jedhee of gaafadhee hin beeku; garuu bakka kamitti iyyuu eegumsi Waaqayyoo na waliin jira jedheen yaada male.
1. Lakkoofis kun sodaatamuu qabaa?
Gama biraan immoo lakkofisichi sodataamuu kan hin malleef akka M.Y.13:14-15tti:
a. : Biineensichii dinqiin hojjechuun gowwomsa malee lakkoofisaan miti.
Bineensichi lakkoofsaan utuu hin taane dinqii hojjechuun gowwomsa, “And deceiveth them that dwell on the earth by the means of those miracles…” (KJV). Afaan Griiikiin “semeion” jedha; Hiiki isaa “especially ceremonial or supernatural miracles” jedha. Kanaaf bineensichi dinqii hojjechuudhaan fakkeessee nama gowwomsa male lakkoofischaan miti. “Milikkita bineensa isa duraa sana duratti akka inni argisiisuuf kennameef sanaan, warra lafa irra jiraatan in wallaalchisa” (Mul. 13:14).
b. : Lakkoofichi warra bineensichatti amanataniif malee amantoota biroo ilaallata miti. Kanas immoo dirqamaan malee wallaalchiisuun miti. “Bineensichi namni hundinuu, xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis harka mirgaa irratti yookiis adda irratti gubaa akka qabaatu in gochisiisa.” (Mul. 13:16).
Yesus Kristos barsiisa isaa keessatti lakkoofisa 666 irraa of eeggadhaa hin jenne. Garuu kan inni of-eeggadhaa jedhe:
2. Of eeggannaa barbaachisu
Dhimma kana irratti yommuu dubbannu gara isa gooftaan Mr.13 keessatti caqase irratti xiyyeeffanna:
a. Of eeggannaa #1: Hubannaa/Beekumsa/ dhabuu irraa madduu danda’u
Eenyu iyyuu akka isin hin gowwomsinee; hedduutu Kristosiin fakkaatanii dhufu (13:5). Gowwofamuu irraa oluuf beekumsi in barbaachisa. Beekumsi wanneen akka “Objective reality” — dhugaa of danda’ee dhaabbatu fi “Subjective reality” — dhugaa akka namaaf galee jedhamu adda baafachuuf in gargaara. Keessumaa iyyuu beekumsi kutaaleen sammuu 3n warri Conscious, Subconscious, fi Unconscious jedhaman madaallii isaanii eeggatanii akka deeman godha. Hanqinnii hubannaa kanaa rakkoo adda addaaf nama saaxila; keessumaa iyyuu beekumsaa wanna tokko adda baafachuu dadhabuun rakkoodha.
Kanaaf akka koof 666 utuu hin taane akka Yoh. 6.66 akka hin taane of eggaannaan in barbaachisa. “Yeroo sanaa jalqabanii bartoota isaa keessaa baay'een gara booddee deebi'an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne.” (Yoh. 6:66). Kana kan of-eeggannan barbaachisuuf. Waaqayyo saba inni nama inni jibbuu fi irraanfatamu eenyudha yoo jenne “…my people are destroyed from lack of knowledge” (Hos.4:6) jedha dubbiin Waaqayyoo! “….ati ana beekuu tuffattee waan dhiifteef, anis luba anaaf ta'uu kee tuffadheen si dhiise” (Lk.6) jedha.
b. Of eeggannaa #2: Rakkoo obsa dhabuu irraa madduu danda’u.
Ari’atama keessatti of eeggachuu (Mr.13.9). Obsi miira to’achuu waliin wal qabata. Namni dhuunfaanis ta’e gareen miiraan yoo gaggeeffame dhumni isaa hin bareedu.
c. Of eeggannaa #3: Rakkoo ogummaa dhabuu irraa madduu danda’u
Soba fi dhugaa adda baafachuu dadhabuu; raajota sobduu maqaa Yesusiin dinqii hojjetan irraa of eeggachuun barbaachisa akka ta’e Yesus in dubbata (Lk.23). Dinqiin hundi Yesus biraatii? Eegaa kan sodaatamuu maluu 666 utuu hin taane isa kana; bineensichi lakkoofisaan utuu hin taane dinqiin of mul’isa waan ta’eef. “Jarreen akkasii kun ergamoota sobaati, hojjetoota nama gowwoomsan, ergamoota warra Kristos waame fakkaachuudhaaf warra wallaalchifataniidha. Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti” (2Qor.11:13-14). Kanamalees Seexanni nu irra caalaa Macaafa Qulqulluu qora (Lq. 4:9-11).
d. Of eeggannaa #4: Rakkoo dammaqinsa /Consciousness/ dhabuu irraa madduu danda’u
Yeroo hunda dammaquu akkasumas kadhachuun dirqama (Lk.33). Egaa walumaa galatti beekumsi gara obsaatti, obsi immoo gara ogummaatti, ogummaan immoo dammaqinaan itti fufa. Dammaqisi kun walumaa galatti:
• Xiinxala sammuu (Rationalism) of qaba
• Kadhannaa/Spirituality/ of keessa qaba
• Miira madaalama itti fufinsa qabu /Emotional intelligence) of keessa qaba.
Isa kanatu dhufaatii gooftaa keenya Yesus Kristos waliin walitti nu hidha. Garuu bara kana qaawwi gama kanaan jiru: Hubannaa/Beekumsa/ dhabuu irraa of eeggadhaa jedhamnaan amantii qofaatu ga’adha jeenne. Obsa dhabuu irraa of eeggadhaa jedhamnaan hanga eenyummaan ykn faayidaan koo hin xuqamnnettidha jenne. Ogummaa barbaachisaa jedhamnaan nuyi immoo gowwummaan iyyuu bakka bu’uu danda’a jenne. Dammaqanis barbaachisadha jedhamnaan har’aaf utuu hin taane borutti beellama qabanne. Egaa Yesus Kristos of eggannaa 4n nutti hime kana sirriitti hubachuun gaariidha. Haa ta’u malee garuu bara keenyatti of eeggannaa karaa gadhiise keessa waan jiruu waraana hafuuraa hin barbaachifinne /ዒላማቸውን የሳቱ ጦርነቶች/ keessatti hirmaataa jirra. Yesus raajota sobduu irraatti of eeggadhaa nuun jennaan nuyi immoo lakkoofsa 666 of eeggachuutti cimsine; kana jechuun Yesus namoota irraa of eeggadhaa jennaan nuyi immoo lakkoofsa irraa of eegganne. Yesus namni kam iyyuu akka isin hin gowwomsine nuun jennaan faallaa kanaa nuyi tajaajiltootiin immoo namoota gowwomsine.
Eebbifamaa!

via Fekadu Begna Genala

Tuesday Vibe❤❤👉
20/08/2024

Tuesday Vibe❤❤👉

Milkoofneerra!
31/07/2024

Milkoofneerra!

❤️🪴❤️
18/06/2024

❤️🪴❤️

Vacation ❤️
18/06/2024

Vacation ❤️

Address

Addis Ababa

Telephone

+251949101548

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abrahaam M, Bantii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to Abrahaam M, Bantii:

Share

Category