27/05/2026
Guyyaa tokko Qurupheetu Qocaa gaaffii gaafatte. "Yaa Qoca isan tokko utaalu kudhan tarkaanfatta maaliif" jettee jecha qoosaatiin gaafatte. Jennaan Qocaan "mana koon baadhee deemaaf malee utuun akka kee leexaa ta'ee dachaa keen utaala ta'a" maalitti beekta jettee deebifteef jedhama.
Al-tokko tokko ba'aan ofii akka argan akka hin utaalle, akka barbaadanitti akka deebii hin laanne, akka namaan deemu sana akka hin deemne nama godha. Warra ofin-agarreef garuu kun hin galu. Utaalanii akkuma isaan utaalan akka ati utaaltu barbaadu, garuu dachaasaanii utaaluu akka dandeessu quba hin qaban. Ni bubbulti malee iccitiin suuta deemuu kee guyyaa tokko ifa taatiif!
(BOONSAA WAAQGAARII KUMSAA)