Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا

Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا Sadarkaa Godinaa fi magaalaa hunda keessatti waajjira damee ni qaba.
(1)

Majlisa Oromiyaa (MMODHINO) Qaama Seeraa Qabeessa Bu’uura Keewwata 1207/2012(1207/2020) tiin Dantaa Amantii fi Misooma Muslimoota Oromiyaa Sadarkaa naannootti kan bakka bu’uu dha. Kun Facebook Mana Marii Waligala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa yoo ta'u Toora Miidiyaa hawaasumaa armaan gadii fayyadamuun Tajaajila Tamsaasa Oduu fi Odeeffannoo Amanamoo kan isiniif darbu jwaan ta'eef nu Hordofaa.
- https://youtube.com/?si=L6TRMTiOr6jEzBzL
- https://tiktok.com/.oromiyaa
:- https://t.me/MajlisaaOromiyaa
: https://whatsapp.com/channel/0029VbAxaU26WaKebIyIZM1c

22/08/2026

Sagantaa Hoteela Sharaatanitti Sirna Sassaabbii Galii Aanaa Qondaalaa irratti Sheik Sayid Muhammad Koree Hojii Raawwachiiftuu Majlisa Oromiyaa..
Finfinnee|Majlisa Oromiyaa

20/08/2026

IBSA MAJLISA OROMIYAA
Sheik Taajuddiin Kadiir:- Itti Aanaa Pirezidaantii Majlisa Oromiyaa

20/08/2026

IBSA BALAALEFFANNAA GUMII ULAMAA'OTA MAJLISA OROMIYAA
DR JIBRIL QAMAR
Barreessaa Ol'aanaa Muftii Majlisa Oromiyaa

20/08/2026

IBSA BALAALEFFANNAA GUMII ULAMAA'OTA MAJLISA OROMIYAA
DR KAMAAL H/GALATUU MAAMMEE
Muftii Majlisa Oromiyaa

📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA 7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.Fin...
20/08/2026

📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA

7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.
Finfinnee|Majlisa Oromiyaa

Yakka Lubbuu Namaa ajjeesuu, Waraabuu fi Kallattiin (Live) karaa Social media TikTok Irratti Tamsaasuu Ilaalchisee namoota Yakka kana raawwatan Gumiin Ulamootaa Majlisa Oromiyaa balaaleffatee jira.

Jalqaba Faaruun kan Rabbii Aalamaatiif haa ta'u. Naganyi fi rahmatni Ergamaa Rabbii Nabii Muhammad (S.A.W), Maatii isaanii fi akkasumas sahaabota isaanii hunda irratti haa ta'u jedhaa.

​Rabbiin (SW) Qur'aana Kabajamaa keessatti akkaas jedha:
​“..Nama lubbuu namaa ajjeese (haqaan malee) ykn dachii irratti balleessaa malee nama ajjeese, akka nama uummata mara ajjeeseeti...” [Al-Maa'idah: 32]

​Ammas ni jedha:
​“Lubbuu Rabbii haraama godhe haqaan malee hin ajjeesinaa .” [Al-Israa: 33]

​Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:
​“Addunyan baduun Rabbiin biratti lubbuu muslimaa ajjeessuu caalaa salphaa dha.” (Tirmizii fi Nasaa'ii)

​Gumii Ulamaa'ota Oromiyaa gaddaa fi balaaleffatee jira. Guddaa Viidiyoo garaa laafessummaa malee lubbuu namaa ajjeesuu, waraabuu fi kallattiin (Live) TikTok irratti tamsaasamuun daangaa biyyoo alaa bakka addaa addaatti Sawud Arabiyaa irratti raawwatamee miidiyaa hawaasaa irratti ololaa jiru hordofee balaaleffatee jira.

​Qaamolee dhimmichii ilaallatu waan kana qorachuun taatechaa fi yakkamtoota adda baasuun dirqama isaanii ba'achuun Seeraatti akka dhiyeessan beeksisaa, Gumiin Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa ejjennoo Shari'aa ibsuu fi balaa kana irraa ummata akeekkachiisuun dirqama amantaa ta'uu beeksisee jira.

​Ijoo Ibsa Ijjannoo armaan gadii beeksisee jira.

​1️⃣ Lubbuu Haqaan Malee Ajjeesuun Haraama:

Amantaa Islaamaa biratti lubbuu namaa haqaan malee galaafachuun yakka Guddaa dha. Muslimas ta'e kan muslima hin taane (kan nagaa qabu) dhiigni isaanii eegamaadha. Sababa fedhii, gosa, siyaasa ykn haaloo ba'uutiin dhiiga dhangalaasuun gonkumaa hin eeyyamamne I see jira.

​2️⃣ Yakka Waraabuu fi Live Tamsaasaa Yakki Saalfachiisaan akkasii Balleessaa Hin Salphisu:

Yakki ajjeesanii Viidiyoo waraabuu fi kallattiin (Live) uummataaf tamsaasaniin ajjeechaa irratti yakka kabaja namaa sarbuu, sodaachisuu fi shororkaa uumuu dabalatee Yakka mul'isuun, ittiin dhaadachuun ykn kakachiisuun haraama akka ta'ees beeksisee jira.

​3️⃣ Viidiyoo Ajjeechaa fi Reeffa Maxxansuu dhorkamaa(Haraama) ta'uu:

Ulamaa'otni, Sheekoliin fi Ustaazotni Muslimoota mara akka akeekkachiisan viidiyoo ajjeechaa, qalchiisa ykn reeffa salphisu agarsiisu maxxansuu ykn dabarsanii erguun haraama ta'uu akka beeksisan Abbootii Amantii Islaamaa hundaaf ergaan darbee jira.

Viidiyoo mee akkasii maxxansuu irra qaamoota Nageenyaa hunda akka ga'amuu fi Kaayyoon saaxiluu yoo ta'eeyyuu, itti fufiinsaan tamsaasanii maatii miidhaan irra ga'e gaddisiisa fi sodaa biraa keessa galchuu irraa akka of qusatanu beeksisee jira.

Kan godhamuu qabu viidiyoo akkasii tamsaasuu dhiisuu fi qaama dhimmi ilaallatutti gabaasun barbaachisaa dha.

​4️⃣ Reeffa Salphisuu fi Kabaja Namaa Sarbuu:

Shari'aan Islaamaa kabaja nama lubbuun jirus ta'e kan du'e ni eega. Reeffa miidhuu fi salphisuun Shariaa irratti yakka Guddaa akka ta'ee beeksisee jira.

​5️⃣ Taatecha Sababeeffachuun FITNAA ykn Qormaata Uumuu Dhiisuu:

Yakka dhuunfaa sababeeffachuun saboota, gosa ykn naannoolee fi biyya fi biyya walitti buusuun, ykn yakka nama dhuunfaa uummata maratti fe'uun dhorkamaa ( haraama) ibsanii Jiruu.

​“Lubbuun kamiyyuu cubbuu lubbuu biraa hin baattu.” [Al-An'aam: 164]

​6️⃣ Oduu fi Viidiyoowwan Dhugaawummaa Isaanii Mirkaneessuu:

Miidiyaa hawaasaa irratti oduu fi viidiyoowwan madaallii malee gadi lakkifaman odoo hin mirkaneeffatin irratti hundaa'anii murteessuun ykn yakkitiin xureessuunis dhorgaadha.

​“Yaa warra amantan! Yoo namni faasiiqni oduudhaan isaan bira dhufe, qoradhaa sakatta'a. .” [Al-Hujuraat: 6]

​7️⃣ Itti Gaafatamummaa Qaamolee Seeraa:

Qaamoleen dhimmi ilaallatu yakka kana hatattamaan qorachuun yakkamtoota seeraatti akka dhiyeessan, akkasumas miidiyaa hawaasaa irratti jibbiinsa fi jeequmsa babal'isu uummata eeguu akka hojjetan beeksisanii jiruu.

​8️⃣ Ergaa Hawaasa Muslimaatiif:

Islaamummaan amantaa rahmaataa fi haqaati malee kan jeequmsaa fi haaloo ba'uu miti.
Kanaafuu Imaamota, du'aatota, Sheekoliin fi Ustaazota akkasumas Abbootii Amantaa fi dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa irratti kan jiran keessattuu dargaggoota irratti barnoota dhiiga namaa eeguu fi hammeenya suukanneessaa irraa fageessuu akka kennaan dhaamanii jira.

​Rabbiin dhiiga muslimootaa fi namoota nagaa hundaa haa eegu.

Biyya keenya irraa fitnaa fi sarbama mirgaa namaa haa eegnuu.
​Gumii Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa
7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.

المجلس العالي للشؤون الإسلامية بإقليم أوروميا - هيئة كبار العلماءالرقم: ٤١٠/ع/أ/٤/مالتاريخ: ٧ ربيع الأول ١٤٤٨ هـ​بيان هي...
20/08/2026

المجلس العالي للشؤون الإسلامية بإقليم أوروميا - هيئة كبار العلماء
الرقم: ٤١٠/ع/أ/٤/م
التاريخ: ٧ ربيع الأول ١٤٤٨ هـ

​بيان هيئة علماء أوروميا
حول جريمة قتل إنسان وتصويرها وبثها مباشرة عبر منصة تيك توك
​الحمد لله رب العالمين، والصلاة والسلام على نبينا محمد، وعلى آله وصحبه أجمعين.

وبعد،،،
​فقد قال الله تعالى: {مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِي إِسْرَائِيلَ أَنَّهُ مَن قَتَلَ نَفْسًا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍ فِي الْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ النَّاسَ جَمِيعًا} [المائدة: 32].
وقال سبحانه: {وَلَا تَقْتُلُوا النَّفْسَ الَّتِي حَرَّمَ اللَّهُ إِلَّا بِالْحَقِّ} [الإسراء: 33]. وقال رسول الله ﷺ: «لزوال الدنيا أهون على الله من قتل رجل مسلم». رواه الترمذي والنسائي من حديث عبد الله بن عمرو رضي الله عنه.
​تابعت هيئة علماء أوروميا ببالغ الأسى والاستنكار ما يتم تداوله عبر وسائل التواصل الاجتماعي من مقطع يظهر فيه الاعتداء الوحشي على إنسان وقتله، مع تصوير الجريمة وبثها مباشرة عبر منصة التواصل الاجتماعي «تيك توك»، وذلك من حادثة مروعة حدثت في حدود اليمن والسعودية كما نُشر على منصة التواصل

الاجتماعي المختلفة.
​وإذ تؤكد الهيئة أن التحقق من تفاصيل الواقعة وملابساتها وهوية مرتكبيها مسؤولية الجهات المختصة، فإنها ترى من واجبها الشرعي بيان الموقف من هذه الأفعال الخطيرة، والتحذير من آثارها على الدين والمجتمع والأمن والسلم الأهلي.
​أولاً: حرمة قتل النفس بغير حق:
إن قتل الإنسان بغير حق من أعظم الجرائم في الشريعة الإسلامية، سواء كان المقتول مسلمًا أو غير مسلم ممن له عهد أو أمان؛ فالدماء معصومة، ولا يجوز لأحد أن يستبيحها بالهوى أو العصبية أو الانتقام أو الانتماء السياسي أو القبلي أو العرقي.
​ثانيًا: جريمة القتل لا تصبح مباحة بتصويرها أو بثها:

إن تصوير جريمة القتل وبثها أمام الناس، ولا سيما البث المباشر، يضيف إلى جريمة الاعتداء على النفس جريمة أخرى تتعلق بانتهاك حرمة الإنسان والتشهير به ونشر مشاهد العنف والرعب بين الناس.
كما أن تحويل الجريمة إلى مادة للمشاهدة أو التفاخر أو التحريض أمر محرم شرعًا، لما يترتب عليه من ترويج للعنف، وإثارة الخوف والكراهية، وتشجيع ضعاف النفوس على تقليد هذه الأفعال.

​ثالثًا: تحريم نشر مقاطع القتل بالجثث:
تحذر الهيئة جميع المسلمين من تداول أو إعادة نشر المقاطع التي تتضمن القتل أو الذبح أو التمثيل بالإنسان، حتى ولو كان القصد إظهار الجريمة أو الاستنكار عليها؛ لأن إعادة النشر قد تؤدي إلى انتشار المشهد، وإيذاء أهل الضحية، وإثارة الفتنة والخوف.
والواجب عند مشاهدة مثل هذه المواد هو عدم إعادة نشرها، والإبلاغ عنها للجهات المختصة، وعدم تحويلها إلى وسيلة للتحريض أو الانتقام.

​رابعًا: تحريم التمثيل بالقتيل وإهانة كرامة الإنسان:
إن الشريعة الإسلامية شددت في حفظ كرامة الإنسان حيًا وميتًا، ونهت عن المثلة والتشويه والاعتداء على الجثث، وهذا الذي حصل نوع من الحرابة التي شددت الشريعة في عقوبتها، قال الله تعالى: {إِنَّمَا جَزَاءُ الَّذِينَ يُحَارِبُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَيَسْعَوْنَ فِي الْأَرْضِ فَسَادًا أَن يُقَتَّلُوا أَوْ يُصَلَّبُوا أَوْ تُقَطَّعَ أَيْدِيهِمْ وَأَرْجُلُهُم مِّنْ خِلَافٍ أَوْ يُنفَوْا مِنَ الْأَرْضِ ۚ ذَٰلِكَ لَهُمْ خِزْيٌ فِي الدُّنْيَا ۖ وَلَهُمْ فِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ} [المائدة: 33].
قال النبي ﷺ: «إذا قاتل أحدكم أخاه فليجتنب الوجه». رواه مسلم من حديث أبي هريرة رضي الله عنه.
وقد جاءت الشريعة بمقاصد عظيمة في حفظ النفس والكرامة الإنسانية، ومن ذلك منع الاعتداء والتمثيل والتشفي بالقتلى.

​خامسًا: لا يجوز تحويل الحادثة إلى فتنة بين أبناء المجتمع:
تحذر هيئة علماء أوروميا من استغلال هذه الجريمة لإشعال الكراهية بين الشعوب والقوميات والمناطق، أو تحميل جماعة بأكملها مسؤولية فعل أفراد، أو الدعوة إلى الانتقام الجماعي.
فالجريمة يتحمل مسؤوليتها مرتكبوها، ولا يجوز شرعًا مؤاخذة الأبرياء بذنب غيرهم.
قال الله تعالى: {وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ} [الأنعام: 164].

​سادسًا: وجوب التثبت من الأخبار والمقاطع المتداولة:
تدعو الهيئة المسلمين إلى التثبت الشديد من الأخبار والصور والمقاطع المنشورة في وسائل التواصل الاجتماعي، وعدم بناء الأحكام أو إطلاق الاتهامات على مقاطع مجهولة المصدر أو مجتزأة.
قال الله تعالى: {يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن جَاءَكُمْ فَاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوا أَن تُصِيبُوا قَوْمًا بِجَهَالَةٍ فَتُصْبِحُوا عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَادِمِينَ} [الحجرات: 6].

​سابعًا: مسؤولية الجهات المختصة:
تطالب الهيئة الجهات المختصة بالتحقيق الجاد والعاجل في هذه الجريمة، وكشف ملابساتها، وتحديد المسؤولين عنها، وتقديمهم إلى العدالة وفق الإجراءات الشرعية والقانونية، وضمان عدم إفلات مرتكتبي الجرائم الخطيرة من العقاب.
كما تدعو إلى حماية المجتمع من تكرار مثل هذه الجرائم، ومواجهة خطاب التحريض والكراهية والعنف في وسائل التواصل الاجتماعي.

​ثامنًا: رسالة إلى المجتمع المسلم:
إن الإسلام دين رحمة وعدل، وليس دين فوضى وانتقام. ومن أعظم مقاصد الشريعة حفظ النفس والدين والعقل والعرض والمال، ولا يمكن بناء مجتمع آمن ومستقر مع انتشار ثقافة القتل والتشفي والعنف.
وعليه، فإن الهيئة تدعو أئمة المساجد والدعاة والمعلمين وأولياء الأمور والمؤثرين في وسائل التواصل إلى توعية الناس، وخاصة الشباب، بحرمة الدماء وخطورة العنف الإلكتروني، وبيان المسؤولية الشرعية والأخلاقية المترتبة على تصوير الجرائم ونشرها.
​نسأل الله تعالى أن يحفظ دماء المسلمين وسائر الأبرياء، وأن يرفع عن بلادنا الفتن والظلم، وأن يهدي الجميع إلى الحق والعدل والسلام.

​والله ولي التوفيق.
هيئة علماء أوروميا
7 ربيع الأول 1448 هـ

19/08/2026

Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Awwadaayitti Eebbifamtoota Hifziin Eebbisuufi.

Markazni Imaamu Ahmad Masjida Bulchiinsa-Gubbaatti Argamu , Guyyaa 17/2028H tti Barattoota Hifziin,Tilaawaa Ijaan fi Qaa'idaan Waliigalatti Barattoota #552 Barumsa Qur'aanaan fi bu'ura Shari’aa قواعد الإسلام Akkasuma Tarbiyaaتربية/Guddisa Islaamaatiin Waggoota Sadeen darbaniif Barsiisaa fi Guddisaa kan ture Galma Magaalaa tti bifa Adda ta'een Eebbisuuf Qophii xumuree isin Eegaa jira, Sagantaan kuni Qophiilee garagaraan Kan Isin barsiisu Hojiin gaariiniis kan irratti mullatuudha inshaa'allaah.

Kanaaf Sheekkan Imaamman, Maatiin Barattootaa fi Hawaasni Keenya Hundi Gammachuu Qur'aanaa Akksuma Gammachuu Ilmaan keenyaa irratti nuuf Hirmaachuun akka Qooda irraa fudhattan Kabajaan Isin gaafanna.

Follow godhuun Hordofaa Galatoomaa.
----------

Sh Jamaal Haaji Yuusuf Adem Dhalate Anas Mohammed Idris Sheek Amin Ibro Official Ustaz Jamal Aliyi Abdullah Mana Marii Dhimmoota Islaamumma A/Kombolcha Hamza Hassen

18/08/2026

Fuula Podkaastii YouTube Majlisa Oromiyaa Ilaalaa daawwadhaa

Address

Finfinnee, Itiyoophiyaa
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -مجلس أوروميا posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share