Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا

Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا Sadarkaa Godinaa fi magaalaa hunda keessatti waajjira damee ni qaba.
(1)

Majlisa Oromiyaa (MMODHINO) Qaama Seeraa Qabeessa Bu’uura Keewwata 1207/2012(1207/2020) tiin Dantaa Amantii fi Misooma Muslimoota Oromiyaa Sadarkaa naannootti kan bakka bu’uu dha. Kun Facebook Mana Marii Waligala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa yoo ta'u Toora Miidiyaa hawaasumaa armaan gadii fayyadamuun Tajaajila Tamsaasa Oduu fi Odeeffannoo Amanamoo kan isiniif darbu jwaan ta'eef nu Hordof

aa.
- https://youtube.com/?si=L6TRMTiOr6jEzBzL
- https://tiktok.com/.oromiyaa
:- https://t.me/MajlisaaOromiyaa
: https://whatsapp.com/channel/0029VbAxaU26WaKebIyIZM1c

22/05/2026
Qubsiisa Halaqaa Ilmii Daarul Asar Zul-Hijjaa 3/1447|2018Finfinnee: Majlisa OromiyaaSagantaa Qubsiisa Imala Ilmii babal'...
20/05/2026

Qubsiisa Halaqaa Ilmii Daarul Asar

Zul-Hijjaa 3/1447|2018
Finfinnee: Majlisa Oromiyaa

Sagantaa Qubsiisa Imala Ilmii babal'isuu Beekamtii fi Qubsiisa Majlisa Oromiyaatiin Baha Oromiyaa irraa gara Lixa Oromiyaa Giddu gala Biyyatti kan taatee Godina Buunnoo Beddelleetti Imalaa jiru Handhuura Biyyatti Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Hogganaa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Ustaaz Naziif Adam fi Dura Bu'aa Majlisa Kutaa Magaalaa Furii Sheik Nuurazamaan Huseen fi Korewwan addaa addaa waliin Masjiidaa Kaalid Ibnu Waliid (Masjiida Maamaa) jedhamuun beekamutti Sheeka Halaqaa Ilmii barsiisuu fi Darasoota Daarul Asar Simannaa taasisanii jiru.

Sagantaa kanaan Darasoota erga simata ii booda laaqana afferan jiru Sheekni fi Darasootnis Hawaasa muslimaa Magaalichaaf du'aa'ii kadhatan.

Jilli Majlisa Daarul Asar Imala Isaanii Dura bu'aa Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Ustaaz Naziif Adam Waliin Imalaa Isaanii gara Godina jimmaatti Imalee Jira.

Imala Gaarii

Telegram Majlisa Oromiyaa 👇
https://t.me/MajlisaaOromiyaa

17/05/2026

Kurnan Zulhijjaa ilaalchisee Barreessaa Ol'aanaan Fatwaa Ulamoota Majlisa Oromiyaa Dr Jibriil Qamar ibsa kennanii jiruu

16/05/2026

Kurnan Zulhijjaa ilaalchisee Walitti Qabaan Fatwaa Ulamoota Majlisa Oromiyaa Dr Kamaal H/Galatuu ibsa kennanii jiruu

📚Barnoota Afriikaa Akkaadaamii📚🔗 ✍️Namoonni Baay'een Galmee Barnoota Afriikaa Akkaadaamii Bilisaan Karaa Online Barachuu...
15/05/2026

📚Barnoota Afriikaa Akkaadaamii📚

🔗 ✍️Namoonni Baay'een Galmee Barnoota Afriikaa Akkaadaamii Bilisaan Karaa Online Barachuun Link Galmee gaafataa jirta Yeroo muraasa booda galmee eegaluuf Garee Linkii Teelegraamaa kanaan miseensa ta'aati link achirratti isiniif gadhiifamaa.

👉👇 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa
👉👇
https://t.me/MajlisaaOromiyaa

15/05/2026

Sagantaa jalqabbii Masjiida Umar Ibnu Abdulaziiz irratti Kabajamtuu Aaddee Sa'adaa Abdurahmaan ergaa guddaa hoggantoota majlisaa fi Hawaasa Muslimaatiif dabarsanii jiruu

15/05/2026

Sagantaa Jalqabbii Masjiida Umar Ibnu Abdulaziiz Magaalaa Furii irra Dura Bu'aan Majlisa Kutaa Magaalaa Furii Sheik Nuurazamaan Huseen ergaa dabarsan

📢 ODUU GAMMACHIISAA! 📢Hawaasa Muslimaa Afaan Oromoo Akkaadaamiin Barnoota Afriikaa - Afaan Oromoo JalqabuSimannaa baratt...
13/05/2026

📢 ODUU GAMMACHIISAA! 📢
Hawaasa Muslimaa Afaan Oromoo Akkaadaamiin Barnoota Afriikaa - Afaan Oromoo Jalqabu

Simannaa barattoota haaraaf qophii isaa xumuree jira! Gahumsa keessan madaaluun beekumsa keessan guddifachuu yoo barbaaddan, carraan kun isin hin darbiin

✅ Maalif Akkaadaamii Kana Filattu?

💵 Kaffaltii Malee: Barnoonni keenya guutummaatti bilisa.
👨‍👩‍👧‍ contest Umrii Hundaaf:
Dhiiraa fi dubartoota, akkasumas umrii hundaaf banaadha.
📱Fageenyarraa:- Bilbila ykn Laaptooppii keessanitti fayyadamuun bakka jirtanitti barachuu dandeessu.
👳‍♀️ Hayyootaan:
Sirna baruu-barsiisuu saayinsaawaa fi salphaa ta’e kan hayyoota ciccimoon barsiifamu.
📄 Madaallii: Gosa barumsaa hundaaf qormaata madaallii fi hubannoo ni kennina.
* 🎊 Waraqaa Ragaa: Warra barumsa isaanii milkiin xumuraniif ni kennina.

📚 Barsiisoota Keenya (Ulamoota Ciccimoo):

👨‍🏫 Dr. Jeeylaan Kadiir
👨‍🏫 Dr. Kamaal Haaji Galatuu
👨‍🏫 Dr. Jibriil Qamar
👨‍🏫 Dr. Kamaal Tilmoo
👨‍🏫 Dr. Abdallaah Kadiir
👨‍🏫 Dr. Mahmuud Huseen
👨‍🏫 Dr. Alii Jimmaa

⏳Haala Barumsaa:
Turtiin: Waggaa tokko (Simisteera lamatti qoodama).
Akkaata dhiyeessaa Barnoota:
* 📖 Kitaabaan (PDF)
* 🎬 Viidiyoodhaan
* 🎧 Sagaleedhaan
🔗 Ammasuma galmaa'aa!
Linkii Teelegraamaa kanaan miseensa ta'aa:
👉👇 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa

📲 Carraa kana hin dabarsinaa!
Beeksisa kana maatii fi firoottan keessaniif Share gochuun qoodaa.

Knowledge is Power! 💪

Address

Finfinnee, Itiyoophiyaa
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ -المجلس أوروميا posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share