10/09/2026
Ergaa Baga Geessanii Pirezedaantii Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa Irraa Ayyaana Waggaa Bara 2019 Ilaalchisee Amantootaa fi Sabaa fi Sab-lammoota Biyyattii Hundaaf Darbe.
Maqaa Abbaatti, Kan Ilmaatti, Kan Hafuura Qulqulluutti Waaqayyo Tokkoo; Ameen!
Gooftaatti kan jaallatamtan uummatoota biyya keenyaa, biyyaa keessaa fi biyya alaa kan jiraattan hundi, akkasumas immo amantootni Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa hunumaaf.
Bakka jirtan hundumaatti Ayyaannii fi Nagaan Waaqayyoo isiniif haa baay’atu!
Barri ni dhufa; ni darba.
Dhaloonni ni ka’u; ni darbu.
Haalonni ni jijjiiramu;
Karoorrii fi tarkaanfiin namootaas akkuma yeroo isaatti ni jijjiirama.
Wanti har'a jabaa fi hin sochoone fakkaatu boru in raafama.
Wanti har'a waan hin danda'amne fakkaatus boru dhugoomuu danda'a.
Wantonni baroota keessatti yoo jijjiiraman, Waaqayyo keenya garuu bara baraan darbee jiraata. Inni Uumaa waan hundumaati; waan hundumaa gararraa ta'uun bara baraan jiraata. Humni Isa jijjiiruu yookiin mootummaa Isaa raasuu danda'u tokkollee hin jiru.
Daawit Faarfannaa isaa 102:12 irratti jijjiiramummaa uumama hundaa fi bara baraan jiraachuu Waaqayyoo yeroo ibsuun akkana jedha: “Ati garuu yaa Waaqayyo, bara baraan teessoo kee irra jirta, seenaan kees dhalootaa hamma dhalootaatti in yaadatama.” Akkasumas, Faarfannaa 102:26–27 irratti: “Isaan baduuf jiru, ati garuu haftee in jiraatta; isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu, ati akka uffataatti baaftee isaan in gatta, isaanis in dhidhimu! Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban.” jedhamee ragaan bahameera.
Dhugaan kun waan guddaa tokko nu barsiisa: yeroon ni jijjiirama, dhaloonni ni jijjiiramu, haalli jireenyaa ni jijjiirama, namoonnii fi karoorri isaanii ni jijjiirama; Waaqayyo garuu isuma sana, bara baraan jiraata, amanamaa fi kan hin jijjiiramnedha. Kanaaf, abdii keenya namaa fi haala yeroo irra utuu hin taane, Waaqayyo isa bara baraan jiraatuu fi amanamaa ta'e irra kaa’achuutu mala.
Bara 2018 nagaadhaan dabarsuun har'a bara 2019 ga'uun keenya jabinaa fi dandeettii keenyaan miti. Bara darbe keessatti gammachuu fi gadda, milkaa'inaa fi qorumsa, bu'aa fi kasaaraa, abdachuu fi takka takka immoo abdii kutachuu keessa darbuun as geenyeerra. Tarii namoota jaallannu of gidduudhaa kanneen dhabne jiru ta’a; carraawwan gaggaarii haaraa illee kanneen arganne jirra ta’a. Rakkoolee garaa garaas dabarsineerra ta’a; kaan keenya immoo waa danuudhaan eebbifamneerra ta’a. Haa ta'u malee, haala kana hundumaa keessatti Waaqayyo nu eegeera, nu geggeesseera, nu jabeesseeras.
Egaa bara 2018 keessa kan turanii fi barichaa wajjin kan darban waantootni baay’een yoo jiraatan illee nuti akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti hafnee jiraannee bara 2019 simachuudhaaf qophaa’aa jirra. Kun eegumsaa fi gargaarsa Waaqayyo Gooftaa keenyaa ta'uusaa dagachuun hin malu. Kanaaf, isa waan hundumaa keessatti nu gargaare Waqayyoo keenyaaf galatni haa ta’u jechaa Maqaa Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa fi maqaa kootiin baga nagaan waggaa haaraa bara 2019 geessan jechuun gammachuu koo isiniif ibsuun barbaada.
Bara haaraa jechuun jijjiirama guyyootaa jechuu qofa miti. Barri haaraan yeroo itti of ilaallu, waan darbe madaallu, dogoggora keenya sirreessinu, cimina keenya itti fufsiisnuu fi mul'ataa fi kallattii haaraa itti qabannudha. Kanaafis tokkoon tokkoon keenya, “Barri darbe akkam ture? Maalan itti hojjedhe? Maalan irraa baradhe? Maalittan milkaa'e? Maalittan milkaa'uu dadhabe? Maal sirreessuun qaba?” jechuun of gaafachuu qabna. Gaaffiin kun nama dhuunfaa qofa ilaallatu miti. Maatii keenya, hawaasa keenya, Waldaa Kiristaanaa keenyaa fi biyya keenya hunda kan ilaallatudha.
Itoophiyaan bara 2019tti abdiiwwanii fi qorumsoota hedduu qabattee ce’aa jirti. Yaadota adda addaa, madaawwan seenaa, kuusaawwan gadoo fi garaagarummaa biyya keenya keessa jiraniif furmaata waaraa barbaaduuf mariin biyyaalessaa taasifamee ture carraawwan abdii kennan keessaa tokkodha. Carraa kana jibba, shakkii fi wal-mormiin fashaleessuu irra walii galtee, wal-dhaggeeffachuu, wal-hubachuu, waliif obsuu fi mul'ata egeree hunda keenyaa fayyadu waliin ijaaruun itti fayyadamuu qabna. Garaagarummaan keenya sababa diinummaatiif utuu hin taane, karaa marii nagaa keessatti wal irraa barachuu fi wal hubachuuf carraa ta'uu qaba. Itoophiyaan dorgommii namni tokko itti injifatu, kan biraan immoo itti mo'amu utuu hin taane mana ijoolleen ishee hundi nagaadhaan, haqaa fi wal kabajuudhaan keessa waliin jiraatan ta'uutu mala.
Akkasumas, yeroo ammaa kana, qaala'iinni jireenyaa maatii hedduu yaaddessaa jira. Dhabamuun carraa hojii, hir'ina galii fi dhiibbaan jireenya guyyaa guyyaa, keessumaa immoo hawaasa keenya keessaa warra dadhaboo fi harka qalleeyyii ta'an qormaata cimaa keessa galchaa jira.
Walitti bu'iinsii fi nageenyi waaraan dhabamuun biyya keenya bakkeewwan gara garaa keessatti mul'atu lubbuu namaa galaafachaa, maatii diigaa, hawaasa dadhabsiisaa fi abdii egeree ijoollee keenyaa miidhaa jira. Rakkooleen kunneen qaama tokko qofaan furamuu hin danda'an. Hundi keenya itti gaafatamummaa keenya sirnaan bahuu qabna. Nagaan waan nama biraa qofa irraa eegamu utuu hin taane, itti gaafatamummaa tokkoon tokkoon keenya waliin qabnuu dha.
Barri dijitaalaa har'a keessa jiraannu kunis itti gaafatamummaa haaraa nu gaafataa jira. Miidiyaan hawaasaa namoota wal qunnamsiisuuf, beekumsa wal jijjiiruu fi yaada gaarii dabarsuuf carraa guddaadha. Haa ta'u malee, odeeffannoo sobaa, oduu hin mirkanoofne, arrabsoo fi dubbii jibbaa saffisaan akka babal'atu taasisuu danda'a. Kanaaf, namni waan dhaga’e hundumaa osoo hin mirkaneessiin dabarsuu irraa, dubbii kabaja nama biraa gadi buusu irraa, ergaa jibba babal'isu irraa akkasumas jechoota namoota qoqqoodan irraa fagaachuu qaba. Jechi keenya jireenya kennuu danda'a; miidhaa geessisuus ni danda'a. Kanaaf, jechi yaada namaa keessaa ba’u meeshaa nagaa, dhugaa, jaalalaa fi waliif yaaduu ta'uu akka qabu isiniifan dhaama.
Kabajamtootaafi jaallatamtoota Ummatoota Biyya Keenyaa fi Amantootaa Waldaa Keenyaa!
Barri 2018 kana booda deebi'ee hin dhufu; darbee jira; barri 2019 immoo bara haaraa ta'uun bakka bu'ee jira. Haa ta'u malee, gara bara haaraatti seenuu dura, bara darbe keessatti akka nama dhuunfaatti, akka maatiitti, akka hawaasaatti, akka dhaabbilee amantiitti, akka biyyaatti imalli keenya akkam ture jechuun daandiiwwan irra deemnee fi hojiiwwan raawwanne madaaluun in barbaachisa.
Kunis, bara darbe keessatti ciminaa fi dadhabbii keenya adda baafachuun, dadhabbii keenya sirreessinee, cimina keenya fooyyessuun, mul'ata haaraa fi karoora sirrii qopheessinee, bara 2019 keessatti hojiiwwan itti bobbaanu hunda keessatti bu'a qabeessummaa guddaa akka argannu nu gargaara. Akkasumas, jireenya keenyaa fi jireenya lammiilee keenyaa fooyyessuuf tattaaffii taasifamu keessatti qooda keenya jabaannee, itti gaafatamummaa fi amanamummaadhaan akka baanu nu jajjabeessa.
Akka Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaatti, waggaa haaraa kana hawwii guddaa fi abdii amantti ijaarameen simachuutu mala. Keessattuu, miseensonni Waldaa keenyaa bu’uura tajaajila hunda-galeessa Waldaan kun ittiin dhaabatte hordofuudhaan; jaalalaan, waan gaarii hundumaan wal tumsuudhaan, tokkummaa cimsanii eeguun, dhiifamaa fi wal jajjabeessuu akka duudhaa hariiroo keessanii godhattanii akka deddeebitan waamicha isiniif dhiyeessuun barbaada.
Akkasumas, guyyaa Dilbataa fi yeroo garagaraatti Wangeelli iddoo aarsaa irraa lallabamu, barsiifnii fi ergaan jaalalaa dabarfamu qajeelfama jireenya keenyaa ta’uu waan qabuuf, amantootni waldaa keenyaa hundi waan hundumaan of eeggannoodhaan akka deddeebitan gorsa isiniif gumaachuun barbaada.
Haa ta'u malee, hojii bara darbe hojjenne madaaluu, akkasumas mul'atni qabanneef karoorri qopheessuu qofti gahaa miti. Hojii gaarii hundaaf bu'uurri Waaqayyoon sodaachuudha. Dubbiin Waaqayyo, “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata” (Faarfannaa 111:10) jechuun nu barsiisa.
Kanaaf, biyya keenya keessatti, akkasumas addunyaa keenya keessatti, namoonni hojii gaarii isaan irraa eegamu akka hin raawwanne, ilmaan namootaa nagaadhaan waliin ta'anii, wal gargaaraa jaalalaan akka hin jiraanne kan taasisu rakkoon keessaa tokko namni Waaqayyoon sodaachuu dhiisuu isaati. Namni Waaqayyoon hin sodaanne yeroo baay'ee gocha hamaa nama irratti raawwata. Kana irraa kan ka'e, nagaan ni jeeqama, haqni ni miidhama, walitti dhufeenyi namootaas ni laafa.
Biyya keenya keessattis, sadarkaa kamiyyuu irratti gochoonni ulfina Waaqayyoo, faayidaa fi kabaja ilmaan namaa miidhan, Waaqayyoon sodaachuu dhabuu irraa kan maddudha. Waaqayyoon sodaachuun gara hubannaatti nama fida. Kunis gocha ulfina Waaqayyootiifis ta'ee faayidaa fi kabaja nama biraatiif hin taane irraa namni akka fagaatu godha.
Daawit faarfannaa isaa keessatti, “Ajaja kee keessaa hubannaa nan argadha; kanaafis karaa sobaa hundumaa nan jibba” (Faarfannaa 119:104) jechuun dubbata. Kanaafis, bara haaraa kana keessatti guyyaa guyyaan Waaqayyoon sodaachuu fi hubannaadhaan, waan hin darbine waan darbu irraa, waan kabajamaa waan salphina irraa, waan gaarii waan hamaa irraa adda baasuu qabna. Akkasumas, amanamummaadhaan itti gaafatamummaa keenya sirnaan bahuuf of qopheessuu qabna.
Xumura irratti
Dhumarrattis, Waaqayyo bara amma qabanne kana keessatti ummatoota biyya keenyaa, geggeessitoota sadarkaa gara garaa irratti geggeessummaadhaan tajaajilaa jiran, abbootii amantii fi tajaajiltoota, akkasumas miseensota waldaa keenyaa hundaaf garaa Waaqayyoon sodaatu haa kennu. Waaqayyo biyya keenya nagaatti haa eegu. Hojii hojjennus nuuf haa eebbisu.
Bara haaraa kana yeroo kabajnu, obboloota keenya sababa gara garaatiin miidhamanii fi rakkina keessa jiran, hiyyeeyyii ta’an, akkasumas dhukkubsataa jiranii fi namoota gargaarsa barbaadan yaadachuu qabna. Waan qabnu irraa waliin qooddachuun, jaalalaa fi gara laafinaan wal bira dhaabbachuun bara haaraa kana waliin akka dabarsinu isin yaadachiisuun jaalladha.
Waaqayyo Gooftaan biyya keenya Itoophiyaa haa eebbisu!
Waaqayyo isin haa eebbisuu, isin haa eeguu;
Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsuu, isinitti haa araaramuu;
Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisuu, nagaa isaas isiniif haa kennu!
Maqaa Abbaatti, Kan Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis Waaqayyo Tokkoon.
Ameen!
Luba Dr. Yoonaas Yiggazuu
Pirezidaantii Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeela Makaana Yesuus Itoophiyaa