26/02/2021
abera dejene:
☝️Egaa Bara keenya Guutuu Waaqayyoon Nuyaa Gaggeessuutii🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
1Qorontos 3:1-23
Nuufan Dubbisa kunoo àkkaas Jedha
👉Warra Maasii Waaqayyoo Keessa Hojjetan
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
1 Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye. 2 Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu.
3 Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree? 4 Isin keessaa inni tokko, "Ani kan Phaawulos" jedhee, inni kaan immoo, "Ani, kan Apholos" yommuu jedhu, warra akka yaada namaatti hojjetan ta'uu keessan mitii ree?
5 Egaa Apholos kun maali? Phaawulos kunis maali? Inni, anis hojjetoota warra gara amantiitti isin waamanii dha; nus adduma addaan akka gooftaan nuuf kennetti in hojjenna. 6 Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise.
7 Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. 8 Inni dhaabe isa bishaan obaasee wajjin tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata.
9 Nuyi hojii Waaqayyoo keessatti hidhata walii ti, isin maasii Waaqayyoo ti; mana Waaqayyo ijaaruu dhas. 10 Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennameetti, akka nama mana ijaaruu beekuuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu.
11 Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos. 12 Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara.
13 Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifa