16/03/2024
Ajrii Tiriliyoona 2fi Biliyoona 265 fi Miliyoona 690 (2,265,690,000,000) argachuu ni barbaaddaa?
Qur'aanni Kabajamaan Qubeewwan/harfiiwwan Kuma 323 fi 670 of keessaa qaba.Kana osoo 30'f hirree (323 670 /30) =qubeewwan 10789 wal ga'a.Akkuma Hadiisa keessatti ibsametti namni harfii tokko qur'aana irraa dubbise ajirii kudhantu isaaf jira.Osoo Qur'aaana kana irraa juza tokko qofa (waraqaa kudhan )qaraate dhiistee Ajirii Kuma dhibbaa fi kuma torbaa fi dhibba saddeetii fi sagaltama (107,890)argata jechuudha.
Ruubii (¼) isaa yoo qaraate,ajrii kuma 809 fi dhibba 1 fi 75 (809,175) argatta.
Walakkaa (½) isaa/juza 15 yoo qaraate,ajirii Miliyoona 1 fi kuma 618 fi dhibba 3 fi shantama (1,618,350) argatta.
Yoo juza 30/guutuu isaa ykn fuula 600 qaraate ,ajirii Miliyoona 3 fi kuma 236 fi dhibba torba ( 3,236,700) argatta.
Tarii niyyaan kee yoo tole kun kuma dhibba torbaan siif baay'ifamuu danda'a.
Kana jechuun 3,236,700 ×700,000=2,265,690,000,000( ajrii Tiriliyoona 2fi Biliyoona 265 fi Miliyoona 690 )argatta jechuudha. Hubadhu kun yeroo tokko qofaani.Yeroo lama osoo ta'e hoo? Sadii hoo ? afur hoo? Baay'isii ilaali.
Warri qara'uu hin dandeenye yoo sagalee warabamee jiru dhaggeeffatan akka waan qaraatanitti isiniif qabama.Garuu qaraatanii baruufis yeroo dheeraa isinitti hin fudhatu waan ta'eef ammuma jalqaba.