17/06/2020
YESUUS AKKUMA DHALA NAMA, AMALA NAMUMMAA QABA.
1. Yesuus Akkuma ilma namaatti dhalate
Wangeela Luqaas Boqonnaa 2 lakkoofsa 6 irratti
6 Betlihem utuu jiraniis, yeroon Maariyaam itti deessu ga'e;
7 angafa ilma ishee deessee, lafa bultii kara-deemtutii iddoo hin arganne waan turaniif, wayyaa itti martee, siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite.
2, Yesuus beela'uu
Wangeela maatewos Boqonnaa 4 lakkoofsa 2 irratti.
2 Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela'e.
3,Yesuus dheebechuu.
Wangeela Yohannis Boqonnaa 19 lakkoofsa 28 irratti.
Yesus amma wanti hundinuu fiixaan ba'uu isaa beekee, dubbii macaafaa fiixaan baasuudhaaf, "Nan dheebodhe" jedhe.
4, Yesuus Dadhabu.
Wangeela yohannis Boqonnaa 4 lakkoofsa 6 irratti
6 Bishaan boollaa Yaaqoob achi ture. Yesus karaa adeemaa oolee waan dadhabeef, boolla bishaanii sana bukkee taa'e; yeroon isaas akka sa'aatii ja'aa ture.
5, Yesuus ni boha.
Wangeela yohannis Boqonnaa 11 lakkoofsa 34 irraa 35 irratti.
34 "Eessatti awwaaltan?" jedhee gaafannaan, "Kottuutii ilaali gooftaa!" jedhanii deebisaniif. 35 Yesus imimmaan isaa dhangalaase.
Kuno bifa kanaan yesuus akka dhala namaa ta'e ifaan ifatti ibsameera.
Haa ta'uu osoo nuti ragaawwan quubsaa ta'an kanneen arginu
abbootiin amantii kiristaanaa,ragaawwan kana kuffisuu Tooftaa adda addaa baasu
Tooftaan isaanii fi deebiin tooftaa isaani akka armaan gadiiti.
Yeroo nuti ragaawwan armaan olii kana dhiheessuun akkamitti namni ( yesuus)kun waaqa jettu? Jennee gaafanne
Deebii "yesuus amala lama qaba : amala namummaa fi amala waaqummaati " nuun jedhu. Itti dabaluun" Yesuus yeroo inni wontoota armaan olii kana mudate yeroo namummaa isaati. Eega gara samiitti ol fuudhame waaqa ta'e" jedhu
Deebii keenya
1, macaafa qulqulluu keessatti bakka tokkolleetti yesuus amala lama qaba jedhamee hin ibsamne. Isin ragaa maali qabattanii yesuus amala lama qaba jechuu dandeessan?
2. Macaafa qulqulluu keessatti akka waaqni hin jijji