AASTU FOCUS

AASTU FOCUS Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from AASTU FOCUS, Religious organisation, Addis Ababa Science and Technology University, Addis Ababa.

AASTU FOCUS Christian student fellowship.

“Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
Yoh. 17:3

03/06/2026

Hin hafamu




Day4 :- CHRIST “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin ...
19/05/2026

Day4 :- CHRIST

“Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.” 📖✨
— Yoh. 15:13

Mee yaadi… 🤔

Namni tokko jireenya isaa namaaf kennuu caalaa jaalalli caaluu hin jiru. Sababni isaa namni jireenya isaa caalaa waan qabu hin qabu. Egaa Waaqayyoo waan hundumaa qaba waanta qabu keessa isa angaafa ta'e ilmasaa Yesuus Kristosiin nuuf kenne.

Kristos kennaa Waaqayyoo isa jalqabaa fi isa dhumaa dha.
Isa duraas, isa boodas, nama fuula Waaqayyoo dura dhaabuudhaf danda'u hin jiru; hin argamus.

Kristos sif jedhee ulfina isaa dhiise.
Kristos sif jedhee reebame, tuffatame, salphifame.
Kristos sif jedhee fannifame; sif jedhee du'e.
Kan qulqulluu ta'e qullaa baafamee salphate; ati mootummaa keessa akka deebituuf mootummaa isaa dhiise.

Waaqayyo jaalala siif qabu irraa kan ka'e, nama mudaa hin qabne itti faradchise. Qulqulluun cubbuu hin qabne bakka cubbamootaa dhaabbate.

Mee ilaali…
Waaqayyo ofii isaa nama ta'ee gara kee dhufe. 🙏
Uumaan uumama siif salphate.
Mootiin waaqaf lafaa mootummaa isaa irraa gad bu'ee gara isaatti si fiduuf dhufee dhiphate.

“Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'u isaa amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba.” — 2 Qor. 5:14 📜
Akkamitti ree jaalalli Waaqayyoo siif qabu shakkiin ilaalama?
Kana caalaa jaalala akkamii eegda?

Yesuus sif jedhee waan hin taane hin qabu.
Jaalalli isaa dubbii qofaan miti. 🗣️

Kristos
Kristos
Kristos
Kristos





DAY3:-JAALALA WAAQAYYOO RAAWWATAMEWaaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha. Waaqayyo ...
18/05/2026

DAY3:-
JAALALA WAAQAYYOO RAAWWATAME

Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha.
Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.
1Xim-2:4-5
➡️Fayyinni namaa yaada yeroo gabaabaa miti; inni fedha Waaqayyoo keessatti duraan murteeffamee kan qophaa’e dha.
💰Waaqayyo namni hundinuu akka fayyu akkuma barbaadu, akkamitti akka fedha nama hundumaa fayyisuu barbaaduu isaa kana raawwachuu akka qabus waaqa beekudha.

➡️Waaqayyo guutummaa biyya lafaa jallachuu isaa irraan kan ka'e,wal caalcisuu tokko malee ilmasaa dabarsee akka nuuf kenne macaafni qulqullun keenya dhugaa nuuf baha.
➡️Egaa Ilmi isaa inni dabarfamee nuuf kenname jechuun garuu maal jechuudha???
💰Kun hundumtuu egaa ilmi waaqayyoo nama tahuu waan isa barbaachisuuf foon akka keenya uffatee nama tahees lafarratti nuyiin bakka buhuudhaaf dhufe. waaqayyos ilmasaa kanaaf dhagna abboomamu qopheesseefii yeroo barri inni mure gahettis ilma isaa isa nama tahee dhalatee seera jala akka galfamu godhe.
➡️ Kunis wanta seerri nurraa barbaadu waliin ilaallee turre hundumtuu akka nurraa kaffalamuuf ture

➡️Egaa yesuus yeroo kana waa'ee waaqayyoon hiikee nutti beeksisaa,lafarrattis cubbuu tokkollee utuu hin hojjetin hamaa hundumaa irraa fagaatee gaarii waaqayyo barbaadu hundumaas raawwachaa jaalala waaqayyoo abbaa fi feedha isaa fiixaan baasudhaf isa angaafaa ta'ee mulate.

➡️Inni karaa hundumaan nu fakkaatee bakka keenyas waan buheef, kaayyoon isaa fannoorratti cubbuu namootaaf du'uu yoo ta'e iyyuu dhalachuun isaa, jireenyi, abboomamuu fi qajeelumman isaa nuyiif akka lakkaa'amuuf ture.
➡️Egaa yesuus kristos fedha waaqayyo abbaa raawwachuudhaaf waaqarraa ulfina isaa dhiisee gara keenya dhufeera. Jaalalli waaqayyos nutti mul'ateera.





17/05/2026






Day 02 : Akeeka fayyina waaqayyoo "Akka isa namaa fi nama walitti araarsuutti, namni namaa fi Waaqayyoon walitti araarsu...
17/05/2026

Day 02 : Akeeka fayyina waaqayyoo

"Akka isa namaa fi nama walitti araarsuutti, namni namaa fi Waaqayyoon walitti araarsu utuu argamee attam gaarii dha!”
Iyo. 16:21

📌Dhugumayyuu rakkoon kun hundumtuu kan inni furamu,namnis kan inni fayyuu danda'u yoo wanti nama deebisee waaqayyootti araarsu yoo argamedha.
📖 araaramuu waaqayyoo jechuun immoo jalina fi cubbuu namaa irratti aariin isaa inni guddaa boba'uu,dheekkamsi isaa inni namni fi uumamni kamiyyuu baachuu hin dandeenyes qabbanaa'uu,gatiin cubbuu akka seerri waaqayyoo barbaadutti du'aan kaffalamuu akkasumas dhiigni qulqullaa'aanis aarsaa garaa waaqayyoo ciibsuuf tahus argamuu barbaachisa.
✅ Akkasumas hojii gaariin fi qajeelaan sadarkaa waaqayyo barbaadutti lafa kana irratti waaqayyo akka garaa namaa ilaaluu fi gammadu raawwatamuun dirqamadha.kan nuyi haasayaa jirru kun hundumtuu adeemsa fayyinaaf ulaagaa waaqayyo akka waaqummaa isaatti dhibbaa dhibba mudaa tokko malee namarraa barbaadudha.

🏃🏿‍♂️‍➡️ ha ta'uu malee namni jireenyaa qabaachuu hin barbanne akkasumas namni jireenyaa gaarii jiraachuu hin hawwinee akka hin jirre mul'aatadha .kanafis bara kakuu moofatti namonni waaqayyottii dhiyaachudhaf riqicha ijaaraanii waaqayyoon bira ga'uudhaf yaalii adda addaa taasisa turan ha tahu malee namni hunduu sababi firdii waaqayyoo jala jiruuf karaa ittin namni waaqayyoo bira gahu ta'e hin argamne.

🎖Egaa Waaqayyo itti faradee namni jiraatu tokkollee hin jiru.Cubbamaan dheekkamsa waaqayyo baachuu mitiitii ijaan argee dhaabbbachuu danda'u tokkollees hin jiru.
namni qulqulluun waaqayyoo fi nama walitti fidus lafa kanarra hin jiru.yaadni garaa isaatii fi hojiin isaa ilaalamee kan gaarii hojjetee garaan waaqayyoos itti gammadu hin jiru.
walumaa galatti fayyuu namaatiif abdiin lafarraa namoota keessa,hojii isaanii keessas raawwatee hin jiru...
🤝 Kanaafimoo waaqayyoo waanta mudaa hin qabne waan gaarii ta'ee ilmasaa
yesus kristosiin
mullisee dukkanaa gara ifaatti badiisaa gara jireenyatti namoota baasuudhaf akeeke.




fy

16/05/2026

Day 1 : Kufaatii 🌎  Waaqayyo  jalqaba gaafa waan hundumaa uumee wanta gaarii fi fayya buleessa ulfina isaa mulisus uume,...
16/05/2026

Day 1 : Kufaatii

🌎 Waaqayyo jalqaba gaafa waan hundumaa uumee wanta gaarii fi fayya buleessa ulfina isaa mulisus uume,wanti waaqayyo uume kun garuu fayyummaa isaa kana qabaatee,eeggatees kan inni jiraachuu danda'u amma waaqayyo isa isa uume kanaa wajjin naga qabeessa ta'ee jiraatetidha. Kunimmoo kan inni ta'uu danda'u karaa abboomamuuu fi akka inni bulaa jedhettis buluu gad jedhanii buluu qofadha.

👤Uumama kana hundumaa keessaa namni isa tokko kan ture kana yoo ta'u addumatiyyuu uumama kan biraa irra iyyuu bifaa fi fakkeenya waaqayyo wajjin kan uumamedha.

Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume
Uma. 1:27

🎯 kunimmoo gahumsa waaqayyoon dhaga'uu fi abboomamuu isa caalu qabaachuu namaa kan agarsiisu akkasumas waaqayyootti dhiyaachuu isa guddaa jireenya fi ulfina isa caalus ture.

🎯 Haa ta'u malee namni utuma akka kanatti waaqayyoo wajjin jiraatuu guyyaa tokko seexanaan goyyoomfamee hamma waaqayyo isaaf kennerra iratti ulfinaa fi jireenya caalu eenyumaa isaa wajjinis kan wal hin madaalle akka waaqayyo ta'uudhaaf yaade.isa yaade kanas amma gochuutti tarkaanfii,akka jireenya isaa isa waaqayyo wajjin qabu kana isa dhabsiisus fudhatee waaqayyo irraa ulfina isaa irraas adda bahee .

🎯 kufaatii jechuun kaayyoo uumaman irraa kaachuu isa guddaadha.namas hamma waaqayyoon dhabuu fi hariiroo isaa dhabuu,eenyummaa ittiin uumame dhabuu(qulqulluu kan ture gara cubbamaa ta'uu), waaqayyo malee jiraachuu, isa irra adda bahanii fedha ofii fi yaada mataa ofii duukaa fiiguu akkasumas sababii wanta kana hundumaas abaarsa,du'a hafuuraa fi foonii jalatti gurguramuu itti fideera.kana qofas utuu hin taane akka qajeelummaa fi qulqullummaa waaqayyoottis firdiin bara baraa waaqayyo cubbuu fi warra isa hojjetan irratti kennu itti murtaa'eera.kana hundumaafis immoo dhugaa kan ba'u seerri waaqayyo kenne jalqabaa irraa kaasee akka namaaf hubatamuu raawwatamuu danda'uttis fuula namaa dura akkasumas garaa namaa keessas tureera.(roma 1-3)

  "Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate,fakkaattii ilma isaa"isa obboloota baayyeedhaaf angafa ta'uuf jiru,akka ...
24/04/2026



"Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate,
fakkaattii ilma isaa"
isa obboloota baayyeedhaaf angafa ta'uuf jiru,
akka ta'aniif yaadaan isaan qabe"
✝Rom.8:29✝

🔥CONFORMED TO BE THE IMAGE OF HIS SON 🔥

 🔥“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akk...
18/04/2026

🔥

“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate,
fakkaattii ilma isaa
isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru,
akka ta'aniif yaadaan isaan qabe
Rom. 8:29

Waaqayyo akka feelooshiippiitti nu gargaaree ayyaana isaatiin waggoota hedduu nu lakkoofsiiseera.
Bara kanas kabaja hundeeffama (anniversary) feelooshiippii keenyaa sababeeffachuun sagantaan addaa mata duree
CONFORMED TO BE THE IMAGE OF HIS SON
jedhu irratti gaafa guyyaa 17/08/2018 titti qophaa'ee waan jiruuf, obboloonni keenyi warri eebbifamtanii mooraadhaa baatan kan fagoo fi dhihoorra jirtan hundumtuu fi warri mooraa jirrus guyyaa kana argamuun walii wajjiniin waaqayyoon haa waaqeffannu isiniin jenna.

⏰Ganama 2:30tti eegala
Hafuun dhorkaadha!



AASTU FOCUS

"Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; “Waaqayyotti araaramaa!” jenn...
10/03/2026

"Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; “Waaqayyotti araaramaa!” jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna."
2 Qorontos 5:20

Akkam jirtu maatii AASTU FOCUS hundumti keessanuu?🤝 Nagaanii fi ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessaniif haa baay'atu!🙌🏿 Gooftaan inni nagaatti nu eeges maqaan isaa kan eebbifame haa ta'u!

Waaqayyo nu gargaaree Break-Mission guyyota sadiif magaalaa Sandaafaa fi Alaltuu irratti hojjatameen dhaloonni baayyeen dubbicha dagaa'nii faayyaniiru!
Haaluma kanaanis:

✍️Walumaa galatti magaalota lamaan kanarratti:

✨Kan Dhagahan-2308
✨Kan abdii kennan-202
✨Kan amanan-60

🗯Waa'ee lubbuuwwan dukkana keessaa gara ifaatti darbaniif, akkasuma akka loltoota Kristoos warra mo'ee duulaa galuutti moo'icha guddaan inni nu galche maqaan waaqayyoo bara baraan kan eebbifame haa ta'u!!

🖌Dabalataanis obboloonni feeloo warri hojii ulfina qabeessa kana keessatti hirmaattan hundumti keessanuu baga gooftaan ayyaana isiniif baay'ise, ammayyuu kana caalaa gooftaan isin haa eebbisu!

!

Address

Addis Ababa Science And Technology University
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AASTU FOCUS posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Place Of Worship

Send a message to AASTU FOCUS:

Share