Biblically Ordered Life

Biblically Ordered Life Jesus is the life, the truth and the way to heaven!!!!!!! Life with out Biblical word is like a Car without steering wheel!!!!!!!

23/07/2026

WAAQAYYO NI JIJJIIRA.

Inni humna jireenya keenya jijjiiru qaba!!

Isa. 59:1-End
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne;
² yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;
³ harka keessan dhiigaan, barruu keessanis yakkaan xureessitaniittu; afaan keessaniin soba in dubbattu, arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageessiftu.
⁴ Namni firdii qajeelaadhaan adeemu, namni dhugaadhaan faradus tokko illee hin jiru; isin dubbii waa'ee hin baafne in amanattu, sobas in dubbattu; hammina garaa keessa in kaa'attu, jal'inas garaa keessan keessaa in baaftu.
⁵ Isin akka nama hanqaaquu mar'ataa cabsee ilmoo ishee yaasuu ti, akka nama fo'aa sariitii fo'uu tis; namni utuu hin beekin hanqaaquu sana yoo nyaate in du'a, hanqaaquu isa cabu keessaa immoo ilmoo bofaatu ba'a.
⁶ Fo'aan sariitii isin fo'attan uffata hin ta'u, isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan; hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha, harka keessaniin waan hamaa in hojjettu.
⁷ Isin jal'ina hojjechuutti in fiigdu, dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuuttis in ariifattu; yaadni keessan jal'aa dha, gara itti adeemtanittis hojiin keessan diiguu fi balleessuu duwwaa dha;
⁸ lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan, daandii keessan irras firdiin qajeelaan hin jiru; karaa jal'aa irra in adeemtu, namni yaada keessan duukaa bu'us nagaa hin qabu.
⁹ Kanaafis jarri, "Firdii qajeelaan nu irraa in fagaate, qajeelummaanis nu bira hin ga'u; nuyi ifa in eegganna, garuu kunoo, dukkanatu dhufa; nuyi ifa guyyaa in abdanna, amma iyyuu garuu dukkana limixii keessa adeemaa jirra.
¹⁰ Akka nama jaamaa keenyan qaqqabannee, akka nama ija hin qabnee karaa in barbaaddanna; akka waan dimimmisaa'eetti guyyaa saafaadhaan in gufanna, warra ciccimoo keessattis akka warra du'anii in taane.

Waaqayyoo ni Jijjiira

06/07/2026

Tolaa fi Araarri Waaqayyoo har'aan nu ga'eera!!!

Gaarummaa fi Tolli Waaqayyoo nu gaaggeesseera!!!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biblically Ordered Life posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share