27/11/2022
Yoh 5:1
1 Yesus kun Masiihicha ta'uu isaa namni amanu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti; isa dhalche sana namni jaallatu isa abbichattii dhalates immoo in jaallata. 2 Waaqayyoon yommuu jaallannu, abboommii isaas, yommuu goonu, ijoollee Waaqayyoo jaallachuu keenya in hubanna.
3 Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommta isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba'aa ulfaatoo miti. 4 Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo' amu kunis amantii keenya.
5 Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.
Warra Yesus Kristosiif Dhugaa Ba'an
6 Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha. 7 Dhuga-baatuu sadiitu jira.
8 Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u. 9 Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha.
10 Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti, 11 Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.
12 Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.
13 Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe. 14 Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amananna.