13/02/2026
Sa'aa 6 Saafaa Yoh 4
Bara Gooftaa bakki Waadaa Israa'eel iddoo sadiitti qoodamtee turte.Yihuudaa,Samaariyaa fi Galiilaa.Yihuudaa keessatti Ayihuudotni isa jibban.Gooftaanis yommuu isin jibbanitti gara bakka biraatti baqadhaa jedhee nu barsiisuuf inni Yihuudaa irraa gara Galiilaa deeme.Samaariyaa keessa darbuun dirqama itti ta'e.Namootni Samaariyaa Ayihuudota biratti tuffatamoo turan.Gooftaan Hoolaa badde barbaacha gara warra tuffatamanii samaariyaa dhufe.Samaariyaa keessa darbuun dirqama itti ta'e.Jaalalli namaa samii irraa gadi buusuuf dirqama itti ta'e.Samaariyaa keessa darbee Galiilaa deeme.Galiilaa Heroods tu jira.Heroods ifa agelgilii keessatti awwaalee kan hambisu see'ee morma Yohaannis mursiise.Haata'uutii ifa dukkanni hanbisuu hin dandeenye ifni dhugaan gara isaa ni deeme.Yihuudaa irraa ka'ee Samaariyaan deemsa guyyaa sadiidha.sa'aa dheeraa deemee qarqara laga Yaa'iqoob boqonnaaf taa'e.Sa'aan sun sa'aa dadhabbii sa'aa 6 dha.Nuun dadhabbii jalaa nu baasuuf Gooftaan dadhabe.Sa'aa 6ffaa bara 6000tti dadhabbii namaa baachuuf gara Addunyaa dhufe.Sa'aa 6tti fannootti ol ba'ee dadhabbii keenyarraa nu fure.Sa'aa 1ffaa Addaam irraa kaasee hanga Noh
Sa'aa 2ffaa Noh irraa kaasee hanga Abrihaam
Sa'aa 3ffaaa Abrihaam irraa kaasee hanga hanga Daawwit
Sa'aa 4ffaa Daawwit irraa kaasee hanga Boojjii Baabloon
Sa'aa 5ffaa Boojjii Baabloonii kaasee Hanga Yohaannis ilma Baaraakii ykn cuuphaa
Sa'aa 6ffaatti Gooftaan ofiiisaa dhufe.sa'aa kanatti nama bishaan jireenyaa obaasuuf jedhee fannoo irratti dadhabbii keenya dadhabe. Duuka bu'oonni bira hin jiran gara magaalaa deemaniiru.Guyyicha gaafa jimaataa sa'aa 6tti harka aa fannoo irratti yommuu diriirsu duuka bu'oonni hunduu dhiisanii baqataniiru.....