16/03/2026
'atii Duuti itti mo'amee Fi Ayyaanni Mootii ta'e!
Seenaan fannoo Kiristoos kan jalqabe halkan Getesemaaniitti, bakka itti jaalalli gooftaa onnee isaa keessaa akka bishaaniitti dhangala’eedha. Inni uumaa ta’ee utuu jiru, adaba uumamaa fudhachuuf kanatti of kenne; xoofoo dhiphuu isa cubbuu biyya lafaa hundumaa of keessaa qabu hamma dhumatti dhuguuf "fedhi kee haa ta'u" jedhee harka isaa kenne. halkanni sun halkan itti DHUMNI jaalalaa, dhiifamnii, fi ayyaanni nutti argisiifamuuf kiristoos itti salphate ture; dukkanni halkan sanaa garuu ifa jireenya barabaraa nutti agarsiisuuf tarkaanfii jalqabaa ture.
Waraannii fi xoofoon dhiphuu foon isaa yeroo waraanu, Kiristoos garuu callisee FAYYINA keenya lakka’a ture. Inni madaa’uu isaatiin nuyis fayyine; inni salphachuu isaatiin nuyis kabajamne. Gonfoo qoriittiin mataa isaa irra yeroo kaa'amu, inni garuu gonfoo kabajaa isa bade sana deebisee nuuf kennuuf yaadaa ture. Arrabsoo fi qoosni namootaa gurra isaa yeroo guutu, onneen isaa garuu dhiifama addunyaa kanaaf ta’u gad-fageenyatti maddisiisaa ture.
Fannoo ulfaataa sana gateettii isaa irratti baatee gara Qaraniyootti yeroo olba'u, inni mukicha qofa utuu hin taane, ba'aa cubbuu keenya isa gaara caalu sana baataa ture. Tarkaanfiin isaa hundi dhiigaan kan dhiqamee fi dhiphuun kan guutame ta’us, miilli isaa sun hamma dhumaatti jaalalaaf jedhee hin laafne. Inni nuuf jedhee kufee ka’e; inni nuuf jedhee dadhabbiin hamma dhumatti isa fixe. Muki sun jabaa ta’us, jaalala Kiristoos isa fannicha irratti of fannisuuf deemu sana garuu dandamachuu hin dandeenye.
Yeroo inni fannicha irratti fannifamee harki isaa bitaa fi mirgaa mismaraan waraanamu, inni addunyaa bitaa fi mirga jirtu hundumaa hammachaa ture. Sagaleen isaa inni dhumaa, "Yaa abbaa, waan godhan hin beekaniif dhiifama itti godhi," kan jedhu sun, humna jaalala Waaqayyoo isa madaallii hundumaa ol ta’e mirkaneesse. Dhiigni isaa inni lafatti dhangala’e sun madaa cubbuu keenyaa dhiquuf, madaa keenya fayyisuuf fi gargar ba’uu keenya deebisee walitti fiduuf madda ta’ee dhangala’e. Sun sa'aatii duuti itti mo'amee, ayyaanni itti mootii ta'e dha.
Dhumarratti, yeroo inni "Raawwatameera!" jedhee lubbuu isaa kennu, jireenyi keenya haaraa ta’ee dhalate. Golgaan mana qulqullummaa yeroo gargar tarsa’u, karaani gara gaara Waaqayyootti nu geessu dhiiga isaatiin saaqame. Fannoon sun mallattoo du’aa ta’uu isaa hafee, mallattoo jaalalaa, mallattoo dhiifamaa fi mallattoo injifannoo ta’ee gubbaa gaara irratti calaqqise. Har’a fannoon sun nuuf fannoo qofa miti; inni riqicha ittiin gara Abbaa keenya isa samii tti deebinuu fi madda jaalala dhuma hin qabnee ti.
yesuus sababa malee si jaallata!